Bishooftuu Bara Kanaa Wanneen Adda Godhan

Aside

(Qeerroo, Bishooftuu, Fulbaanaa 30/2012) Kabajaa Ayyanaa Irreechaa Baraa kanaa wanneen addaa godhan keessaa gariin

1. FDG qabachuu isaa fi

2. Godinaalee Oromiyaa maraa irraa ilmaan Oromoo irraattii Argamuu isaanoo,

3. Baraa kana Godinaa Wallaaggaa Bahaa Qofaa Irraa Ummaannii Konkolaataa 20

4. Godinaa Lixaa Shawaa Irraa Konkolaataa 27

5. Godinaa Lixaa Waallaaggaa Irraa Konkolaataa 12n

6. Godinaa Jimmaa fi Iluu Abbaa Booraa irraa Konkolaataa 14

7. Booraanaa fi Gujii irraa Kokolaataa 11,

8. Arsii fi Baalee irraa Konkolaataa 19

9. Kamisee irraa Ummaannii konkolaataa 6

10. Haalumaa kanaan Ummaannii Garaa Miliyoonaa 4 sirnnaa Kabajannaa Ayyaanaa irreechaa irraatti Argamuun

11. Ayyaanaa Irreechaa Ilaalchisuun Qophii Guddaan Magaalaa Duukaam Hoteelaa Obboo Warquu Biqilaattii Baandii Salgaan Booraanaatiin Qophaa’ee,

12. Artistoonnii Oromoo Haacaaluu Hundeessaa, Adinaal Mohaamed, Kadir Martuu, Dirribee Gadaa ffaa Weelluu utuu hin ta’iin FDG labsaan jechuun ni danda’ama,

13. Sirnaa Kanaa Irraattii Ummaannii Keenyaa Godinaa Wallaggaa Bahaa, Wallaggaa Lixaa , Shawaa Lixaa , SHawaa kibbaa Lixaa, fi Shawaa Kaabaa Walittii Dhufuun Harkaa Walqabatanii Faruu Tokkummaa Faarsaan Waadaas Waliif Galaan,

14. Adinaal Mohaamed ”Maalii Sabni Oromoo Yoo Fincilee Lolee Diinaasaa Mo’ee Gafaa tokkoo Sabaa isaan Bulee jechuun Ummataa Raasee,

15. Haacaluu Hundeessaa Gootichaa Oromoo Laggasaa Wagii Farsuun Uummataa Boosisee,

16. EEEmilee yaa Garba ciisaa Oromiyaa Maaltu Gadhisaa jechuun Ummataa Oromoof Barumsaa Guddaa dabarsan fi kkf sirna kana adda godhe

17. Sabboontonni Oromoo 150 ol badii tokkoon malee loltoota Wayyaaneen qabamanii hidhaa galan.

Kanneen olitti kaafne sirnicha adda godhanii jiru.Video fi suuraalee Qeerroon waraabe gariin harka diinaa haagalu malee kan argame rakkoo networkiin sirnaan dabarsuu waan hin dandeenyeef akka dandayameen irraa jalaan ni dabarsina.

Qabsoon Ittti Fufa! Gabrummaan ni kufa!

Oromoota Nagaan Malkaa Irreessaa Osoo Deemanii Kanneen 150 ol Hidhaman Keessaa Maqaa Namoota 60 Qeerroon Galmeesse

Aside

Oromoota Irreecha Ayyaaneffachuuf Deeman Nagaa Wayyaaneen Hidhaman

Qeerroo Oromiyaa: Alagaaf Hin Gabroomnu!

Aside

(Qeerroo, Finfinnee, 2 Onkoloolessa 2012) Kun sagantaa gabaabaa Ayyaana Irreechaa 2012 kan Oromiyaa,Hora HArsadii, Bishooftuutti kabajame ilaalchisee Gareen Qunnamtii Qeerroo kan sagalee fi suuraan qindeessee dha.

Ayyaana kana irratti humnooti tikaa fi poolisooti Wayyaanee haalaan bobbaa guddaa fi eegumsa cimaa gochuun  akka ayyaanichi waltajjii ololaa fi dhaaduu Wayyaanee ta’u gochuuf yaalanii turan iyyuu, dhalooti Qeerroo karaa hundaan akka haawaasti ayyaanicha irratti argame, haala Oromoo fi Oromiyaanm keessatti argaman akka hubatan godhamee jira.

Jala bultii ayyaanichaa irraa eegalee dhaamsoliin addaddaa kan dhiibbaa fi miidhaa ummata Oromoo irra jiru saaxilanii fi hubachiisan akka ummata bira gahu godhamee jira.

Qeerroonis akka gaaffii mirgaa hin kaafnee fi warraaqsa Bilisummaa hin leellisne gochuuf humnooti Wayyaanee tattaaffii guddaa godhanii jiru. Haata’uutii, dhalooti Bilisummaa isaa karaa nagaa gaafachuu irraa duubatti  hin deebine, Qeerroon Oromiyaa,  weedduu fi sirbootaan warraaqsaan gaaffii fi fedhii saba isaanii beeksisaa fi dhaadhessaa  oolanii  jiru.

Sirna kana irrattis, diddaa isaanii mul’isuuf weedduu fi dhiichisa kan WBO leellisu, yeroo kamiyyuu “alagaaf hin gaabroomnu!” kan jedhu fi qabsoo Bilisummaa jabeessuuf akka kutatanii jiran mul’isanii jiru. Kana malees,  Qeerroon Oromiyaa tokkummaa isaanii daran jabeessanii falmaa Bilisummaa finiinsuuf illee waadaa waliif seenanii jiru.

This slideshow requires JavaScript.

Ayyaana Irreessaa irratti Oromoonni nagaa waraana TPLFn hidhaman 150 ol ta’uun beekame.Qabeenyi hedduu fi uffanni aadaa Oromoos walumaan hidhame.

Onkoloolessa 01,2012 Finfinnee

Oromoonni ayyaana Irreessaa nagaan ayyaaneffachuuf bahanii badii tokko malee Waraana Wayyaaneen qabamanii hidhaman 150 ol tahuu beekame.Fulbaanaa 30/2012 Ayyaanaa irreechaa irraattii Ilmaan Oromoo jumlaan Hidhaman, Qabeenyaa Akka vedio, kameeraa fi Mobilaa Loltotaa Wayyaaneetiin ummataa irraa samaman, Uffaannii Aadaa Oromoo halluu diimaa magarisaa diimaan hojjetamee miidhaguun Wayyaanonni Alaabaa ABOti jechuun Ummataa irraa ifatti saamaa turan, Onkoloolessa 1,2012 ganama bariin ka’aniis dargagootaa fi ummata nagaa naannoo isaatti galuuf deemaa jirus namoota 50 ol hidhan. Hanga ammaa Oromoonni 150 ol ta’an bakka buuteen isaanii hin beekamne. Haala kanaan namoota naannoo adda addaa irraa hidhaman keessaa hammi tokko maqaan akka armaa gadiiti:-

Ilmaan Oromoo Jumlaan Hidhamaan keessaa namootaa Muraasaa kan maqaa Argannee kanneen ittii anaan kana,

1, Gammaachiis Girmaa Godinaa Lixaa Shawaa Onaa Tokkee Kutaayee,

2,Ashannaafii Angaasaa Godinaa Kibbaa Lixaa Shawaa Onaa Tolee,

3, Gaddiisaa Tarreessaa Godina kibbaa Lixa Shawaa Onaa Iluu Magaalaa Taajjii,

4, Shimallis Abbiyyuu Godinaa Horroo Guduruu Wallaaggaa Onaa Jimmaa Raaree,

5, Gutaamaa Taasisaa Godina Horroo Guduruu Wallaaggaa Onaa Abbayi Coommaan,

6,Lalisaa Luccee Toleesaa Godinaa Lixaa Shawaa Onaa ILfaataa,

7, Baayisaa Tarreeffaa Godina lixaa shawaa Onaa Iluu Galaan,

8, Tamasgeen Raggaasaa Godinaa Lixaa Shawaa Onaa Jalduu,

9,Ababaa Gaddisaa Godinaa Horroo Guduruu Wallaaggaa Onaa Hammuruu,

10,Toomaas Amantee Godinaa Shawaa Kaabaa Onaa Kuyyuu,

11, Fayyeeraa Ababaa Godinaa Lixaa Shawaa Magaalaa Amboo 03,

12, Gammaachuu Haptamuu Godinaa Wallaaggaa Lixaa Onaa Jaarsoo,

13, Zaalaaleem Baayisaa Godinaa Kibbaa Lixaa Shaawaa Onaa Gachii,

14, Tamasgeen Qaajeelaa Godinaa Kibbaa Lixaa Shawaa Onaa Iluu,

15, Caalaa Tolaasaa Godinaa Lixaa Shawaa Onaa Incinii.

16,Yaaddeessaa Nagaroo Godinaa Lixaa Lixaa Shawaa Onaa Baakkoo Tibbee,

17, Fayisaa Namoomsaa Godinaa Lixaa Shawaa Onaa Daannoo,

18,Maammoo Lammii Godinaa Lixaa Shawaa Onaa Abunaa Gindaa Barati,

19, Qixxeessaa Alamaayyoo Ayyaanaa Godinaa Wallaggaa Bahaa Onaa Guutoo Waayyuu

20, Bultumaa Geetahuun Godinaa Lixaa Wallaaggaa Onaa Najjoo,

21, Mazgabuu Tolasaa magaalaa Bishooftu

22,Dhugumaa Ittaanaa magaalaa Bishooftuu

23.Yoohannis Kabbadee magaalaa Bishooftuu

Kanneen keessaattii Argamaan dabalatee Ilmaan Oromoo 150 olittii lakkaa’amaan badii tokkoo malee humnotaa waraanaa Wayyaaneen qabamanii lafti isaan ittii hidhamaan illee yeroof kan hin beekamnee ta’uun gabaafamera. Oromoota hidhaman maqaa isaanii guutummaatti gara fuula duraa dhiheessina.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!!

Lammiileen Oromoo Ayyaana Irreechaa irraa Qabamanii Hidhaman Hatattamaan akka Gadhiifaman

Aside

Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo

Onkoloolessa 1, 2012

Waggaa waggaan lammiileen Oromoo miiliyoonotatti lakkaayaman Bushooftuu Hora Harsadiitti bahanii ayyaana Irreechaa mallattoo Oromummaa tahe ayyaaneffatu. Daawáttoonni biyyoota Awrooppaa, Ameerikaa fi bakkoota biroo irraa dhufan gariin ‘Afriikaa keessatti ayyaanni guddaan ummata miliyoonotaan lakkaawamu hirmaachisu akkasii hin mulánne’ jechuudhaan guddina ayyaana Irreechaaf ragaa bahaa jiraachuunis beekamaa dha.

Sirna aangoo irra jirus tahee kannee Oromoon akka dirqiin Itoophiyummaatti amanu gochuu barbaadan garuu ayyaana Irreechaa eenyummaa Oromoo calaqqisu kana irraa gammachuu hin qaban. Aadaa ofii isaanii dirqiidhaan Oromoo irratti feúu barbaadu malee kan Oromoo kanaaf dinqisiifannoo qabaachuun hafnaan bakka isaaf malu illee hin laanneef. Sirnoonni Itoophiyaa haráas tahee kaleessaa ayyaana Irreechaa Itoophiyaa bira dabree Afriikaa maraaf boonsaa tahe kanaaf akka mootummaatti beekkamtii ayyaanummaa hin kennineef. Oromoon isaan bara baraan gad xiqqeessuu fi eenyummaa isaa ukkaamsuu barbaadan kana booda akka isaan jalatti jilbeenfatee buluuf hin jirre, walabummaa biyya isaa labsachuu fi bilisummaa isaa deeffachuuf qophii tahuu isaa itti garsiisaa jira.

Hidhaa Ayyaana Irreechaa irratti Ibsa ABO.pdf
Mass arrest on Erecha cermony-Amhaic.pdf

Diddaa Qeerroo fi Irreecha Bishooftuu 2012

Aside

Onkoloolessa 01,2012
Ayyaannii Irreechaa Guyyaa Kaleessaa Ummataa Oromoo Godinaalee Oromiyaa Garaa Garaa Irraa walittii Dhufuun Horaa Arsadiittii Haala Baay’ee Gammaachiisaa ta’een kabajame,
Ummaannii Oromoo guyyaa kaleessaa magaalaa Bishoftuu Hora Arsadiittii wayitumaa irreechaa kabajatan dhaamsaawwaan garaagaraa tokkummaa, hidhamtoonnii Oromoo haa hiikamaan, Oromiyaan kan ummataa Oromooti, Oromiyaan ni bilisoomti, harkaa wal qabannee haa kaanuu jechuun Ummaannii dhaamsaa waliif dabarsaa ture, Dargaggeessaa fi dargaggeettii, hayyotaa fi beektonni sirna kanaa irraattii WBO faarsaa olaanii, Addaattii ABO’n gaachaanaa Ummaataa Oromootii jechuun hegeree fi abdii ummata Oromoo tokkicha ABO faarsaa olanii jiru.

Kabaajaa Ayyaana Irreechaa kana ilaalchisuun motummaan abbaa irree Wayyaanee humna waranaa magaalaa Bishooftuu irraa jalqabee hanga bakka irreechaatti heddumminaan tamsaasuun sochiilee qeerroo jala bu’anii dargaggoota nagaan ayyaana irreefachuuf dhufan ABO fi WBO faarsitan sababa jedhuun heddumminaan mana hidhaatti guuraa olanii jiru.Haalli kun kanaan osoo jiruu kanneen hafan diddaa isaanii itti fufuun faaruu fi sirboota qabsoon diddaa isaanii muldhisaa turan. Ummaannii Oromoo kaayyoo diinaa kanaa cabsuun wareegamaa bonsaa kanfaluun akeekaa diinaa cabsuun akkaa irreeffatee diddaa qabsoo bilisummaa Oromoof ammoo bakka galu maratti onaa fi araddaa isaa irratti ummata waliin tokkummaan akka ka’u harka wal qabatee waadaa waliif galee akka jiru gabaasi qeerroo addeessa.

Ayyaana Irreechaa fi Diddaa

Aside

(Qeerroo, Finfinnee, 1 Onkoloolessa 2012) Ayyaanni Irreechaa bara 2012 sirna hoo’aa fi miidhagaan kabajamee jira; Qeerroon Oromiyaas sirna kana irratti haga Bilisummaan Oromiyaa mirkanaa’utti qabsoo maraalessa finiinsuuf waadaa waliif seenanii jiru.
Ayyaana kana irratti dhiibbaan guddaa karaa mootummaa godhamus, Qeerroo fi sabboontoti Oromiyaa dhimmoota murteesoo ta’an milkeesuu fi ayyaanicha akka hin gufanne gochuu irratti hojiin boonsaa hojjatamuusaa Qeerroon dabalee inbsee jira.

SBO Fulbaana 30 Bara 2012

Aside

Wayyaanoti gaaffii mirga Oromummaa fi adaa Oromoo dura dhaabbatan illee ayyaanni Ireechaa tokkummaa Oromoon kabajame.

Aside

Akkuma beekamu Guyyaan haraa,Fulbaanni 30 guyyaa kabajamaa Uummanni Oromoo aadaa fi amantaa abbootii keenya ganamaa hangafticha magaalaa Bishooftuutti gaggeeffatuudha. Biyyattii keessatti sirni Irreecha Alsadee kun bifa gammachuu fi hoo’aadhaan uummataa Oromoo fi Qeerrooleedhaan kabajamee darbeetu jira. Ayyaana kana irratti saboonni Oromoo argamanii jiran baayinni isaanii akka tilmaamutti miliyoona 4 hanga 5 ti jedhama. Kabaja ayyaana kanaa irratti dursa akkuma gabaasne mootummaan Wayyaaneedhaa hidhattoota isaa fi poolisoota isaa sirna kabajamuu ayyaanaa kana irratti ramadee akka jiru gabaasne jirra. Haatau malee waraanni mootummaadhaa haa jiraatuyyuu malee Qeerroo fi uummanni diddaa muldhisan itti fufuun muldhisee jira. Keessattuu magaala Bishooftuutti utuu hin galin waraanni wayyaaneedhaa daandii cufuudhaan uummata ayyaana kanaaf dhufu kiisiidhaa hamma kopheetti sakattauudhaan kaaniin ayyanicha akka hin hirmaatne duubatti deebisaa hamma nama 100 ammoo hidhuun beekameera. Haatau malee qeerroon magaala Bishooftuu irratti waraqaalee warraaqsaa hedduu fi ummati harki caalu kan harkatti qabate ta’uun beekama
Gama biraan magaalaa Bishooftuu bakka adda addaa keessatti qeerroon alaabaa ABO maxxansuu fi fannisuun ummata naannoo san irra darbu akka gammachiise beekamee jira.
Haala waraana wayyaanee ilaalchisee meeshaan dhukau osoo hin hafin uummata keessaa fi naannoo Irreechaa san kan buufatee jiru waraannii Wayyaanee kana kan jedhamu miti. Haatau malee uummata keessas faffacaanii yoo jiraatan illee Qeerroon dhaadannoo fi sirboota qabsoo Oromoo adda addaa dhageessisaa tureera. Uummataa fi Qeerroo keessaa kanneen ifatti WBO faarsan poolisootaan qabamanii mana hidhaatti akka geeffaman ifatti muldhatee jira. Walii gala gabaasaa dhimma kanaa gara fuula duraa qindeessinee isinii dhiheessina. Suuraan warraanni Wayyaanee ummata yeroo jeeqaa jiruu kanatti maxxansinee keenyee jirra.

Irreessi Bishooftuu Kabajame. Loltooti Wayyaanee Ayyaana Kana Jeequuf Argaman lakkoofsaan ummata Ayyaanichaaf baheen gitu. Sabboontoti Oromoo 100 ol hidhaman.

Aside

Fulbaana 30,2012Guyyaa har’aa irreechi Bishooftuu Oromiyaa keessatti sirna howwaa fi haala addaan kabajamee jira.Sirna kana kabajuuf jecha sabboontotiin Oromoo Oromiyaa bakka gara garaa irraa kan fageenyaa fi dhihootti araman hedduun irratti argamanii qophicha adda godhanii jiru. Addatti dargaggoonni Oromoo guyyaa jala bultii isaa irraa kaasanii haala addaan hirmaannaa isaanii muldhisaa haajiraatan malee mootummaan Wayyaanee ayyaanicha fashalsuuf jecha humna waraanaa heddumminni isaa kan ummata irreechaaf bahe gadi kan hin taane gara kanatti bobbaasuun ayyaana kana fashalsuuf yaalii guddaa godhe.
Haala kana keessatti dargaggoota fi ummata Oromoo keessaa namoota 100 ol qabanii hidhaatti guuruu fi video waraabamee fi suuraalee kaka’an mara irraa saamee bakka inni buusee hanga ammaa hin baramiin jira. Ayyaana kana irratti FDG ni ka’a sababaa jedhuun Oromoonni aadaa isaanii akka hin muldhifne yaaliin hin godhamiin hin jiru. Sabni keenya bara irraa baratti guyyaa irraa guyyaatti rakkoo haala hamaa keessatti miidhamaa waan jiruuf jabaannee ka’uu fi tokkummaan gabrummaa akkaanii keessaa bahuu malee furmaati hin jiru.

Gama biraan video lee fi suuraaleen qindaayan gariin loltoota Wayyaanee fudhatameera. Kan hafe ammoo yeroo gabaabaa keessatti qindeessuun akka ummata keenyaan geenyu dhaammanna.
Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!