Live Reporting from FDG:- Ambo,Adaama and Bule Hora/ May 1,2014

Aside

BBC Newsroom Report of #OromoProtest; Report on the Violence the Ethiopian Govt Unleashed on Civilians in Ambo, Oromia

Aside

http://www.Gadaa.com

FDG Gootota Barattoota Oromoo Oromoo Yuuniversitii Finfinnee

Aside

Gootota Oromoo Bara 2014 “Dhiigaan Qabsoo FDG Daran Finiinsan”

Aside

Goota Dhiiga isaan qaboo magarse

Endalee.jpg12

Barataa Oromoo Taddasee Gashee

Ummata Oromoo waliin ta’uun Qeerroon Bilisummaa Oromoo har’a magaala Amboo keessatti gootota Oromoo kabajaan gaggeefata. 

Ebla 30,2014  Gaffii Mirgaa Abbaa Biyyuummaa Oromoo fi Dimookiraasii gaafachuun goototni barattootni Oromoo mana barumsaa Sadarkaa 2ffaa Liibaan Maccaa hiriira guddaa Uummataa Oromoo Amboo waliigala hirmachise kan baay’inni uummataa 45,000 ol irratti argamee keessatti, Qeerroon Oromoo Wareegama boonsaa saba isaa Oromoof kaffaluun Ijifannoo Uummata dhiiga isaan qabsoo daran magarsee magaalaa Amboo fi Oromiyaa guutuuttu guci qabsoo akka itti fuftu taasise.

Wareegamuun gooticha barataa Oromoo maqaan armaan gadiikanaan Ummaanni qabsoo gitaa gaggeessutti seene.

Barataa Oromoo Taddasee Gashee Barataa kutaa 9ffaa Mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Liibaan Machaa Ambooti. Gandi Dhalootaa isaa
Waddeessaa lafa jedhamutti dhalatee guddatee.

Gooti Oromoo Taddasee Gashee sirnni awwalchi isaa har’a Caamsaa 2/2014 gaggeeffama uummata 80.000 olitu irratti argama jedhamee eegamaa jira. Guyyaa inni rasaasa Wayyaaneen rukutametti ummanni Oromoo alaabaa Oromoo(ABO) reeffa isaatti uffisuun faajjii isaa kaasuuf dhaadachaa oolan.

Du’a barataa Taaddasee Gaasheetti kana are uumanni Oromoo fi barattooti Oromoo qabsoo FDG itti jabeesuu keessatti yeroo lammaffaaf gootichi barataan Oromoo Indalee Dassaleenyi Barataa Yuuniverstii ABO ummata isaa Oromoof wareega ulfaataa dabarsee of kenne.

Kana malees guyyaa kaleessaa FDG Gudar irratti ta’een barataa Kumalaa Guddisaa fi kanneen biroo wareega lubbuu kafalanii jiru.Wareegamuun bakkoota hundatti ni jira.List gootota keenyaaf gara fuula duraatti qondoominaan ni baafna. Qabsaawaan ni kufa,Qabsoon itti fufa!!!

Gadaan Gadaa Bilisummaati!

Injfannoon Uumata Oromoof!!

 

Breaking News:-Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Magaalli Aliiboo tohannaa Wayyaanee jalaa baatee Harka Uummataa galte!

Aside

Qerrooo

Caamsaa 1,2014 Aliiboo
Gaaffiin abbaa Biyyummaa jabaachuudhaan kan itti fufe Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jaardagaa Jaartee magaala Aliiboo keessatti Uummatnii fi Qeerroon gamtaan ka’uun Magaala Aliiboo tohannaa isaa jala oolchate.

Mootummaan Wayyaanee gaaffii abbaa Biyyummaa karaa nagaa gaafatame deebisuu diduudhaan barattoota Oromoo Jumlaan mana hidhaatti naqaa kan as gahe dhaabbachuu qaba jechuudhaan Uummatnii fi Dargaggootni Oromoo magaala Aliiboo ” Wayyaanee Sii Wayyaaree?” jechuudhaan Magaala Aliiboo Rasaasni wayyaanee akka bokkaa osoo roobuu tohannaa isaa jala galchatee jira. Bara Mootummaan wayyaanee burkutaa’etti Oromoon gamtaan ka’uu qaba jechuudhaan Ka’i Oromoo jechuudhaan dhaadannoo isaanii dhageessisaa oolanii jiran.

Waraanni wayyaanee rasaasa dhukaasuudhaan akka bokkaa roobsus sagaleen Uummata Oromoo dhagahamuu qaba jechuudhaan Uummatnii fi Qeerroon gamtaadhaan Injifannoo fi magaala Aliiboo rasaasa qabu dhagaan baasuun tohannaa isaa jala oolfachuu isaa walleewwan garaa garaadhaan Magaala Aliiboo tohatanii jiran. Uummatni Oromoo magaala Kanaa guutummaadhaan poolisoota Wayyaanee arii’uudhaan magaala dhuunfatee injifannoodhaan ililchuu irratti argama.

 

FDG Baalee, Magaalaa Roobee fi Yuuniversitii Maadda Walaabuu Keessatti Ka’e Daran Hammaate

Aside

Waraanni Wayyaanee Lola Uumata Oromoo Irratti Baneen Baalee Roobee Keessatti Oromoonni Hedduu Wareegamuu fi Madhaawuun Gabaafame. Kanuma Waliin Loltooti Wayyaanee 2 ta’anis Akka Ajjeefaman Beekame.

Gabaasa Qeerroo Caamsaa 1,2014 Baalee Roobee

Hanga saa’aa amma kanatti humni Agaazii faashistii Wayyaanee baratoota Oromoo University Madda Walaabuu kanneen reeffi argame 20ma kan ajjeessan yoo tahu baratootaafi ummatni ajjeeffame lakkoofsaan sanii ol-akka tahe J/Q/A-amma gabaase. Hanga ammaatti magaalaa Roobee humni Agaazii Wayyaanee mana manaan seenuun ummata tumuutti jira. Dubartootni miidhaan hamaan irra gaye kudhan gahanii jiru. Ambulaansiin magaalaa guutuu keessa fiiguun reefaafi mado guuraa jirti jedha.Namni tokko manaa akka gadi bane labsame illee uummaani tole jedhee Wayyaaneef hin abboomamne.Haalli jiru guddoo gaddisiisaafi suukaneessaadha jedha.

RoobeeFDG baratoota Oromoo Oromiyaa Yuuniversitiilee hunda keessatti argamaniin Oromiyaa keessatti dhoohe baratootni oromoo GKBahaa magaalaa Roobetti argaman kanneen Yuuniversiitii Madda Walaabuufi manneen barumsaa ol aanon sadarkaa 2ffaa baatuufi hedduun fincila guyyaan guyyaa walirraa hafnuu miiti,jechuun qophii akkaan guddaafii wayyaanota rifachiise qopheessanii hiriira nagaa ganamarraa hanga galgalatti bahuun suuraalee qabsawota sabaaf wareegamanii fi barattoota Oromoo Wayyaanotaan badii malee ajjeeffamaniifi faaruu alaabaa faarsuun ABOn dhaadataa turan.

Roobee1Humni Agaazii wayaanee barattoota marsee jennaan ummatni gootummaan hiriira baratoota ilmaan isaatti makamuun dhaadannoolee dhageesisuun hanga wayyaanotaafii lukkeelee isii garaan gubatuttu ABO-faarsaa ilmaan oromoo badii malee mana hidhaatti guurtan haa hiikaman,baratoota oromoo qaroo ilmaan lafaa dhufan mirga saba isaanii gaafachuu isaaniitiif hidhuu,tumuu,rasaasaan ajjeessuu,biyya Oromoo humnaafi qawwee harka qabdan abdachuun ciccirtanii alaguuf gurguruun dhaabbachuu qaba,ummatni oromoo biyya abbaa isaa irratti guyyaa guyyaan akka gadamsaatti adanfamee ajjeeffamuu nurraa dhaabbatuu qabaafi gaaffiilee hedduu kkf kaasee dhageesisuun Wayaanota abdii kutachiisaa oole.humni Agaazii wayaanee baratoota yuuniversiitii madda walaabuu marsee jala buluun ganama kana saa’aa 08:00am irraa kaasee humnichi baratoota Yuuniversiitii madda walaabutti seenuun baratoota reebichaa fii tumuu aansuun baratootni gootummaan humna Agaazii wayaanee hanga funyaanitti hidhachiifamee itti ergame dura dhaabbatuun saa’aa sadihii ol-dhakaafii waan naannoo argataniin of irraa loluun humnicha harkaa cabsanii alatti yeroo baafatan humni agaazii Wayaanee baratoota irratti rasaasa roobsuu eegallaan ummatni guutuun ilmaan Oromoo hin hafnu jechuun baratootatti makamuun humni agaazii Wayaanee baratootaafi ummata Oromoo saa’aa 08:00am-irraa eegalee lola irratti adeemsisaa ture.

Lola kanaan humni agaazii Wayaanee lama (2)du’ee sadi(3),madaa’uutu mirkanaawe.Karaa baratootaa hedduun wareegamuu fi maayyii irratti dhukaasni heddumaaturraa namni madaaye fi du’e bakka bakkaatti hedduu tahuutu shakkama.Hanga ammaa wanni qulqullaawe hin jiru.hadaamaas walitti bu’iinsa fakkaataa taheen baratootni hedduun madaa’uufii wareegamuu himan.

May 1,2014 Oromian News Update

Aside

OromiaALutaContinua2011FDG

Ilu-Abbaa Booraa, Mattuu:- Camsaa 1/2014 Godina Kibba Lixa Oromiyaa Iluu Abbaa Booraatti FDG utuu wal irraa hin citiin guyyaa 4ffaaf jabatee itti Fufe. Barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Mattuu fi kolleejjii Barsiisota Mattuu, Uummata Oromoo magaalaa Mattuu fi Dargaggoota Oromoo magaalaa Mattuu hidhaan, reebbichii, dhukaasaa sagalee gurguddaa qabu irratti dhukaasuun, gaazii summaa’aa nama bossisuu irratti dhukaasuun kayyoo fi ejjeennoo Qeerroo dargaggootaa fi Barattoota Oromoo jijjiruu hin dandeenye, guyyaa har’aa qotee bulaan godinichaa fi nannawaa magaalaa Mattuu Jiraatu FDGtti dhufee dabalamee gaffii keenyaaf deebii nuuf kennaa jechuun dhaadannoon itti fufe.

Waan ajaa’ibsiisaa ta’ee dargaggoonni fi barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Mattuu hiriira ba’anii dandii guddaa Magalicha keessa fi daandii gara Yuunibarsiitii Mattuutti geessuu cufuun taa’anii hanga deebiin nuuf kennamutti hin kaanu yoo nu fixxan nu fixaa jechuun poolisoota dhalootaan Oromoo ta’an garaa raasaa jiru, waraannii fi Federallii reebee itti dhukaasee akka wareeranii baqataniif yaalii hedduu godhee dadhabuutti jira uummannii fi barattootni deebii nuuf kennaa jechuun ammallee dhadannoon itti fufe.

Lixa Shawa Amboo fi Gudar :- Caamsaa 1/2014 Godina Lixa Shawa Amboo fi Gudaritti FDG jabaatee Itti fufee jira Ummaanni Oromoo fi Dargaggeessii,dargaggoon keenya du’ee, uummanni keenya dhiigni dhangala’ee, manatti deebinee hin galluu bilisummaa keenyaaf wareegamna jechuun Uummaanni Magaalaa Amboo fi Gudar walitti dabalamuun falmii qabsoo gitaa gaggeessuutti seenee jira. Har’a Hirriira guddaatu Magaalaa Gudar keessatti gaggeeffamaa jira, Uummaannii Buufata Waraanaa Magaalaa Gudar keessaa jirutti Ibidda qaqbsiisuun kambiin waraanaa Gudar irra jiru gubachaa jira. barattootni Oromoo lama Magaalaa Gudar irraatti rasaasan rukutamanii Wareegamuu hin hafne amma bilbilatu seenuu didee rakkachaa jirra,

Dandiin Amboo Wallaggatti geessu ammas haalaan cufamaa jira, daandiin guddaa konkolaataan Finfinnee gara dhiha Oromiyaa geessuu kun badiyyaattii bakkoota akka Tokkee, Baabbicha, Gooroo Soolee jedhaman fa’itti qotee bulaan ba’ee muka karaa irratti jigsuun cufee jira. karaan darbaa magaalaa Amboo keessatti rakkisaadha, Waraannii guddaan Magaalaa Amboo keessatti uummata waliin wal reebaa jira.

Magaala Amboo:- Barsiisota Oromoo Mana Barumsaa Amboo sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaa irraa humna waraanaa Wayyaaneen ukkaffamanii qabamanii hidhaman

1. Barsiisaa Nahiim Waaqumaa Barsiisaa Herreega

2. Barsiisaa Waqjiraa Marabbaa barsiisaa Geography

3. Barsiisaa Ababaa Caalumaa Barsiisaa Herreegaa

Barattooti Oromoo Yuuniversitii Amboo irraa guyyaa har’aa Caamsaa 1,2014  hidhamanis:-

1.Barataa Caalaa Fayisaa mummee Fayyaa waggaa 3ffaa

2.Barataa Wabii Xilahuun Mummee Afaan Oromoo Waggaa 3ffaa fi Barreessa kitaaba mata dureen isaa ‘Hidha-Hiikame” jedhu kan barreesse.

3. Barataa Damee Aliyyii Aggro Business waggaa 3ffaa,

4,Barataa Gadaa Samu’eel Farmaasii Waggaa 1ffaa kannen keessatti Argaman

Latest News:– FDG Barattoota Oromoo Yuuniverstii Finfinnee

Aside

 

finfinnee1

Breaking News:-Yuunivarsiitii Finfinnee keessatti FDG finiinuu irratti argama. Wayyaaneen waraana Agaaziin Mooraa Yuunivarsiitii Finfinnee marsee jira.

Aside

Caamsaa 1,2014 Finfinnee

FinfinneeGaaffiin abbaa Biyyummaa jabaachuudhaan kan itti fufe Barattootni Oromoo Yuunivarsiitiilee keessaa sagalee isaanii dhageessisuu itti fufan. Haala kanaanis Barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Finfinnee baratan Yuunivarsiitii Finfinnee Kiiloo 6 keessatti walitti qabamuun sagalee isaanii dhageessisuu irratti argamu. Mootummaan wayyaanee gaaffii mirgaa Uummatni Oromoo gaafatu deebisuufii qaba malee ajjeesuu hin qabu jechuudhaan sagalee isaanii dhageessisaa jiran. Dhaadannoowwan garaa garaa Barattootni Yuunivarsiitii Finfinnee dhageessisaa jiran keessaa

  1. Mootummaan wayyaanee Garboomfataa dha
  2. Siidaan Minilik Haa buqqa’u
  3. Ilmaan Oromoo ajjeefamaniif wayyaaneen itti gaafatamummaa haa fudhatu
  4. Saaminsi lafaa haa dhaabbatu
  5. Sagaleen Oromoo haa dhagahamu
  6. Gumaa Gootawwan keenyaa ni baafanna
  7. Finfinneen handhuura Oromiyaati

Kanneen jedhanii fi kanneen biroo dhageessisuun hiriira jabaa gaggeessaa jiru. Mootummaan wayyaanee gaaffii abbaa biyyummaa finiinaa jirutti kan baarage waraana Agaazii bobbaasuudhaan ilmaan Oromoo fi Barattoota Oromoo reebuu irratti argama. Mootummaan waraana bobbaasuu irra gaaffii mirgaa kan bilisummaa fi Walabummaa osoo deebise isaaf salphata jechuun Qeerroon Yuunivarsiitii Finfinnee addeessuun Uummatni Oromoo bakka maraa ka’ee falma jabaa akka gaggeessu waamicha Oromummaa dabarsanii jiran.

Odeessa Dabalataa Haala Diddaa Magaala Amboo Keessaa

Aside