Gabaasa: Amajjii 15/2014 Yuunivarsiitii Jimmaatti baratootni
Oromoo nagaan humnota tikaa fi poolisotaan doorsifamaa jirachuun ibsame jira. Haala kanaan Poolisotni Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa fi bulchitootni dabballoonni Wayyaanee Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa keessa jiran baratoota Oromoo sadii irratti beeksisa waajjira dhimma nageenya poolisa mooraa yuunivarsiititti akka dhiyaattan jechuun baratoota Medicine lama fi barataa Afaan Oromoo Folklorii tokko irratti beeksisa baasuun bulchiinsi wajjira poolisii Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa kan baratoota Oromoo dararuu qofaaf dhaabbate, ni arii’amtu jechuun balleessa tokko malee baratoota Oromoo doorsisaa jiraachuun gabaafamera. baratootni haala kanaan dorsifamaa jiran:
1. Barataa Guutasaa Jaalataa barataa Medicine waggaa 5ffaa
2. Barataa Sanyii Iddoosaa barataa Medicine waggaa 5ffaa
3. Barataa Zabbanaa Barasaa barataa Afaan Oromoo Folklore waggaa
3ffaa kanneen jedhaman badii tokko malee sababa Oromoo ta’an qofaaf barnoota irraa ni arii’amtu, ni hidhamtuu jechuun dorsifaman. Kana malees sabboontootni baratootni Oromoo hedduun Yuunivarsiitii Jimmaa irra barachaa jiran humna tikaa fi poolisaan bilbila isanii irratti bilbiluun illee akka dorsifama jiran ibsatani jiru.Gochaan shiftummaa fi faashistumma abbaa irruumma Wayyaanee kun baratoota Oromoo cufa fincila diddaa garbummaa (FDG)f kan kakaase ta’uun ibsame.
Haaluma walfakkatuun humini waraana Wayyaanee gara Yuuniversiitiiwwaa dhiha Oromiyaa Jimmaa, Mattuu, Amboo fi Wallaggaa irratti xiyyeeffannoo addaa gochuun humna waraanaan eegaa jirachuun gabaafame jira.
Haala kana ilaalchisuun gaggeesitooti Qeerroo bilisummaa Oromoo dhiha Oromiyaa dhaamsa dabarsee jira. Baratootni Oromoo bakka jirtan hundaa dammaqa, mirga keenya kabachiisuu fi doorsisaa, hidhaa, sakkatta’insa seeraan alaa, sirna minilik amma wayyaneen nurraatti farsisaa jiru dhaabufi abbaa irrumma of irra dhaabsisuuf tokkummaan mootummaa wayyaanee dura dhaabbachuu qabna. Dorsiifni, hidhaan ,sakkata’insii, ajjechaan, arii’atamuu fi heddumni waraanaa kayyoo bilisummaa saba keenya danquu kan hin dandeenyee; kanaaf dubatti kan nu hin deebinee ta’uu akeekkachiisna.
Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Sagantaa Amajjii 12,2014
Aside
Ethiopia: A Call for an End to the Endless Violence against Oromo Nationals
Aside
HRLHA Press Release
January 12, 2014
In the past twenty two years, the peoples of Ethiopian and the outside world have witnessed the EPRDF Government’s incarceration of hundreds of thousands of Oromo Nationals from all walks of life in jails, unofficial detention centers and concentration camps simply for allegedly being members or supporters of the Oromo Liberation Front (OLF), whom the ruling party has deemed a terrorist group, and some other opposition political organizations. Due to the inappropriate and inhuman treatments by the government security members, hundreds of Oromos died, suffered from physical disabilities resulting from tortures, and most of those who were taken to court were given harsh sentences including life in prison and capital punishments or death penalty. Oromo intellectuals, Businessmen, and the members of legally operating Oromo parties (for example the Oromo People`s Congress (OPC) and Oromo Federalist Democratic Movement (OFDM)) have been among the victims of the EPRDF/TPLF Government’s suppressive political system. The most worrisome is that the Oromo youth, who were even born after the EPRDF/TPLF government came to power, have become the major victims of the Government’s brutalities under the same allegations of supporting and/or sympathizing with Oromo opposition political organizations. In the past decade or so, thousands of young Oromo students of universities, colleges, high schools and intermediate academic institutions have been criminalized for allegedly being member or sympathizers of the Oromo Libration Front. A lot of them have killed, tortured, and thousands are still languishing behind bars, while thousands others have been banned from being part of any level of educational opportunities; and, as a result, have became jobless, homeless, etc. Tenth of thousands have fled their homeland and become refugees in neighboring countries.
Read More :– HRLHA PR- January 2014.pdf Amajjii 2014
Aside
Oromo Voice Radio (OVR), January 13, 2014
SBO Amajjii 15 Bara 2014 Sirna kabajaa guyyaa WBO Afrikaa Kibbaatti kabajame irratti yaada hirmaattotaa fi kan biyya keessaa caqasaa
Aside
Raadiyoo Sagalee Oromoo Amajjii 11,2014
Aside
===============
Oromo TV:Oromo Community of Brighton & Hove,UK hosted Oromo 1st
============
“Dhugaa fudhachuun kan Ulfaatu yoo ta’e ilee,garuu fudhachuun dirqii dha” Dargaggoon Hayyuu Qanaate
Kunoo akkas, Ela ammas, yaa lammii koo garaan na ciise reefu ..Wallee Qeerroo Bilisummaa
Aside
QEERROON YUNIVERSITII HAWAASAAMAMAJJIIN 1GUYYAAN WBO HAALA HOO’AN KABAJAME.
Aside
Amajjii 12,2014 Hawaasaa
Qeerroon Yuunivarsiitii Hawaasaa gaafa 2/1/2014 guyyaa ayyaana waboo haala hoo’an kabajatanii oolanii jiru. Haala kabaja ayyaana WBO isa bara kanaa kan bara darbee irraa kan adda isa godhu qabxiilee sadan tokkotu jira isaanis;
1.KEESSUMMOONNI KABAJAA HEDDUUN AYYAANICHA IRRATTI ARGAMANII ARGAA HEDDUU DABRSANII JIRU. Ergaan jaalli tokko dabarse akkas jetti; diinni keenya yoom illee fira nuuf hin ta;u waan ta’eef firaa fi diina keenya addaan haa baafannu.” BARA SIIF GAMTE NAMA ABBAA KEE AJJEESE WALIIN NYAADHU BARA SIIF MIJATE IMMOO GUMAA SAREE KEETII BAASI JEDHE.” Oromoon kamiyyuu waan isaa haa beeku haa kunuunsus. tokkummaan humna waan ta’eef tokko haa taanu , diinaf hin ergamnu keenyaf malee ergaa jedhu fa’i mana guutuf dabarsan.
2.HIRMAANNAN SHAMARRANII ISA BARA DARBEE IRRA DARAN HOO’EE MUL’ATE.
3.SABBOONTONNO OROMOO DANUUN ISAANII DHIIRAA DHALAAN UFFATA AADAN FAAYAMANII KABAJA AYYAANICHAAF SIIMBOO HIN JIRRE LAATAN
Walumaa galatti qabxiileen armaan olitti eeramuuf yaalaman kunniin ayyaana bara kanaa isa darbe irraa adda taasisu. Qeerroon yuunivarsiitii hawaasaa akkuma baratame sagantaa isaanii dungoo diimaa , magariisa, diimaa qabsiifachuun .fi akkasumas dungoo lakkoofsaa 2014 jedhu qabsiifatanii sagantaa isaanii haala hoo’an dabarsan. Walaloon hedduun onnee namatti hortuu fi quuqqaa garaa oromootaa daran madeessitu mana keessaa dhiyaattee jirti. Inni hunda caalaa nama gammachiisu immoo sabboontonni oromoo bara kana barnoota isaanii xummuranii eebbifaman kabaja ayyaana wbo isa bara dhufuuf spoonsara akka ta’an irbuu seenanii jiru.
Dhuma sagantichaa irratti walitti qabaan koree kabaja ayyaana bara haaraa yuunivarsiitii hawaasaa kolleejjii saayinsii fayyaa dhaamsa akkas jettu dabarse;
Ayyaanni kun ayyaana dur oromoon kajajaatin dhufe malee kan har’a namni dhuunfaa tokko kalaqe ta’uu beektanii oromoonni hundumtuu lafa jirtanitti waggaa waggaan yaadattanii akka ooltan jedha. Addunyaa kana irraa warra jalqaba calendariiykn dhaha uummata addunyaa kanaaf gumaachan keessaa uummanni oromoo isa tokko, sirni lakkoofsa isaas urjii dhahaa jedhama.Kanaafuu nuti oromoonni kaalendarii warri habashaa kalaqe kanatti fayyadamuu dhiifnee kan keenyatti dhimma haa baanu jedhuun ibsa baasanii jiru.
Raadiyoo Simbirtuu fi Seife Nebelbal Amajjii 9,2014
Aside
