Lafa naannawa Finfinnee federaala jala galchuu dura dhaabbattan sababaa jedhuun Wayyaaneen miseensota OPDO amanamoo turan lama mana hidhaa Maa’ikelaawwiitti darbe.

Ebla 16,2014 Gabaasa Qeerroo Ciroo Irraa
Godina Harargee bahaa magaala Ciroo keessatti mootummaan Wayyaanee miseensota OPDO lafa naannawa Finfinnee federaala jala galchuu dura dhaabbachaa jirtu, Isin miseensota OPDO taatanii seelii ABOti, odeeffannoo ABOf kan kennu isini jechuun amanamtoota ishee yeroo dheeraa mana hidhaa Maa’ikelaawwii keessatti ukkaamsan. Mootummaan wayyaanee shira hojjettutti amana kan dhabde yoo tahu ilmaan Oromoo shakkiidhaan mana hidhaatti ukkaamsaa jirti. Namootni mana hidhaatti ukkaamsaman
1. Adam Caalaa waajjira OPDO keessatti dhimma quunnamtii’
2. Jamaal Ammee itti gaafatama siyaasaa
3. Dargaggoo Biraanuu Hambisaa situ ijaaraa jira jedhamuun
mana hidhaa mootummaa wayyaaneetti kan ukkaamsaman yoommuu tahu miseensotni OPDOs tahe ilmaan Oromoo cufti lafa naannawa Finfinnee dura dhaabbachuu mirkansanii jiran.

1 thought on “Lafa naannawa Finfinnee federaala jala galchuu dura dhaabbattan sababaa jedhuun Wayyaaneen miseensota OPDO amanamoo turan lama mana hidhaa Maa’ikelaawwiitti darbe.

  1. Lafaa Nannawaaw Finfinnee < Federal Jela Hoolchuun, Oromiaan Federalaan Geggeeffama Jechuu miti, ( 1 ) , Federal Jechuun Hunmnootaa Capitalism Adunyaatuu Ijjareef, Akka Qabeenyaa Oromia samuun isaniif Miijjawuuf, ( 2 ) , Minoriries { yka Sablamooto Oromoia Keessa Akka turaniif Jecha. Duraan Constitutions Ijjaaramee Teesso Mootummaa Ethiopian Empire Keessa Jiruu Sabni Hundumtuu Hiree Isaa Mataa isaatiin Ha'muratuu Jedhaa Miti? amma Uumatni Oromo WEaan Federallii Ethiopia Dabarsuu Diduu danda'huu Qabna1

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google photo

You are commenting using your Google account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s