Qeerroon Yuuniversitii Arbaa Minci Guyyaa Gootota Oromoo Bifa Addaa fi Dhaamsa Qabeessan Kabajatan(Part 1)

Aside

Barattootni Yuunivarsiitii Finfinnee Damee Bishooftuu kanneen arrabsoo irratti bobba’anii fi basaastota adda baasuun itti gaafatamummaa haa fudhatan jechuun diddaa itti fufan

Aside

Ebla 24,2013 Finfinnee
Garboomfataa mootummaa wayyaaneewaliin tahuun barattootni habashaa ilmaan oromoo arrabsuutti bobbaan Yuunivarsiitii Finfinnee Damee Bishooftuu Veternary waggaa 1ffaa baratan ifaan seeratti haa dhiyaatan jechuun diddaan barattoota oromoo jabaatee itti fufee jira.Yuunivarsiitii Bishooftuu keessatti barattootni ilmaan habashaa tahan

1. Magbaat Mulgeta

2. Matiwoos Xilahuun

3. Tesfasillaasee Saamuel

4. Zalalem Tesfayee

5. Kaasahun Dallaanee

6. Mohaammed Habiib

7. Raqiiq Geetahun

8. Mihret Tafarii

Maqaa oromoo jijjiiruun tuffii uummatichaaf qabanis waan agarsiisuuf mirga keenya nutu kabajsiifata,Isaan waliin teenyee hin barannu jechuun barattootni oromoo gamtaan irbuu seenan tiksuun roorroo of irraa ittisuu irratti argamu.Ilmaan habashaa maqaan isaanii armaan olitti tarreeffaman ifaan diina oromoo ergama wayyaanee irraa fudhatan waan tahaniif ilmaan oromoo marti diina keessan dura dhaabbachuuf gumaata barbaachisaa akka baatan waamicha oromummaa dabarsfanna jechuun qeerroon Yuunivarsiitii Finfinnee Damee Bishooftuu dhaamsa jabaa dabarfata.

Kabajaa Guyyaa Gootota Oromoo 2013 Kutaalee ABO Kaaba Amaarikaa Keessa Hamma Tokko

Aside

  

Iyyoolee ABOn Dhufee As Oole. Qeerroo 2012 Bishooftuu Oromiyaa

Aside

Yuunivarsiitii Finfinnee Damee Bishooftuu keessatti barattooti Oromoo rorroo if irraa ittisuutti seenan

Aside

Gabaasa Qeerroo Finfinnee Ebla 23,2013
OromiaALutaContinua2011FDGMootummaan Wayyaanee biyyaa fi uummata Oromoo maqaa jijjiiruutti kan amaleeffate yeroodhaa gara yerootti basaastotaa fi jala deemtota isaa bobbaasuun arrabsoo fi maqaa jijjiirraa ilmaan oromoo irratti gaggaeessaa jira.Yuunivarsiitiilee keessattii barattootni Oromoo baratan arrabsoo jala deemtotaa fi ilmaan habashaan gaggeeffamu irratti tarkaanfiin seera qabeessaa akka isaan irratti fudhatamuuf iyyannoo fi gaaffii mirgaa wal irraa hin cinne gaggeessaa turan.Garuu deebiin mootummaa wayyaanee irraa kennamu hidhaa fi ajjeechaa akkasumas barnoota irraa ilmaan Oromoo arii’uu tahe.
Haaluma kanaan wal qabachuunis Yuunivarsiitii Finfinnee Damee Kiiloo 4 keessatti arrabsoon ilmaan oromoo irratti raawwatame irra deebi’uun Yuunivarsiitii Finfinnee Damee Bishooftuu keessatti itti fufuu irraan kan ka’e sabboontotni barattoota oromoo alagaa waliin hin barannu,Namni arrabsoo kanatti bobba’ee fi bobbaase biyyattii irratti TVdhaan ibsamee murtiin seeraa itti nuuf haa kennamu hangas tarkaanfii mataa keenyaa fudhanna jechuun barattoota habashaa hunda mooraa Yuunivarsiitii Finfinnee Damee Bishooftuu keessaa baasanii jiran.Mootummaan Wayyaanee kana dura dhaabbachuuf waraanaa fi kadhaan dura dhaabbachuuf yaalus ilmaan Oromoo ejjennoo murtii dhumaa fudhatanii jiran.
Wayyaaneen gocha farrummaa akka nurraa dhaabuuf ilmaan Oromoo marti waamicha keenya akka nuu dhageessan jechuun sabboontotni barattoota Oromoo ibsatanii jiran.

Gudunnfaa Kabaja Guyyaa Gootota Oromoo 2013

Aside

Ebla 23,2013 Finfinnee

Guyyaan Gootota Oromoo Qeerroo Oromoo fi deeggartoota QBO biratti haala holaan kabajamee jira.Ayyaanni kun qophiilee garaa garaan kabajame.Yuunivarsiitiilee keessatti barattootni,barsiisotni,hojjettootni dungoo diimaa magariisa ibsuun alaabaa ABO qabachuun qophiin waadaa haaromsuu fi marii akkasumas dhimma QBOf kan oolu buusiin buufamee jira.Maadheelee dhaabaa fi deeggartoota irraa walii gala buusiin dhimma QBOf oolu 4370(qarshii kuma afurii fi dhibba sadiif torbaatama) buufamee jira.Waraqaaleen dhaadannoo garaa garaa magaalawwan Oromiyaa keessatti hedduumminaan maxxanfamanii jiran.

Ayyaanni kun manneen barnootaa gad aanaa,Koollejjiiwwan kanneen akka rift vaalii,daandii booruu,unity,Odaa bulluq,Fincha Valley fi yuunivarsiitiilee Jimmaa,Mattuu,Finfinnee,Adaamaa,Amboo,Bishooftuu,Haramaayaa,Dirree Dawaa,Jijjigaa,Arbamin,Hawaasaa,Naqqamtee fi Gonder keessatti haala hoaan kabajamee jira.Waraqaaleen dhaadannoos dhaabbilee barnootaa fi magaalawwan keessatti hedduumminaan maxxanfaman mootummaa wayyaanee rifaatii keessa buusuun waraana bobbaasee uummata sakattauuf akka dirqamu taasisee jira.

Gabaabumatti Oromiyaa keessatti Guyyaan Gootota Oromoo wayita kabajamutti qophiileen irratti dhiyeeffaman abdii QBO kan tahanii fi garbummaa bara baraa of irraa darbuuf karaa guddaa saaqee kan darbe dha.

SBO Ebla 21 Bara 2013

Aside

Dhaloota Ol Guddatan Kana Maal Dhaalchifnaa???

[audio

Artist Tasfayee Dhimmaa:Yaadannoo GGO ilaalchisee. “ABO Kallachi Oromootaa Si Qofaa”

Aside