Oromo Demonsteretion on March 14, 2014 in Hamar, Norway

Aside

Godina addaa Finfinnee Sulultaa Keessatti Hojjettootii fi Barattooti Lammii Oromoo Ta’an Irratti Qormaati Addaa Akka Gaggeefamaa Jiru Gabaafame.Sababa Kanaan Barattooti Lamas Hidhaman.

Aside

Bitootessa 14,2014 Finfinnee

OromiaALutaContinua2011FDGQeerroo godina addaa naannowaa Finfinnee magaalaa Sulultaa irraa Bitootess 13/2014 gabaasee jiruun kanaan dura sochiilee mirga abbaa biyyummaa fi Oromommaa falmachuun Oromiyaa keessatti baldhinaan deemaa jiranii fi Yuuniversitiilee fi manneen barnootaa garagaraa keessatti FDG qabatee jiru hanga ammaatti wal harkisee itti fufaa kan jiru gabaasaan isaa bakka karaa adda addaatiin dhiyaataa jira. Gama kaaniin diddaaleen Qeerroon ona Sulultaa gaggeessaa ture addattis aanaalee Akaakoo,Gullee fi kkf gabaafamaa ture.

Kanumaan wal qabatee yeroo ammaa mootummaan Wayyaanee hojjetoota waajirtoota adda addaa irraa hojjetan kanneen lammiin Oromoo ta’an qorannaa cimaa irratti adeemsisaa ture ammas bifa hin beekamneen itti jira. Torbeewwan kana keessaa Bitooteessa gaafa 12 fi 1aanaa Galaanoo Sabooraa; mana barumsaa Galaanoo Sabooraa kutaa 11 fi 12 baratan top-ten(barattoota sadarkaa qaban) kana jechuun barattoota barumsaan dandeettii qaban kan sadarkaa qaban guyyoota lamaan kana irratti dhimma barumsaan kan wal qabate wal gayii isaan waliin adeemsisani turaniiru.

Barattootni lakoofsaa mana barumsaa kana irraa wal gayii kanaaf carraa argatan hanga nama 52 yoo ta’an barattootni dhimma wal gayii sanii ykn ajandaa jalee Wayyaanee kanaa diiguu fi akkasuma carraa argatan kanatti gaaffii gaafatamuu qaban rakkoolee mootummaan wayyaanee ilmaan Oromoo irraan gahaa jiru, saaminsa lafaa,ariyamuu barataa,hoj-dhabdummaa irratti qixa godhachuudhaan gaaffiwwan kanneen kaasuun guyyaa jedhame kana irratti barattoota kanaan gaaffii kanaan wal qabatee diddaa guddaan ka’e, barattoota kana keessaas baratoota hedduu cimoo ta’an nama lama yeroodhaaf qorannee barumsa keessaniitti deebitu jedhuudhaan mana hidhaa magaalichaatti darbamani jiru,

1. Barataa Dhugumaa Ifaa-kutaa 11ffaa
2. Barataa Geetuu Kaffaalee-kutaa 12 ffaa iraa baratan kanneen lamaan gaaffii ABOn amma fudhatee ka’ee jiru gaafachaa jirtu isintu adda dureedha jedhanii qorannoodhaan dhiyeessanii hanga ammaatti mana hidhaa keessatti akka qoratamaa jiran Qeerroon magaalaa godina addaa Finfinnee Sulultaa irraa gabaasee jira.

Aside

Seife Nebelbal Radio Interview with Prof Beyene Petros

Simbirtuu: Oduu, waa’ee hoogbarruu fi siyaasaa Oromoo irratti wal-duraa-duubaan gaazexessaa-walaleessaa Firaa’ol Taaddasaa fi obbo Garbaabaa Gaaddisaa kutaa xumuraa

Godina Gujii aanaa Shaakkisoo mana barnootaa sadarkaa lammaffaa fi qophaa’inaa keessatti FDG Eegaluun Barattooti Hedduun Poolisa Wayyaaneen Dhaanamuun Beekame.

Aside

Bitootessa 13,2014 Gabaasa Shaakkisoo

Qeerroo OromiyaaDiddaan uummati Oromoo kaase mootummaa Wayyaanee irratti jabaachuun itti fufee Godina Gujii aanaa Shaakkisoo Mana barumsaa Shaakkisoo sadarkaa Lammaffaa fi Qophaa’inaa keessatti Fincilli Uummataa fi Barattootaan gamtaan eegale mootummaa Wayyaanee rifaatii keessa buuse. Fincilli diddaa garbummaa Shaakkisoo keessatti gaggeeffamuu irratti argamu dhaadannoowwanii fi
gaaffiilee mirgaa
1. Mootummaan Wayyaanee saaminsa Warqee fi Albuuda Oromiyaa
hatattamaan haa dhaabu.
2. Barattootni keenya hidhaman ammuma nuuf haa hiikaman
3. Poolisootni Mooraa mana barnootaa qawween tiksuu haa dhaaban
4. Oromiyaan ni bilisoomti dhaadannoo jedhufaa
kan hammate yoommuu tahu mootummaan Wayyaanee diddaa kana dura
dhaabbachuuf waraana hedduumminaan bobbaasuun kan barattoota reebsiste yoommuu tahu barattootnis gamtaan Poolisoota gaaffii mirgaa dura dhaabbatan dhagaan tumuun dura dhaabbachuun fincila hammaataa gaggeessaa oolanii jiran. Yeroo ammaa kana wayyaaneen waraana federaalaa dabalataan galchuun magaala keessatti Uummata reebaa kan jirtu yoommuu tahu hojiin baruu fi barsiisuus dhaabbatee jira.

Diddaa kana keessatti barattootni hedduumminaan 30 ol kanneen tahan kan madaa’anii fi kaan mana hidhaatti kan ukkaamsaman yoo tahu Poolisootni jala deemtota Wayyaanee hedduunis dhagaan tumamanii jiran.

 

 

Aside

“Tokkummaa Jabeessaa Oromoo,WBO koo Dargaggoo Shamarraan” Wallee Warraaqsaa Haarawaa Artist Feysel

Dhaamsa Aayyoo Oromiyaa

Aside

Walgahii Hawaasa Oromoo Harstad (kaaba Norway) (Human right violations in Ethiopia especially on Oromo people) — 5 Videos

Aside

http://www.youtube.com/watch?v=Gk6oDKSjCLw

http://www.youtube.com/watch?v=oJPT-JlTTis

http://www.youtube.com/watch?v=3tCzg6u1Hw0

http://www.youtube.com/watch?v=x5C_tbtTBOg

http://www.youtube.com/watch?v=C8E5qfPFCTY

OMN: Bitootessa 11, 2014 ( Oduufi Marii Dr Abdulsamad waliin kutaa1ffaa)

Aside

SBO Bitootessa 12 Bara 2014

Aside

Raadiyoo Sagalee Oromoo(RSO)Bitootessa qophii 12,2014

Aside