Raadiyoo Simbirtuu fi Seife Nebelbal Ebla 17,2014

Aside

 

OMN: Xiyyeeffannaa Tibbanaa Ebla 16, 2014

OMN Shamarree Oromoo Toltuu Tufaa Waliin

SBO Ebla 20 Bara 2014 Oduu Tarkaanfilee WBO – Guyyaa Gootota Oromoo Giddu Gala Mooraa Loonjii WBOtti kabajame irratti haasaa H/Dn ABO J/Daawud Ibsaa taasisanii fi gabaasaalee kanatti rarra’an ofitti hammatee jira.

Aside

Gaaffii Mirgaa Yuuniversitii Jimmaa Keessatti Ka’een Wal Qabatee Barattoota Oromoo 10 Hidhamanii Turan Gamtaan Gootota Oromoo Tokkummaan Ka’anii Diddaa Taasisaniin Hidhaa Irraa Baafatan.

Aside

Tokkummaan Jiraatnaan Injifatnoon Jira!!  Hojii Boonsaa Gamtaa Barattoota Oromoo Yuuniversitiin Jimmaa !!

QerroooEbla 17/2014 Goototni Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa gaaffii mirga kabajamuu mirga saba Oromoo fi falmii mirga abbaa biyyummaa Oromoo kanneen akka gaaffii Magaalawaan Oromiyaa gurguddoo fi nannaawaa Finfinnee Adeemsii Finfinnee fi Federaalaa jala galchuun to’achuuf Mootummaan EPRDF shira uummata keenya irratti hojjechaa jiru uummata keenya irraa dhaabbachuu qaba, mirgii uummata keenyaa sarbamaa jiru kabajamuu qaba jechuun gaaffii mirgaa iyyaannoo isanii irratti dhiyeeffachuun bulchiinsa Yuunibarsiitii Jimmaatti dhiyeeffachuun Ebla 11/2014 hanga Ebla 12/2014tti bara FDG kaasuun ni yaadatama.

Gaaffii mirgaa barattooti kaasaniin wal qabatee guyyaa mormiin bahame sanitti sagalee  keessan kaaftanii dhadannoo dhageessiftaniittu,mootummaa irratti hiriira qindeessitaniittu sababoota waraanni mootummaa Wayyaanee fi poolisii mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa keessatti argamuun barattootni Oromoo nagaan kudhan (10) kudhan qabanii hidhuun buufata Poolisa Yuuniversitii Jimmaa keessatti hidhan.Godhchaan Wayyaanotaa kun sirrii akka hin taanee fi daba Oromoo irratti raawwachuu ta’uu kana aarse gootonni barattooti Oromoo Yuniversitii Jimmaa tokkummaa isaanii cimsuun gamtaan harka walqabachuun Waajjiraa poolisii Yuunibarsiitii Jimmaa keessa jiru marsuun barattootni keenyaa gaaffii keenya gaafatan malee yakka tokko illee hin qaban gadhiifamuu qabu, gaaffiin gaaffii waliigalaa hunda keenyaati amma hatattamaan baratootni keenya gadhiifamuu qabu jechuun sagalee mormii guddaa dhageesisuun baratoota Oromoo tohannaa loltoota Wayyaanee jala galan harka eegdotaa irraa gadi lakkisiisuun fudhatanii deebi’uun dhaadannoon tokkummaa fi eenyummaa isaanii diinatti argisiisuun eenyummaa isaanii
kabachiifatan.

Baratootni Oromoo poolisotaan dararaman kunis:-
1.Barataa Galaanaa Abbabaa, mummee Governance and Developmental
studies, waggaa 3ffaa,
2.Barataa Abdii Turaa, mummee seeraa waggaa 5ffaa
3.Barataa Zabbanaa Tamasgeen, muummee afaan Oromoo Folklore waggaa 3ffaa
4.Barataa Mo’iiboon Baqqalaa , mummee health officer waggaa 2ffaa
5.Barataa Israa’eel Haptamuu
6.Barataa Ibsa(Girma) Nagaasaa, Mummee Governance and developmental
studies waggaa 2ffaa
7.Barataa Darajjee , Mummee Chemistry waggaa 3ffaa,
8.Barataa Falmataa Bayechaa, Mummee Medicine waggaa 4ffaa
9.Barataa Gadaa Hubataa, Mummee Economics and Business waggaa 3ffaa
10 Barataa Bariisoo ,Mummee Afaan Oromoo Folklore waggaa 3ffaa

Yeroo tahan kanneen kaan bakka isaan mooraa Yuuniversitii keessa hin jirretti bilbilaan warri doorsifaman barattooti lama haala kanaan rakkoo keessa jiraachuu beekame. Kanneen kunis

1.Barataa Sanyii Iddoosaa , Mummee medicine waggaa 5ffaa bakka inni internship dhaaf ba’ee jiruutti bilbila irratti bilbiluun kan doorsifama jirudha.
2.Barataa Guutasaa Jaalataa , Muummee Medicine waggaa 5ffaa akkasuma bakka inni interniship dhaaf ba’ee jiruutti bilbiluudhaan kanneen dorsifamaa jiran kessa tokko ta’uun beekamadha. Hallii tarkaanfiin abbaa irruummaa dabbaloota wayyanee gootota baratoota Oromoo irratti rawwachaa jiran daran kan fincila diddaa garbummaa qabsiisa jiru ta’uu hubatamee jira, kanuma irraa ka’uun baratootni Oromoo nuti gaaffii karaa nagaa dhiyeeffanneef baratootni keenyaa hidhamuu doorsifamuu hin
qaban warren barattoota keenyaa doorsisa jiran seeraatti nuf dhiyaachuu qabu jechuun gaaffii isanii jabeessuu irratti argamu. Kana malees Yuunibarsiitii Jimmaatti gamtaan tokkummaan baratoota Oromoo haalaan jabaachuun seenaa qabsoo Oromoo keessatti bakka olaanaa qabachaa kan jiru ta’uun hubatame jira. Haalli kun mootummaa abbaa irreetti yaaddoo fi dhiphina guddaa yoo ta’u, uummata Oromoo fi sabboontota Oromoof abdii guddaa ta’uun beekame jira.
 

Mootummaan Wayyaanee Badii Tokkoon Malee Sabboonaa Artistii Oromoo Jaafar Yusuuf Ukkaamsuu Mana Hidhaa Galche

Aside

Mootummaan Wayyaanee aartii fi Artistoota Oromoo nyaachaa alalfachaa kan as geesse Sabboonaa Jaallatamaa wallisaa Oromoo kan tahee fi yeroo ammaa kana keessatti walleewwan haaraa baasuudhaan daran jaallatamaa kan dhufe Wallisaa Artistii Oromoo Jaafar Yusuuf mootummaan wayyaanee Ukkaamsuun mana hidhaa keessatti darara irraan gahaa jirti. Mootummaan wayyaanee Wallisaa Jaafar Yusuuf dhimma Lafa naannawa Finfinnee federaala jala galchuu ilaalchisee wallee Finfinneen Keenyuma jedhu wallee baaqqee gadhiisteetta, Ati akeeka mootummaa wayyaanee Uummata kakaasuun fashalsiisuu irratti argamta jechuun mana hidhaatti ukkaamsuun darara jabaa reebichaa bakka lafeen ilmaan Oromoo hedduun keessatti nyaatame Maaikelaawwii keessatti dararaa jirti.

Sabboonaa Wallisaa Art. Jaafar Yusuuf
Mootummaan Wayyaanee Artistoota Oromoo waan Oromoo fi Oromiyaa sirban kanneen akka Eebbisaa Addunyaa, Yoseef Gammachuu, Usmaayyoo Muusaa, Abdii Qophee fi kanneen biroo hedduu darara jabaa irraan gahuun lubbuu isaanii kan dabarsite yoommuu tahu yeroo ammaa kanas Sabboontota Oromoo Artistoota waan Oromoo sirbuun oromummaa hubachiisan kanneen akka Jaafar Yusuuf mana hidhaa keessatti darara jabaa irraan gahaa jirti. Sabboonaan Artist Jaafar Yusuuf walleewwan hedduu qabu keessaa waan Uummata Oromoo haamilachiisuu fi Gootummaa wallise keessaa..Hafanfartuu Shoolee.. Hara hin galtu Booree, Hayyaa lolaa yaa lola Eeeboo fi torbaan darbe keessa ammo Finfinnee fi naannawaan Finfinnee keenyuma hin kenninu murree kan jedhuu fi kanneen biroo hedduu dha. Mootummaan wayyaanee namoota gama aartiinis tahe gama barnootaan Uummata isaanii hubachiisan hidhuu fi ajjeesuun uummata Oromoo doomsee garboomsuu kan akeekkate baroota bittaa isaa mara waan taheef Uummatni Oromoo bakka jiruu kaee Wallisaa Jaafar Yusuuf mana hidhaadhaa akka gadhiifamu diddaa gama hundaan akka dhageessisuu fi dhuguma lafti Oromiyaa Finfinneen handhuura Oromiyaa taatee naannawa Finfinnees diinaaf kutnee akka hin laanne akka mirkansinu Waamicha Oromummaa dabarsina.

 

**Wallisaan Sabboonaa  Oromoo Jaafar Yesuuf Dhalottan Godinna Qeellam Wallagga anaa Gidaamitti kan dhalate yeroo ta’u. Sababaa Walleeleen isaa mirga uumata Oromoo gaafatuuf jecha Mootummaan Wayyaanee naannoo Magala Borrayyuu lafa Kattaa jedhamutti konkolaataa sadiin marsanii qabanii fuudhanii hama hidhaa Ma’ikelaawwee buusuun beekamee jira.

 

Qeerroo Yuuniversitii Adaamaa Gaaffii Mirgaa Kaasan Itti Fufuun Xalayaa Iyyatnoo Tamsaasan.

Aside

ERGA CALLISUUN KEENYA NU TOLLEE

HAA FALMANNU NU WALII GALLEE!!

DiddaaJaallannee ,filannee miti!,callisanii buqqee tauu mannaa dubbatanii bubbee tauu wayya jedha Oromoon kaleessaa.Duula waliif waliin kaana jedhamu kan roorroon hiriyaa hin qabne shin mootummaa gabroomfataa habeshaa Oromoo irraatti gochaa ture, haa caaluu immoo yeroo amma kanatti gabrummaa gita hin qabne duula duguuggaa sanyii haalaa fi kallattii hin qabne tae jedhamee itti yaaddamee deemamaa jiru Oromoos taee diinni warreen alagaa karaa karaa isaatiin ifatti beeku.Haa tau malee beekuun Oromoof yeroo ammaa kanatti hiikaa hin qabu.shiraa fi danqaa diinni hirriba lagatee halkanii guyyaatti afarftu kanatti dammaqee humnaan diinaa cabsuu dandau hidhatee of qopheessutu irraa eegama. Kana gochuun Oromoof waan akka mirgatti dhiyaatu miti ,dirqama irratti dirqamni eenyummaa dabalamuu qaba. Tole kaa mee waanuma taii kaleessaa fi hara tae, boruu fi iftaan immoo tauu dandaan akka armaan gadii kanatti wal haa ilaalluu.

Yeroo ammaa kanatti duulli boca qabne ilmaan ilaalcha dulloomaa fi ilmaan abjuun isaanii yoomuu shiraa qofaa kan tae haftee Miniliik fi mana barumsaa ekeraa Miniliik irraa warren eebbifamaniin barreeffamoonni Oromoo akka sabaatti xiqqeessuu fi arrabsoo Oromoo tuqu akkasumas Abbaa biyyummaa Oromoo waakkatu Afaan Amhaaran kan barreeffame mataa dureen isaa INQUU FI QUMNEGER jedhaman isaan hangafaa fi ifatti maqaa balleessii Oromoof mana maxxaansaa dhaabbate tauun bira gahameera.

Guutummaan Iyyatnoo kanaa dubbisuuf:- Qeerroo ASTU.docx

GGO Ebla 15,2014, Qo annoo Qaamolee Haqa a fi Ogeessoa Abbaa Seeraa Oromiyaa Irra a

Aside

Guyyaa Gootota Oromoo Ebla 15,2014

Leenjitoota Inistitiyuutii Qoannoo Qaamolee Haqaa fi Ogeessoa Abbaa Seeraa Oromiyaa,magaalaa Adaamatti Guyyaa Gootota Oromoo Ebla 15,2014 kabajameen dhaamsaa fi ejjennoolee armaa gadiin dhiheessan!

Leenjitotni Qaamolee Haqaa fi Abbaa Seeraa Oromiyaa Magaala Adaama keessa jirruu Guyyaa Gootota Oromoo Ebla 15 guyyaa keessaa sa’aatii 8:00 irraa eegallee haala ho’aani fi sirnaan, yaadannoo guyyaa gootota keenyaa kabajnee oollerra.Guyyaan kun guyyaa xurree haqaa ta’uu fi guyyaa tokkummaan saba keenyaa daran akka itti fufuuf, goototni keenyaa wareegama hadhaawaa kaffalan waan ta’eef yoomuu onnee keenyaa keessaa akka hin badnee ta’uu hubannee,guyyaa kana haala addan yaadannee oollerra.Goototni keenyaa kun jiraachuu keenya har’aa,dagaagina biyyaa keenyaa gara fuuldura,tokkummaa saba keenyaaf hundee waanta’aniif,kabajaa fi ulfinni bara baraa isaaniif haa ta’uu jenna.Guyyaa har’aa yeroo gootota keenyaa yaadannoo imaanaa isaan nuf kaa’anii fi kaayyoo isaan manaa ba’anii gammoojjitti hafani fuulduratti deemsisuun dirqama sabummaa keenyaa ta’uu hubanna.waadaa hin hin jijjiramnees ni seenna.
Ittii aansuun haala kabaja keenyaa fi mariiwwaan garaagara guyyaa kana ta’ee akka armaan gadiin sinif dhiyeessa.
Akkuma aadaa keenyaa marii keenyaa eebbaa jaarsa Qeerroon bananne.Ajaandaan marii keenyaa;
1,Tooftaa QBO fi FDG ittiin deemamuu qabu fi dhalataan har’aa jiru ittiin deemamuu qaban,
2. Haala deemsi QBO ittin deemaa jiruu fi sadarkaa(level) diinni ittiin saba keenyaa hacuucaa jiru wal madaala deemaa jiramoo? Diinatu nu caala saffisaan hojjetaa jiramoo nutu caala socho’aa jiraa kan jedhu irratti gamaggama adeemsaa irratti marii dheeraa goonee jirra,
3. Sochii mootummaan biyyaa keenyaa irratti raawata jiruu,haala itti nafxanyaan socho’aa jirtuu fi ilaalcha dargaggoota keessaa jiruu,
4. Furmaata fi haala itti furmaatni sun galma gahu balinan mari’achuun dabarsine,
Rakkoowwaan armaan duraa kana irratti furmaatni fi ejjennoowwan miseensonni keenya fudhatan haala armaangadii ta’aa.
A. Akkaa haal-dureetti qabsoon furmaata rakkoo kana ta’uu hubannee kaayyoo gootota keenya fiixaan ni baafna.
B.Madaalli ykn saffisni diinni ittin deema jiruu fi haala sochiin dargaggota oromoo ittiin deema jirru waan wali hin gitneef sochiin keenyaa dachaadhaan akka itti fufuu qabuf dirqama keenyaa ni baana.
C.Dhaaba furmaata kanaa ta’ee ABO fi WBO keenya dandeettii,humna,beekumsa,dinagdee qabnuun gadi ni utubna.
D.Ummata keenyaaf hubannoo FDG fi kallatti qabsoon keenya ittiin galma ga’uu qabu gorsuu fi kakaasuu hojii keenyaa guddaa ta’uu qaba jenna.
E.FDG yeroo amma magaalota keenyaa tokko tokko fi mooraa barnootaa garaagaraa keessatti ta’aa jiru haalan bira ni dhaabanna ni jajjabessina,waan nurraa eegamus ni baana.
F.Lammiwwaan keenyaa ijaaruun qabsoof of qopheesun furmaata waanta’eef guyyaa kana jalqabnee ummata keenyaa ijaaruutti deemuu akka qabnu fi sochoosuu qabnu jenna.
G.Callisuun,obsa baay’isuun,maaltu na galche jechuun, taa’ani rakkina faarsuun fi quba namatti qabun gowwummaa ta’uu fi bilisummaa namaf fiduu akka hin dandeenye hubannee tokko tokkoon keenyaa waanta nurraa eegamu gochuun dirqama sabummaati jenna.
H.Yeroo ammatti diinni garaagara tooftaa fi daandii jijjiratee hamlee nu dadhabsuu fi tokkummaa keenyaa diiguuf haalan socho’aa jiru hubanne of qopheessuu qabna jenna. kabajni fi ulfinni gootota keenyaaf , akkasuma dhaaba keenya ABOf haa ta’uu jenna.

Injifannoon Uummata Oromoof!

Gadaan Gadaa Bilisummaati!

Qoannoo Qaamolee Haqaa fi

Ogeessoa Abbaa Seeraa Oromiyaa !!

GGO Ebla 15,2014

Naannoo Affaar keessaa leenjifamtootni Humna ittisa biyyaa Mechanical Engineering tahan 1700 diddaa kaasuun leenjii addaan kutan

Aside

Ebla 17,2014 Finfinnee

OromiaALutaContinua2011FDGDiddaan waraana mootummaa wayyaanee keessatti eegale jabaachuun itti fufee jira. Naannoo Affaar Godina Sadii keessatti humni waraanaa ittisa biyyaa Mechanical Eengineering leenjian 1700 ol tahan fincila kaasuun leenjii addaan kutuun mooraa leenjii gadhiisuun bahan. Lleenjifamtootni humna ittisa biyyaa kunneen bakka leenjiitti wal qixxummaan hin jiru, Lleenjifamtoota dhalootaan Tigiree tahaniif xiyyeeffannoon addaa fi kunuunsi kennama, Nuyi akka lammii lammaffaatti ilaalamuu hin qabnu jechuun gadhiisanii magaala Awaash galanii jiran. Kanneen maallaqa geejibaa harkaa qabanis gara warra isaaniitti deebiuu irratti argamu. Mmootummaan wayyaanees haala kanaan dhiphina guddaa keessa kan seene bakkeewwan garaa garaa irratti sakkattainsa hamaa gaggeessuun isaaniin eessaa dhuftu jechuun hidhuu irratti argamu. Jia sadaasaa darbe keessas leenjifamtootni kunneen 2000 ol tahan diddaa wal fakkaataadhaan gadhiisanii bahuun isaanii ni yaadatama.

Magaala Dirree Dawaa keessatti Guyyaan G ootota Oromoo Ebla 1 6, 2014 maadheelee A fur walitti dhufanii n haala hoaan ayyaa neffatamee oole.

Aside

Guyyaan Gootota Oromoo Ebla 15, 2014 magaala Dirree Dawaa keessatti maadheelee ABO afur walitti dhufaniin Ebla 16, 2014 haala hoaan kabajamee jira. Magaala Dirree Dawaa keessatti maadheeleen Guutamaa Hawaas lakkoofsa 1,2 fi 3 akkasumas maadhee Gumaabaastuu Eebbisaa Addunyaa walitti dhufuun Guyyaa Gootota Oromoo kabajatanii jiran. Kabaja ayyaana kanaas Eebbaan kan eegalan yoommuu tahu dungoo diimaa magariisa diimaa qabsiisuun alaabaa ABO fuuldura kaawwachuun ayyaana haala yeroo kamuu ol miidhagaa tahe ayyaanessanii jiran. Bara darbe maadheeleen kunneen hordoffii diinaa hedduu jabaataa tahe jalaa bahuuf Ebla 17 kan kabajan yoommuu tahu baranas Ebla 16 kabajuudhaan hordoffii diinaa jalaa miliquu dandaanii jiran. Ayyaana kana irratti sababa Guyyaan Goototaa itti kabajamuu fi akkaataa itti kabajatan kan walii ibsa yoo tahu qophiileen adda addaa kanneen akka walaloo fi Seenaa wal yaadachiisuu akkasumas karoora baasuu hojjetamee jira. Dhuma irrattis maadheeleen kunneen ibsa ejjennoo qabxii 6 baafachuun milkiin xumuranii jiran. Kunneenis

1. Oromiyaa irraa hanga dhumaa diina ni tiksina
2. Dargaggootaa fi Uummata hiriirsuun QBO tarkaanfachiisuuf gahee keenya ni baana
3. Llafa naannawa Finfinnee federaala jala galchuu wareegama eegamu mara kaffallee dura dhaabbanna
4. Shamarran Oromoo Gamtaan dhaabbatan hirmaannaa isaanii kaasuuf ni hojjenna
5. WBO cinaa ni dhaabbanna. Waan nu irraa eegamus ni raawwanna
6. Mootummaan wayyaanee fi leellistootni nafxanyaa hanga hundaan buqqaanitti qabsoo itti fufna

Kanneen jedhan baafachuun gumaata QBOf kan tahus maallaqa qarshii 780.00( Dhibba toorbaa fi saddeettama) gumaatanii jiran.

Oromo Voice Radio broadcast on April 16, 2014

Aside

Gaaffii Mirgaa Barattoota Oromoo Yuuniversitii Adaamaatiin Har’a Ebla 16 Dhiyaate! FDG Itti Fufe!

Aside

Gabaasa Qeerroo Yuuniversitii Adaamaa Ebla 16,2014

Qeerroo OromiyaaQeerroo yuuniversitii Saayinsii fi Teknoloojii Adaamaa irraa Ebla 16 gabaasa dhiyaatuun barattootni oromoo mooraa yuuniversitii Adaamaa keessatti argaman cunqursaa fi miidhaa mootummaan wayyaanee uummata oromoo irratti gaggeessa jiru dura dhaabbachuuf akkasuma weellistoota nafxanyaa sirnaa fi kaayyoo isaan sammuu isaanii keessaa qaban bakka dhabamsiisuudhaaf ifatti gaaffi mirgaa qabachuudhaan guyyaa haraa Ebla 16 hiriira adeemsisuu irratti kan argaman gabaasni isaanii addeessa.

Akka madda gabaasichaatti wal duraa duubaan moorichatti kan adeemsifame barattootni oromoo dursanii hiriira bahuudhaaf waraqaa adda addaa maxxansanii jiru,hiriira as bahuudhaa asitti jaleewwan diinaaf dalagan kan moorichaatiin qindoominni kun jiraachuu isaa hanga hundee mootummichaatti odeeffannaa dhaamuudhaan waraannii fi dhimmoonni nageenyaa osoo hin hafin mooraa yuuniversitii Adaamatti wal gahanii oolan,kun dursee barattootni oromoo hiriira bahuun dura, yaada gala laaffessaatiin gara barattootaatti bakka wal argee barattootaa Amfii Tiyaatir jedhamutti barattoota oromoo mara walitti qabuudhaan gaaffii qabdan hundumaa osoo hin hambisin tokko lamaan isin keessumsiisnaaa nuuf dhiyeessaa kan jedhan waajjiraalee dhimma nageenyaa fi poolisoota oromiyaa walumaa gala kaabinoonni wayyaaneedhaa hafuura tasgabbii qabu gaaffii dhiyeessitan hunda nuti fuunee deebii isaa itti kennina jedhuun barattoota hunda irraa akka armaan gadiitti gaaffii isaanii funaannatanii oolan, gaaffii barattootaa wal duraa duubaan:-

  1. Ammatti utuu iji keenya arguu suurawwan habashootaan maxxanfame mooraa kana keessatti suuraa Minilik bakka jiru hunda irraa haa buqqau kan jedhu gaaffiin dhiyaate kunis kallattumaan osoo barattootni ilaalanii presedaantiin moorichaa mooraa keessa deemuudhaan suurawwan minilik buqqisanii jiru,kun gaaffii barattootaa hatattamaan deebieedha.
  2. Manni maxxansaa yeroo ammaa gabaa irratti kitaaba Inqu jedhamu tamsaasaa jiru kun amma irraa kaee akka dhaabbatu tahuu baannan lubbuu baayeen itti bahuun isaa waan hin oolleedha kan jedhu gaaffiin dhiyaate ammo yeroo gabaabaa keessatti furmaata isaa argitu jedhame,
  3. Siidaan minilik magaalaa Finfinnee keessaa diigamee siidaan gootota oromoo wareegamanii nuuf haa ijaaramu kan jedhuufis qaamonni wayayanee dhufanii gaaffii kana fudhatan itti walii galanii waadaas seenanii jiru,
  4. Lafti oromoo duraan gurguramaa tureera, ilmaan oromoo hedduun kanaan rakkinatti galee waan nyaatu dhabee lafti qabu dureessa wayyaaneef kennamee jira,yeroo gabaabaa keessatti lafti oromoo gurguramee jiru haa deebiuuf beenyaa gahaan kennamuufii qaba,yeroo dhiyoo keessatti deebii kanaa isin irraa eegna,
  5. Lafti oromoo maaliif abbaa qabeenyaaf kennama utuu jennu ammo naannowaan Finfinnee federaala jala galchina jettu,kun gonkumaa tahuu hin qabu,amma jala murree isinitti himna, kun taee argamnaan barataan kamuu qabsootti seena,barumsas hin barannu,amma irraa kaaatii nu hubadhaa nu fixuuf yaaddu yoo tahe ammuma nu fixaa irra deebinee jenna naannowaan Finfinnee federaala jala galuu hin qabaniin maqaa tokkummaa barattoota oromoo yuuniversitii saayinsii fi teknoloojii Adaamaatiin murtoo keenya dhiyeeffanna.
  6. Barataan oromoo yakka tokko malee barumsa irraa ariyamee qabamee hidhamee,kan barate ammo hojii dhabee jireenya gaddisiisaa daandii irra bulaa deemu kun amma irraa furmaatni itti haa godhamu kan hidhame haa bahu,kan ariyame barumsa isaatti haa debiu,kan baratee hojii dhabee jiruuf hojiin haa kennamu.

Kan jedhuun barattootni oromoo mooraa kana keessatti guyyaa guutuu barumsa osoo hin jedhin gaaffii mirgaa kaasuudhaan iyyaa oolani, guutummaa guututti qaamni ABO jiraachuu waan shakkaniif akka waan hidhataa ykn waraanni WBO mooraa keessa jiruutti ijoollee oromootu dubbii kaase jedhuun waraanaa fi poolisoota isaa mooratti ramadee jira,kun ganama saa tokko irraa kaasee hanga galgala keessaa saa 2 tti ture,basaastonni wayyaanee moorichatti ramadamanii jiru,barattoota fakkaachuudhaan mooraa keessallee bulanii jiru kan jedhus gabaasni dhiyaate addeessa. Ija kaabinoota wayyaanee duratti barataa huccuu suuraa minilik uffatee jiru kan ittiin dhaadatu irraa baasuudhaan gubanii qullaatti hambisanii jiru,kana irratti kaabinnoonni waltajjii san irra ijaajjanii walgayii kana gaggeessan naasuudhaan afaan qabatan,kunis tokkummaan barattoota oromoo akka cimetu isaaniif ife,kanumaan kan wal qabate yuuniversitii hawaasattis gaaffiin mirgaa dhiyaachuuf barattootni oromoo ijaarsa gaarii irra akka jiran gabaasni addeessaa jira, haalli jiru itti fufee gabaasa irratti dhiyaata.