SBO Sadaasa 28 Bara 2012

Aside

Qeerroon Yuunivarsiitii Haramaayaa Diddaa Itti Fufe. Ambotti ammoo Barataa Electrical Engineering Gaaddisaa Dirribaa badii tokkoon malee hidhame.

Aside

Haromaaya ,Sadaasa 26,2012

Aadaa,duudhaa,Afaan,Afoolaa fi seenaa saba Oromoo balleessuuf shirri mootummaan Wayyaanee hin yaalle hin jiru.Ilmaan Oromoo garuu aadaa fi seenaa isaa guddisuu irratti guyyaa tokko itti aaragalfatee hin beeku.Yuunivarsiitii Haramaayaa keessatti sabboontotni ilmaan Oromoo Fiilmii Afaan oromoo HINSEENEE jedhamu qondaalotiin Wayyaanee akka hin ilaalamne dhorkus dirqiin galchuun erga Galma yuunivarsiitii keessatti ilaalanii booda walleewwan warraaqsaan diina mataa cabsan.Fiilmiin kun wayita ilaalamutti waraanni federaalaa fi waardiyaan yuunivarsiitii keessa bittinnaaus sabboontotni barattoota Oromoo waalleewwan Korma Guduruu..Oromoon Leencuma durum,Tokkummaa..fi kanneen kana fakkaatan gamtaan sirbuun diina dhiphisanii dhaamsas walitti dhaammatanii jiran.

Haaluma wal fakkaatuun gochaan diinummaa Wayyaanee barattoota Oromoo irraa kan hin dhaabbannes Yuunivarsiitii Amboo keessaa Barataaa Electrical Engineering waggaa 2ffaa kan tahe Barataa Gaaddisaa Dirribaa ati Qeerroo ijaartee diddaaf qindeessaa jirta maqaa jedhuun tikni mootummaa wayyaanee mana hidhaatti ukkaamsee jira.Roorroon hammaatus aadaa fi afaan keenya,Seenaa fi duudhaa keenya guddisaa fi beeksisaa bilisummaa hanga gonfannu diddaa irraa hin dhaabbannu jechuun Qeerroon gad jabeessee dhaammata.

Ayyaana Hulluuqoo 2012: Baga Milkooftan!!

Aside

(Qeerroo, Finfinnee, 27 Sadaasa 2012) Qeerroon Oromoo biyya hamba aisaanii irraa godaanfaman, biyya itti baqatan keessatti aadaa fi eenyummaa Oromoo tiksuutti  jiran. Ayyaana Hulluuqoo 2012 Nairobi, Kenya keessatti gidduu kana kabajame irratti ilamaan Oromoo gaaddisa Oromummaa jalatti hojii boonsa adalaganii jiru.

WBO faarsuu, qabsoo Oromoo leellisuu fi Qeerroo jajjabeessuu bira darbanii fedhiin Oromoo fi alagaa ifatti adda kana bahe ta’uu illee mul’isanii jiru.

Qeerroon Bilisummaas, “Baga hoofkaltan! Barri ittaanu kan waliin biyya keenya keessatti kabajannu nuuf haa ta’u!” jedha.

Qeerroon Yuniversitii Wallaggaa Ibsa Ejjennoo Baafatan.

Aside

Sadaasaa 24,2012 miseensota Qeerroo kan ta’an Sabboontoni Barattoota Oromoo Yuunvarsiitii Wallaaggaa maadhee garaagaraa jalattii ijaaramanii Jiran,Walittii dhufuun dhimmoota haala yeroo qabsoon Oromoo irraa jiru irraatti erga marii’atanii booda Ibsaa ejjennoo qabxii torba dabarsatan,

 Ibsa Ejjeennoo Baratootaa Oromoo Yuunvarsiitii Wallaaggaa:

1. Falmaa bilisummaa yeroo irraa gara yeroottii dhaabni keenyaa ABO haalleen mara irra aanee  Ummataa Oromoo bilisomsuuf qabsoo inni taasisu, cinaa dhaabbaannee wareegama  bilisummaan nu gaafatu baasuu fi haga bilisummaan ummataa keenyaa mirkana’uutti falmaa bilisummaa, FDG cimsuuf waadaa keenya ni haaromsina.

2. Sochii dargaggoota biyyoolessaa bilisummaaf dimookiraasii Qeerroo Bilisummaan gaggeeffaamaa jiru, fi warraaqsaa bilisummaa Ummataa keenyaaf adeemsifamaa jiruu keessaatti ga’ee keenya bahuuf tokkummaa dhaan kutaannoo fi murannoodhaan ni kaana.

3. Ummaanni Oromoo cuftii dhaabaa jalee Wayyaanee, kan qabeenya keenyaa dabarsitee gurgurtuu, kan mirga keenya sarbisistee kennituu, kan Oromoon barabaraan garbummaa marmartuu keessaa akka hin baanee gochaa jirtuu OPDO duukaa akka hin hiriirree fi buusiiwwaan adda adda fi kanfaltii gibra illee akka itti hin kanfallee wamicha keenyaa dabarsina, OPDO’n kanaan boodaa maqaa ummataa Oromootiin daldaluu dhaabuu qabdi, Ilmaan Oromoo utuu beekanis ta’ee utuu hin beekiin OPDO keessaatti hiriirtanii jirtaan bu’aa OPDOn ummataa keenyaaf fidaa jirtuu tokkoo illee waan hin jirreef gara qabsoo saba keessanitti akka deebitan waamicha keenyaa isinif dabarsina,

4, Gaaffii mirgaa hiree murteeffaannaa Ummataa keenyaa bakka hundattii cimsinee itti fufna,

5, ABO’n gaachana Ummataa Oromooti!, Dhaaba keenyaa waliin hiriiruun, tokkummaa ummaata Oromoo ni tiksina, gaaffiin mirga hiree murteeffaannaa ummataa oromoo hangaa deebii argatuu fi Oromiyaan hanga bilisomtuttii qabsoo falmaa bilisummaa egalamee jiru jabeesinee itti fufna,

6, Tarkaanfii yeroo garaagarattii WBO’n Oromiyaa golee garaagaraa keessaatti yeroo garagaraatti fudhatuu, ni dinqisifanna, itti boonnaa, nutis waan dandeenyuu maraan WBOtti ni dirmanna, wareegamaa qaqqaalii ilmaan Oromoo kanfalaa jiranittii milkii gochuuf FDG jabeessuun itti fufna.

7.Ilmaan Oromoo sababa Oromummaa isaaniif mana hidha wayyaanee biyyaattii garaagaraa  keesattii hiraarfamaa jiran ni jajjabeesina, ilmaan Oromoo kuniin akka hiikamaaniif gaaffii wal irraa hin citnee kaasuun FDG jabeessinee itti fufuun dirqamaa keenyaa ni baanaa jechuun Ibsaa ejjeennoo dabarfachuun walga’ii marii keenyaa milkiin xumuratne!.

Injifannoon Ummataa Oromoof!.

Sadaasaa 24/2012 Barattoota Oromoo Yuunvasiitii Wallaaggaa

Neqemtee.

 

Oromoonni Naayroobi, Ayyaana Hulluuqoo Kabajatan!

(Qeerroo, Naayirobii, Sadaasa 25,2012) Ayyaana Hulluuqoo kan bara 2012 sirna hoo’aadhaan magaalaa Nairbi Kenya keessatti kabajame.

Gabaaasaan Qeerroon naannicha irraa akka gabaasetti,  Ayyyaana kabajaa kana irratti Obbo Liiban Dabbasaa Guyyoo argamuun ummataaf barnoota aadaa fi eenyummaa Oromoo waliin walqabate  kennanii jiru.

Ummanni naannichatti argamanis sirboota aadaa Oromoo Booranaa fi walleelee warraaqsaa wallisuun guyyicha haala howwaa fi gammachiisaan dabarsu Qeerroon gabaasa.

Iyyaasee fi dhiichisni aadaa Oromoo illee sirna kana irratti dhiyaatanii, jabinni  aadaa fi eenyummaa Oromoo, wiirtuu Oromummaa ta’uu ifatti agarsiisee jira.

Dhaamsonnii fi walleen darban kuniin Oromoota maraaf yaadannoo fi barnoota gahaa akka ta’u abdii qabna.

Sirba Aadaa Oromoo Borana   Hulluuqqoo
Dhaamsa Obbo Dabbasaa Guyyoo
 Dhaamsa Dhimma Hulluuqqoo 
 Dhaamsa Obbo Liiban Dabbasaa Guyyoo 2
 Waayee Mootummaa Ethiopia
 Aadaa Oromoo Boorana 
    Sirba WBO Faarsu

 Eebbaa Hulluuqoo
Clip – 8aa Sirba Lolii Wbo_01 – Segment1(00_00_09.351-00_01_36.580)   Wallee ykn Sirboota WBO

Baratootni Oromoo Moraa University Jimmaa Barachaa Jiran 3 Tika Wayyaaneen Ukkamfamanii Bakka Buuteen Isaanii Dhabame.

Aside

Sadaasa 26,2012 Jimmaa
Baratootni Oromoo Moraa University Jimmaa Barachaa Jiran 3 Tika Wayyaaneen Ukkamfamanii Bakka Buuteen Isaanii Dhabame. Baratootni Oromoo kunis maqaan isaanii
1. Barataa Tolaasaa Asmaraa Barataa Seeraa Waggaa 1ffaa,
2. Barataa Tamiruu Tafarraa Barataa Seeraa waggaa 4ffaa,
3. Barataa Gammachiis Lammeessaa Barataa civil injiinerii waggaa 2ffaa
kanneen barataan Mooraa University Jimmaa keessaa barachaa utuu jiraanii Sadaasaa 23,2012 irraa kaafamanii mooraa yuniveersitii keessaa essaa buuteen isaanii dhabamee jira, Akkuma amala isaa Mootummaan Wayyaanee yoom iyyuu ilmaan Oromoo ukkamsee dhabamsiisuun kan Beekamuu, Caasaa tikaa isaa diriirsuun ilmaan Oromoo ukkamsuu kayyeeffaate jira,Maatiin baratootaa kanaas lafa ilmaan isaani bu’aan dhabuudhaan dhiphinaa guddaa keessaa seenanii jiraachuun gabafame,
Haala kana irratti hundaawuun Qeerroon Yunversitii Jimmaa jiran ibsa ejjennoo xuqaalee 6 qabu baafachuun balaaleffannaa mootummichaaf qaban bulchiinsa moorichaatti galchanii jiru.Ibsoota isaanii keessatti ijoolleen ukkaamfaman kun hatattamaan akka gadhiifamanis tuqanii jiru.

SBO Sadaasa 25,2012

Aside

Iyyoolee ABOn Dhufee As Oolee

Video

Alaabaa fi Faajjiin Bilisummaa Oromiyaa Magaalotaa fi Baadiyyaa Gara Gaaraa Keessatti Balali’uu Itti Fufe

Aside

Sadaasa 24,2012 Mattuu
Gabaasaa; Sadaasaa 18/2012 Alabaan Addaa Bilisummaa Oromoo Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Mattuu, Gandaa baadiyaa Baarroo’ii Bakkaa Tuulluu Gurrachoo jedhamuutti yeroo lammaaffaaf heddumminaan bakkoota adda addaatti fannifamee kan olee ta’uun gabaafame.Ummaannii Oromoo nannichaa gadii yaa’uun guyyaa guutuu Alaabaa ABO, daawwaachaa kan olee ta’uun Addi Bilisummaa Oromoo dhugumattuu hawaasa keessa jira jechuun gammachuu isaa kan ibsate yeroo ta’u,dargaggoonnii fi dardarri xixiqqaan karaatti yaa’uun walleelee ABO fi WBO faarsu adda addaa sirbaa akka ooluu isaanii gabaafame. Kana malees guttummaa godinichaa keessaattii waraqaaleen Qeerroo ergaa Waamichaa FDG qabuu maxxanfamaafi raabsamaa jiraachuun hubatamee jira. haala rabsaa barruulee warraaqsaa Qeerroo kanaa ilaalchisuun mootummaan Wayyaanee fi jala deemtotaa isaa OPDO gidduuttii wal mormii guddaan dhalachaa jiraachuun dhagaahame,
Kanumaan walqabsisuun mootummaan abbaa irree Wayyaanee bulchaa gandaa Baarroo’ii nama maqaan isaa Tafarii Dababaa jedhamuun ati ABO waliin hidhata qabdaa Ummataas gara ABOtti ijaaraa jirtaa jechuun bulchaa gandaa irraa kaasuun hidhanii dararaa jiraachuun gabaafame

Biyyaan Dhabee Ture Seenaa Irraan Baradhe.

A.  Jedheen jalqaee qubee koo baradhee
B.   Biyyan dhabee ture, seenaa irraa hubadhee
C.  Cunqursaa halagaa hamma yoonaa baadhee
Cha. Che jedhchaa diinotaa uleedhaan owwaadhee..

Hawwisoo D