QABSOON OROMUMMAAN EEGALAMTE,OROMUMMAAN GALII ISII NI GEESSI !

Aside

Y(2005)G
Qabsoo Oromoo yeroo dheeraaf gaggeeffamaa jirutti xumura gochuu hanqachuun , waggoota Qabsoon Oromoo itti gaggeeffamaa ture keessa , waan hawwiine dhabnee , waan ofiif hin hawwiine nu mudachaa jiraachu irraa , Ummata Maalii abaarsa qabnaayii ? akka ofiin jedhu taasisee jira. Qabsoon dheerachuu isaaf, sababaa diinaa irra kan ofii keenyaa tau hundatu irratti walii gala. Rakkoo jiru waliin jiraachuun ykn waan hara taaa jiru kana yeroositti qoricha itti barbaachu irra , kabeebsaa deemuun , dheerachuu qabsoo kanaaf sababaa hangafaatii .
Siyaasa keessatti waan hundaa kan caalu, waan nama mudatu irraa barachuudha. Humni waan isa mudatuu fi quunnamu irraa baratee , jabiina isaa itti fufaa, dadhabiina isaa hin sirreeffatiin, eessallee hin gau. dhukkubuma wal fakkaataan dhibamaa jiraata . dhukkuba kana , odooma beektanii maaliif waliin jiraattan ? kan jedhu gaaffii dhaloota haraa taus, bara 2011 walakkaa kaasee, hundeessitoonni Qabsoo Oromoo iffatti walitti himuu fi rakkoo umameef itti gaafatamummaa fudhachuu eegalee, badii umameen gaabbuu fi sirreessuuf waadaa ofii seenuun , kunoo hara, waamicha Biyya kessaa fi alaa isaaniif dhihaateef deebii laachuu eegaluu, ifatti arguun keenya, dhaloota mirga isaaf akka falmatuuf kakaasan, galii isaa itti argisiisuuf murachuun isaanii Ummata Oromoof gammachuudha jedheen fudha.

QQABSOON OROMUMMAAN EEGALAMTE,OROMUMMAAN GALII ISII NI GEESSI !!!.docx

Raadiyoolee Simbirtuu fi Seife Nebelbal tamsaasa torbee kanaa

Aside

“Qeerroo waliin, beenu ni tarkaanfannaa!”

Aside

Akkas Jedhe Jedhe Qeerroon Barana “Har’a Malee Yaa Saba Koo Yoomiif Wal Abdatuu”

Video

Ibsa Walhubannoo fi Araara Qaama Cehumsaa ABO fi Shanee Gumii ABO

Aside


Ummanni Oromoo guyyaa kolonii Itiyophiyaa jalatti kuferraa eegalee haga har’aatti, mirga abbaa biyyummaa  sarbamee, qabeenya isaa irratti ajajuu dhabee miidhaan siyaasaa, miidhaan dinagdee, kan hawaasummaa fi kan  aadaa akasumas midhaan namoomaa irra ga’un isaa beekamaa dha.

Ummata keenya cunqursaa fi saamicha kononeefatta jalaa bilisa baasuuf, bara 1973 irraa eegalee haga har’aatti Addi Bilisumma Oromoo (ABO) qabsoo hidhannoo, siyaasaa, hawasummaa fi diplomaasii walitti qindeessuun iittifufiinsaan qabsoo hadhooftuu geggeessaa jiraachuu isaa hubatamaa dha.
Hata’u male waldhabbii fi adda bahiinsa bara 2001 mudate irraa QBO miidhamuun hunda biratti hubatamaa dha. Kanaaf, tattaaffii araaraa fi tokkoomuu yeroo dheeraaf deemaa ture xumuruuf jilli gama lachuu walgahii araaraa fi tokkoomuu Sadaasaa 14 – 20, 2012, gaggeeffachuun, adda bahiinsa irraa kaasee hanga har’aatti haala turan irratti yaada ifaa fi qulqullinna qabuun bal’inaatti haasa’uun, dhaaba kana deebifnee tokkoomsuuf qabxiilee armaa gadii irratti walii galtee irra gahuu keenya gammachuun beeksifna.

Guutummaan ibsa kanaa..
Afaan Oromoon:- Ibsa Walhubannoo fi Araara Qaama Cehumsaa ABO fi Shanee Gumii ABO

English :- Memorandum of Understanding and Agreements Between OLF SHG and OLF TA

SBO Sadaasa 21,2012

Aside

Irreecha 2012 Malkaa Arsadii

Aside

Diddaan Barattoota Oromoo Yuuniversity Jimmaa Itti Fufe

Aside

Sadaasa 20,2012 Jimma
Gabaasaa FDG, Sadaasaa 17,2012 University Jimmaattii Diddaan Gootota Baratoota Oromoo Jabaatee itti fufuun Lukkeelee Dinaa Raasee! Gototni Barattootaa Oromoo University Jimmaa FDG jabeessuun mootummaa Wayyaanee yaaddoo keessa buusuun gabaafame.
Moraa University Jimmaatti Mummee barnotaa Tekinolojiii [enginering}, Mooraa Kittoo Furdisaa irraa barachaa jiraan Sadaasa 17,2012 galgalaa sa’aa 2:00 irraa egaluun Sirbotaa Warraaqsaa nuti Qeerroon Goota gurbee garaan kee maal sii kajeelee fi walleelee warraaqsaa adda addaa sirbuun Qeerroo moraa yuunversitichaa dammaqsuun diina rifaasisaaa akka bulan beekameera. Sababni galgala keessaa sa’atii sanattii FDG egalchiisee , torbee darbee Filmiin Bidiruu jaalaala, Mooraa University Jimmaa isa Guddaa[main campus] keessaatti agarsiifame ture, kaleessaa galgala immoo damee Yuniveristichaa kan kittoo furdisaatti Argamuttii Filmiin Afaan Oromoo kun argarsiifamuuf, wayita jiruttii lukkeeleen Wayyaanee akka Filmiin kun hin agarsifamne dhorkan. Torbaan darbe keessas baratootni filmii ilaaluu dhiisanii Waraqaa warraaqsaa raabsuu fi Sirbotaa nama kakasuu sirbuun FDG nurraatti kaasaan, kanaaf iyyuu Filmiin afaan Oromoo hin agarsifamuu jechuun dhorkaan, kana sababbeeffaachuun goototni baratoota Oromoo, Sirna Abbaa irree Adaa fi Afaan sabaa keenyaa akka hin guddaannee fi Oromoon jireenyaa gadoo keessaa akka jiratu kan gochaa jirtu, hubachuun diddaa cimaan duraa dhaabbatan, Filmiin kunis duraa dhaabbaannaa baratootaan ilaalame, wayita Filmiin kun ilaalamuttii Qeerroon gaaffiilee mirgaa hiree murteeffaannaa Oromoo baratootaa keessaa facaase, saboontotni Oromoos sirbotaa Warraaqsaa sirbuun diina akka qaanessan qeerroon gabaasa.

“Gaheen Nurraa Eegamu Hanga Walabummaatti” Barattoota Oromoo Y.Dillaa

Aside

Sadaasa 19,2012 Diillaa

“Qabsoo Irraa Waa Eeguu Qofa Osoo Hin Taane ,Qabsoof Waa Gumaachuun Walabummaa Goonfatu , Nutis Gahee Nurraa Eegamu Ni Baana “Jedhu Barattooti Yuuniversity Diillaa.

Barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Dillaa keessatti baratan gahee Oromummaa QBO keessatti isaan eeggatu bahuuf Gaheen nurraa eegamu dirqama bahumsa keenyaan raawwata maree jedhuun walitti dhufuun dhimma QBO irratti marii jabaa gaggeessan.Barattootni Oromoo kunneen qooda Qeerroon biyyattii keessatti hojjechaa jiru egeree saba Oromoof abdachiisaa tahuu ibsuun kanneen hafanis Oromummaa qofaan osoo waa hin hojjetiin qabsoo irraa bu’aa walabummaa eeguu irra gahee isaan irraa eegamu bahuuf akka of qixeessan erga jedhaniin booda ofiis qooda qabsoo bahuuf murteeffatanii jiran.

Sabboontoti Oromoo Yuunivarsiitii Dillaa yeroodhaa gara yerootti sababa Oromummaa qofaan barnoota irraa ariiamaa,adamsamaa kanneen turanii fi hidhamaa turan,Ammas itti jiran yaadachuun miidhaan bara baraan cunqursaan hiriyyaa hin qabne saba Oromoo irra gahu akka dhaabbatuuf kakaumsi ilmaan Oromoo maraa murteessaa dha jedhanii jiran.Guyyaa FDG sadaasa 9 Doormii keessatti dungoo diimaa magariisa diimaa qabsiisuun mariin kun kan beellamame yoommuu tahu marii isaaniis ibsa ejjennoo baasuun xumuranii jiran

1. Qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti hamma kaayyoon bakka gahu gahee warraaqxummaa nurraa eegamu ni baana.

2. Sabboontota Oromoo yuunivarsiitiilee,Koollejjii fi manneen barnootaa gad aanaa maraaf dhaammata dabarsina

3. Hidhamuu lammii Oromoo fi Saaminsa gaggeeffamaa jiru ni mormina

4. WBO waan dandeenyu maraan cinaa ni dhaabbanna.ittiinis dhaadanna

5. Shira mootummaa Wayyaaneef hin jilbeeffannu

6. Tokkummaa Saba Oromoof halkanii fi guyyaa hojjenna

Kanneen jedhan baafachuun hojii isaanii gara fuulduraa akka itti fufinsaaf tahutti hojii QBOf qarshii 320.00(dhibba sadii fi digdama) walitti buufatanii jiran.Sabboontoti Oromoo martis waanjoo garbummaa bara baraa kana jalaa bahuuf murteeffachuun Qeerroo waliin akka kau waamicha godhatanii jiran.

“Michuu baayyeen qaba lixa biiftuu irraa, Dhaamsa koo naa gahi Oromoota maraa” Adnaan

Aside