SBO Amajjii 22 Bara 2014

Aside

Manneen Daldalaa fi Hoteeloti Oromiyaa Keessa Jiran Biiraa Baddallee Gurguruu Dhaabaa Jiraachuun Beekame.

Aside

OromiaALutaContinua2011FDGGabaasa Qeerroo Jimmaa, Amajjii 18,2014 Godina Jimmaa fi Iluu Abbaa Booraattii daldaltotni Saboontotni Oromoo Manneen daldalaa magaalota irra qaban biiraa baddallee daldaluu dhaabuun eenyummaa Oromummaa isanii habashaa sirna miniliik faarsaa jirtutti argisiisan. Haala walfakkatuun Hootelonni, Restooraantiinii fi manni bunaa sabboontota Oromoo magaalaa Jimmaa, Aggaaroo, Beddeellee ,fi Mattuu keessaatti argaman biiraa beddeellee namni dhugee fi daldalee dhiigaa ilmaan Oromoo dhuge jechuun sabboontotni Oromoo Warshaan biiraa beddellee Tediiy Afroof konsertii qopheessuun waggaa dhibbaaffaa Miniliik kabaajuuf kan yaadamee diddaa ilmaan Oromoo biyyaa keessa fi Alaa godhaniin kan fashalaa’e yoo ta’uu, diddaan kun amma illee biyyaa keessaatti ittuma fufaa jira.

Uggura Qeerroon Bilisummaa Oromoo Warshaa biiraa Beddeellee fi Teediiy Afroo sirna Miniliikii Oromoo irratti faarsu irra kaa’ee hordofuun sabboontootni daldaltootni Oromoo eenyuummaa, sabboonummaa fi Oromummaa isanii diinota ilmaan Oromootti argiisiisuuf qajeelfama Qeerroon bilisummaa Oromoo biyya keessaatti sochii bilisummaa Oromoof warraqsaa karaa nagaa gaggeessa jirutti amanuun ajaaja qeerroon dabarsee hojiitti hiikuun walqabatee xalaayaan jajjabinaa fi eenyumaa Oromummaa isanii fi hojii daldalaa isaanitti isan jajjabeessuu qaama Qeerroo godina dhihaa irraa barreeffameefitti akka malee kan
gammadan ta’uu qeerroon hubatee jira.

Aside

Postera Konsertii A5t

Oromo Voice Radio (OVR), January 20, 2014

Aside

SBO Amajjii 19 Bara 2014

Aside

Raadiyoo Sagalee Oromoo Amajjii 18,2014 (Oromo Voice Radio, January 18, 2014)

Aside

Raadiyoo Sagalee Qeerroo Amajjii 16, 2014 ( Gaaffii fi Deebii Barataa Yuunivarsiitii Jimmaa, Pirezedaantii Yuunivarsiitii Jimmaa fi Wallisaa Shukrii Jamaal waliin kutaa 1ffaa)‏

Aside

Must-listen Interview with Artist Shukurii Jemal and Dr, Fiqiree Lammeessa

F’ YAA Bineensotaa…Qabsoo dheeraan booda…WALALOO BINEENSAAF BARREEFFAME!!!

Aside

Beekan Gulummaa Irranaa
Uf ‘Yaa Bineensotaa…Qabsoo Dheeraa Booda!
Ani maaluma godhu bineensota kana
Eeboo maaliinan dugdashee waraanaa?
Fala maaf dhabdanii maaloo yaa jaranaa
Maafan ba’aa baadhee kophaakoo maassanaa?

Uf Yaa Bineensotaa.pdf

GOOTUMMAA QOFAATU BILISUMMAA,,,,kutaa 1ffaa

Aside

GOOTUMMAA QOFAATU BILISUMMAA MIRKANEESSA !!!!

SEENAA Y.G (2005)

barruuUmmati Afriikaa Kibbaa Maandeellaaf kabajaa qabu sagalee tokkon kan mirkaneesseef, Gootummaa isaan ta’uun mamii hin qabu. Gootummaan Maandeellaa har’a Onnee tokkon tokko lammiilee Afriikaa Kibbaa keessa jiraachuu haasaa fi sochii dhaloota har’aa irraa hubachuun nama hin rakkisu. Gootummaa Maandeellaaf hundeedha kanan jedhu, Ejjannoo fi cichoomina isaati. Ejjaannoo fi cichoomiina isaaf bu’urri ykn Ejjannoo fi Cichoomiina isaaf bu’ura kan ta’e waa lama dursee hubachuu fi murteeffachuu isaati. 1. Daandin Bilisummaatti nama geessu dheeraa ta’uu , 2. Appaartaayidii dhabmsiisuuf yeroo dheeraa ykn adeemsa dheeraa akka barbaadudha. Gaaffiin Ummata Afriikaa Kibbaa waan ifa jiruudha. Gaaffiin isaanii kun garuu deebii akka argatu taasisuuf, yaadi Maandeellaa kun lameen bu’uradha jedheen amana.

Ejjannoon isaa lameen kun, hanga lubbuun jirutti murannoon akka hojjatuu qabu isa akeeke. Kanaaf ammoo, cichoomina hin daddaaqamne, akka sibiilaa waa hundaa dandamatee akka tarkaanfatuuf isa gargaaru murteeffachuu isaatu kabajaa har’aa, Addunyaan itti hinaaftu isa goonfachiise. Nuutis Goota keenya irraa baratee Gootummaa addunyaatti mul’isu kana maaf deeffachuu dadhabne? jennee keessa keenyatti akka of gaafannu nu taasise. Nurraa baratee jennee dubbachuuf nutti salphatu, qabatamaatti argisiisuuf nutti ulfaatu taane argamuun keenya, falmii seenaa dubbachuu keessatti nu hanbisee jira. Nuuti Gootummaa Abbootii keenyaa ni dubbanna. Garuu hin kabachiifne. Diinni nu bitu garuu, seenaa Bittaa abootii isaanii akka isaaniif ta’utti dabareen kabachiifataa jiran. Kun haqa. Maandeellaan Daandiin Bilisummaa dheerachuu fi Appaartaayidii dhabamsiisuuf yeroo gaafata kan jedhu kana ofitti fudhannee ilaaluun barbaachisaadha.

1=GOOTUMMAA QOFAATU BILISUMMAA ,,,,,,.docx

Raadiyoo Simbirtuu fi Seife Nebelbal, Amajjii 16,2014

Aside