Latest & Breaking News : FDG Yuuniversitii Haromaayaa Duulli Farra Oromummaa Loltoota Wayyaaneen Gaggeeffamu Dhaabuu Hin Daneenye.

Caamsaa 1,2014 Haromayaa
Yuuniversitii Haromaayaa keessatti gaaffii mirgaa barattooti Oromoo karaa nagaa gaafataniif waraanni Wayyaanee Agaazii jedhamu reebichaa fi ajjeechaan deebii kennaa jira.Barattooti Oromoos kanaan diddaa hin dhaabne.

Sagaleen kun,Eda barii Caamsaa 1,2014 Waraanni Wayyaanee barattoota Oromoo nagaa barbaadu jequun reebichaa fi dararaa irraan gahaa ture kan muldhisu dha.

Sagalee Reebichaa Barattoota Oromoo irraan gahamu.wav

Gabaasa Ebla 30,2014 FDG Oromiyaa Keessatti Qabate Kan Ilaalu

Aside

Oromian News Update

Aside

Qerrooo

Jimma;- Har’a galgala kana Ebla 30,2014 mootummaan Wayyaanee Humna Waraanaaa guddaa eeyyama president Yuunibarsiitii Jimmaa, Bulchiinsa Godina Jimmaa fi Oromiyaa malee qajeelfama ministera Waraanaa EPEDF-n Mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa loltotni Wayyaanee konkolaataa 12n lakka’aman qubsiifaman.

Loltoota kanaan dirqama Yuunivarsiitiin Jimmaa nyaataa fi bakkee ciisichaa Dormii akka kennituu dirqisiifamuun gabaafamera. Haala kanaan Mooraan Yuunibarsiitii Jimmaa humna waraanaa guddaan qabamee jira.

Haroo Mayaa :- Kana malees Yuunverstii Haromaayaa keessatti amma galgala kana dhukaasi sagalee guddaa ni dhagahama.Iyyi barattootaa ni dhagahama. Miidhami akka jirus qeerroon naannicha irraa ni gabaasa.

Magalaa Roobee:- Gootonni barattooti Oromoo magalaa Roobee keessatti hiriira gaaffii mirgaa gaafatu gaggeesaniin wal qabatee mootummaan Wayyaanee humna waraanaa fayyadamuun namoota hedduu miidhuun gabaasi qeerroo naannocha addeessa. Naannicha irraa newtwork ciruu fi poolisoonni Wayyaanee aara himimmaan nama boosisuu dabalatee akka fayyadamanuun hiriira kana dhaabuuf yaalan beekama.Kanas ta’u hiriirri kun itti fufee jira.

Yuuniversitii Madda Walaabuu:-  Ebla 30,2014 waaree booda sa’aa 5:00PM irraa kaasee mooraa Yuuniversitiin haalaan jeeqamaa jira.Waraanni Wayyaanee mooricha seene meeshaa gurguddaa fi xixxiqqaa barattoota irratti dhukaasuun miidhama guddaa geessisee jira,barataan diddaa isaa haa jabeessu iyyuu malee galgala kana dukkanaan dahatee dhukaasa samii keessa ifa kennu hunda gara barattootaatti qabee akka darbataa ture beekama. Network baleesanii jiru.

Ambo:- Humni Waraana Wayyaanee guddaan halkan kana magaalicha marsee haa jiraatu iyyuu malee uumanni qindoominaan wal ijaaruun of eegganoon jira. Warri OPDO poolisa naannoo keessa jiran Federaala waliin akka walitti bu’anitti jiru. Milishootiin gadnaa gariin tohannaa ummataa jala akka galanii jiran beekama. Gabaasi dabalataa itti fufa.

Shaambuu: Ebla 30,2014 irraa diddaa itti oole dhaamsuuf jecha humni ittisa naannoo fi waraanni Wayyaanee magaalicha marsuun dhaggahama. Amma oduun galgala kana addeessutti barattooti Oromoo hedduu akka hidhamanii fi dhukaasi gurguddaan roga hin beekamne irraa uumata doorsisuuf jecha dhukaafamaa jira. Waraqaalee fi barruuleen dhadhannoo “Oromiyaan ni bilisoomti” jedhu magaala keessatti heddumminaan maxxanfamee akka jiru qeerroon Shambuu gabaasa.

Sabboontotni Barattoota Oromoo Godina Horroo Guduruu mana barumsaa Aliiboo sadarkaa lammaffaa fi bakkoota adda addaatti FDG itti fufaa oolan.

Aside

Ebla 30,2014 Shambuu

Qeerroo OromiyaaMootummaan Wayyaanee ilmaan Oromoo fi barattoota Ormoo mana hidhaatti ajjeesaa, hidhaa, barnoota irraa arii’aa fi doorsisaa kan as gahe Godian Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jaardagaa Jaartee mana Barumsaa Aliiboo sadarkaa lammaffaa fi Qophaa’inaa keessaa barattoota Oromoo mana hidhaatti Ukkaamse. Barattootni Oromoo Mana barumsaa Aliboo sadarkaa lammaffaa fi Qophaa’inaa keessaa Ukkaamsaman 6 yoommuu tahan kanneen keessaa

  1. ‘Barataa Galaanaa Namoomsaa Kutaa 11ffaa
  2. Badhaasaa Kabaa Kutaa11ffaa

Keessaa keessatti argamu. Barattootni Kunneen waajjira Poolisii aanaa keessatti Ukkaamsamuun reebichaa fi doorsisaan akkasumas Qorannoodhaan dararama jabaa keessatti argamu. Mootummaa wayyaanee garboomfataa irraa waan gaarii eeguun barbaachisaa waan hin taaneef Barattootni gamtaan Amuruu, Jaardagaa, Saqalaa fi Shaambuu tahuun gamtaan falmanna jechuun  Qeerroon magaala Aliiboo waamicha Oromummaa dabarsee jira.

Breaking News: Amboo, Ummanni Oromoo tokkummaan Ka’ee Mirga Abbaa Biyyummaa Kabachiifachaa jira.Magaalli tohannaa uumata jala jira.

Aside

 

Breaking News :- FDG Yuuniversitii Dirree Dawaa Ilaalchisee yaada barattootaa Ebla 30, 2014

Aside

Latest News:- Wallagga Biilloo Boshee

Aside

Billoo Boshee

Wallagga Aanaa Bonayyaa Magaalaa Biilloo Keessatti Gootonni Barattooti Oromoo Diddaa Finiinsan.

  1. Gaaffiin Ummata Oromoo haa deebi’u.
  2. Finfinneen biyya Oromootaati.
  3. Oromiyaan haa bilisoomtu.
  4. Alagaan nu hin bulchuu.
  5. ABOn nu haabulchu .
  6. Minilik diina Oromooti!

Haala kanaan loltooti Wayyaanee fi poolisoonni Federaalaa barattoota magaalaa kanaa irratti rasaasa dhukaasuu fi bittimsuu yaalan illee duubatti deebisuu hin dandeenye.

Gabaasi bakkoota kaanis haaluma kana ibsa.Qindoominaan itti fufna!

Breaking News

Aside

Uummanni Amboo Qeerroo Bilisummaa Waliin Hiriire Gamtaan Ka’ee Bulchiinsa Godinaa Tohate.

 

Qerrooo

Barataan Oromoo Tasfayee Gashe jedhamuu rasaasa loltuu Wayyaanee irraa itti dhukaafameen lubbuun wareegame jira. Barataan kun Barataa Oromoo Barataa kutaa 9ffaa Mana barumsaa Liibaan Maccaa sadarkaa 2ffaa Amboo irraa barata. Sababaa kanatti kana are uummatni Amboo FDG cimsuun injifatnoolee armaa gadii goonfachaa jiru.

Qabsoo FDG Amboo irratti qabatee jirun wareegamaa kanfalamaa jiruun Injifannoo cuccululuqaan galmaa’a jira, Injifannoo Wareegamaan galmaa’aa jiru keessaa

  1. Ummaannii Bulchiinsa Godinaa To’atee jira
  2. Poolisootni Federaalaa fi Oromiyaa walitti bu’uun warri Federaalaa Lama Poolisotaa Oromiyaan ajjefaman.  
  3. Ummaannii wajjiraalee Gandaa to’atee jira. waajjira bulchiinsa magaalaa immoo nanna’ee dhaadhannoo dhageesisaa Jira erga.
  4. Poolisoonni Federaalaa lama erga Poolisota Oromiyaatiin ajjeefamaanii duubatti deebi’aa jiru,
  5. Wajjirrii fi mannee Mootummaa gandootaa keessa jiran gariin isaanii erga mucaan du’ee ibiddaan gubachaa jiru, barataan keenyaa ajjeefamuun tarkaanfiitti uummata galchee jira,
  6. Amma Uummaannii gara Wajjira Bulchiinsa Godinatti sassabamee dallaan waajirichaa tohataa jira.
  7. Wallee warraaqsaa kan Eebbisaa Adduunyaa ABO fi WBO faarsuun guutummaan ummati aamboo gamtaan sagalee dhageessisaa jiru.

 

Latest News

Aside

Uummanni Amboo Gootummaan Diina Dura Dhaabbachuun Badiyaa fi Magalaan Waraana Wayyaanee Dandii Konkolaataa Dhorkate.

Uummanni Amboo Waraanni Wayyaanee Dhiha Oromiyaa Wallaggatti Akka Hin Dabarreef Bakkoota 16 ol ta’anitti mukkeen guruguddaa jigsuun gootummaan diina dura dhaabbatan

suuraa gamtaa poolisii

Ebla 30/2014 uuummaanni Oromoo fi Dargaggeessii Oromoo Baraattootni Oromoo fi Barattootni Oromoo sadarkaa 1ffaa, 2ffaa, Qopha’inaa fi University Amboo yeroo amma kanatti hiriiraa guddaa guyyaa shaniif itti fufiinsaan gaggeessa jiru. Kessaattuu isa guyyaa har’aa wanti adda isa godhuu, Ummaanni Oromoo Magaalaa Amboo Jaarsaa, Jaartii, Manguddoon, Da’imnii waggaa 8tii olii, Shamarraan Dargaggeessii, Daldaltootni, fi Barattootni utuu hin hafiin keessatti qoodaa guddaa Fudhachuun FDG gaggeeffamaa jira. daandiin konkolaataa Finfinnee Amboo keessa dabarsee Dhiha Oromiyaa geessuu Cufameera,Gudarii fi Amboo Gidduu Bakka 16ttii Daandiin mukaa fi dhagaa Goommaa Konkolaataa karaa irratti Guuruun gubuun, Warannii Wayyaanee akka Wallaggatti gadi hin darbinee Amboo ittisee qabee Bilisummaa isaaf falmachaa jir.

Magaalaa Amboo keessatti daandiin keessaa keessaa fi daandiin guddaan dhagaa fi mukoota karaa irratti guuruun uummaanni daandii cufee;-

  1. Gaaffii keenyaaf deebii nuuf kennaa Ijioolleen keenya hidhamaan nuuf haa hiikaman,
  2. Nu hin ajjeesinaa waggaa 24 nuu ajjeessa turtan nurraa galaa isin ga’a .
  3. Qotee bulaa lafa isaa irraa hin buqqisiinaa,
  4. Finfinneen bulchiinsa Mootummaa Nannoo Oromiyaa jalatti deebitee Ofii keenyaan bulchachuu qabna,
  5. Mirga Dimookiraasii Namummaa nurraa hin sarbiinaa,
    Warannii kun itti gaafatama seenaa keessa jirtuu nu hin ajjeesinaa mirga keenyaaf falmanna, -Gaaffiin mirga abbaa biyyummaa deebii argachuu qaba,
  6. Bilisummaa barbaadna, garbummaan nu ga’a,
  7. Isiin nu hin bulchitan, waggaa 24 nutti taphattan,
  8. Ilmaan Oromoo hidjhaman haa hiikaman

Jechuun Hiriira Nagaa Guddaa ganama sa’aa 2;00 irraa egaluun kan jalqabame hanga amma sa’aatii 8;00tti itti fufee jira, Mootummaan Wayyaanee Sochii uummataa kanatti aaruun rasasasa uummata irratti roobsa jira, rasaasa Waranaana Wayyaaneetiin namoonni hedduun madaa’aniru.

Mana barumsaa sadarkaa lammaffaa fi Qophaa’inaa Gimbii fi Mandii keessatti FDG dho’uun itti fufe

Aside

Gimbii

Ebla 30,2014 Gabaasa Qeerroo Gimbii

DiddaaManneen barnootaa sadarkaa lammaffaa fi Qophaainaa keessatti barattootni Oromoo goototni imaanaa gootawwanii tiksan gaaffii abbaa biyyummaa itti fufuun magaala Gimbii mana barumsaa sadarkaa lammaffaa fi Qophaainaa Kompiriheensivii Gimbii keessatti FDG gaggeessan. Barattootni Oromoo gaaffiin mirgaa ilmaan Oromoo QBO keessatti wareegama baasaa as gahee fi haras itti jiru deebiuu qaba jechuudhaan FDG gaggeessanii jiran. Barattootni oromoo kunneen mana barumsaa keessatti walgahuudhaan tokkummaadhaan ABO gaachana ilmaan Oromoo tahuu kan dhaadatan Yoommuu tahu waardiyaan mana barumsaa fi waraanni mootummaa wayyaanee dura dhaabbatus gaaffii mirgaa irraa humni duuba nu deebisu tokko illee hin jiru, Uummatnis gamtaadhaan kaee falma jabaa gaggeessuutu irraa eegama jechuudhaan murtii dhumaa dabarfatanii jiran. Manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa keessattis barattootni Oromoo gaaffii mirgaa abbaa biyyummaa fi walabummaa Oromiyaa itti fufuu Qeerroon Gimbii gabaasee jira.

Kana malees barattootni Sadarkaa lammaffaa Mandii Mootummaan wayyaanee abbaa irree waan taheef biyya bulchuu hin qabu jechuudhaan dhaadannoo dhageessisaa FDG bobeessan. Mootummaan wayyaanee bakka maraa diddaa gaggeeffamaa jiru dura dhaabbachuu kan dadhabde yoommuu tahu Barattoota Oromoo mana barumsaa Mandii sadarkaa lammaffaa Mandii waraana hedduumminaan itti bobbaasuun reebicha hamaa irraan geessee jirti. Barattootni oromoo mana barumsaa kanaas reebicha mootummaan wayyaanee irraan gaggeessaa jiru dura dhaabbachuudhaan dhaadannoowwan

1. Oromiyaan kan keenya

2. Kanneen hidhaman haa hiikaman

3. Mootummaan wayyaanee Gamboomfataa dha

4. Nuyi Qeerroo dha

5. Oromoon Lagaan hin qoodamu

6. Finfinneen handhuura Oromiyaati

7. Sagaleen Uummata Oromoo haa dhagahamu

Kanneen jedhanii fi biroo dhageessisaa oolanii jiran. Oromiyaa keessatti ibidda qabatee mootummaa wayyaanee barbadeessaa jirutti tumsa Gochuun Oromoon Gumaa gootawwan keenyaa akka deebisu Qeerroon magaala Mandii gabaasee jira.