SBO Ebla 23 Bara 2014 Oduu fi Haasaa H/D ABO J/Daawud Ibsaa kutaa lammaffaa fi xumuraa of keessatti hammata

Aside

OMN:Qophiilee Ebla 21, 2014/ Qophiilee GGO Waliin

Aside

Oromo Voice Radio broadcast on April 21, 2014

Aside

Gaaffii Mirgaa Barattooti Oromoo Yuuniversitii Jimmaa Gaafataniif Deebiin Mootummaa EPREF Irraa Kenname Hidhaa fi Reebicha Ta’e.

Aside

Ebla 21,2014 Gabaasa  Qeerroo Jimmaa

BilisummaaGaaffii Mirgaaf Deebii Hidhaa fi Ajjeechaa Keennuun aadaa Mootota Itiyophiyaati
  1.  Barataa Abdii Turaa mummee Seeraa waggaa 5ffaa mooraa Main Cumpass irraa,
  2. Barataa Moo’iiboon Baqqalaa , mummee health officer waggaa 2ffaa ”           ”
  3. Barataa Leejjisaa Alamayyoo muummee  water and environmental resource engineering waggaa 3ffaa  mooraa Saayinsii fi Technology kittoo irraa
  4. Barataa  keenediin Mummee Civili Engineering waggaa 3ffaa         ”                        ”
  5. Barataa Darragaa Abdiisaa , mummee civil Engineering waggaa 3ffaa    ”’             ”’
  6. Barataa  Dhabasaa Jaatamaa, mummee veterinary medicine waggaa 6ffaa mooraa Agriculture irraa.

Kanneen jedhanii fi barattooti lakkoofsaa 12 ta’an kaan humnaan diqisifamanii qabamuun Wajjiira Poolisii Magaalaa Jimma ganda o5 (Awweetuu Mandaraatti) hidhaman keessatti argamu.

Ebla 19–21/2014tti Waraannii fi Poolisiin Federaalaa Wayyaanees barattoota Oromoo karaa nagaa gaaffii mirgaa gaafatan humnaan mooraa yuunibarsiitii Seenuun gooluu fi konkolaataan ukkamsee hidhatti guuruu irratti argama, barattootni heddunis humna kanaan reebamanii akka malee midhamuun hospitalaa galuun gabaafamera, Barattoota hedduu humnaan ukkanfamanii qabamanii hidhaman keessa muraasa maqaan nu qaqqabee jiru:

Goototni Qeerroon dargaggoonni barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa gaaffii mirgaa karaa nagaan Gaafataniif Mootummaan abbaa irree Wayyaanee humna waraanaa fi humna poolisa Federaalaa mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa arfan(kolleejjii Saayinsii fi Technology , Kolleejjii Qonnaa, Kolleejjii Economics and Business fi Mooraa main Campass Jimmaa)  galchuun barattoota karaa nagaa gaaffii mirgaa gaafatan goolaa jira, Diddaan barattoota Oromoo Yuunibarsiitii  Jimmaa humna Waraanaa fi Poolisoota Federaalaan dhaabbachuu hin dandeenye, guyyaa kaleessaa illee baratootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa Gaaffii keenyaaf deebiin nuf haa kennamu, hidhaa reebichi, barnoota irraa arii’amuun, humna waraanaa fi poolisa federaalaan dararaan nurraa dhaabbachuu qaba akeekni kun gaaffii uummataa dhaabuu hin danda’u jechuun sagalee isanii dhageesisuun itti fufee jira.

Gaaffiin keenya deebii argachuu qaba, barattootni nagaan seeraan ala qabaman kun hatattamaan hiikamuu qabu jechuun Goototni barattootni oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa diddaa isaanii itti fufani jiru.

 

Shallamoo Immaanaa itti gaafatamaa humna tikaa Wayyaanee godina Jimmaa Dabalatee Qondaaloti Tikaa 5 Mooraa Yuuniversitii Jimmaa Keessatti Ramadaman. Gaaffiin Barattoota Oromoos Itti Fufe

Aside

images.jpg111Ebla 20/2014 Dargaggoonni Baratootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa gaaffii mirgaa karaa nagaa gaafataniif deebiin humna waraanaa fi poolisa federaalaan seeraan ala mooraa Yuuibarsiitii galchuun reebsisuu, humnaan doormii battoota cabsiisiisani galchuun hidhatti guursisuu ta’e.

Gaaffiin Barataa mirgi Uummaanni Oromoo Finfinnee irraa qabnu nuf haa eegamuu, Magaalaawwaan Oromiyaa Finfinnee jala galchuuf adeemsi mootummaan EPRDF gochaa jiru dhaabbachuu qaba, kan jedhuu fi Oromummaa keenyaan ilmaan habashaa nafxanyaan miniliikiin faarsituu maxxansa hinquu jedhamu irratti Oromummaa keenyaan arrabsamnee, tuffatamnee waan jirruuf seeratti nuf dhiyaachuu qaba, barruu arraaba sanyummaa nafxanyootan guutame kana Yuunibarsiitiin Jimmaa library keessa galchuun yakka 2ffaadha seeraatti nuf dhiyaachuu qaba jechuun Ebla 11/2014 iyyannoo bulchiinsa Yuunibarsiitii Jimmatti dhiyeeffachuun ni yaadatama. rakinota kanaan walqabatee barattootni Oromoo yoomiyyuu sirna garboomsaaf hin jilbeeffanne FDG egaalan jabeessuun hanga gaaffiin keenya nuuf deebi’utti jechuun itti fufan, Ebla 19/2014 FDG haalan jabaataa ta’ee gaaffiiwwaan armaan oliif deebii qubsa argachuuf baratootni Oromoo itti fufun qabsoo seenaa qabeessa, qabeenyaa fi mirga nama dhuunfaa utuu hin sarbiin sagalee isaanii dhageesisuu jabeessan.

Haaluma kanaan walqabatee Itti gaafataman Humna Tikaa Wayyaanee Godina Jimmaa kan ta’ee fi ajajan poolisii Mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa kan ta’an wal ta’uun humna poolisa Federaalaa fi waraanaa nuf erga barattootni qabeenya barbadeessa jiru jechuun gooftolii isaaniieeyyama gaafachuun humna waraanaa humna olii fi poolisa Federaalaa Mooraa Yuunibarsiitii Jimmatti eeyyama president Yuunibarsitiichaa malee galchuun Baratoota Oromoo reebsisaa, mana hidhaattii guuraa, kaan isin ajjeefna jechuun doorsisa jiru. Mooraan Yuunibasitichaa hundii mooraa waraanaa fakkata. Dabballootni wayyaanee yeroo amma angoo isanitti dhimma bahuu fi ergama diinummaa ilmaan Oromoo irratti gaggeessa jiran:

1. Shallamoo Immaanaa itti gaafatamaa humna tikaa wayyaanee godina Jimmaa.

2.’ Lataa’ nama jedhamu  Itti gaafatamaa OPDO mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa

3. Abdulzemad nama jedhamu komand post naannoo kibbaa,

4. Yibelxaal  Siraaneh basaasa fi dabballee Wayyaanee EPRDF,

5. Kaliid Abba Tamaam itti gaafatamaa Poolisii Mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa, namni (Poolisiin Kaliid) kun bara darbe 2013 nannoo baatii waxabajjii barataa Faasil Huseen barataa Sayikooloojii waggaa 2ffaa seeratu sii barbaada jechuun biroo isatti galchuun reebee nama ajjeesee fi reeffii barataa kana illee qorannoo malee akka maatii isa qaqqabu nama godhe. Yeroo amman kana illee ani aangoo President Yuunibarsiitii Jimmaa qabduu olitti nama qabu jechuun humnaan barattoota Oromoo karaa nagaa Gaaffii mirga gaafatan waraanaa fi humna poolisaa federaalaa galchuun barattoota goola jira. hidhi dhaloota isaa karaa haadha isaa Yeem fi karaa abbaa isa Oromoo ta’uu himama. keessattuu inni lakkofsa 1ffaa fi 5ffaa hojii diinumma halkanii guyyaa ilmaan Oromoo irratti kanneen dalaguun adda dureedha.

Dararaa fi gochaa diinummaa ilmaan Oromoo irratti rawwachaa kan jiru adda dureen namoota kana waan ta’eef uummaanni Oromoo fi dargaggootni Oromoo namoota kana irra akka of eeggatanii fi gochaa cubbamaa fi seeraan itti nama gaafachiisu har’a ilmaan Oromoo irratti rawwachaa jiraniif seeraatti akka dhiiyataan barattootni Oromoo fi Uummanni gaafachaa jiru.

QALBEEFFADHA!!!! Abbaan Lafaa Dhagaa Falaxe Lafa Isaa Irratti, Shukri Jamal –

Aside

Breaking News: Seife Nebelbal interviews Qeerroo on today’s Jimma University attack

Aside

Wallisaa Sabboonaa Jaafar Yusuuf reebicha hamaa wayyaaneen irra gaheen Hospitaala ALERT seene‏

Aside

 

jaafar yusuuf

Arstist Sabboonaa Jaafar yusuuf

Mootummaan Wayyaanee artistoota Oromoo ajjeesaa fi darara jabaa irraan gahaa kan as gahe Sabboonaa Oromoo Wallisaa Jaafar Yusuuf reebicha jabaa irraan gahuun yeroo ammaa kana Hospitaala ALERT jedhamu keessatti argama. Wallisaa Jaafar Yusuuf Mormii lafa naannawa Finfinnee federaala jala galchuu ilaalchisee wallee haaraa Finfinneen keenyuma hin kenninu murree jedhuun sababamee kan hidhame yoommuu tahu mootummaan Wayyaanee reebicha jabaa irraan gahuun du’aa fi jireenya gidduu seenee Hospitaala ALERT keessatti waldhaansa gadi aanaa argachaa kan jiru yoommuu tahu achittis tahu tiknii fi Poolisootni wayyaanee cunqursaa hamaa irraan gahuu irraa hiriyyootnii fi firootni isaa akka hin dubbisne dhorkanii jiran. Mootummaan wayyaanee aartii fi hayyoota Oromoo balleessuuf duuba kan hin deebine yoo tahu yeroo ammaa kana Oromoon bakka jiruu ka’ee gaaffii mirgaa akka finiinsu waamicha Oromummaa dabarsina.

Yuuniversitiin Jimmaa Mooraa Waraana Wayyaanee Fakkaata. Diddaan Barattoota Oromoo Ebla 19,2014 Itti Fufeen Barattooti Gaga’amaa Jiru.

Aside

OromiaALutaContinua2011FDGEbla 19/2014 FDG Goototni Qeerroon Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa torbee tokko oliif gaggeessa jiiran daran jabaatee itti fufe.

Warraaqsii Fincila Diddaa Garbummaa (WFDG) guyyaa har’aa haalaan jabatee Mooraawwan Yuunibarsiitii Jimmaa Main Cumpas, Mooraa Agriculture fi mooraa saayinsii fi teekinooloojii keessaatti fincillii guddaan itti fufee oleera. Sagaleen mormii guddaan dhageesifamera, Waranaa poolisii federaalaa Wayyaanee Waliinis w alitti bu’insii guddaan Uummamee Mooraa Agriculture fi mooraa Saayinsii fi Teekinooloojii irraa Baratootni hedduun humna Waraanaa mooraa 44 (arba arattanya kifile xoorii) kan dhihaa Oromiyaaf ramadamee ta’uu humnaan Mooraa Yuunibarsiitii cabsanii galuun baratootaa konkolaataan Ukkamsaa jiru. Yuunibarsiitiin Jimmaa fi magaalaan Jimmaa dirree Waraanaa fakkaatee jiraachuu Qeerroon gabaasa.

Ammaan dura gaaffiin barattoota Oromoo Jimmaa bulchinsi Finfinnee mootummaa nannoo Oromiyaa jala galuu qaba, Magaalawaan Oromiyaa naannaawaa Finfinnee , bulchiinsa Finfinnee jala galuu hin qaban, kaayyoo mootummaan Oromiyaa gargar qoodee lafa uummata Oromoo gurguracha jiru hatattamaan dhaabbachuu qaba, kan jedhuu fi Oromummaa keenyaan manni maxxansaa ‘hinquu’ jedhamu nu arrabsuun maxxansii maqaa balleessii kun seeratti dhiyaachuu qabu, namoonni Oromummaan nu arrabsan seeratti dhiyaachuu qabu jechuun iyyannoo dhiyeeffatan, gaaffii deebii keenyaa hanga nuf hin deebinetti

GGO’n Oromiyaa Bakkoota Adda Addaa Keessatti Haalaan kabajame.

Aside

Ebla 19,2014 Gabaasa Qeerroo
Gabaasa Ebla 15/2014 Guyyaan Gootota Oromoo(GGO) dhihaa Oromiyaa goodinota garaagaraa keessatti haala gammachiisa fi damaqinsaa qabsoof qaban mul’isuun sabboontotni Oromoo Maddheewwaan ABO garaagaraa irraa walitti dhufuun kabajatan. Akkuma Hoogansi Qeerroo Bilisummaa Oromoo haala kabaja ayyaanichaa irratti ergaa fi dhaamsa karaa miseensota qeerroo uummataaf dabarsetti uummaanni haala baay’ee ajaa’ibsiisa ta’een guyyaa kana irraa qooda fudhachuun kabajatan. Godinota dhiha Oromiyaa kanneen akka:
Godina Jimmaa: Sabboontootni fi miseensotni Qeerroo dargaggootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimma jalbultii Guyyaa gootota Oromoo ebla 11/2014 fi 12/2014 Warraaqsaa FDG gaggeessuun kaayyoo bilisummaa uummata keenyaa goototni ilmaan Oromoo lubbuu isaanii itti wareeguun asiin ga’an itti xummura haa goonu jechuun guyyaa gootota Oromoo kayyoo goototni Oromoo irratti waraeegaman finiinsuun kabajachuu eegalan. Goototni Sabboontotni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa FDG eegalan itti fufuun, cinatti Ebla 15/2014 Guyyaa Gootota Oromoo sirna ho’aa ta’een kabajatan, Seenaa Gootota Oromoo ilaalchisuun Guyyaan Gootota Oromoo akkamittini fi eessatti isa jedhuu, eenyufatuu wareegameef, maaliif eenyuuf wareegaman isa jedhuu irratti ibsa gaggabaaba waliif kennuun haala ajaa’ibsiisa ta’een kabajatan. kana malees goototni baratootni Oromoo department garaagaraa irra barachaa jiran walitti dhufuun namotni 100 olitti lakka’aman bakkatokkotti walitti dhufuun haala qabsoo bilisummaa Oromoo fi warraaqsaa FDG eegalanii jiran irratti marii bal’a gaggeeffachuun guyyaa seena qabeessa kana haala nama gammachiisuu fi onnachiisuun kabajataniru. Godinichuma keessatti sabboontotni hojjetootni Mootummaa, daldaltootni, dargaggootni, barsiisotni, fi dafqaan bultootni dhalotaan Oromoo ta’an gurmuun walitti dhufuun guyyaa seena qabeessa kana kabajataniru.
Godina Iluu Abbaa Booraa: Goototni Sabboontotni baratootni Oromoo Yuunibarsiitii Mattuu, kolleejjii Barsiisota Mattuu, Jiraattootni Magaalaa Mattuu, fi Sabboontotni Magaalaa Beddelleetti argaman namoota dhunfaa fi gurmuun maadheen ijaaramanii kanneen jiran walitti dhufuun guyyaa Gootota Oromoo haala walfakkaatuu fi akkam miidhagaa ta’en kabajataniru, Guyyaa Gootota Oromoo(GGO) sababeeffachuun haala qabsoo bilisummaa Oromoo irratti marii guddaa gaggeeffachuun, gumaacha qabsoon isaan irra barbaaduu bahuuf waadaa isanii haaromsuun kabajatan.
Godina Lixa Shawaa: Sabboontotni Oromoo Godina Lixa shawaa gurmuu hawaasaa kanneen akka dargaggootaa, baratoota, hojjettootaa, fi bakka bu’oonnii qeerroo dargaggoota Oromoo fi bakka bu’oonnii madhee garagaraa irraa walitti dhufuun Magaalaa Amboo keessatti GGO haala midhagaa fi dadamaqinsaa qabsoo guddaa qabuun kabajataniru, Guyyaa gootota Oromoo kana sababeeffachiinis haala qabsoo bilisummaa Oromoo irratti marii bal’aa gaggeeffachuun kabajatan, guyyaadhuma kana bakka bu’onni gurmuulee hawaasaa kunneen ilmaan oromoo lafa rakkinaa fi mana hidhaa wayyaanee garaagaraa keessatti dararamaa jiran ittin jajjabeessuuf kan oolu buusii maallaqaa walitti qabuun qarshii 700 kan walitti buufatan ta’uu bakka bu’onnii qeerroo godina lixa shawaa gabaasaniru,kana malees godinuma Lixa shawaa Aanota garaagaraa fi manneen barnoota sadarkaa 2ffaa fi 1ffaa garaagaraa keessatti GGO haala ho’aa ta’een kabajameera. keessattuu Aanota kanneen akka Midaa Qanyii, Geedoo, Xuqur Incinnii, Iluu Galaan, Baabbicha, Tokkee Kuttaayee, Jalduu, Gudar, Amboo, Giincii, Adaa’aa Bargaa, Gindabarat, fi Meettaa Roobii, kanneen jedhaman keessatti qonnaan bultootaa, Barattoota, Barsiisotaa, fi hojjetootaan akka kabajamaa ture maddeen keenya gabaasaniru.
Godina Kibbaa Lixaa Shawaa: GGO’n bifa adda ta’een sabboontota Oromoo maagaalaa Walisoo,fi Aanota Wancii, fi Sadan Sooddoon kabajamera. Sabboontotni Oromoo haaluma walfakkattuun walitti dhufuun Ebla 15/2014 bifa adda ta’een kabajachuun haala yeroo qabsoon Oromoo irra jiruu fi Oromiyaa irra jirtu irratti marii guddaa gochuun qabsoo bilisummaa Oromoo fulduratti tarkaanfachiisuuf dandeetii keenyaa, beekumsa keenyaa fi waan qabnu hundaan qooda kan irraa fudhannu ta’a jechuun waadaa isaanii haaromsuun guyyaa kana kabajatanii oolaniru.
Walumaagalatti: Sabboontotni Qeerroon Baratootni Oromoo Dhabbilee barnoota Olaanoo fi Manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa keessa jiran GGO haalan kannan kan kabajatan yoota’uu, keessattuu dhabbilee barnoota olaanoo Yuunibarsiitota akka Jimmaa, Amboo, Walisoo damee Amboo, Wallagga, Wallagga Damee Gimbii fi Shaambuu, Miizan Teeppii, Walqixxee, Finfinnee fi Kolleejjota Barsiitotaa kanneen akka Jimmaa, Neqemtee,Mattuu fi shaambuu keesatti illee GGO’n ilmaan Oromootiin haala aja’ibsisaa fi jajjabinaa fi dammaqinsa qabsoo argisiisuun haala howaa ta’een kabajachuun gabaasaan bakkota garaagara irra nu qaqqabee jiru ifa godhee jira.
Injifannoon U/Oromoof!.
Gadaan Gadaa Bilisummaati!
Ebla 17/2014