FDG Gootota Barattoota Oromoon Qabsiifame Itti Fufe!

Aside

OromiaALutaContinua2011FDG

Caamsaa 3/2014 FDG jabaatee itti fufe haala kanaan gaaffiin karaa nagaa fi dimookiraasii itti fufuu irraan Wayyaaneen nagaa hin dhageenye amma illee sagalee qawween malee uumataaf deebii kennuu didaa akka jiru dhagahama.

Guyyaa har’aa Godina Lixa Shawaa aanaa Shananitti uummaanni daandii shanaanii Xiqur Inciniii geessuu akka banamuu hin dandeenyetti cufamee diddaan cimaan kan qoteebulaa waliin gamtaan ka’e qabsiifamera.Waraanni Wayyaanees uummata meesha maleeyyi itti rasasa matarayasii dhukaasuun ajjeesaa jira. Yeroo kanatti Aanaa Shaanana irratti ilmaan Oromoo 3 wareegama Qaalii
kanfalan. Shamarreen Oromoo Hayinaaleem Guutuu dubara waggaa 14ti fi dargaggoonni 11 biroo yeroo amma mana hidhaa qabamanii akka jiranii fi Obboleessii ishee da’imni waggaa 9s akka ajjeefamee jiru gabaasi ammaaf achi irraa dhihaate addeessa.

Wallee Baqqee Haaraa Hawwisoo Qeerroo Bilisuummaa Oromoo Finifnnee

Aside

“Roorroo Dachaa (made with Spreaker)”

Aside

IYYAA, IYYA DABARSAA

Aside

Obboleewwan miseensota mandhee tanaa,

Haalli amma biyya keenya keessa adeemaa jiru karaa tokkoon kan daran nu jajjabeessu, hamilee fi onnee teenya sirriitti olkaasu. Karaa kaan immoo kan daran, daran nu gaddisiisu, kan imimmaanin fuula keenya xoollessu. Ijoolleen teenya kichuuwwan tun xiyyiitii fi xiyya diina uummata keenyatiin harcawuun ishii, kan aariin nu guggubee, xiiqii fi booree garaa nu kaayee tokkummaan kanetoo akka Dhaloota Qabee kana bira dhaabannu nu taasisu! Amma yeroo kun yeroo nuti ijaarsa koo, maaloo maaloo koo, dugda koo, garagarummaa koo faa jennuu miti! Amma alaa-manaa waltahun uummata keenya bira gooruu qabna! Ee, “qabnaan” kun dirqama. Dirqama seenaa fi diraqama dhalootaatti! Yeroon isaa yeroo nuti alaa-manaa waltahuun ijoollee teenyaa fi uummata keenya bira dhaabannu. Guutuu barruu kanaaf:- Iyyaa iyya dabarsaa

Oromian News Update:-Bulchiinsa Aanaa Midaa Qanyii Obboo Shuumii Lataa uummatatti harka kennate.Waajjirri Bulchiinsa Midaqenyii Ummataan Tohatamte.

Aside

Geedoo fi tokkee kuttaayyee

Uummanni Oromoo lixa Shawaa Aanaa Midaaqenyii Waajjira Bulchiisa to’ate, bulchaan Bulchiinsa Aanaa Midaa Qanyii Obboo Shuumii Lataa uummatatti harka kennatee jiraachuun dhagahame. Uummanni kanaan boodaa mootummaan jira jettee wajjira galtee beekii jechuun akkeekkachiisuun wajjira cufee ba’uu, danda’era. Hiriirri nagaa fi FDG Oromoon gaggeessaa jiru kun Caasmsaa 3,2014 ganama irraa eegalees itti fufa.

Har’uma Caamsa 2,2014 Magaalota Geedoo fi Baakkootti Uummanni Oromoo fi barattoottni hiriira guddaa gaggeessuun FDG kaasuun falmachaa oolan. Boorus itti fufa.

Horroo Guduruu bakkoota adda addaa keessatti hamma galgala kanaatti itti fufee jira.Caasaa 3,2014 bifa addaan itti fufuuf deemuu qeerroon gabaasa.

 

New: “Baranoo Gootni Si Waama” Wallee haaraa Hawwisoo Qeerroo Bilisummaadhaan/Caamsa 2,2014 Finfinnee

Aside

Har’a Caamsaa 2,2014 FDG Madii keessatti ka’een Poolisoonni Wayyaanee Ummata nagaa goolaa oolan.

Aside

QEERROO: ‪#‎OromoProtests‬ – Audio Updates from May/Caamsaa 2, 2014 – Ayiraa, Mandii, Haramaya, Midaa Qanyiitti (Shawa)

Aside

More visit:- http://www.Gadaa.com

Oromian News Update/ Waraanni Wayyaanee Fashistiin Yuuniversitii Jimmaa qabeenya barattootaa gubaa jira.

Aside

Odeessa amma sa’aa kanaa

 

  • Camsaa 2/2014  sa’aa ammaa kanatti warrannii Wayyaanee Doormii Barattoota Oromoo irra deemuun reebichaan rasaasaan barattoota Oromoo gochaa Fashistiin tumaa jira.
  • Doormii barattootaa fi qabeenya barattootaatti ibiddaa qabsiisee guutummaatti gubuu irratti argama.
  • Barattoota Mooraa barnootaa keessa arii’uun reebaa doormii barattootatti immoo Ibidda Qabsiisuun, Qabeenyaa Uummataa fi qabeenyaa barattoota uuffataa fi uwwaan barataan Doormii keessa qabu gadii guuruun ibiddaan gubaa jira, Doormiin Barattootaas ibidda Waraannii Wayyaanee kun qabsiiseen guggubachaa jira.
  • Humni waraana wayyaanee lakkoofsa barattootaa caalaa dacha dacha guddachaa jira.

 

FDG Itti Fufuun Har’a Qeerroon Magaala Mandii Hiriira bahuudhaan dhaadannoo Mootummaan Cehumsaa nuuf haa dhaabbatu jedhu dhageessise. Uummatnis gamtaan waliin hiriire

Diddaa

Caamsaa 2,2014 Gabaasa Qeerroo Mandii

Dhaadannoo Mandii.wav

Oromiyaa bakka mara keessatti FDG jabaachuudhaan kan itti fufe Godina Wallaggaa Lixaa magaalaa Mandii keessatti haala ho’aa ta’een itti fufee jira!Dargaggoonni miseensota Qeerroo Bilisummaa ta’aniifii Uuummanni waliigalatti Magaalittii keessa naannawuun dhaadannoowwan gara garaa dhageessisaa jiru!
Finfinneen handhuura Oromiyaati!
Barattootni hidhaman haa hiikaman
Kanneen ajjeefamaniif mootummaan wayyaanee itti gaafatama hatattamaa haa fudhatu
Sagaleen Ilmaan Oromoo haa dhagahamu’
Mootummaan cehumsaa nuuf haa dhaabbatu
Siidaan Minilik haa buqqa’u
Siidaan Gootawwan qabsaawota Oromoo haa dhaabbatu
Kanneen jedhanii fi kanneen biroo hedduu dhaadachuudhaan magaala Mandii waraanni mootummaa wayyaanee rasaasaan marsee bakka jirutti dura dhaabbachuun sagalee isaanii dhageessisuu irratti argamu. Ilmaan Oromoo bakka maraa ka’ee Qabsoo Oromoo eegalame akka galmaan gahus waamicha dabarsanii jiran. Haaluma wal fakkaatuun diddaan barattootaa Najjoo magaala Warra jirruu keessatti finiinuun diina keenya mootummaa wayyaanee dhiphina keessa seensisuu qeerroon gabaasee jira.
Injifannoo Uummata Oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!!