Obboleewwan miseensota mandhee tanaa,
Haalli amma biyya keenya keessa adeemaa jiru karaa tokkoon kan daran nu jajjabeessu, hamilee fi onnee teenya sirriitti olkaasu. Karaa kaan immoo kan daran, daran nu gaddisiisu, kan imimmaanin fuula keenya xoollessu. Ijoolleen teenya kichuuwwan tun xiyyiitii fi xiyya diina uummata keenyatiin harcawuun ishii, kan aariin nu guggubee, xiiqii fi booree garaa nu kaayee tokkummaan kanetoo akka Dhaloota Qabee kana bira dhaabannu nu taasisu! Amma yeroo kun yeroo nuti ijaarsa koo, maaloo maaloo koo, dugda koo, garagarummaa koo faa jennuu miti! Amma alaa-manaa waltahun uummata keenya bira gooruu qabna! Ee, “qabnaan” kun dirqama. Dirqama seenaa fi diraqama dhalootaatti! Yeroon isaa yeroo nuti alaa-manaa waltahuun ijoollee teenyaa fi uummata keenya bira dhaabannu. Guutuu barruu kanaaf:- Iyyaa iyya dabarsaa
ADOn utu yona kana uummatatti makame qabsosa daraan finiinse ni bilisomna!
ADBO utu ummata oromoo maraf tumsa godhe qabsosaa fininsee, silaa humna diinaf rasaasa wayaane nu dararaa jiru kana jalaa ni yaana, ni bilisomna