Hagayya 05,2012 Naqamte
Ona Habee Dongoroo Bakka Tulluu Gaanaa jedhamutti Hagayyaa 2,2012 Qabeenyaan Investeraa Wayyaanee beekamaa nama maqaan isaa Aksiidoom G/Sillaaseee kan jedhamuu irratti tarkaanfii fudhatame. Ammaan dura Oromoota 1500 ol humnaan qe’ee irraa buqisee lafa cash crop area qabatee qabeenyaa uummataa Oromoo saamaa kan jiru namtichi kun humna hin beekamiiniin qe’ee Oromoota irraa buqisetti qabeenyi isaa Hagayya 1,2012 barbadaayuu gabaafame.
1. Tiraakteroota 4
2. Konkolaataa Isuse FSR lama
3. Magaazinni kuufama midhaan akka Saaliixaa,Nuugii fi gosa garaa garaa kuusee biyya biraatti dabarsu.
Guutuutti barbadaayuu gabaasi naannicha irraa nu gahe addeessa.
Waardiyyaan inveesitera kanaa maqaan Caannee Waaldee Yoohaanniis jedhaamuu tarkaanfii humnii addaa irraattii fudhateen akka malee madaa’ee du’aaf jireenyaa gidduu jiraachuun gabaafamera, Tarkaanfii boonsaa kanattii uummannii akka malee gammadee kan jiruu ta’u Oromoonni laficha irraa buqa’anii qabeenya malee ta’anii arihaman adda addaa haala kana yeroo dhagahan gammachuu irra darbanii akka booyichaan roorroo irra gahe ibsataa turan gabaasi naannciha irraa nu gahe addeessa.
Aanaa Midaqanyii Keessatti Diddaan Barattootaa Itti Fufe. Barsiisaan Zalaalem Hundarraa Bantiis Diggaa Saasigga Irraa Hidhame.
Hagayya 05,2012 Midaqanyii
Godina Shawaa dhihaa Aanaa Midaa Qanyii keessatti baratoonnii Oromoo University fi dhabbilee barnotaa Olaanaa garagaraa irraa baraachaa turaan qajeelfamaa Mootummaa Wayyaanee hin fudhannuu jechuun Gaaffii Mirgii Hiree Murteeffaannaa Ummataa Oromoo Haa kabajamuu barreeffaamaa jedhuu facaasuun aangawoota Wayyaaneen naannichaa raasaa jiraachuun gabaafame, haalaa kanaa sodaachuun OPDO’n Onaa Midaa Qanyii baratootaan hojii misoomaa waliin hojjeennaa jechuun baratootaa sossobuuf yaaliin isaan godhan illee baratoonnii bara mootummaan abbaa irree ummataa keenyaa irraa ka’uu, fi hireen uummataa keenyaa murteeffamuu waan hundaa iyyuu ni hojjeennaa ammatti yeroon keenya yeroo warraaqsa bilisummaa fi walabummaa biyya keenyaati malee dhadessa imaammata Wayyaanee miti jechuun lukkeelee Wayyaanee salphisuun dhagahame.
Kanuma waliin naannoo kanatti barattoota sochii warraaqsaa keessa turan garii maallaqaan bitachuuf hawwanii ummata akka basaasan gochaa jiraatan illee tarkaanfii Qeerroon barattoota kana irratti fudhateen gantooti garii naannicha dhiisanii baqatanii akka jiran gabaafama.
Gama biraan Hagayyaa 2/2012 Onaa Diggaa Saasiggaa irraa Barsiisaa Mana Barumsaa Qaaccaa Sadarkaa 1ffaa kanta’ee barsisaa Zaalaleem Hundarraa Baatii badii tokkoo malee humna poolisaa Federaalaatiin ukkaafamee manaa hidhaa Maa’ikalaawwiittii darbatamee jira, Uummaannii Onaa Diggaa Saasiggaa yeroo ammaa kanaa barsiisaa Zalaleem Hundarraa Baatii daddaffiin akka nuu gadhiiftan,lafa inni itti hidhames akka nu beeksiftan bulchitotaa nannoo Onaa sanaa irraattii diddaa fi gaaffii mirgaa akka kaasaa jiran qeerroon gabaasa.
Mootummaan Wayyaanee dhabama isaa jala daraggoota Oromoo jumlaan hidhuu araada godhate.Waraanni Wayyaanees abdii kutachuu muldhise
Aside
Hagayya 05,2012.
Oromiyaa keessatti diddaan uummataa jabaachaa waan dhufeef waraanni mootummaa Wayyaanee tasgabbii dhabe.Waraana mootummaa Wayyaaneetti dirqamni kenname kan duraanii irra daran jabaachaa waan dhufeef waraannis gara abdii kutannaatti ce’ee jira.Godina Wallagga lixaa aanaa Ayiraa ganda Hoomii fi Kolooboo jedhamn keessatti waraanni Wayyaanee hedduumminaan bobba’uun uummata Oromoo mana hidhaatti guuraa jira.Gaaffii mirgaa uummatni Oromoo gaafatu isin ABOti,Qeerroon isini jechuun dargaggootaa fi abbaa maatii qabanii hidhuun reebichaan dararaa jiru.Ilmaan Oromoo ganda kanneen keessaa 50 ol mana hidhaatti ukkamsuun galgala galgala mana barumsaa sadarkaa 1ffaa ganda Hoomii keessatti lama lamaan guuruun reebichaan dararaa jiru. Yeroo ammaa naannichatti Oromoonni mana hidhaa Wayyaanee keessatti dararamaa jiranis
1. Dargaggoo Gammachiis Mulaatuu
2. Abbaa maatii Mitikkuu Margaa
3. Dargaggoo Efreem Ejjetaa
4. Dargaggoo Lijaalem Yaadataa
5. Abbaa Maatii Abarraa Tarfaasaa
6. Abbaa Maatii Taammiruu Tarreessaa
7. Dargaggoo Lalisaa Margaa
8. Abbaa Maatii Taayyee Tarfaasaa
9. Dargaggoo Habtaamuu Bantii
10. Dargaggoo Gammachuu Bantii
Keessatti argamu.Qeerroon naannoo kanaas hidhaa fi ajjeechaan duuba nu hin deebisu jechuun halkanii fi guyyaa diddaa itti fufanii jiran.Uummatnis wal gahii Wayyaanee lagatee jira.Waraqaaleen dhaadannoo OROMIYAAN NI BILISOOMTI!,GARBOOMFATAAN NI KUFA!, jedhanis ganda hoomii keessatti maxxanfamanii jiran.Qeerroo Oromootti diina tahuun yeroodhaa yerootti rakkisaa kan jiru jala deemaan Wayyaanee Karrasaa Toonee kan jedhamu yoommuu tahu Mana barumsaa Biiftuu keessatti barsiisummaan turee miseensummaa OPDOn liigii dargaggootaa erga seenee booda gara Ijaarsa OPDO keessa kan seene dha. Karrasaa Toonee fi kanneen isa waliin wal fakkaattan wayita Oromoon tokko tahee diina isaa buqqisaa jirutti alagaa jala kurkuruun keessan bu’aan isaa miidhaa fi taajjabbii waan taheef qabsoo Oromootti akka dabalamiin ummanni naannichaa gorsaa fi akeekkachiisa kennee akka jiru Qeerroon gabaasa.
Godina Baalee Ona Adaabbaa Keessatti Sochiin Warraaqsaa Itti Fufee Oole. Poolisoonni OPDOs Qeerroo Irra Goruun Warraaqsatti Hirmaatan.
Aside
Hagayya 05,2012 Adaabbbaa
Gabaasaa Hagayya 4 godina Baalee, Ona Adaabbaa irraa addeessuun Qeerroon Ona sanaa ifatti baasee sodaa tokkoon malee ifaa fi bilisaan waamicha warraaqsa bilisummaa Oromootti uummata fi barattootaaf waamicha gochaa akka jiru gabaasaan addeessa. Kunis har’a ganamaa eegalee guyyaa guutuu uummannis ta’e barattootni, dargaggoonni ona sanii marti waraqaa qabsoo, dhaadanoo babarreesuudhaan, sirboota qabsoo kaasetta kan manaa qabu gadi yaasuudhaan daandii irratti Teeppii fi moobayilaan sirba qabsoo ona Adaabbaa hamma ganda isaa keessatti wal qabsiisuudhaan sirba qabsoo fi tamsaasa barruuleetiin guyyaa har’aa akka oole gabaasan addeessa. Akkasuma milishootni ona sana irra jiran kaka’umsa kanatti hirmaachaa akka jiran, keesumaa poolisii Oromiyaa ona sanii hidhannaa isaanii hiikkatanii sochii uummataa fi qeerroo kanatti akka hirmaatan qeerroon ona Adaabbaa addeessa. Poolisoota hirmaannaa kanatti makaman maqaan isaanii yeroof baasuu baannus nama 4 akka ta’anii fi warraaqsatti makamuu isaanii ammo ummanni naannichaa akka gammachuu qabu qeerroon beeksisa.
Sochii warraaqsaa kanatti hirmaannan uummataa kan dargaggoo ona sanii akka caalee jiru, namoonni siyaasaa godina sana keessa jiru har’a utuu manatti hin hafin sochii karaa qeerroo eegale kana humna itti gochuudhaan dhaadannoo qeerroon barreessee ona sana irratti tamsaase qabatanii akka dhaadessaa oolan gabaasan addeessa.
Dhaadannoon barreeffame kunis :
BILISUMMAAN SABA KEENYAAAF, DHALA KEENYAAF, BARATTOOTA KEENYAAF, ILMAAN OROMOO WALII GALAAF!!” kan jedhu ture. Akkasuma “INJIFANNOON SABA OROMOOF,INJIFATAMUUN DIINA OROMOOF” jedhanii magaalaa Adaabbaa fi gandoota keessatti akka dhaadeffamaa oole gabaasaan addeessa.
Radio Oromoo Press, By Qerramsoo Biyya
Aside
Humni WBO Guddaan Daangaa Qaxxamuree Biyya Seenee Jira Sababa Jedhuun Loltooti Wayyaanee Golamanii Ummatas Goolaa Jiru
Aside
Hagayya 04,2012 Qeellam
Sochii uummataa fi qeerroo ilaalchisee shakkii fi sodaa keessa galuudhaan godina Qellem ,Ona Anfilloo irratti guyyaa lamaan kana bakka buufata jaal Laggasee kan ture Ganda Gargeedaa fi daandii Yattii, gara Yaanqi jedhamu karaa Sudaaniitiin ABOn galeera jechuudhaan mootummaan wayyaanee waraana isaa goodatti guuraa akka jiru qeerroon ona Anfilloo fi Magaalaa Qellem irra jiru gabaasanii jiru. Akka jedhamaa jirutti oni sun buufata waraana wayyaanee ta’ee argame , magaalaan Anfilloo, Muggi ,ganda Gargeedaa,Laaloo Gidaamii,Yaanqii,Yaagaa bakki jedhamu kun waraana wayyaaneetiin marfamee akka jiru gabaasaan har’a Hagayya 3 addeessee jira.
Akkasumas gabaasaa Godina Wallagga dhiyaa,Ona Najjoo,Ganda Warraa Jirruu irraa addeessuun uummanni ganda sanii hedduu dhiphina keessa jiru jedha qeerroon ona sanii irraa gabaasu. Kunis sabababni isaa namoota Tokke-Shan ijaarsa jedhamuun ijaaramaa, hirmaanna misoomaa irratti jabeessaa jedhuun uummata hiriirsaa akka jiru gabaafama. Kunis biqilaa dhaabaa, ajaja gubbaa irraa dhufe bakkaan gahaa jedhanii, miseensa dhaaba OPDOtti ijaaramtan malee fuula duratti lafti isin qabdaniyyuu namoota miseensa keenya ta’anii lafa qonnaa hin qabneef akka kennamu hubadhaa jechuudhaan uummata rakkisaa akka jiran gabaasaan addeessa. Yaanni uummata irraa dhiyaatus mootummaan keessan silas du’aa fi jireenya gidduu jira maaltu akkas isin iyyisiisa, nurraa callisaa dubbii keessaniif deebii nurraa hin qabdan jechuudhaan of irraa callisiisaanii akka jiran har’a Hagayya 3 gabaasaan isaa addeessa.
Dhiha Shawaa Keessatti Waraanni Wayyaanee Sodaa Ummataa If Jeeqaa Jira.
Aside
Hagayya 04,2012 Amboo
Gabaasaaa G/Shawaa Lixaa,Ona Dandii,Ganda Gincii irraa har’a;Hagayya 3 gabaasuun kaleessa Hagayya 2 uummanni ganda kanaa daandii konkolaataa ganda isaaniitti tolchuuf buusii barbaachisu walitti buusuudhaan haala kana irratti marii gachuuf ganama keessaa sa’a 2:30 irratti walitti qabamanii walgayii godhatan. Haata’u malee sa’a sanatti walitti qabama siyaasaa jechuudhaan jala deemtonni wayyaanee ona sanii uummata kana irratti gaaffii kaasuudhaan maaliif akka walitti qabamtan nuuf ibsaa, kaayyoo maaliitiif akka walgayiin kun ta’ame mee nuuf ibsadha, kun yaada biro ka’umsa yeroo waliin wal qabatee jiruudha, dhimma misooma miti jechuudhaan guyyaa kaleessaa guutuu uummata ona kanaa yakkaa akka oolan gabaasaan addeessa. Shakkii kanaan wal qabatee halkan kaleessaa sa’a 8:00 irraa kaasee halkan keessaa jechuudha, daandii magaalaa Amboo fi Naqamte jidduu wal quunnamsiistu guutummaan waraana wayyaaneetiin guutamee akka jiru,bosonni daandii cinaa guutummaan, bakka namni hin jirre mara waraanaan qabamee akka jiru gabaasaan qeerroo ganda Ginci irra jiru addeessee jira. Akka odeessaan jedhutti waan waraanni eegaluudhaaf bakka qabachuuti jedha haalli waraana wayyaanee kanaas, har’a qeerrooleen ona Dandii nama shan shaniin wal gurmeessuudhaan sirboota qabsoo kan akka geerarsa Eebbisaa Addunyaa sirbaa daandiima hidhattootni wayyaanee kun irra jiran irra sirbaa asii fi achi deddeebi’aa oolanii jedha odeessaan ganda sanii. Uummanni hedduu waan rifatee aaree jiruuf sochiin tokko waraana wayyaanee kanaan yoo eegale gara tarkaanfiitti ka’uuf qophii godhanii akka jiran gabaasaan addeessa.
Qabsoon itti fufa!!
Gabrummaan nu kufa!!
Basaasi Wayyaanee Maqaa ABOn akka Ummata Goyyomsuuf Dambi Doolloo itti ergame. Barattooti Najjoos walgahii Wayyaanee lagatan
Aside
Hagayya 04,2012
Mootummaan Wayyaanee sochii dargaggoota Oromoo magaalaa fi baadiyyaa biyyaa keessatti warraaqsa gaggeessaa jiru ukkamsuu fi dadhabsiisuuf humna waraanaa fi poolisaa akkasumas tika hedduu bobbaasee cabsuu fi dadhabsiisuu hin dandeenye.
Yeroo ammaa toftaa godhatee kan jiru basaasota isaa maqaa ABO fi Qeerroon waraqaa barreessee dhaaba ABO tu na erge ani qeerroon ijaara jedhanii naannoo ummanni isaan hin beekne keessa caasaa malee warri soco’an jiru,Haala kanaan basaasa isaa naannoo Wallagga Dambi Dollootti bobbaasee maqaa dhaabaan akka daldalanii fi ummataa fi barattoota soban taasisaa jira.
Akka kanaan baasii Wayyaanee Damissee Hordofaa jedhamu magaala Dambi Dolloo keessa deemee uunkaa miseensummaa ABO guutaa jechuun akka ummata basaasaa jiru bira gahamee jira. Namni kun kallattiin Adaamaa irraa ergamee naannoo D.Doollootti Hoteela keessa ta’ee ummataa fi barattoota akka goyyomsaa jiru bira gahame.
Ummanni fi dargaggoonni naannoo saniis nama kana irraa jabeessanii akka of tiksan qeerroon gabaasa.
Gama biraan gabaasaa Godina Wallagga Dhiyaa,Aanaa Najjoo,magaalaa kanaa irraa aaddeessun, Hagayya 1 fi 2 barattoota koollejjii fi yuuniversity irraa galan walitti qabuudhaan guyyaa lamaan kana qaama olaanaa irraa dhufanii wal gayii teessisaa akka iran maadheen on a sanaa gabaasa. Kaayyoon walgayii kanaas barattoota barumsa isaanii xumuranii jiraniin dokumantii keessan galfadhaa, unka miseensummaa OPDOs guutaa jechuudhaan barattoota walgayii teessisaa akka jiran gabaasaan addeessa. Barattootni yuunniversity fi koollejji kana irraa xumuranii galan hojii argachuunis nutti haafu miseensa keessan hin guunnu jechuudhaan kaleessa qaama mootummaa Wayyaanee irraa walgayii kana gaggeessuu dhufan fesheleessanii galan. Akkasuma itti fufuudhaan qote bultoota Ona sanaa har’a,Hagayya 2 xaa’oo fudha jechuudhaan walgayii waamanii jiru. Uummanni xaa’oo kana akka hin fudhanne walii galee waan jiruuf lafti keenya xaa’oo keeessaniin alattiyyuu midhaan nuuf baasuu yoom dide jechuudhaan xaa’oo dhufe akkuma jirutti bakka isaatti akka deebi’ee qaama mootummaa keessaa xaa’oo kana fidanii dhufan akkuma jiranitti qaana’anii akka deebi’an ganama kana qeerroon ona sanaa addeessa.
