Qeerroo Bilisummaa Yuuniversitii Hawaasaa Ebla 15,2014 GGO Haala Bifa Adda Ta’een Kabajachuun Gabaafame.

Aside

EBLA 15/2014 , QEERROO YUNIVARSIITII HAWAASAA

DSC01251Guyyaan wareegamtoota gootawwan oromoo ebla 15/2014 ,mooraa yunivarsiitii hawaasatti haala akkaan hoo’aa ta’een yaadatamee oolee jira.

Qeerroon Yunivarsiitii hawaasaa mooraa guddicha( main campus)fi Kolleejjii saayinsii fayyaa riferaal hoospitaalii fi akkasumas qeerroon magaalaa shaashamanneen walitti dhufuun guyyaa wareegamtoota gootota oromoo kana haala akkaan bareedaa ta’een mooraa saayinsii fayyaatti yaadatanii oolanii jiru.Qeerroon iddoowwan garagaraatii walitti dhufanii kabaja ayyaanichaa waliin dabarsan kunniin caasaalee mandhee tokko jalatti ijaaramanii jiran ta’uu maddi oduu qeerroo yunivarsiitichaa addeessee jira.Toorri qophiilee sagantichaa akka itti aanutti ta’a;

Sagantaan eebban banamee Waallee warraaqsaa erga itti fufeen booda Sagantaa dungoo qabsiifannaatu taasifame.Akkuma baratame dungoon qeerroon sagantaalee garagaraa irratti dhimma itti bahu dungoo halluu diimaa, magariisa,diimadha alaabaa keenya mul’isuuf jecha.

Haasawatu taasifame walitti qabaa qeerroo yunivarsiitii hawaasaa mandhee Guutamaa Hawaas kan ta’e Jal Abdii Boruutin.Ebli15,guyyaa gootonni oromoo osoo bilisummaa saba isaanitii fi walabummaa oromiyaaf jecha hadhaa qabsoo dhandhamanuu karaa irratti hafanii fi akkasumas sabboontota oromoo gita bittaa alagaaf gadi jechuu didanii osoo falmaa diddaa gabrummaa finiinsanuu diinan lubbuudhaa guraaraman itti yaadatamuudha. Ebla15 qofa osoo hin taane guutummaan baatii eblaa baatii goototaa jedhamee waan beekamuuf biyya keessattis ta’ee biyyoota ambaatti guyyoota garagaraatti yaadatamaa ture har’as yaadatamaa jira.Ummanni oromoo baroota sirna nama nyaataa sana keessa diina isaa fuuldura dhaabbachuu kan danda’e waan tokko ta’ee irree gamtaatin socho’eef qofaadha.Kanaafuu ,nutis har’a yoo ilmaan oromoo warra dhugaan dhimmi oromummaa galeefii ummata isaanif dhugaan qabsaa’an waliin gaaddisa tokko jalatti of ijaarruun irree gamtaatin sochoonu malee hundee diinaa buqqisuu akka hin dandeenye cimsinee isin hubachiifna.Waggaa waggaan walitti dhufnee seenaa gootonni oromoo hojjetanii darbanii fi rakkoo ummanni oromoo har’a keessa jiru walitti odeessinee dhuma gargar faca’uu irra, ofii keenyafis seenaa hojjechuu fi ummata oromoo rakkoo irraa baraaruf of haa qopheessinuun dhaamsa keenya.Osoo itti hin rakkanne, osoo itti hin dadhabne, osoo wal’aansoo hin taasifne gabrummaa keessaa, mirga ofii dhabuu keessaa, salphina keessaa bahuun akka hin danda’amne cimsinee hubachuutu nurra jiraata.Qabsoon ummata oromoo yoom illee bifa geeddarachuu hin qabu.Gaaffiin ummata oromoo kaleessas, har’as, borus, yoomillee gaaffii mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu ta’uun isaa waan haalamuu mitI. Kanaafuu kallacha qabsoo bilisummaa oromoo kan ta’e ABO wajjin taanee kaayyoon waayyaba bal’aa kun yeroo gabaabatti akka galma gahuuf fardiin haa dalagnu.Siyaasni akka uffata garee kubbaa miillaa miti.Namni tokko sababa taphataa tokko jaallatuuf garee kubbaa miillaa tokko deeggaruu danda’a,gaafa taphataan sun garee kubbaa sana geeddaree garee biraaf taphachuu eegalu deeggaraan sunis yaada isaa geeddaruun uffata garee kubbaa miillaa isa haaraa sana afarsuu jalqaba.Garuu adeemsa siyaasaa keessatti dhugaan jirtu faallaa tanaati.Qabxiin ijoon as gubbaatti kaasee bira darbuu barbaadu adeemsa siyaasaa keessatti hoogganaa ykn hayyu duree dhaaba sanaa osoo hin taane kan deeggaramuu qabu kaayyoo,ergamaa fi sagantaa siyaasa paartichaati.Har’a murnoonni hedduun adda bilisummaa irraa fottoquun bifa dhaaba siyaasatiin of kurfeessanii sosso’aa jiru, nuti qeerroon garuu kaayyoo qabsoo ummata oromoo ishee ganamaatti cichinee qabsoo keenya saffisiisun akka nurra jiru irra dhaabbannee dubbachuu feena. Walumaa galatti jabaadhaa, wal jajjabeessaa, ummata keenyafis lafa deemtanitti irra deddeebi’uun waamicha taasisaafiin dhaamsa keenya Ja/ Abdii Boruu.

Qeerroon Yunivarsiitii hawaasaa yaadannoo guyyaa wareegamtoota gootota oromoo kana sababeeffachuun ibsa ejjennoo abbaa qabxii 4 baafatanii jiru.

IBSA EJJANNOO

  1. Tokkoon tokkoon miseensa mandhee keenyaa mooraa barnootaa keessatti qofa osoo hin taane lafa dhaloota keenyatti gaafa deebinu caasaa keenya hanga gandoota baadiyyaatti diriirsuu qabna.
  2. Qabsoo tokko geggeessuf baruumsi,humni namaa fi maallaqni akka barbaachisu eenyu jalaa illee kan dhokatee miti,kanaafuu nutis guyyaa har’aa irraa eegallee buusii mandhee buusuf murteeffannee jirra.
  3. Fincilli diddaa gabrummaa yeroo yeroodhaan yunivarsiitiwwan biyyattii keessatti taasifamaa jiru, mootummaa wayyaanee baarragsuun isaa waan hin oolle.Gaaffiin qeerroon yunivarsiitii Jimmaa fi Adaamaa tibba kana finiinsaa jiran gaaffii hunda keenya ilaallatu waan ta’eef nutis tumsinee falmaa diddaa gabrummaa daran finiinsuu qabna.
  4. Hawaasa Oromoo naannoo Oromiyaa jiru mara haala mijataa ta’eef bakka barbaachisutti carraa argannetti fayyadamuun afaaniin,waallee warraaqsan,barruulee warraaqsa fi k.k.f fayyadamuun akeeka gaachana ummata oromoo kan ta’e adda bilisummaa oromoo ummata hubachiisuf waadaa gallee jirra. Qeerroon yunivarsiiti hawaasaa irbuu isaanis haaromfatanii jiru.

Lafa naannawa Finfinnee federaala jala galchuu dura dhaabbattan sababaa jedhuun Wayyaaneen miseensota OPDO amanamoo turan lama mana hidhaa Maa’ikelaawwiitti darbe.

Aside

Ebla 16,2014 Gabaasa Qeerroo Ciroo Irraa
Godina Harargee bahaa magaala Ciroo keessatti mootummaan Wayyaanee miseensota OPDO lafa naannawa Finfinnee federaala jala galchuu dura dhaabbachaa jirtu, Isin miseensota OPDO taatanii seelii ABOti, odeeffannoo ABOf kan kennu isini jechuun amanamtoota ishee yeroo dheeraa mana hidhaa Maa’ikelaawwii keessatti ukkaamsan. Mootummaan wayyaanee shira hojjettutti amana kan dhabde yoo tahu ilmaan Oromoo shakkiidhaan mana hidhaatti ukkaamsaa jirti. Namootni mana hidhaatti ukkaamsaman
1. Adam Caalaa waajjira OPDO keessatti dhimma quunnamtii’
2. Jamaal Ammee itti gaafatama siyaasaa
3. Dargaggoo Biraanuu Hambisaa situ ijaaraa jira jedhamuun
mana hidhaa mootummaa wayyaaneetti kan ukkaamsaman yoommuu tahu miseensotni OPDOs tahe ilmaan Oromoo cufti lafa naannawa Finfinnee dura dhaabbachuu mirkansanii jiran.

Guyyaan Gootota Oromoo Oromiyaa bakkeewwan garaa garaa akkasumas dhaabbiilee barnootaa garaa garaa keessatti haala ho’aan kabajame

Aside

Ela 16,2014 Gabaasa Qeerroo Finfinnee

Guyyaan Gootota Oromoo Ebla 15, 2014 Oromiyaa bakkeewwan garaa garaa keessatti haala ho’aan kabajamee oole. Guyyaan Gootota Oromoo Oromiyaa Yuunivarsiitiilee fi Koollejjiiwwan garaa garaa akkasumas mana barnootaa sadarkaa lammaffaa fi qophaa’inaa keessatti kabajamaa kan oolame gootota Oromoo ni yaadatna yaada jedhu duwwaan osoo hin taane ” Akeeka Gootawwan keenya itti kufan galmaan ni dhaqqabsiisna,” ejjennoo jedhuun ture. Yuunivarsiitiilee Haramaayaa keessatti sabboontotni Oromoo Doormii keessatti dungoo diimaa magariisa diimaa qabsiisuun alaabaa ABO qabachuun irbuu isaanii haaromsuun kan kabajatan yoommuu tahu, naannoo Yuunivarsiitii Haramaayaa magaala Baatee, Haramaayaa fi Awwaday keessatti barattootnii fi Uummatni gamtaan ayyaaneffachuun QBOf gumaata maallaqaa 532 magaala Baatee keessaa qarshii 350 magaala Haramaayaa keessatti maadheeleen jiran QBOf gumaatanii jiran. Guyyaan Gootota Oromoo Yuunivarsiitii Haramaayaa damee Harar keessattii fi Ciroo keessatti kan kabajame yoommuu tahu ejjennoo gootawwan keenyaa galmaan geenya jechuun irbuu isaanii haaromsanii jiran.
Haaluma wal fakkaatuun Yuunivarsiitii Amboo keesatti maadheeleen ABO haala ho’aan sabboontota Oromoo waliin kabajuun dhimma leellistoota sirna nafxanyaa dura dhaabbachuu fi shira wayyaanee dura dhaabbachuu irratti ejjennoo haaromsuun karoora hojiis baafatanii jiran. Magaala Geedoo fi Gudar akkasumas Xiqur Incinnii keessattis haala wal fakkaatuun Guyyaan Gootota Oromoo haala yoomuu olitti haala ho’aan kabajamee oolee jira.
Yuunivarsiitii Wallaggaa, Magaala Naqqamtee fi Shaambuu keessatti Guyyaan Gootota Oromoo haala ho’aan sabboontotaan kabajamee jira. Lafa irraa buqqifamuu qotee bultoota horroo beenyaa osoo hin argatiin hafan irratti mootummaan wayyaanee itti gaafatamummaa qbaachuun dirqama jechuun kan ayyaaneffatan qotee bultootni aanaa Horroo ganda ashaayyaa Ebla 15 irratti yeroo mara akka kabajatanii fi kaanis akka hubachiisan ejjennoo isaanii lafa kaawwatanii jiran. Qotee bultootni ayyaana kana irratti argamanis walitti qarshii 500 QBOf gumaata maallaqaa taasisanii jiran.
Yuunivarsiitii Hawaasaa keessattis sabboontotni Oromoo haala ho’aan alaabaa ABO qabachuun Guyyaa Gootota Oromoo ayyaanessanii jiran. Mootummaan wayyaanee hidhaa fi ajjeechaa akkasumas saaminsa itti jiru irraa akka dhaabbatus hanga dhumaa falma akka taasisan ejjennoo lafa kaawuun Koree Qeerroo eebbifamtoota tahanis kana sababeeffachuun bakka buusanii jiran.
Yuunivarsiitii Finfinnee kiiloo 4, 5 fi 6 akkasumas Bishooftuu fi Kotobee keessatti kutaa magaalaa FF Gullallee, Makkanniisaa fi Shogolee keessatti sabboontotni Oromoo walii galaan bakka jiranii walitti dhufuun guyyaa gootota Oromoo haala ho’aan kabajanii jiran. Shira mootummaan wayyaanee lafa naannawa Finfinnee federaala jala galchuuf fiigus akka dura dhaabbatan ejjennoo lafa kaawwachuun irbuus seenanii jiran.
Guyyaan Gootota Oromoo waraana, Miseensota OPDO dabalatee kabajamuu kan eegalame yoommuu tahu yeroo ammaa kanas haala ho’aan jabaatamee itti fufuun hojiiwwan darban gamaggamaa ayyaaneffatamuu itti fufamee jira.

Giddu Galeessa Oromoo Sulultaa Keessatti Madheen Iftuu Barii Guyyaa Gootota Oromoo Ebla 15 Kabajatan

Aside

Ebla 16,2014 Sulultaa

Bara dhufaa darba guyyaan kun kan hin dagatamneedha. Egaa namni biyyaa fi lammii qanu seenaa hin dhabu.

DSC01251Hara Ebla 15 GGO yaadachuun sababa goonee Gootatu Goota yadata jedhuun nuti maadheen Iftuu Barii miseensa guutuu maadhee keenya waliin akkasuma caasaa of jalaa qabnu waliin godina Addaa Finfinnee magaalaa Sulultaa irratti wal geenyerra.

Gootota oromoo wareegaman yaadachuun keenya irbuu goototaa tiksinee akeeka isaanii galmaan gahuudha. Dursa wal argee keenya irratti daqiiqaa tokkoof yaada sammuu kan yaadannoo gootota darbanii erga goone booda gara gootota darban kana namoota yaraa tuquudhaan wal yaadachiisuutti seenne. Akkuma beekamu dhuma jaarraa 19ffaa irraa kaasee uummanni oromoo garbummaatti kufe,hanga haraatti gabrummaa of irraa kaasuuf lubbuun ilmaan oromoo itti wareegamaa as gahe. Baraoota 1960n keessa sochii Ijoollee Baalee mooticha Haayilasillaasee of irraa qolachuudhaan qabsoon uummata isaa waliin Jeneraal Waaqo Guutuun eegale.Akkasuma uummata isaa waliin diina of irraa qolachuudhaaf Salaale laga Mogoritti Hagarii Tulluutiin eegale,miidhaa uummata oromoo irra gahaa ture mooticha Haayilasillaaseetiin gahaa ture dura utuu dhaabbatuu Naqamtetti wareegame.Isaan kana wal yaadachiisuuf yoo tahu barootuma kana irraa kaasee saba isaaf jaallewwan wareegamaa hanga haraatti dhufeera. Qabsoonis hin dhaabbanne jaallewwan hedduu saba isaaf wareegaman keessaa muraasni yoo dhoofnee wal yaadachiifnu,

. J/Taaddasaa Birruu

.K/Alamuu Qixxeessaa

.Haayilamaariyam Gammadaa

.Haaj Roobale Turee

.Haaj Adaam Sooddoo

.Baqqalaa Nadhii

.Abdiisaa Aagaa

.K/Qadiidaa Gurmeessaa fi kkf wal yaadachiisuudhaan GGO Ebla 15/2014 waliin kabajannee oolleerra, kanaan wal qabatee walaloo akka armaan gadititi gabaabinaan dhiyeessina!

Oromiyaa fi Gootota Ishee!

Haadhakoo haadha seenaa badhaatuu oromiyaa keenyaa

Haadha bineeyyii bosonaa hundumtuu si jaallannaa

Dacheenkee bareedduudha gootota kan biqilchite

Dhiira akka Taaddasaa Qeerransa Birruun dhalche

Jaallewwan Taaddee Birruu Kan darban baayetu jiruu

Dhiira baddaa Salaalee Agarii ilma Tulluu

Leenca Mogorii bahe dhufe kan Dilgaasaa

Akka hin dogoggorre Badhaadha maqaansaa

Itti taatuu onneessaa kan ajjeese diina isaa

Warra kaayyoodhaaf bahe kaayyoodhaaf wareegame

Takkaallee hin badu ni galmaa seenaansaa

Dhufe kan wallaggaa Abdiisaa ilmi Aagaa

Qeerransa tole hin jenne goobe jarreen alagaa

Mana hidhaa jijjigsee marataa of fakkeessee

Alagaa rifaasisee itti iyyeetu naasisee

Fakkeenya ijoollee keenyaa Abdiisaa ilmi Aagaa

Akkana Ee yaa korme leenca mucaa wallaggaa

Keenya ijoolleen kanniisa akka leencaa fi qeerransaa!

Maqaa waamnee hin fixnu seenaanuu ni yaadata!!

Kanatti fufuudhaan Iba ejjennoo gabaabaa akka maadhee keenyaatti lafa keewwannu:

1. Maal nu gooti maal fiddiidhaan mootummaan wayyaanee akkuma kanaan dura godina oromiyaa bakka adda addaatti sirna bittaa isaaf qajeelfachuuf jecha ciccire amma ammo naannowwaa Finfinnee federaala jala galchuudhaaf halkanii guyyaa leellisaa jira,nuti kan jennu Finfinneen handhuura Oromiyaa akkuma tahe kan Oromootis tahus naannoon Finfinnee federeela jala galuu hin qaban jennee mormii keenya ejjennoo keenyaan ibsanna.

2. Dameen habashootaa oromiya keessa jiraatanii gocha minilik oromoo irratti raawwachaa ture akka injifannootti leellifatu,haras gocha kana utuu deebisanii hin jibban, kan jiraatan oromiyaa keessa garuu oromoo irratti faarsu, ejjennoo xumuraa maadhee Iftuu Barii irraa,Leellistoonni sirna nafxanyaa dirree oromiyaa irraa ha bahan, gola isaaniitti haa deebian jenneen ejjennoo keenya tokkummaadhan ibsanna.

Maadhee Iftuu Barii Ebla 15,2014.

Barattooti Oromoo Kolleejjii New Generation Wallaggaa Magalaa Laqamtee Keessatti Guyyaa Gootota Oromoo Kabajuun Ibsa Tuqaa 6 of Keessaa Qabu Dabarfatan.

Aside

Ebla 15,2014 Naqamte

Nuti barattoonni godina Wallaggaa irraa dhufnee magaalaa Naqamteetti barachaa jirru gaafa 15/4/2014 yaadannoo guyyaa gootota keenyaa sirna ho’aafi mariidhaan kabajanneerra jalqaba irratti eebbaan jalqabne itti aansuun yaadannoo sammuu gootota keenyaaf goone marii bal’aa erga godhannee booda fuulduratti wantoota armaan gadii irratti hojjachuuf walii galle!

1 . Kaayyoo bilisummaa Oromoo bakkaan gahuuf jecha wareega barbaachisu kafalee ni qabsoofna. Kanuma waliin sochii barattootaa danquuf jecha basaastota uummata keessa faca’anii jiran hordofnee saaxpuu irraan lubbuu hedduu baraaruu

2.Yyeroo ammaa magaalota Oromiyaa keessatti afaan Oromoof namooti hedduun ilaalcha gaarii hin qaban kana sirreessuuf ni qabsoofna

3.  gara fuulduraattis dhimma garaa garaatiif yoo gargar facaaneyyuu qabsoo keenya caalaatti ni cimsina.

4. Dhaabi keenya dhugaan ABO waan ta’eef sochii WBO gama hundaan ni deggarra.

5.Qabsoo keenya gara fuulduraatti shamarran akka hirmaatan ni goona ayyaana kanarratti shamarranis kan hirmaatan yeroo ta’u. Dhaadannon kaayyoo goototi keenya wareegamaniif bakkaan ni geenya jedhuun kabajanne!

SBO Ebla 16 Bara 2014 Oduulee – Diddaa Yunversitii Jimmaa fi Sirna kabaja Guyyaa Goototaa Osloo Norwayitti geggeeffame of keessaa qaba.

Aside

Aside

Ebla 15, Guyyaa Gootota Oromoo Ilaalchisee Wallee Haaraa Hawwisoo Qeerroo Bilisummaa Irraa,

Finfinnee,Oromiyaa

Gaaffii Mirga Oromoo irratti Qeerroon Yuuniversitii Jimmaa Iyyatnoo Bulchiinsaa Yuuniversitiif Dhiheessan

Aside

 OromiaALutaContinua2011FDG

Iyyannoo Baratoota Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa

Bulchiinsa Yuunibarsiitii Jimmaatiif

Jimma.

      Ebla  11 /2014

  Nuti Dargaggootni Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa rakkina haala yeroo uummata keenya hudhee qabee jiruu fi yeroo irraa gara yerootti jechootni ilmaan nafxanyaa uummata keenya tuffachuu, xiqqeessuu, arrabsuu fi yakka duguuginsa sanyii(genocide)  mootiin habashaa minilikii uummata keenya irratti raawwateef har’a illee leelliftootni ilmaan nafxanyaa  waraanni miniliik gaggeesse waraana qulqulluudha jechuun dhaadachuu irra darbanii mana maxxansa dhuunfaa ‘hinquu’ jedhamuu banachuun ifatti jechoota dhiiga nama danfisuun nu arrabsuu irratti argamu. Harma muraa fi harka muraa Aannoolee fi Calanqootti minilik uummata keenya irratti raawwates tarkaanfii sirriidha jechuun maxxansa kanaan ifatti barreessanii eenyummaa , sabummaa, Oromummaa fi abbaa biyyummaa keenya mulquun maxxansa ‘hinquun’ torbee lama lamaan maxxanfamu kan lakk.113/ Bitootessa 2006 A.L.H maxxanfame irraa hubachuun  danda’amee jira. Waan baay’ee qaaneffachiisaa fi saalfachiisaa ta’e  ilmaan nafxanyaa bulchiinsa Yuunibarsiitii Jimmaa keessa jiran maxxansa kana chaappaa Yuunibarsiitii Jimmaan rukuchuun(mirkaneesuun) ‘social Library’ fi ‘library’ kanneen mooricha keessa jiran hunda keessa kaa’uun yakka sanyii keenya irratti rawwachuun mirkanaa’ee jira.

Rakkoo ulfaataan, haala jiruu fi jireenya hawaasa keenya waliin wal qabatee jiru inni kan biraan rakkoo sirna bulchiinsa mootummaa EPRDF ti. Mootummaan amma aangoo siyaasaa biyyattii dhuunfatee jiru, rakkoo qabiinsa mirga dhala namummaa fi dimookiraasiin nurraa mulqee mirgi uummata Oromoo dhiitamaa, fi gadadoo keessa jiraachuun  yaaddoo jireenyaa keessa kan jirru ta’uun dhugaa addunyaan beekudha.

Walumaagalatti, rakkinoota haala yeroo keessa jirru ilaalchisuun furmaata sirna qabeessa argachuuf qaamota dhimmi isaa ilaalu hundatti iyyannoo keenya dhiyeeffachuuf, mirga keenyaaf falmachuuf murteessuun iyyannoo keenya yeroo dhiyeeffannu gaaffiiwwan armaan gadiif haalduree tokko malee deebii sirriin akka nuuf kennamu barbaadna!

  1. Manni maxxansa dhuunfaa ‘‘hinquu’’ jedhamu hatattamaan cufamuu qaba! Akkasumas barreeffamonni fi maxxansi garaagaraa  amariffaan maxxanfamanii Oromiyaa keessatti gurguraman, seeraan dhorkamuu qabu! Namonni jechoota sanyummaa fi leellistummaa miniliik qabanii fi ajjeechaa miniliik uummata Oromoo irratti raawwate tarkaanfii sirriidha jechaa jiran seeratti nuuf dhiyaachuu qabu! Ilmaan nafxanyaa bulchiinsa Yuunibarsiitii jimmaa keessa jiran kanneen maxxansa hinquu kan eenyummaa fi mirga uummata keenyaa sarbuuf barreeffame chappaan mirkaneessanii ‘library’ Yuunibarsiitii Jimmaa keessa kaa’an seeratti nuuf dhiyaachuu qabu! Bulchiinsi Yuunibarsiitii Jimmaas itti nuuf haa gaafatamu!
  2. Yakka ajjeechaa duguuginsa sanyii(genocide)  mootiin nafxanyaa miniliik uummata keenya irratti raawwateef, mootummaan amma aangoo irra jiru mootummaan nannoo amaaraa gumaa uummata keenyaaf kanfaluu qaba! Leelliftootni sirna nafxanyaa miniliik kanneen akka ‘asmaarii’ teedii afroo(teediroos kaasahun) fi manni maxxansa dhuunfaa ‘hinquu” jedhaman seeratti nuuf dhiyaachuu qabu!
  3. Waldorgommii Shaampiyoona Itoophiyaa 2006 baahirdaaritti gaggeeffame irratti mirgi, eenyummaa fi sabummaan uummata Oromoo sarbamee ilmaan nafxanyaa fi bulchiinsi mootummaa nannoo amaaraa mirga dorgomtoota ijoollee Oromoo fi barattoota Oromoo yuunibarsiitii baahirdaar sarbuun jechoota maqaa xureessuun arrabsuu, hamilee uummata keenyaa tuquun, yakka nurratti raawwatameef mootummaan naannoo amaaraa itti nuuf haa gaafatamu!!
  4. Finfinneen magaalaa guddoo Oromiyaa ta’uun ishee beekamaadha. Maqaa fi jecha kana bira darbee Oromiyaan tajaajila abbummaa lafaa fi qe’ee Finfinnee irraa argachaa hin jiru waan ta’eef, Finfinneen tajaajila dursaa uummata Oromoof kennuu qabdi! (heera mootummaa RDFI, keeyyata 49(5)) Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin haa to’atamu!
  5. Yaaliin Magaalawwan gurguddoo Oromiyaa  naannawaa Finfinnee kanneen akka:-Bishooftuu, Duukam,Aqaaqii Qaallittii, Sandaafaa, Laga-Xaafoo Laga-Daadhii, Sulultaa, Buraayyuu, Hoolotaa fi Sabbataa bulchiinsa Finfinnee jala galchuu fi Magaalaa Oromiyaa kanneen akka Adaamaa, Shaashamannee, Jimmaa, Naqamtee fi Amboo illee to’annaa mootummaa Federaalaa fi bulchiinsa Magaalaa Finfinnee jala galchuuf shirri guddaan Oromiyaa irratti raawwatamaa waan jiruuf, mootummaan ‘EPRDF’ akeeka kana hatattamaan nurraa dhaabuu qaba!
  6. Gurgurtaan lafaa maqaa Investimeentii fi Liizii jedhuun mootummaa amma aangoo irra jiruun Oromiyaa keessatti babal’chuun Uummata keenya qe’ee fi qabeenya dhabsiisuun abbaa biyyummaa fi qe’ee uummata Oromoo sarbaa waan jiruuf, keessattuu: Naannawaa Finfinneetti uummanni keenya qe’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqifamuun jiruu fi jireenyaan dararamaa waan jiraniif, akeekni kun uummata keenya irraa dhaabbachuu qaba! Kanneen qe’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqa’aniifis beenyaa guddaan kanfalameefii qe’ee isaanii fi lafa isaaniitti  deebi’uu qabu!
  7. Mirgi Dimookiraasii fi Namummaa uummata keenyaaf kabajamuu qaba! Uummanni Oromoo akka baay’ina isaatti, qabeenyaa isaa fi bal’ina lafa isaatti gama siyaasaan qoodannaan aangoo sirna ‘EPRDF’ keessatti qabu xiqqaa fi qaaneffachiisaa waan ta’eef, bulchiinsii sirna dimookiraasii dhugaan dhaabbatee, uummata keenyaaf qoodannaan aangoo siyaasaa madaalawaan kennamuufii qaba!  Mirgi abbaa biyyummaa uummata Oromoo kabajamuu qaba! Uummanni Oromoo gita bittaa kam jalaa iyyuu ba’ee ofiin of bulchuu qaba! Mirgi qe’ee fi abbaan qabeenyummaa isaa mirkanaa’uu qaba jennee jabeessinee gaafanna!!
  8. Maqaa Siyaasaan Ummanni Oromoo jumlaan hidhaatti guurame haalduree tokko malee hiikamuu qaba! Maqaa siyaasaan barattootni Oromoo jaarraa 21ffaa keessa illee barnoota irraa arii’atamuu fi ittifamuun dhaabachuu qaba! Kanneen arii’atamanii fi hidhaman hatattamaan gara barnoota isaanitti akka deebi’an ni gaafanna!!

Kanaafuu, bulchiinsi Yuunibarsiitii Jimmaa gaaffiiwwan keenya kana hubachuu fi qaama dhimmi isaa ilaalutti  dabarsuun deebii sirriin akka nuuf kennamu barbaadna jechuun iyyaannoo keenya kabajaan dhiyeeffanneera

Barattoota Oromoo Yuunbarsiitii Jimmaa

Garagalcha:    Uummata Oromoo Hundaaf.

                         Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiif

                         Koomishinii Poolisii Oromiyaa fi Dhimmoota Nageenyaa Oromiyaaf

                         Bulchiinsa Godina Jimmaa fi Komishinii Poolisii Godina Jimmaaf

                         Dhaabbilee Mirga Namummaa Biyyattiif, Afrikaa fi Addunyaaf!.

Yaadannoo Guyyaa Gootota Oromoo Oslo Norway Ebla 15, 2014

Aside

Miseensonni ABO biyya Canada Konyaa Gadaa Bilisummaa Jiraatan Ummata Oromoo Dachii Isaa Irraa Buqa’u Ilaalchisanii Ibsa Morii Baasan!

Aside

QEE FI QABEENYAA, DHACHII HADHUURAA ISAARRAA UMMATA OROMOO BUQQISUUN

MIRGA UUMAMAAN UMMATNI OROMOO QABU SARBUU DHA.

aboMootummootni Habashaa/Itiyoophiyaa dhufee dabraan toftaa fi tarsiimoo sirna gabroofataa ykn koloneeffattummaa  isaa haala  addaa addaan  Oromiyaarratti  caasaa isaa diriirfatee ummata Oromoo qee fi qabeenya, irraa saamaa fi saamisisaa kaan Lubbuu ajjeessaa kaan godaansisaa, qee isaa keessatti jiruu fi jireenya  itti hadheessee,baroota dheeraaf,Ummatni Ormoo qee dhabilee ta`ee godaanaa akka jiraatuu fi baqattummaaf akka saaxilamu godhamaa tureera. Har`as mootummaan Wayyaanee /TPLF/  sirnuma duraan  warri isa duraa Ummata Oromoo fi Oromiyaa weeraruuf saganteeffatan sana bakkaan  ga`uuf fi  ummata Oromoo  fi Ormiyaa  human Qawween hukkaamsanii of jalatti bulchuuf abju`atan sana fiixaan baasuuf Marxifatee hojjetaa jira.

Oromoo qee fi qabeenya isaa saamaanii Maatii tamsaasanii daa`emman yatiyyaman. Gochaa suukanneessaa fi  diinummaa kana Ummata Oromoo irratti hojjechuun Qee ummata Oromoo Oromiyaa honsaniiru. Sabboontota ilmaan Oromoo  gaaffii haqaa gaafatanii fi mirga saba isaaf falamatan, qee isaarratti ajjeesaa, hidhaa turan.Har`as  ittuma jiru. QEE FI QABEENYAA UMMATA OROMOO EBLA 2014