GOOTUMMAA QOFAATU BILISUMMAA MIRKANEESSA !!!!
SEENAA Y.G (2005)
Ummati Afriikaa Kibbaa Maandeellaaf kabajaa qabu sagalee tokkon kan mirkaneesseef, Gootummaa isaan ta’uun mamii hin qabu. Gootummaan Maandeellaa har’a Onnee tokkon tokko lammiilee Afriikaa Kibbaa keessa jiraachuu haasaa fi sochii dhaloota har’aa irraa hubachuun nama hin rakkisu. Gootummaa Maandeellaaf hundeedha kanan jedhu, Ejjannoo fi cichoomina isaati. Ejjaannoo fi cichoomiina isaaf bu’urri ykn Ejjannoo fi Cichoomiina isaaf bu’ura kan ta’e waa lama dursee hubachuu fi murteeffachuu isaati. 1. Daandin Bilisummaatti nama geessu dheeraa ta’uu , 2. Appaartaayidii dhabmsiisuuf yeroo dheeraa ykn adeemsa dheeraa akka barbaadudha. Gaaffiin Ummata Afriikaa Kibbaa waan ifa jiruudha. Gaaffiin isaanii kun garuu deebii akka argatu taasisuuf, yaadi Maandeellaa kun lameen bu’uradha jedheen amana.
Ejjannoon isaa lameen kun, hanga lubbuun jirutti murannoon akka hojjatuu qabu isa akeeke. Kanaaf ammoo, cichoomina hin daddaaqamne, akka sibiilaa waa hundaa dandamatee akka tarkaanfatuuf isa gargaaru murteeffachuu isaatu kabajaa har’aa, Addunyaan itti hinaaftu isa goonfachiise. Nuutis Goota keenya irraa baratee Gootummaa addunyaatti mul’isu kana maaf deeffachuu dadhabne? jennee keessa keenyatti akka of gaafannu nu taasise. Nurraa baratee jennee dubbachuuf nutti salphatu, qabatamaatti argisiisuuf nutti ulfaatu taane argamuun keenya, falmii seenaa dubbachuu keessatti nu hanbisee jira. Nuuti Gootummaa Abbootii keenyaa ni dubbanna. Garuu hin kabachiifne. Diinni nu bitu garuu, seenaa Bittaa abootii isaanii akka isaaniif ta’utti dabareen kabachiifataa jiran. Kun haqa. Maandeellaan Daandiin Bilisummaa dheerachuu fi Appaartaayidii dhabamsiisuuf yeroo gaafata kan jedhu kana ofitti fudhannee ilaaluun barbaachisaadha.