“Nu Bilisoomsi!” Kadhaa Irreeffattootaa

Aside

Haala Irreecha Oromiyaa Keessaa Irratti Gaaffii fi Deebii VOAn Taasise

Gaaffii fi deebii VOA Irreecha

Ulee Migiraa,Jajjabaadha Lammii Koo Wal Bira Jirraa.. jedha Qeerroon

Aside

Yookaan lolii na bira gori

Aside

SBO Onkoloolessa 03 Bara 2012

Aside

Gaafa Ayyaana Irreecha Ganama Haala Bishooftuu Ture

Video

Godina Iluu Abbaa Booraa aanaa garaa garaa keessatti mootummaan Wayyaanee diddaa dura dhaabbachuuf ilmaan Oromoo mana hidhaatti guuraa jira.Diddaan barsiisotaas dhalate mootummaa wayyaanee cinqe.

Aside

Onkoloolessa 3,2012 Mattuu

Diddaa biyyattii keessatti deemsifamaa jiruun wal qabatee Godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Haluutti diddaan barsiisota sadarkaa lammaffaa dhalate mootummaa Wayyaanee cinqe.Wayyaaneen TPLFs diddaa kana dura dhaabbachuuf barsiisaa Takiluu Biinee fi hojjettoota hedduu mana hidhaatti ukkaamsee jira.Aanaa Buree keessattis hojjettootni mootummaa Gammachuu fi Dagafaa jedhaman mootummaa wayyaaneen qabamanii ukkaamsamanii jiru.Aanaa Bachoo keessattis ilmaan oromoo 15 sababa amantiin kan wal qabate murtii tokko malee mana hidhaa keessatti rakkachaa jiraachuun isaanii ni beekama.Mootummaan Wayyaanee diddaa kana dura dhaabbachuuf hidhaa fi hojii irraa ariiuu itti fufus hanga bilisummaa qeerroon gaaffii mirgaa kaasuu duuba akka hin deebine qeerroon naannoo kanaa dhaamee jira.

Baqattooti Oromoo Irreechaa Kabajatan

Aside

(Qeerroo, Nairobi, 3 Onkoloolessa 2012) Baqaattooti Oromoo biyya Keeniyaa, magaalaa Naayiroobii keessatti argaman ayyaana Irreechaa sirna hoo’aan kabajatanii jiru.

Ayyaana kana irrattis sirnii fi duudhaan aadaa buna qalaa kan raawwatame yoo ta’u, dhimma kana ilaalchisee gaaffii fi deebiin gabaabaa godhamee jira.

Ayyaana kana irratti kanneen argaman sirna Irreechaa booda  sirbaa fi dhiichisaan guyyaa ayyaana Oromoo miidhagsanii jiru. Sirboonni ayyaana Irreechaa irratti dhiyaatan martis tokkummaa Oromoo fi Oromummaa kan leellisan ta’uu Qeerroon Naayirobii irraa nuuf gabaasee jira.

Viidiyoo Ayyaana Irreechaa Irratti Diddaa Oromoon Muldhisee, Qophii Qeerroo Jala Bultii Irrattii fi Waraanni Wayyaanee Uummata Rakiisu Kan Mul’isu

Aside

Qophii jala bultii irreecha Bishooftuuf Qeerroon dursee bakkichatti alaabaa Oromoo fannisuu fi waraqaalee warraaqsaa Qeerroon barreefame maxxansuu fi ummanni kan hiratu qindeessee qopheessuu ture,haalli kun guyyaa jala bultii isaa milkiin xumurame,ummanni Oromoo malkcha gahe ganama isaa yeroo alaabaa argu guddoo gammade,gammachuu keessa darbee sirboota WBO fi ABO faarsuun ayyaanicha haalaan howwise. Wayyaanonni haala kanatti daran aaranii dargaggoota hidhaatti guuran iyyuu kanneen hafan dhiichisaa fi shubbisaan gootota Oromoo faarsuu fi ABO faarsuutti fufan. Videoleen waraabaman gariin rakkoo network biyya Itophiyaa keessaaf akka babaachisetti nuu maxxanuu haadidu iyyuu malee jala jalaan maxxansaa deemna.



Yaa Rabbii Nu Bilisoomsi Jechuun Qeerroon Waaqa Kadhate(Irreessa 2012 Bishooftuu}

Aside