Har’a Caamsaa 2,2014, RSO Gabaasa Diddaa Oromiyaa

Aside

Qabsoon Itti Fufe Duubatti Hin Deebi’u!! Ibsa Haala Diddaa Kibba lixa sahawaa irratti kenname

Aside

Diddaa

May 2,2014 Lixa Shawaa

Breaking News;-Caamsaa 2/2014 ,Godina Lixa Shawaa Aaanaa Midaa Qanyiitti FDG Gootota Barattoota Oromoo manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa Midaa Qanyii Goodaa Galaan, M/b Qanyii Bahaa Biftuu Sadarkaa 2ffaa fi Mana barumsaa Ballammii Sadarkaa 2ffaa fi Qopha’ina, fi Qonnaan bultoota Oromoo fi Manneen Barnoota sadarkaa 1ffaa kanneen akka Baaroo Bidaruu fi manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa hedduu aanicha keessatti argamaniin gaggeeffamaa jira.
Aanaa Ginda Barat Magaalaa kaachiisii fi Abunaa Gindabarti keessatti uummaanni fi barattootni sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaa fi barattootni Manneen barnoota tokkoffaa fi uummaanni walitti dhufuun FDG gaggeessuun bilisummaa isaaf falmachuu irraatti argama.
Aanaa Xuuqur incinnii Magaalaa Dirree Badhaas keessatti uummaanni fi barattootni sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaa fi barattootni Manneen barnoota sadarkaa tokkoffaa fi uummaanni walitti dhufuun FDG gaggeessuun bilisummaa isaaf falmachuu irratti argama. Suuraa Barattoota Oromoo wareegamanii qabachuun uummannii FDG duubatti deebi’uu hin dandeenye gaggeessa jira.

alaabaa

 

Latest News: Yuuniv arsiitii Haramaayaa keessatti FDG jabaat ee itti fufuun Mormi in sirna Wayyaanee i rratti gaggeeffamaa jira

Diddaa

Caamsaa 2,2014 Diddaan Qeerroo Jabaatee Itti Fufe

Haramaayaa University irra deebiidhaan.wav

FDG irra deebiidhaan Yuunivarsiitii Haramaayaa keessatti dhohuun barattootni Oromoo kumaatamaan lakkaawaman gamtaan isaadiyoomii keessatti walitti qabamuudhaan dhaadanoo dhageessisuu irratti argamu. Barattootni Oromoo gamtaadhaan gaaffii abbaa biyyummaa gaafatneef deebiin keenya rasaasa tahuu hin qabu, Ilmaan Oromoo gaaffii abbaa biyyummaaf ajjeefamaniif mootummaan wayyaanee itti gaafatama hatattamaa haa fudhatu, Oromiyaan biyya waan taateef keeyyatni 39 seera biyyattiin lafa kaawame hojii irra haa oolu jechuudhaan barattootni gamtaan sagalee isaanii dhageessisuu irratti argamu. Leellistoota sirna nafxanyaa tahan kanneen Oromoo fi Oromiyaa gurguraa as gahan Oromiyaa keessaa bahuu qabu jechuudhaan barattootni kunneen dhaadannoo isaanii dabalataan dhageessisuu irratti argamu. Mootummaan wayyaanee hundeen buqqa’uudhaan Oromiyaa walaba taate keessa jiraachuu qabna jechuun barattootni Oromoo qeerroon sabboontotni Yuunivarsiitii Haramaayaa sagalee isaanii dhageesisuu irratti argamu. Uummatni Oromoo Fincila diddaa garbummaa keessummeessaa QBO tarkaanfachiisaa as gahe duuba akka hin deebines dhaamsa dabarfatanii jiran.

 

Oromiyaan Sossoote,Har’a Godina Wallaggaa lixaa Magaala Ayiraatti Uummatni gamtaan FDG kaasee magaala tohate

Aside

Diddaa

Caamsaa 2,2014 Qeerroo Ayiraa

Gaaffiin abbaa Biyyummaa Guutummaa Oromiyaa mara keessatti finiinaa kan as gahe Wallaggaa lixaa bakkeewwan garaa garaa keessatti FFDG jabaatee itti fufuun Uummatni gamtaadhaan dhaadannoo dhageessisuu irratti argamu. Haala kanaanis Uummatni Oromoo Godina wallaggaa lixaa aanaa Ayiraa Gullisoo magaala Ayiraa keessatti gamtaadhaan walitti bahuudhaan dhaadannoo sirna nafxanyaa of irraa buqqisne Biyya keenyas dhuunfanne jedhu dhageessisuu irratti argamu. Mootummaan wayyaanee dirqama abbaa irrummaa fudhatee bobba’es humna Uummataa caaluu dadhabuudhaan magaala gadhiisee bahuuf dirqamee jira. Haaluma wal fakkaatuun Godina wallaggaa lixaa aanaa Noolee keessattis sabboontotni Oromoo alaabaa wayyaanee Habashaa faarsaa Oromoo garboomsaa as gahes gubanii jiran. Uummatni Oromoo amma Booreedha jechuudhaan sagalee isaa dhageessisuu akka qabus Qeerroon magaala Ayiraa gabaasee jira.

Ayiraa gulliso

Injifannoo Uummata Oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!!

 

Latest News: Godina Wallaggaa lixaa aan aa Ganjii Mana barum saa sadarkaa lammaff aa Ganjii Ganjii kee ssatti Barattootni H iriira gaggeessun dh aadannoo dhageessisu u irratti argamu

Diddaa

Caamsaa 2,2014 Gabaasa Qeerroo

FDG Jabaachuudhaan kan itti fufe Godina Wallagga Lixaa aanaa Ganjii mana Barumsaa sadarkaa lammaffaa Ganjii keessatti barattootni Oromoo Hiriira jabaa gaggeessuudhaan Mormii jabaa sirna wayyaanee irratti gaggeessuu irratti argamu. Barattootni kunneen gamtaadhaan ka’uudhaan dhaadannoo garaa garaa dhageessisaa oolan keessaa

1. Lafa naannawa Oromiyaa murree hin laannu
2. Barataan ajjeefamuu fi arii’atamuu hin qabu
3. Oromiyaan kan Oromooti
4. Gaaffii mirgaa gaafachuun shororkeessaa nama hin godhu
5. Mootummaan wayyaanee garboomfataa dha
6. Oromiyaan ni bilisoomti
Kanneen jedhanii fi kanneen biroo dhiyeessuudhaan hiriira bal’aa gaggeessanii jiran. Mootummaan wayyaanee dhiibbaa kamuu gaggeessu Barattootni Oromoo gamtaadhaan ka’uudhaan dhaadannoo dhageessisuun sagalee isaanii dhageessisuu irratti argamu. Gaaffiin Barattoota keenyaa gaaffii abbaa biyyummaati gaaffii mirgaati jechuudhaan Uummatni Ganjii barattoota waliin tahuudhaan dhaadannoo dhageessisuu fi gaaffii abbaa biyyummaa finiinsuu irratti hirmaannaa jabaa godhanii jiran. Uummatni Oromoo ka’aa jechuudhaan Qeerroo bakka maraafis waamicha dabarsanii jiran.

 

Latest News: Caamsa a 2,2014 Gaaffiin a bbaa Biyyummaa Jabaa chuudhaan Magaalli B uraayyuu FDG simatte e gaggeessuu irratti argamti

diddaa-4

Caamsaa 2,2014 Gabaasa Qeerroo Buraayyuu

Gaaffiin mirgaa fi abbaa Biyyummaa jabaachuudhaan kan itti fufe Uummatni, Dargaggootnii fi Barattootni Magaala Buraayyuu FDG gaggeessuu irratti argamu. Barattootnii fi Uummatni gamtaan sagalee keenya karaa hiriira nagaa dhageessisna jechuun kan eegale yoommuu tahu mootummaan wayyaanee garuu Waraana ittisa biyyaa fi Humna addaa Agaazii Uummatatti bobbaasuudhaan reebuu fi hidhuu irratti argama. Ilmaan Oromoo karaa nagaa gaaffii abbaa Biyyummaa dhorkamnee manatti hin deebinu jechuudhaan Waraana mootummaa wayyaanee rasaasa qabate waliin falma jabaatti seenee jira. Ilmaan oromoo bakka maraa ka’uudhaan wareegama qaqqaalii kaffalaa wayita jirutti nus wareegama barbaachisaa kaffalla jechuudhaan Gamtaan diddaatti seenanii jiran. Uummatni Oromoo bakka maraa ka’ee walabummaa Oromiyaa mirkansuuf akka hojjetus waamicha Oromummaa dabarsanii jiran.

Burraayu2Burraayyuu

Breaking News:- FDG Kibxata Irraa eegalee Gootonni Barattooti Oromoo Yuunivarsiitii Arbaminc FDG Finiinsuu Itti Fufan!

Aside

Breaking News:-Gaaffiin Mirgaa Barattoota Oromoo Yuuniversitii Haromayaan Har’as Itti Fufe!

Haramaayaa University.wav

FDG Magaalaa Gudar Keessatti Ka’een Daraggoonni Oromoo Saba Isaaniif Wareeqa Qaalii Baasuun Qonnaan Bultoota Daran FDG itti Hiriirse.

Aside

Kumalaa guddisaGuyyaa kalessaa Camsaa 1/2014 Magaalaa Gudaritti ummanni Oromoo hiriira guddaa tilmaamaan kan namoota gara 30,000 ol hirmaachise bahee mirgaa abbaa biyyuummaa isaaf Qabsoo Gitaa fi wareegamaa Qaalii baasee jira. Barattootni Oromoo hiriira kana keessaatti dhaadannoo baatanii uummata waliin deemaa turani fi jirattota Magaalaa dabalatee namoonni 6 batalatti rasasaa loltota mootummaa EPRDF/TPLF’n rukutamuun ajjeefaman.Kanneen kunis:-

1.Kumalaa Guddisaa Barataa m/b sadarkaa 2ffaa Gudar
2.Abdii Kamaal barataa m/b Gudar sadarkaa 2ffaa fi qophaa’ina kutaa 11ffaa
3.Gurmuu Damxoo Barataa m/b Gudar sadarkaa 2ffaa
4.Geetahuun jiraataa Magaalaa Gudar kanneen keessatti argamu.

Kana malees Camsaa 1/2014 FDG’n Godina Lixa shawaa Aanaa Midaa Qanyitti Barattootni M/B sadarkaa 2ffaa kutaa 9-10ffaa Midaa Qanyii Goodaa Galaanitti argamuu qonnaan bultoota kan hirmaachise hiriirri ta’uun barattooti hedduun loltoota Wayyaaneen rukutamanii mada’an keessaa:-

1. Barataa Balaayi Kuusaa M/b Ballaammii sadarkaa 2ffaa qopha’inattikutaa 12ffaa
2. Barataa Darrasaa Ayyaanaa m/b Baallammii sad..2ffaa fi qophaa’ina kutaa 9ffaa
3. Barataa Baayisaa Obsaa barataa kutaa 7ffaa m/b Gabaa kamisaa Sadarkaa 1ffaa kanneen kessatti argaman loltoota Wayyaaneen
madeeffamaniru, hedduun gaaZiidhan ukkanfamuun qabamani hidhamaniru

Barataa GinciWalumaa gala hiriira ta’e kana irratti ammatti kan reeffi isanii argame 6ta’uu malee namoonnii hedduun rasasan rukutamaniiru, hiriirri kun hiriira jabaa fi wareegama qaalii kaffalchise dha. Ummaanni Oromoo qotee bulaan aanaa Tokkee Kuttaayee Gadi yaa’uun daandii Konkolaataa gara dhiha Oromiyaatti geessuu maka karaa irratti jijjigsuun, nannoo, Kolba Gudar, Tokkee, Gooroo Soolee, Baabbichaa hanga Geedootti daandii Cufuun akka waraanna Wayyaanee uummata Oromoo Dhiha Oromiyaa Wallaggatti hin darbinee godhee qabsoo injifannoo boonsaa gaggeessee, Bufatni loltuu Magaalaa Gudar kessaatti argamtu ibiddaan barbadoofte.

Massacre of Peaceful Demonstrators- Perpetual Habit of TPLF Regime/OLF Press Release

Aside

abo

Massacre of Peaceful Demonstrators- Perpetual Habit of TPLF Regime
OLF Press Release

The level of repression and exploitation exacted by the successive regimes of Ethiopia on the subject peoples under their rule in general and the Oromo people in particular has been so unbearable that the people are in constant revolt. It has also been the case that, instead of providing peaceful resolution to a demand peacefully raised, the successive regimes have opted to violently suppress by daylight massacre, detention and torture, looting, evicting and forcing them to leave the country. Hundreds of students have been dismissed from their learning institutions. This revolt, spearheaded by the Oromo youth in general and the students in particular, has currently transformed into an Oromia wide total popular uprising.

The response of the regime has, however, remained the same except this time adding the fashionable camouflage pretext of terrorism and heightened intensity of the repression. This has been the case in Ambo, Madda Walabou, Dambi Doolloo, Naqamte, Geedoo, Horroo Guduruu, Baalee and Ciroo in Oromia; and Maqalee in Tigray as well Gojjam in Amhara region, by the direct order from the Tigray Peoples Liberation Front (TPLF) leaders in the last 22 years.
Tens of peaceful demonstrators, including children under the age of 10, have been massacred in Ambo, Madda Walabou yesterday April 30, 2014. Hand grenades have been deliberately thrown on student demonstrators in Ambo and Haramaya Universities causing several death and serious wounds. More have been detained. Indiscriminate severe beating, including elderly, women and children by Federal Police and militia, is widespread.

The OLF condemns the perpetration of these atrocities and holds, the Prime Minister of the regime, the army, federal police and security chiefs, directly responsible for these crimes selectively targeting the Oromo, who peacefully presented their legitimate demands. The OLF renews its call on the Oromo nationals who are serving in the armed forces of this regime not only to refrain from partaking in this crime against their parents, siblings and children; but also to resist and stand in defense of their kin and kith and other civilians.

We call upon the Oromo people both inside and outside the country, to realize that we have been pushed to the limit. The only way out of this and to redeem the agony visited upon us for the past is to fight back in unison. We specially call upon you in the Diaspora to act on behalf of your brethren, who are under siege, and urge the nations who host you to discharge their responsibility as government and a community of human beings towards the long suffering Oromo and other peoples under the criminal
TPLF regime.

We urge again and again that the international community, human rights and organizations and governments for democracy to use their influence and do all they can to stop the ongoing atrocity against the Oromo people. Failure to act immediately will be tantamount to condoning.

Victory to the Oromo People!
Oromo Liberation Front
May 01, 2014

Ibsa Fincila Barattootaa Irratti.pdf

OLF Press release on FDG 01-05-2014.pdf

በኦሮሞ ተማሪዎች እንቅስቃሴ ላይ ከኦነግ የተሰጠ መግ ለጫ – 01-05-2014.pdf