Qeerroon Bilisummaa Yuunivarsiitii Arbaminc Diddaa Itti Fufan .Barreessaa Fiilmii HANDAARRII Seeraan Ala Hidhames Akka Gadhiifamu Taasisan

Aside

Logo_of_Arba_Minch_UniversityMuddee 02,2012

Yuunivarsiitii Arbaaminc mooraa Arbaminc keessatti diddaan barattootaa dhalate.Sabboontonti barattoota Oromoo aadaa,seenaa.duudhaa fi afoola afaan Oromoo guddisuuf kutatan Fiilmiin Afaan Oromoo HANDARII jedhamu kan Zannabaa Warquun barreeffame akka mooraa keessatti ilaalamu gaafatanii fiilmiin kun mooraa Yuunivarsiitii Arbaminc gahee booda Pirezedaantiin mooraa kanaa Dr.Fallaqaa W/Yas jedhamu poolisoota mooraa kanaa waamuun barreessaa fiilmii kanaa Zannabaa Warquu hiisise.Fiilmiin kunis mooraa yuunivarsiitii keessatti akka hin ilaalamnes dhorke.Barattootni Oromoo gamtaan Fiilmiin kun akkuma fiilmii afaan Amaaraa dirqama ilaalamuu qaba. Oromticha hiitanis daddaffiin hiikuu qabdu jechuun Fiilmii HANDARII dirqiin akka ilaalamuu fi barreessaan fiilmii kanaas hatattamaan akka hiikamu taasisanii jiran.

Gamtaan barattootaa kun jala deemtota mootummaa Wayyaaneetti bita kan gale galma Fiilmiin itti ilaalamutti waraana naanneessuun barattoota Oromoo doorsisuu yaalanis barattootni Oromoo walleewwan warraaqsaa Eebbisaa Addunyaa ‘’Korma Guduruu Oromoon Leencuma duruu’’,’’Tokkummaa’’ fi kanneen biroo weellisuun diina rifaasisanii jiran.

Qeerroon yuunivarsiitii Arbaminc yeroodhaa yerootti mirga mootummaa Wayyaaneen dhiibamu dura dhaabbachuun injifannoo galmeessisaa jira.Ilmaan Oromoo martis mirga keessaniif dhaabbadhaan dhaamsa qeerroo yuunivarsiitii Arbaminc dha.

Hojjettootni Magaala Finfinnee Kutaa Magaalaa Addis Katamaa Aanaa 7 Diddaa Kaasan‏

Aside

Muddee 02,2012 Finfinnee

OromiaALutaContinua2011FDGErga muummichi ministeeraa mootummaa abbaa irree Mallas Zeenaawwiin du’aan boqotee dhaabbati EPRDF Wayyaaneen guyyaa tokko illee nagaa argatee hin bulle.Diddaan hojjettoota irraa yeroodhaa gara yerootti itti dhiyaachaa kan dhufe yaaddoo jabaa keessa buusee jira.Gaaffiin mirgaa Sochii Dargaggoota Biyyoolessaa Kan Bilisummaa fi Dimokiraasii(Qeerroo) daran jabaachaa dhufuun mootummaa abbaa irree Wayyaaneetti yaaddoo jabaa tahee jira.

Gaaffiin mirgaa fi Bilisummaa hojjettoota Oromoo Magaala Finfinnee Kutaa magaalaa Addis Katamaa aanaa 07 keessatti wal gahii mootummaan Wayyaanee ololaaf waamte irratti ifaan gaafatame.Gaaffiileen

  1. Ilmaan Oromoo baay’inaanis tahe qabeenyaan Uummata Itoophiyaa
  2. dursanii osoo argamanii aangoon siyaasaa fi diinagdee akkasumas abbaa biyyummaa maaliif hin kennamu?
  3. Hojjettoota mootummaa keessaa lammiileen Oromoo ija diinaan ilaalamuun sababa maalii akka ta’e beekamuu qaba?
  4. Wal gahii mootummaa Wayyaaneen qophaa’u irratti hojjettootni Oromoo
  5. maaliif lagatamu?
  6. Qorannaan,Hojii irraa arii’uun,Miindaa dhorkannaan,Hidhaan sababa
  7. Oromummaa qofaan maaliif hojjettoota Oromoo qofa mudata?

Kanneen jedhanii fi gaaffiilee marga sabaa fi sablammootaatti hidhatu heddumminaan  kaasuun olola qondaalota  Wayyaanee harkatti fashaleessuun gaaffii bilisummaa kaasanii jiran.

Dabballootni mootummaa Wayyaanee siyaasa mataa isaanii gaggeeffachuuf dhufan qaaniin deebi’uun gaaffii keessan gara Siivil Sarvisiitti dabarsina jechuun wal gahiin godhame diddaa fi gaaffiilee mirgaa jajjabduun golboobamee jira jechuun Qeerroon gabaasa.

 

Diddaan Qeerroo itti fufe; ummatis walhubannoo ABO tokkoomsuuf godhame akka deeggaran ibsatan!!

Aside

(Qeerroo, Jimmaa, 30 Sadaasa 2012) Miseensoti Qeerroo godina Jimmaa keessa socho’an diddaa fi fincila isaanii jabeessuun ayyaana Wayyaaneen qopheeffatte irratti dhimma saba Oromoo fi gaaffii Oromoo belbelachaa ooluun gabaasame.
Oduun Qeerroo godina Jimmaa akka ibsutti, ayyaana kabaja sabaa fi sab-lammii ilaalchisee Qeerroon faaruu qeerrootiin barattoota waliin magaalaa fi mooraa yuuniversity Jimmaa keessa deddeebi’uudhaan sirbaa oolan.
Diddaa Sadaasaa 29 deemsisame kana irratti, akkasumas Araaramuu ABOtiin wal qabatee uummataaa fi barattootni godina Jimmaa,Illuu ona Mattuu,Buree, Cooraa, Darimuu akkasuma Qellem; Anfilloo, Gidaamii,Sayyoo fi Begii keessatti Araara Adda Bilisummaa Oromoo dhaga’uu irraan uummannii fi barattootni sirba qabsoo akka sirbaa turan beekamee jira.
Kana malees,waraqaa Tokkummaa ABO jabaateef gammachuu keenya ibsanna jedhuun akka gammachuu isaanii ibsatan oduun kun dabalee ibsee jira.
Sabboontoti Oromoo kanneen akka Ona Anfilloo,Begii keessatti argamanis haala walhubannoo jiru irratti gammachuu isaanii sirbaa fi dhaadannoo addaddaa barreessuudhaan ibsachaa turaniiru.

Itti fufee dhimma tokkummaa’uu ABO bu’ureffatee barattootni yuuniversity mooraa Finfinnee, Amboo fi Wallaggaa sochii keenyaaf jabina tokko tahuu isaa, uummanni keenya keessaa fi alaan walitti dhufee tokkummaa jabeessuun diina irratti qabsaa’uu kan tahu mata duree godhachuudhaan wal gayii adeesifatee jira.
Alaan dhaabni tokko tahuun isaa kanneen keessa sochii waarraaqsa irra jiran daran kan jabeessuu waan taheef adeemsa hojii qabsoo jabeessuu fi tooftaa haareessuuf qeerroon mooraa kanatti mari’ate gadi buusee hamma ganda keessatti hojjechuudhaaf murteesse,haal-duree tokko malee, boodatti osoo hin jedhin qabsoo hamma galii isaa gahutti gaggeessuuf qeerroon mooraa yuuniversity sadan kana irraa waliin murteeffate.
Kana malees, aannoo Finfinnee aanaa Sulultaa gandoota Akaakoo Manabbichuu ,Muloo Adaadii, Wareersoo Maalimaa, Kattaa Wallallee, Gullallee Gabiri’el fi Galaanoo Soboraa keessa Qeerroon jiru walitti dhufee uummata wal gayii teessisee jira. Walgayiin kunis kan bu’ureffate:
-Dhaabni ABO yeroo dheeraaf addatti qoodamee ture walitti dhufee tokko tahuu isaa, tokkummaadhaan galii isaa galmaan gahuudhaaf akka murteeffatee ka’e uummata kana hubachiisaa turaniiru,
-Akkasuma bifa leenjiin wal qabatee haala akkamiin diina dura akka dhaabbatan, gaaffii dhiyaatuuf deebii kan dhabeef diddaa gaaffii keenyaaf deebii dhabee irratti kaasuu fi kkf, ilaalchisee Sadaasa 29 qeerroon ona kana irraa uummata waliin tumsa dhimma qabsoo jabeessuu irratti marii godhateen uummanni gandoota kana irraa walitti dhufe ibsa ejjennoo isaa lafa kaayata.Inni kanatti aansee kan jiruudha.

Biyyaattii keessatti sirna Haqaa fi Diimokiraasii raggaasisuuf gama keenyaan dhaaba keenya ABO cina gorree ni hiriirra. Ijoollee qabnu xiqqaadhaa hamma guddaatti kaayyoo dhaabni keenya ABO fuulleffatee ka’e maatiidhaan nutis gama keenyaan galmaan gahuudhaaf irratti ni qabsoofna.
Diina keenya mootummaa wayyaanee shiraa fi kaayyoo isaa dura dhaabbachuuf tokkummaadhaan ni kaana.
Qabsoo bilisummaa keenyaaf beelli, dheebuun, qullaa tahuun, hiyyummaan, amantiin utu nu daangessin warraaqsa uummata oromoo qeerroo waliin tahuun wareegama barbaachisu raawwachuuf murteeffanneerra.
Deggersa barbaachisu dhaaba keenya ABOf raawwachuuf boodatti hin jennu.
Qabsoon keenya hamma galii gahutti, garboofataan keenya hamma kufutti,kaayyoon saba oromoo hamma milkaa’utti har’a Sadaasa 29 irraa kaanee qabsoo keenya eegaluuf murtoo keenya dabarfanna.
Akkasuma barattoota oromoo yuuniversitii Madda Walaabuu sadaasa 29 gammachuu Araara ABO sababeessuudhaan mooraa keessatti sirba Taaddalaa Gammachuu, akkana jechuudhaan mooraaa keessatti sirbaa akka turan gabaasaan qeerroo moorichaa addeessa. Kunis waraqaa dhaadannoo “ GADAAN KUN MILKII QABDI KAN ITTI DEEMAA JIRRUU….. jedhu barreessuudhaan geerarsaa armaan gadii kana dhegeessisaa turan jedha.
“Bakkalchatu Calaqqisa Biiftutu Dhufa Bariitu
Sabakoo Gadaan Keenya Milkiin Waa Fagoo Hin Jirtu
Faajjiin Galma Abbaa Gadaa Urjiin Odaa Irraa Iftuu
Yoomiyyuu Hawwiin Keenya Galma Geessi Malee Hin Haftu
Gaafa Tokko Haalli Mijaa’ee
Arguuf jirra Sabni Milkaa’e
Oromiyaan Bilisoomtee…….” Jedhuun guyyaa har’aa mooraa yuuniversitii Madda Walaabuu keessatti barattoota dhageessisaa oolaniiru.
Walii galatti tokko tahuu dhaaba Adda Bilisummaa Oromoo uummanni gammachuu isaa gama hundaan akka dhageessisaa jiru gabaasaan nu gahaa jira kana irratti hundaa’ee qeerroon uummata waliin qabsoo jabeessuf wal hidhatee ka’ee jira,gabaasaan jiru kan itti fufee jiruudha.
Qabsoon Itti Fufa!!
Gabrummaan Ni Kufa!!

Araara Mooraa Qabsoo Oromoo Keessatti ta’e Ilaalchisuun Qophii Addaa Raadiyoo Simbirtuu

Aside

Faaruu Waaqeffatnaa.

Aside

Godina Harargee Lixaa Keessatti Barattooti Oromoo FDG Gaggeessan

Aside

Sadaasa 30,2012 Daaroo Labuu

Godina Harargee Lixaa Ona Daaroo Labuu irraa har’a Sadaasa 30 gabaasaa Qeerroo addeessaa jiru barattootni mana barumsaa qophaayinaa magaalaa ona Daarootti argamu(barattoota kutaa 11 fi 12) tokkummaa’uu ABOtiin kan ka’e barattootni kun kaleessa galgala waraqaa dhaadannoo magaalaa keeessatti maxxansaa turaniiru, alaabaa fi faajjii dhaabaa waraqaa irratti qopheessuudhaan uummataa keessatti bittimsaa akka turan qeerroon gabaasee jira. Akkasuma sirba siyaasaa
” Wabii sabaa Gootakoo sin faarsakaa qoodakoo,
Wabii sabaa Gootakoo sin faarsakaa WBO koo

Goota gaafa xiiqii yaa Goota sika Faajjin dhalootaa
Diinaaf Garaa hin hirree gootnikoo Elemoo Gaachanoo……”
Jedhuun sirbanii magaalaa keessa akka naannawaa turan gabaasaan addeessa. Hidhattoonti wayyaanee(poolisoota oromiyaa, milishoota gandaa) rifannaa keessa galuudhaan magaalaa keessa socho’uun illee qeerroo fi uummata boodatti deebisuu hin dandeenye jedha Qeerroon.
Kana malees Qellem, Gabaa Roobii irrattis uummanni dhimma tokkummaa’uu ABOtiin gammachuu isaalee manneen amantaa Manakaana Yesuus ona kana keessatti ibsachaa ture, kan Alaan tokko nu goote keessanis tokkummaa keenya jabeessi Yaa Waaq jechuudhaan dhimma Araaraa kanaaf yeroo Waaqa galateeffachaa turan yoo ta’u kaayyoo keenya galmaan gahi,Bilisummaa keenya ijaan nu agarsiisi, lammii biyyaa isaaf qabsoo gaggeessaa jiru gargaari jedhanii mana amantaa isaanii keessatti gara Waaqatti iyyaa akka jiran ganama kana Qeerroon gabaasee jira.Akkasuma mana amantaa kana fuula duratti waraqaan dhaadannoo fi faajjii kan mul’isu waraqaa irratti qopheessanii dhaadannoo ” Tokkummaan Hamma Qabsoon Keenya Galma Gahutti Itti Fufa!” jedhu barreessanii akka maxxansan gabaasaan Qeerroon Ona kanaa addeessa.Waraabbiin suuraa kan jiru akka nu gaheen dhaamama.

Seife Nebelbal Radio Program (SNRP), New Book Release Ceremony in Houston, Texas

Aside

Raadiyoo Simbirtuu,Qophii Sadaasa 29,2012

Aside

Qeerroon Godina Booranaa Araara ABOn Buuse Dergeruun Gumaacha Maallaqaa Taasisan

Aside

Sadaasa 29,2012 Areeroo

Qeerroon Godina Booranaa aanaa Areeroo keessatti argaman walitti dhufuun dhimma qabsoo irratti marii jabaa taasisan jiran.Sadaasa 27/2012 Qeerroon aanaa kana keessaa gandoota adda addaa irraa walitti dhufuun dhimmoota QBO irratti marii baldhaa gaggeessanii akka jiran beekame.

Tarkaanfiin AraaraaABO fudhate hamilee Qeerroo fi qabsaaota duraanii haalaan kan kaasee fi boqonnaa haaraa qabsoo bilisummaa Oromoon gaggeeffamu akka fidu beekamaa dha.Ilmaan Oromoo Addunyaa kana irra jirtan marti gumaata barbaachisaa QBOf akka gumaattan jechuun Qeerroon aanaa Areeroo dhaammatee jira.Qeerroon aanaa kanaas hojii Qabsoo Bilisummaa Oromoof kan tahu qarshii 600(dhibba jaba) tokko tokkoon isaanii qarshii shantama walitti qabatanii jiru.Gumaatni barbaachisaanii fi adda durummaan akka isaan eeggatus dhaamanii jiru.

Haala kanaan Qeerroon ibsoota ejjennoo armaa gadii lafa kaayyatanii jiran.

  1. Dirqama Oromummaan nutti kenname QBO haala kam keessattuu galmaangeessisuuf ni hojjenna
  2. Tarkaanfii Araaraa ABOn fudhate haalaan deeggarra.Gammachuunis simanna
  3. Saaminsa lafaa fi qabeenya oromiyaa mootummaa Wayyaaneengaggeeffamu ni mormina
  4. Barattoota,Qoteebultoota,daldaltoota ijaaruun gaaffii mirgaa akkakaasan ni hojjenna
  5. Sabawwan cunqurfamoo biyyattii keessaa barsiisuun,hubachiisuungaaffii mirgaa fi bilisummaaf akka kaan jabaannee ni hojjenna
  6. Hidhaa,ajjeechaa fi biyya irraa ariiatamuu ni mormina

Kanaan jedhani.

Barattooti Oromoo Godina Shawaa Lixaa, Magaalaa Geedoo FDG Itti Fufan

Aside

Sadaasa 29,2012 Geedoo

Gabaasaa: Sadaasaa 26/2012 Godina Lixaa Shawaa Aanaa Calliyaa Magaalaa Geeddoo Mana Barumsaa Geedoo Sadarkaa 2ffaa fi Prepaaratoorii kessaatti FDG gototaa baratootaa Oromoo itti fufee jiraachuun ibsame.Baratotni Mana barumsaa Geedoo Sadarkaa 2ffaa kun gaaffii mirga abbaa Biyyuummaa kaasuun Motummaan abaa irree Wayyaaneen mirga barattoota Oromoo fi walii gala ummata Oromoo haala daangaa darbeen miidhaa waan jiruuf gochaa isaa kana irraa akka dhaabbatu jechuun hanga bulchiinsa mana barnootaatti deemuu fi iyyaan sagalee dhageessisuun dhiheefachuu isaanii dhagahame. Kana malees dhaabni Wayyaaneen tolfame OPDOn waggoota 21 kana keessatti dantaa Wayyaaneef jecha ummata Oromoo miidhaa turan amma illee itti fufanii waan jiraniif miidhama Oromoo kana kana booda waan teenyee ilaallu miti,OPDOn s gochaa kana irraa hatattamaan dhaabbachuu qabdi jechuun sagalee diddaa dhageessisuun gabaafame.

Haala kanaan kan rifatan bulchiinsi magaalaa fi qondaaloti Wayyaanee OPDOn barattoota Oromoo sossobuuf jecha gaaffii keessan sadarkaa mootummaatti dhiheessuuf Kaawinsilii bakka buaa barattootaa isinii ijaarree gaaffiin keessan achiin haadhagahamu ammasitti gaaffii mirgaa jettanii hin kaasiina jechaa turan. Kun kana taee osoo jiruu Qeerroon mana barnootichaa bakka buaa mataa keenyaa waan qabnuuf isin nuu ijaaruu hin dandeessan yaada jedhu sagalee diddaa guutuun itti iyyuun deebisan.

Haluumaa kanaan Sochii FDG jabeessuuf Waaraqaaleen FDG Qeerroon Godina Lixaa Shawaa qopheessee, gaffii mirgaa hiree murteeffaannaa ummataa Oromoo garaagaraa kan of irraa qabu gutummaa godinichaa keessaatti rabsamaa jiraachuun gabaafamera,kessaattuu Onotaa Akka Geedoo, Midaa Qanyii, Amboo, Iluu Galaan, Bakkoo, Daannoo, Xiiqur Inciinnii, Gudar, Gincii, Jalduu fi Gindabarati fa’ittii rabsamee kan jiruu ta’uu Qeerroon gabaasaa isaa keessaattii addeessee jira,