Sabboonticha Oromoo Artist Elemoo Aliin deebii dhadessa Minilikiif kenname.

Aside

OMN Qophii DALAGAA: Ahmad Nuuruu (Kutaa 1ffaa)

Aside

Walgahii Hawaasa Oromoo Harstad(kaaba Norway) fi naannoo sanii fi Konya ABO kaaba Norway

Aside

FDG Qeerroon wal qabatee lixa Shawaa aanaalee adda addaa irraa barattooti Oromoo 24 waraana Wayyaaneen qabaman.

Aside

Bitootessa 09,214 Miidaaqenyii

OromiaALutaContinua2011FDGBitootessaa 9/2014 Godina Lixaa Shawaa keessatti goototni baratootni Oromoo manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa Geedoo fi Midaa Qanyii M/B Ballaammii sadarkaa 2ffaa Yaadannoo gooticha Oromoo barataa Wandimmuu Daammanaa fi FDG itti fufisisaa jiraachuun wal qabatee baratootni Oromoo M/B Midaa Qanyii Ballaammii sadarkaa 2ffaa fi qopha’ina irraa baratootni 24 humna poolisa Wayyaaneen qabamanii dararamuun jiraachuun gabaasi naannicha irraa nu gahe addeessa.

Haala kanaan maatii fi uummanni naannoo diddaa bulchiinsa naannoo irratti kaasaniin barattooti kun hatattamaan akka gadhiifaman gaafataa jiru .

Itti aansuun yeroo ammaa kanatti FDG barattootaan ka’e itti fufuu irraan barattoota 24 keessaa 13 mootummaa Wayyaaneen haalaan dararamaa warri jiran keessaa:-

1,Barataa Biraanuu Cimdeessaa barataa kutaa 12ffaa
2 .Alamuu Tayyee barataa kutaa 10ffaa
3. Dammumaa Tasfayee barataa kutaa 10ffaa.
4. Tashoomaa Dhugaasaa barataa kutaa 12ffaa
5. Guddataa Moosisaa barataa kutaa 10ffaa
6. Geetuu Cimdeessaa batarataa kolleejji irra eebbifame hojii dhabee
7. waggarii Fiixaa, barataa kutaa 10ffaa
8. kabbabaa ababaa barataa kutaa 10ffaa
9 .Zrihuum garbee barataa kutaa 10ffaa
10..Ababee Waaqumaa barataa kutaa 10ffaa
11..Obsuu Takkalaa barataa kutaa 10ffaa
12..Fedhasaa dirribaa barataa kutaa 10ffaa
13..Gaja’ee Barasaa barataa kutaa 9ffaa dabalatee baratootni 24 badii tokko malee humna poolisaan qabamanii dararamaa jiraachuun beekame.

Godinuma kana Aanota garaagaraa keessattis uummaanni walga’ii maqaa misoomaa dahoo godhatee olola siyaasa Wayyaanee gaggeeffamu uummanni hin fudhannu jechuun jibbinsa Wayyaaneef qabu argisiisa jiraachuun ibsame jira.

 

Demonstration in Trondheim March 5 2014

Aside

Qophiilee OMN Bitootessa 8, 2014

Aside

MARAAMMARTOO SIYAASAA IRRAA ,,,,kutaa 3ffaa

Aside

SEENAA Y.G(2005) kutaa 3ffaa | Bitooteessa 7, 2014

barruuMaraammartoon siyaasaa akaakuu heeddu qabaachuu , fakkeenya Biyyoota gara garaa kaasee kutaa 2ffaa keessatti ibseera. Maraammartoon siyaasaa ofii keenyaan of irratti umnuus akka jiru hubachuun dansaadha. Oromoof maal gumaachuu ? jennee akka dhuunfaattu waan tattaaffannu keessatti, hedduu of eeggachuun barbaachisaadha. Kana malees, Ummata keenyaaf sochii taasifnu keessatti, miirri wal dorgommii bu’aa gaarii Ummata ofiif argamsiisuu yoo jiraate illee, inni kaanis akkuma koo kana waan gaarii haa galmeesisuu jedhanii yaada walii laachutti ce’uun, akeeka walii galaaf karaa akka saaqullee qalbifachuun baroodha. ammas kana irratti of eeggachuun barbaachisaadha. sadarkaa dammaqiinsa Ummata keenyaa yennaa ilaallu, qabsoo kanaaf gumaachii taasifamu sadarkaa dhuunfaa irraa eegaluu akka qabu , waan hojjachuu qabnullee gara tumsaatti tarkaanfatu akka qabullee hubannoon jiru dansaadha. Qabsoon bifa kamiinu gaggeessinu , tapha kubbaa miilaa chaampiyoonsi liigii fakkaachu yk dorgommii kuffisanii dabruu keessaa baasuun murteessaa ta’uu, waan hubatamu feesisuudha.

Dhalli Oromoo kamiyyuu waan Ummata isaaf hojjatu tokko irratti, obboleessa isaa gama biraan socha’aa jiru irratti qabxii lakkosifatu tokkollee akka hin jirre beekuun dansaadha. Kana irra ce’ame bakki itti tarkaanfatu qabu, sochiin jiru akka wal hin gufachiisneef , yaada qaban walitti fidanii mri’achuudha. Yoo ta’uu baate garuu, warri Maraammartoo siyaasaa nu qopheessan qaawwaa argatanii nu seenanii , adeemsa isaanitti nu makachuu danda’u. sochii akkasiin qabsoon Oromoo hedduu miidhameera. Namoonnis gawwafamaniiru. Badii akkasitti akka seenaniif gargaarsi gama hundaa godhameeraaf. Kufaatii keessaa akka hin baaneef garuu gargaarsa dhorkamaniiru. Maaliif jennaan maraammartoo siyaasaan akka kufanii hafaniif irratti hojjatamaa waan tureef.

Sochiin qabsoo Ummata tokko keessatti bifa kamiinu gaggeeffamu, takkaa ho’ee , takkaa kan qabanaa’uu yoo ta’e, bu’aan keenya kan yeroo gabaabaa taatee, bu’aan diinaa kan yeroo dheeraa ta’uu danda’a. inumaa kun diinaaf hamilee kenna. Gara jabinni isaa jabaachaa deema. Shirri isaas akkasuma. Maaliif jennaan, waan isa sodaachiisu hin jiru. yeroo gabaabduuf dheekkamanii dhiisuu nuun jedhan. Kun ammo miidhaa qaba. miidhaa gama lamaa. Tokko waan diinni nu irraan ga’u babal’acha adeema. Inni xiqqoollee tattaafatu hamilee caba. Kanaaf waan hojjannu hundumaaf , muuxannoo addunyaa fudhachuun barbaachisaadha. dheekkamsaa fi diddaan keenya aarii jiru fi jireenyaa keessatti nu mudatu irraa adda ta’uu qaba. sadrkaa kana keessaa ba’ee kan bu’aa buqqaasaa fidutti ceesisuutu nu irraa eegama.

MARAAMMARTOO SIYAASAA IRRAA,,,,kutaa 3ffaa.docx

Ibsa Ejjannoo Walgahii Addaa Tokkummaa Barattoota Oromoo biyya Germany (TBOJ)

Aside

Bitootessa 4, 2014

jermanyNuti miseensonni Tokkummaa Barattoota Oromoo Biyyaa Jarmanii (TBOJ) walgahii addaa kan gafa Bitooteessaa 02, bara 2014 magalaa Nürbergittii adeemsifanne irratti dhimmoota wa’ee haala ijjaarsa keenyaa fi kan Qabsoo Bilisummaa Oromoon har’aa keessaa jiruu ilaallattan irratti maree bal’oo taasisuun murtee addaa addaa dabarsuun xummuurratneerra. Walgahii kanaa irratti baruumsaa fi haala yeroo ilaalchissee Miseensii Gumii Sabaa ABO J/Dr. Shigut Galata  dhaaba ABO bakka bu’un nu giddutti argamuun ibsa bal’aan nu keennamee jira. Haala amma TBOJ Keessaa jiruu ilaalchissee karaa Dura ta’aa fi Barreessaa Damee Würzburg fi nannoon   J/Gamachuu Fayyisaa  fi J/Obsa Adam  wal duraa duubaan ibsaa  kennameera.

Itti aansuunis walgahichi dhimmoota armaan gaditti  irratti murtee dabarsuun xummuurame:-

1.     Deeggarsa QBO irratti

Nuti miseensonni TBOJ Walgahii kanaa irratti qooda fudhannee QBO kan kallacha qabsichaa ABOn hoogganamu of qusannaa tokko malee kan  ca’aa tokko irra eegamuuu maraan kan cinaa dhaabbannu ta’uu ammas irra deebinee waadaa seenne haaromsina. Sochii Qerroo kano bifaa fi haala qindoomina haaraatiin finiinaa jiruu fi Waligalaa kan dhaabnii ABO kallachumman gaggeessaa jiru jabinaa fi murannoon wan dandeenyuu maraan kan deeggarru ta’uu beeksifna. Gachannii Ummataa Oromoo, WBOn, daran tarkanfii isa akka cimsaatuu wan qabnuu fi dandeenyuu maraan biraa dhaabbannaa.

Guutummaa ibsa kanaaf:- Ibsa Ejjannoo Walgahii Addaa TBOJ02032014Nürnberg (1)

Call for demonstration to Say No to Dictatorship in Ethiopia

Aside

Inchalew-Mulugeta

TV Oromiyaa MT: Obboo Juneeddii Saaddoo Eenyu?

Aside