Barataa Qananiisaa Raggaasaa Amboo Yuuniversitii Irraa, Taakkalaa Yohaannis Ammoo Anfilloo Irraa Seeraan ala Ukkamfaman

Aside

Ebla 20,2012 Finfinnee

Barataa Qananiisaa Raggaasaa Bioprocess Engineering waggaa 3ffaa Ambo Yuuniversitii irraa baratu human tikaa fi poolisa Wayyaaneen guyyaa haraa Ebla 19, guyyaa keessaa saa 12:30 pm hidhattoota mooraa Yuuniversitii Amboo keessatti guyyaa GGO kabajjee fi alaabaa ABO uffatte sababaa jedhuun rukutamuu fi qabamuu isaa ragaan kan argame yeroo tau erga qabamee hanga ammaatti bakka buuteen mucaa kana dhabamee akka jiru Qeerroon mooraa Yuuniversitii Amboo gabaasee jira.

Barattooti gariin bulchitoota mooraa yeroo gaafatanitti Fincila moootummaa irratti kaasuuf uummataa fi barattoota kan qindeessu si jechuun akkasuma mootummaa irratti uummata kaasuun GGO jedhee alaabaa uffate jechuun mootumaan yakkuu irraan qabame jechuu malee waan biraa hin beeknu jedhanii barattoota of irraa deebisan. Hanga ammaatti barataan kun duaa fi jiraachuun isaa hin beekamu.

Kana malees Wallagga aanaa Anifilloo irraa barattoota naannoo tokkotti gurmaayee taphatuun wal qabsiisanii isin guyyaa GGO kabajjuu fi halluu alaabaa ABO uffattaniittu sababa jedhuun barattoota 7 qabanii qoratan keessaa Barataa Yohaannis Taakkalaa hanga ammaa bakka buuteen isaa hin beekamiin jira.

Ummanni Oromoos tae sabboontoti Oromoo barattoota ilmaan sabaa biyya abbaa isaanii keessatti akkana dararamaa jiraniif birmannaa Oromummaa akka godhaniif eerroon waamicha dabarsa.

Dhaamsa Jajjabduu!! Jaal Kardir Sa’idii fi Jaal Elemoo Alii /TV Oromoo Waliin

Aside

” Kallacha Qabsoo……. ABO qabna!! 

Jaarmiyaa Cimsaa…… ni Bilisoomna” !!   Jaal Kadir Sa’id

————-//————————

“An dide gabrummaa!! jedhe bilisummaa!!

ABO dhaaba koo Abdiin Kiyya  Sumaa

Hagamuu yoo turte moohinsi keetuma!!”    Jaal Elemoo Alii

Gabaasaa GGO Ebla 15 Godina Booranaa fi Harargee Irraa Nu Gahe

Aside

Gabaasa Qeerroo Finfinnee Ebla 20,2013

Rakkoo quunnamtii networkiin kan gabaasaan isaa boodatti harkifate guyyaa gootota oromoo Ebla 15 Oromiyaa keessaa naannoo adda addaatti kabajamee jiru ammallee gabaasaan isaa kan nugahaa jiru:1.Godina Booraa Ona ;
1.1 Booree
1.2 Dirree,
1.3 Galaana Abbayyaa
1.4 Liiban fi
1.5 Shaakkisoo irraa haala hoo’aan kabachaa turuu isaanii akkasuma kanatti dhimma bahuudhaanis ijaarsa maadhee fi leenjii uummata armaan dura ijaarsi hin qaqqabin jiru qaqqabuun ayyaana kanaan wal qabsiisanii hojii hojjetaa akka turan gabaasaan Qeerroo addeessa. Keessattuu hojiileen hojjetaman:-

  1. -Leenjii siyaasaa uummata naannoo jiranii fi kan itti amananiif kennaa turaniiru,
  2. -Barattoota mana barumsaa sadarkaa 1ffaa fi 2ffaatiin leenjii siyaasaa kennamaa tureera.
  3. -Hidhattootni mootummaa milishaa gandaa fi poolisoonni maadhetti ijaaramanii godina kana keessaa ona Dirree fi Liiban irra jiran walitti dhufanii wal ijaarsa,qabsoo keessatti kallattii isaan irratti hirmaachuun barbaachisuun waadaa seenaa,barruu dhaabaa kanneen siyaasa keenya hin hubatin ittiin gahuun raabsaa fi buusiin sochii qeerroo godina sana irra jiruuf deggersa gochuuf gumaacha gochuun GGO kabajachuun haala dabarsanii akka jiran gabaasaa isaa nuun gahanii jiru.

Karaa biraa
2.Harargee Ona;
2.1 Baddaannoo
2.2 Qarsaa
2.3 Jaarsoo
2.4.Meettaa fi
2.5 Daaroo Labuu
Akka gabaasaa GGO onoota kana irraa nugahee jiruttis;

  • -Hidhataan mootummaa maadhee keessatti ijaaramee jiu bakka tokkotti wal gahuun guyyaa kana icciti qabeessaan bosona keessatti kabajaa isaanii akka raawwatan nuuf dhaamu.Akkasuma ibsa ejjennoo lafa kaayatanii nuuf dhaaman:
  • -Yoomiyyuu ajajaa fi dirqama dhaaba keenyaan durfamnee qabsoo bilisummaa oromoo galmaan gahuuf tokkummaadhaan akka kaanu murtoo keenya ibsanna.
  • -Nuti hidhattootni mootummaa godina Harargee irra jirru dhugaa fi miidhaa uummata keenyaa oromoo hubannee waanjoo garbummaa saba keenya irra jiru kana,mootummaa wayyaanee nurratti goobee jiru of irraa fonqolchuufgama keenyaan ni qabsoofna!
  • -Wareegama qabsoof barbaachisu gochuuf yoomiyyuu boodatti hin jennu!
  • -Ilmaan oromoo mana hidhaatti dararamaa jiru gargaarsa barbaachisu gochuuf; isaanii fi maatii isaanii cina tokkummaa qabnuu fi ijaarsa keenya kanaan gumaacha barbaachisu ni goona jedhuun ibsa ejjennoo isaanii kan ibsatan yoo yahu godina kana irratti haalli kabajaa GGO ittiin darbe yaadannoo gootota darbanii waliif kaasuun,faaruu wal dheggeeffachiisuun akkasuma ijaarsa qaban irratti buusii adda addaa gochuun barruu ittiin baayisaa bittimsaa fi kuusaa barruu dhaaba irraa dhufu qopheessuun kabajaa ayyaana kanaa dabarsanii jiru.Ammallee Qeerroon godina kana irra jiru sochiin qeerroo fi uummataa jabaatee akka fufaa jiruu fi babal’inni siyaasaa godina kana irratti hanga hidhataa mootummaa fi waajjiraalee godinicha keessa jiruutti haalaan kan jabaataa jiru tahuu isaa nu hubachiisee jira.

Qabsoon Itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Mootummaan Wayyaanee Naannoo Beeneshangul Keessatti Duulla Farruummaa Barsiisota Oromoo Irratti Bane.

Aside

Ebla 20,2013 Asoosaa

Naannoo Beenishaangul Gumuz aanaa Sogee keessatti gocha farrummaa mootummaan wayyaanee qeee irraa buqqisuu gaggeessaa jiruun barsiisotni Oromoo addatti mana barumsaa Lakkuu Qumbii sadarkaa 1ffaa rakkoo hamaa keessatti kufan.Mootummaan wayyaanee qeee irraa uummata hojii investimentiif qeee irraa buqqisuu kan barate mana barumsaa Qumbii Sadarkaa 1ffaa buqqisuuf hojii dhaabbateen barsiisotaaf miindaa hin kaffalu jechaa mana isaan keessa jiraatanis buqqisee jira.Rakkoo kanaan barsiisotni mana barumsaa kanaa

1. Barsiisaa Habtaamuu Oljirraa

2. Barsiistuu Belaaynesh Boggaalee

3. Barsiisaa Amaluu Kumii

4. Barsiisaa Baatiree Culaa

5. Barsiisaa Olqabaa Tarfaa

Rakkoo kana keessatti kufanii jiran.Jala deemtotni mootummaa wayyaanee gocha farrummaa kanatti diina waliin ejjennoo walii tahuun itti jiran Obbo Biraanuu Mallasaa fi Obbo Fiqaaduu Koorsisaa dabballoota mootummaa wayyaanee tahan yoommuu tahu jarreen kun gocha farrummaa kana irraa hin dhaabbatan taanaan tarkaanfiin gatii isaanii madaalu akka isaan eegu qeerroon gabaasee jira.

Sagaleewwan Warraaqoo

Aside

Seife Nebelbal Radio: Interview with Obboo Jemal Ibrahim

Simbirtuu-18-04-2013

SBS: Interview with Jaal Boruu Barraaqaa, Spokesperson of the OLF

Cuuraa Manguddootaaf:-Walaloo Jaal Ibsaa Guutama:

Voice of Oromiyaa: Gaafif Deebii Jaal Galaasaa Dilboo Waliin Goone

Ati Hin Duune Jirta/ Walaloo SBO Ebla 15,2013

https://qeerroo.org/wp-content/uploads/2013/04/ati-hin-duune-jirta-walaloo-sbo-ebla-152013.mp3SBO

Guyyaa Gootota Oromoo Ebla 15,2013 Ilaalchisee Yuuniversitii Finfinnee fi Bakkoota Adda Addaatti Barruun Warraaqsaa Maxxanfame

Aside

Qeerroon bilisummaa guyyaa gootota Oromoo Ebla 15,2013 ilaalchisuun barruulee warraaqsaa fi waamicha qabsoo ummata Oromoo bakkoota adda addaatti maxxansan.

Yuunivarsiitii Haramaayaa fi naannoo isheetti guyyaan gootota oromoo hordoffii mootummaa wayyaanee jalaa bifa miliqeen Ebla 16/2013 haala ho’aan ayyaaneffatame.

Aside

Ebla 18,2013 Haromaya

Hub:- Gabaasi kun suuraa fi Vidiyoon waan jiruuf  Qeerroon  barruu qofaan baasuuf dirqame)

Miseensotnii fi deeggartootni qeerroo Yuunivarsiitii Haramaayaa fi naannoo ishee Ebla 15 guyyaa gootota oromoo hordoffii diina jalaa miliquuf Ebla 16/2013 haala hoaan ayyaaneffatanii jiran.Mootummaan garboomfataa wayyaanee Ebla 15 irratti ayyaanni kun akka hin ayyaaneffatamneef basaastotaa fi federaalota ganda keessa gadhiisuun sakattainsa gaggeessaa kan ture yoommuu tahu sabboontotni barattoota oromoo fi jiraattootni naannoo kanaa Ebla 16/2013 walitti dhufuun haala hoaan ayyaaneffatanii jiran.Qophii isaaniif yaadannoo gootawwan wareegamaniif gochuun eegalan.Marii balaa erga gaggeessanii boodas ibsa ejjennoo qabxii toorba of keessaa qabu baafatanii jiran.Ibsawwan ejjennoo kunneen

1. Akeeka gootawwan keenya itti wareegaman bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaa galmaan geessisuuf wareegama barbaachisaa ni baana.

2. Dhaaba keenya dhugaa ABO jalatti hiriirree hiree murteeffannaa uummata keenyaa mirkaneessuuf hanga dhumaatti ni hojjenna.

3. Gantootaa fi ayyaan laallattootaaf harka hin laannu.Kanneen uummata oromoo dogoggorsuuf sochoanis dura ni dhaabbanna.

4. Saaminsa

5. Qaalainsa jireenyaa,hojii dhabdummaa fi malaammaltummaa mootummaa bicuu wayyaanee irraa nu mudate ni morminaqabeenya Oromiyaa,hidhaa fi ajjeechaa ni mormina.

6. Waraana bilisummaa Oromoo ni deeggarra.Waan qabnu maraan cinaas ni dhaabbanna.

7. Qotee bulaa,barataa,barsiisaa osoo hin jedhiin ilmaan oromoo marti mirga isaaf akka dhaabbatu gahee keenya ni baana.

Kanneen jedhani dha.Dhuma irratti alaabaa ABO qabachuun waadaa walii seenuun ayyaana guyyaa gootota oromoo diina jalaa bifa miliqaa taheen ayyaaneffatanii jiran.QBO galmaan geessisuufis maallaqa 275.00(dhibba lamaa fi torbaatamii shan) walitti qabatanii jiran.

 

 

Hojjettootni 1300 east industrial Zone akkumas 500 kan waasrhaa sukkaara Fincaa’aa sirna bulchisaa mormuun hojii dhaaban

Aside

Ebla 18,2013 Finfinnee

Gaaffiin hojjettootaa Oromiyaa keessatti jabaachaa dhufuun diddaan hojii dhaabuu itti fufee jira.Diddaa hojjettoota oomisha abaaboo Godina shawaa kibba lixaa aanaa walisoo ganda diilallaa oomisha abaaboo kaarraa Tureetti fufuun hojjettootni Godina shawaa bahaa Duukam company chaayinaa East Industrial Zone keessaa hojjetan 1700 keessaa 1300 diddaa kaasuun hojii dhaabanii jiran.Hojjettootni company alagaa kunneen dhiibbaan alagootaan nurratti gaggeeffamu nurraa haa dhaabbatu,Hojii humnaa ol hojjennuu fi kaffaltiin kaffalamu wal hin madaalu,Alagootni kabaja nuuf haa kennan jechuun hojjettootni kunneen hojii dhaabuun mormii hiriira nagaa taasisanii jiran.Mootummaan wayyaanees federaalota naannoo kanatti erguun tasgabbeessuuf yaalus hojjettootni company kanaa 1300 tahan hojii dhaabanii jiran.Haaluma wal fakkaatuun Hojjettootni waarshaa sukkaara Fincaaaa 500 tahan Bakka Village B tahan seera malee olii fi gadi hojjettoota oofuu fi jijjiiruun haa dhaabbatu jechuun mormii dhiyeessuun hojii dhaabanii jiran.Bakkaattii bakkatti sababa ittiin jijjiiramnu osoo nuu hin ibsiin akkasumaan namni horii miti jechuun gamtaan gaaffii dhiyeessanii jiran.Dabballootni mootummaa wayyaanee mormii kana irratti argamanis waadaa sobaa yoommuu jijjiiramtan baasiin baastan isinii herregama jechuun sobuu irratti argamu.

HUNDA DURA,BIYYAA FI UMMATA KIYYAAF !!!!

Aside

Y.G. (2005)*

barruuNamni ykn humni yk Biyyi tokko , Qabsoo gaaffii mirgaa wayita gaggeessu, bu’urri murannoo isaa mata duree har’aa kana ta’uu, kan haalu jira natti hin fakkaatu. Humni ykn namni ejjannoo kana irratti hin hundoofne, adeemsi isaa fixeensa ganamaatii. Namoonni ykn murni ykn dhaabni ejjannoo kana akka dhaadannottis itti hin gargaaramiin hin jiru. “HUNDA DURA BIYYAA FI UMMATA KIYYAAF!” sadarkaa addunyaattu jechuudha. Ejjannoo kanatu namni tokko murteeffatee Qabsoo saba isaatti akka makamu taasisa. Yk deeggaraa fi sagaleen ummata isaa akka dhaga’amuuf karaa gara garaa carraaqa. Ykn yaadaan ykn Dingdeen ykn bifa gara garaan akka carraaqu isa taasisa. Faallaa kanaa ejjannaan firii ol aanaa argamsiisu danda’u kun garuu waanuma rakasaa tokkon danqamu danda’a. Namni “hunda dura Biyyaa fi Ummata kiyyaaf ” jedhu tokko , gaafa waan dhuunfaa keessa fiduu eegalee , ejjannaan kabajaa Ummata biraa nama goonfachiisu kun, biyyeetti makamti. Abbaa sanas salphifti. Mata dureen kabajamaan kun, waanuma dhuunfaan summooftee, saba tokko ykn qabsoo saba tokko gaaga’uu dandeessi jechuudha. Kanatu umama namaa kumaantamaan dirree salphinaa hiriirse.

Biyyoonni gurguddanne jedhanii Addunyaa kana akka fedha isaanii hammacaa jiran hundi, Mata duree kana ejjannaa isaanii taasifatanii ,badhaaftootaa fi hundeessitoota Dimokiraasii of taasisan, ejjannaan isaanii kun isa kaan keessa akka hin jiraanneef irratti hojjatan. Biyyaa fi Ummata isaanii har’aa mitii, isa waggaa 200 booda dhufaniif jecha, isa kaan hiyyummaa fi sirna wal nyaachuu keessa akka jiraatan taasisu. Isaaniif sabni ykn dhaabni ykn Biyyi ejjannoo kana qabu, saamichaa fi ol aantummaa isaaniif yaaddoooodha waaaannn jedhaniif bara lakkaawwatanis haa ta’u irratti duulan. Adeemsa kana kan wallaalu jira natti hin fakkaatu. Adeemsi kun garuu kaleessa fageenyaan qabsoo keenya irrati baawuzaa ibsee nu tu’ataa turee, har’a ofitti nu makatee nu dhamaasuuf jedhaatii of eeggachuun gaariidhaa, Qabsoon Maanguddoonni keenya cichoomiinaan asiin ga’an kan har’aaf bu’uraa, inni har’aa ammo isa boriif hundeedhaa, inni borii isa hegareef firiidhaatii waan fageessinee ilaaluu qabnu har’a mata duree kana jalatti waliif dhaamuun dansaa ta’aa jedhee yaade.

HUNDA DURA , BIYYAA FI UMMATA KIYYAAF !!!!.docx