Walleen Haaraa Sabboonticha Artist Galaanaa Gaaromsaa Akka Hin Raabsamneef Ergamtoota Wayyaneen Dhorkame.

Hagayya 07,2012 Finfinnee
Artistoonnii Biyyaa keessaa Diddaa isaanii cimsuudhaan Walleelee warraaqsaa seenaa Oromoo ibsuu fi diddaa gabrummaa irratti ummata isaanii damqsaa jiru. Ammaan duras gaheen artistooti Oromoo qabsoo Oromoo keessatti gumaachaa qabsoo asiin gahan seenaa keessatti iddo olaanaa qaba.

Dhiyeenyaa kanaa Artistiin Haaraa Galaanaa Garoomsaa sabboonaa ilmaa Oromoo wallee haaraa gadii lakkisee jiraa,walleen kun waraaqsa Qeerroon gaggeessu walii gala ummata Oromoo biratti fudhatama guddaa akka qabaatu waan beekaniif jecha lukkeeleen Wayyaanee OPDO’n garuu wallee isaa kana mannii muziqaa irraa bitu akkaa hin rabsinee dhorkanii jiru,Midia biyyaa keessaa kan OPDO akkaa Radio. Oromiyaa, TVO, FM Oromiyaa ofiin jedhan kamiinuu illee akka hin beeksifannee dhorkamee jira.

Bifuma kamiinu dhuma sirna mootummaa Wayyaanee jala galtooti amma illee shira qabsoo Oromoo fi qabsaawota Oromoo irratti hojjechuu hin dhaabne,haalli kun ammoo dhaqee dhaqee ibidda warraaqsaan akka nyaatamanii fi qabsaawotiis ta’e walliftooti Oromiyaa bilisaan dachii biyya Oromiyaa irratti akka nagaa fi qabanaan seenaa fi aadaa isaanii ibsachuuf deeman beekamaa dha.

4 thoughts on “Walleen Haaraa Sabboonticha Artist Galaanaa Gaaromsaa Akka Hin Raabsamneef Ergamtoota Wayyaneen Dhorkame.

  1. gaanfuree koo abdii hin kutatiin wallee oromoo onneessu kana karaa adda addaa
    lammiin kee akka dhagahu yaalii
    ormoon tokko taana !!!!!!!!!!!
    egaa guddaa fi kan oromoon itti xiyyeeeffatu!!!!!!
    g3

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google photo

You are commenting using your Google account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s