Bulchiinsi Yuuniversitii Adaamaa Barattoota Oromoo Dabarsee Akka Kennu Ajaji Wayyaanee Irraa Itti Kenname. Gaaffiin Barattootaas Sodaa Tookkoon Malee Itti Fufe!

Aside

q1Caamsaa 15,2014 Gabaasa Adaamaa

Guyyaa irraa gara  guyyaatti barattootni mana barumsaa garagaraa fi koollejjii akkasuma Yuuniversitiwaan keessatti dabarfamanii harka diinatti kennamuudhaan hidhamaa jiru,kun guyyuu kan itti fufaa jiruudha. FDG Ebla 2015 Oromiyaan bakka hundaatti wal qabatee itti fufuun isaa waan mootummaa Wayyaanee yaaddoo keessa alcheef jecha  barattoota Oromoo sabboonoo tahan tikoota Wayyaaneen adamfamanii qabaman illee gaaffiin mirgaa daran jabaachuun itti fufe.

Har’a Caamsaa 15/2014  waaree booda mootummaan Wayyaanee Yuuniversitii Adaamaa keessaa barattooti Oromoo 15 ol akka barbaadamaa jiran beeksisa baasuun  akka hordofamanii dhiyaatan bulchaan Yuuniversitii kanaa beeksisa baasee ture haala kanaan har’a barattootni 6 harka loltoota badii tokkoon malee loltoota Wayyaaneen qabaman.

1.Adam Goobaanaa-barataa waggaa 2ffaa

2.Eebbisaa Daallee

3.Liiban Tarreessaa

4.Walabummaa Dabalee

5.Booddanaa-barataa waggaa 5ffaa

6.Ganamoo Kurkee

Kanneen jedhaman yeroo tahu, hidhamuun ajjeefamuun barattoota Oromoo daran dachaan qabsoo keenya dabala malee duubatti nu deebisuu hin dandayu kan jedhu Qeerroon Yuuniversitii Adaamaa waraqaalee warraaqsaa galagala kana mooraa Yuuniversitii bakkoota adda addaatti facaasaa fi maxxansaa turaniiru.

 

 

Wallagga Magaalaa Naqamte Keessatti Gaaffiin Mirgaa Darggaggoota Oromoo Itti Fufe.Ogeessoti Fayyaa Hosptala Naqamtee Loltoota Wayyaaneen Reebaman.

Aside

Diddaa

Caamsaa 14/2014 FDG marsaa 2ffaan gootota barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Wallaggaan jabaatee itti fufuun walqabatee mootummaan abbaa irree Wayyaanee barattoota Oromoo meeshaa maleeyyii gaaffii karaa nagaa gaafatan irratti waraanaa bobbaasuun yakka ol’aanaa raawwataa jira.

Tarkaanfii waraannii Mootummaa EPRDF/TPLF/OPDO/ barattoota Oromoo nagaa karaa nagaa gaaffii mirgaa gaafatan irratti fudhatamaa jiru,gocha duggugginsa sanyii (genocide)guyyaa saafaa uummata Oromoo irratti gaaggeeffama jiraachuun beekama.

Waraanni Wayyaanee barattoota Oromoo irratti yakka waraanaa dalagu irra darbee, hospitaala neqamtee cabsee seenuun hojjetoota Hospitaala Naqemtee fi narsootaa fi Dokteroota tajajiila yaalii barattootaaf kennaa jiran irratti tarkaanfii reebichaa fudhachuun yakkii ulfaataa waraana mootummaa abbaa irreetiin magaalaa Neqemtee keessatti rawwatera.

Gochaa faashistummaa mootummaan abbaa irree Wayyaanee barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Wallaggaa irratti fudhateen barattoota 150 ol haalan madeeffaman keessa kanneen keessaa:-
1. Barataa Gulummaa Baayisaa
2. Barataa Birraa Tasfaayee,
3. Barataa Haptamuu Garradoo.
4. Barataa Ibraahim Mardii,
5. Barataa Taayyee Girmaa
6. Barataa Abdiisaa Raggaasaa
7. Barataa Gammaachuu Dhufeeraa
8. Barataa Gammachiis Geetanee
9. Barataa Tsagayee Hayiluu
10. Barattuu Hawwaa Baqqalee
11. Barattuu Yerusaleem Tamasgeen kanneen keessatti argaman barattootni Oromoo nagaan tarkaanfii waraannii Wayyaanee irratti fudhateen madeeffamani hospitalaa Naqemtee galanii jiru.

Gama biraan godinuma baha Wallaggattis haaluma itti fufinsa qabuun FDG M/B sadarkaa 2ffaa Haroo Limmuu irras mootummaan Wayyaanee FDG kanatti rifachuun barattoota Oromoo 10 olitti lakka’aman barnoota irra arii’uun bira ga’ameera.
1. Barataa Firaa’ol Amanuu barataa kutaa 10ffaa
2. Barataa Mootilee Garbaa barataa kutaa 10ffaa
3. Barataa Dachaasaa Baqqalaa
Barataa Moosisaa Amantee kanneen jedhaman kan kessatti argaman barattootni Oromoo barnoota irraa arii’atamaa jiru.

Haaluma walfakkatuun FDG Aanaa Giddaa manneen barnootaa sadarkaa tokkooffaa fi 2ffaa dabalatee uummata waliin ta’uun m/b Lalistuu Hangar sadarkaa 2ffaa keessattis diddaan jabaatee itti fufee jira. Kana malees Aanota akka Limmuu galilaa, Ebantuu, Saasiggaa, jedhaman keessatti diddaan jabaatee itti fufuun mootummaa abbaa irree yaaddoo keessa galchuun humna waraanaa uummataan wal hin madaallee uummatatti gadhiisuun guutummaan Godina Bahaa Wallaggaa raafamaa jira.
 

FDG Godina Wallaggaa Lixaa Magaalaa Najjoo Irratti Itti Fufe

Aside

Caamsaa 15/2014 NajjooGabaasaa Qeerroo magaalaa Najjoo irraa addeessuun armaan dura FDG yeroo uummanni keenyaa fi barataan keenya wal qabatee ka’etti humni tika Wayyaanee bittimsaan sun uummata burjaajessuudhaan hin milkaa’in hafne,Yeroo isaa eeggatee jiraattota uummata magaalattii fi barattoota mana barumsaa sadarkaa 1ffaa,2ffaa fi qophaayinaa dabalatee har’a caamsaa 15 FDG dhoyee jira.Biyyaa fi saba ofitiif wareegamuun waan baratameedha,mootummaan Wayyaanee ilmaan oromoo dhiiga isaa akka bishaanii dhangalaasuun oromiyaa gad hin dhiisu,galii irraa argachuunkoo itti fufa,lafa oromoo ciree gurguruunkoo nan jabeeffadha se’ee uummata bal’aa waraana isaatiin fixuun akkuma karoorsee fi ittan fufa jedhee labsachaa jiru kana ammallee mormuudhaan gaaffiin keenya hamma wareegamaatti nuuf deebi’uu qabaadhaan uummanni magaalaa kana har’a gaaffiiwwan mirgaa qabatanii diddaa isaanii itti fufanii jiru.
-oromiyaan kan oromooti mootummaan Wayyaanee nurraa haaka’u
-Mootummaa sanyii keenya fixaa jiru yaa waaq nurraa buqqisi
-Oromiyaan haa bilisoomtu

-Afaan oromoo afaan hojii fi federaalaa haata’u
-waraanni wayyaanee oromiyaa keessaa haa bahan
-Uummata keenya hidhame mana hidhaatii haa bahan,fi kkf
Jedhuun uummanni fi barattootni gamtaadhaan diina dura dhaabbatanii dhaadachaa turan,humni waraana wayyaanee rasaasaan doorsisuudhaan namoota hedduu daa’ima,jaartii osoo hin jedhin gara mana hidhaatti guuraa turan,kan hafan uummanni diddaa kana itti fufuuf qophii irra jiru.

Har’a Caamsaa 15,2014 FDG Magaalaa Laqamtee Irratti Itti Fufe

Aside


Caamsaa 15,2014 Naqamte

Har’a caamsaa 15,2014 barattootni koollee fi mana barumsaa garagaraa keessatti argaman gaaffin gaafatame deebi’uu qaba kan jedhuun barattootni FDG marsaa lammaffaa itti itti fufunii jiru.Battaluma barattootni bakka garagaraatii walitti dhufuuf ka’anitti humni waraana wayyaanee kan duraan jiru irratti humna uummata ol kan tahe magaalicha guutummaatti fe’amee jira,waraanni wayyaanee guutummaa magaalaa Laqamtee keessa buufatee jira,diddaan barattoota sodaa malee akka itti fufu waamicha gochaa jiru,Gaaffiin bu’uuraa hamma deebi’utti barattootni oromiyaa keessa jirtan haa kaanuun dhaamsa barattoota mana barumsaa fi koollejjii garagaraa magaalaa Laqamtee keessatti argamuudha. FDG itti fufa hamma galii isaa gahutti!

Caamsaa 14,2014 Gara Jabeenya Wayyaanee TPLFn Magaalli Naqamte Akkasitti Oolte.

Image

Laqamtee laqamteeee Naqamteee23 Naqe Naqe2 Naqe23 Naqe245 Naqee34 Naqeee Naqeeee Naqi99 naqmte99 naqmte99 naq989

Mooraan Yuuniverstii Jimmaa Waraana Wayyaaneen Goolamaa Jira.Barattooti Oromoo Hedduminaan Reebamuu fi Hidhaamuu Osooo Hin Dheessiin FDG Itti Fufan

Aside

Qeerroo Oromoo adamsuuf ergamtoota Wayyeenee bobba'an

Qeerroo Oromoo adamsuuf ergamtoota Wayyeenee bobba’an

Caamsaa 14,2014  mootummaan abbaa irree Wayyaanee abbaa irree dhabaa jalee isaa fi meeshaa isaa OPDOtti fayyadamuun barattoota Oromoo maqaa gara Yuuniversitiitti deebi’aa jedhuu olola haaraa banatee ilmaan Oromoo irratti FDG bifa haaraan banatee barattoota barsiisota jiraattoota magaalaa, daldaltoota utuu hin jenne jumlaan mana hidhatti uummata guuraa jira.

Haaluma kanaan Univarsitii Jimmaa irraa barattootni Oromoo huma tikaa, waraanaa fi poolisii Federalaan ukkanfama jiru.

1.Barataa Mo’iiboon Baqqalaa mummee fayyaa waggaa 3ffaa mooraa main cumpas Jimmaa irraa
2.Tasfayee Nugusee mummee mechanical Engeenering wagga 3ffaa, mooraa Saayinsii fi Technology Jimmaa kittoo Furdisaa irraa
3.Barataaa Damee barataa mummee Engineering waggaa tokkoffaa mooraa saayinsii fi Technology Jimmaa Kittoo Furdisaa irraa.

Kannee keessatti argamaan barattootni Oromoo nagaan ukkaanfamanii gara geeffaman beekama hin jiru, kun utumaa kanaan jiruu sochii FDG haalan jaabaataa fi Wayyaaneen dura dhaabbachuu hin dandeenyee qabsiifama jirachuun hubatamera.

Mooraa Yunversiitii Jimmaa keessatti baay’inni waranaa dachaa baay’ina barattoota ta’uun mooricha dachii waraanaan weeraramte fakkeessee jira.

 

Har’a Caamsaa 14,2014 Yuunivarsiitii Wallaggaa keessatti diddaan barattootaa itti fufe. Waraanni Wayyaanees rasaasa barattootatti dhukaasaa jira‏

Aside

naqmte99naq989Dhiibbaa mootummaan Wayyaanee ilmaan Oromoo irraan gahu daran jabaachaa kan dhufe FDG jabaachaa dhufe dura dhaabbachuuf Yuunivarsiitii wallaggaa keessatti Waraanni mootummaa wayyaanee barattoota gaaffii mirgaa kaasan reebuun dhukaasa hedduu dhukaase. Waraanni mootummaa wayyaanee Yuunivarsiitii Wallaggaa keessatti barattoota Oromoo Jumlaan hidhuu irraan darbee gaaffii barattootni Oromoo ammas daran jabaachuun itti fufe dura dhaabbachuuf rasaasaan barattootatti dhukaasuu fi uleedhaan reebuun miidhaa jabaa irraan gahee jira.

Diddaan Ilmaan Oromoo irraa eegale daran jabaachuudhaan kan itti fufe mootummaan Wayyaanee humnaan dura dhaabbachuutti dhama’uu irratti argama. Mootummaan abbaa irree wayyaanee humnaan gaaffii uummata Oromoo dura dhaabbatus keessi wayyaanee waraannii fi caasaan siyaasaa mootummaa wayyaanee bututee waan jiruuf ilmaan Oromoo bakka maraa ka’uudhaan gaaffii bilisummaa akka finiinsan qeerroon Yuunivarsiitii Wallaggaa waamicha dabarsee jira.

Oromiyaa Keessaan Qeerroon Sitti Marsee..

Hawwisoo Qeerroo Bilisummaa Irraa Wallee Warraaqsaa Haarawaa Caamsaa 14, 2014 gadhiifame

Breaking News: FDG Ganama Kana Ka’een Waraanni Wayyaanee Barattoota Yuuniversitii Wallaggaa Reebaa Jira.

Aside

Oduu Ammee Caamsaa 14,214 Naqamte
Amma ganama kana gaaffii mirgaa ka’een barattootni Oromoo mooraa Yuuniversitii Wallaggaa keessatti argaman waraana Wayyaneetiin hedduu midhamaa jiru waraana konkolaataa 3 fidanii moorichatti naquudhaan barattoota hedduu reebanii madeessaa fi caccabsaa jiru baayee nama gaddisiisa akka dhaamsi nu dhaqqabaa jiruttti baayee miidhamaa jiru amma kallattiidhaan kan dhagaya’aa jirru sagalee iyya isaanii magaalaa Naqamtee guutummaa irraa ibsaa balleessuudhaan Network akka hin hojjenne godhanii jiru haala jiru itti fufnee jala bu’uun dhaamna.

Waraanni fi Humna Tikaa Wayyaanee Dadhabnaan Muktaar Kadirii fi Kaabinoonni Wayyaanee Ambotti Duulan.

Aside

Caamsaa 14,2014 Gabaasa Qeerro Amboo

wal argee qeerrooDabbaalleen EPRDF fi ergamaan TPLF Muktaar Kadir maqaa walgahii dabbaloota OPDO jedhuun FDG dura dhaabbachuuf jecha Caamsaa 13/2014 kaabinoota OPDO heddumminaan qabatee humna waraana Wayyaaneen waliin qindaawuun magaala Amboo seene.

Amboo erga seenaaniin hanga ammaatti uumata Oromoo nagaa fi dargaggoota magaala keessatti argaman irratti reebichaa fi goolii uumuun kaan ammo mana hidhaatti guuraa jiru. Deggertoota EPRDf kanneen ta’anii fi namoota hojii dhablee ta’aniin ammo nama tokkotti 250 hiruun akka master plan Finfinnee daggeranii hiriira bahaniif kaadhimmachaa akka turan beekama.

Haala kanaan erga Muktar Kadir magaala Amboo seenee barattootii fi uumanni nagaan hidhaman keessaa:-

1.Barsiisaa Shallamaa Jifaraa, reebichaa hamaan irra ga’ee hidhaa jira.
2. Barsiisaa Naahimii Waaqumaa
3. Barsiirsaa Wakjiraa Marabbaa
4.Barataa Qananiisaa Raggaasaa, muummee bioprocessing wagga 4ffaa.
5.Waaqumaa Dhaabaa mummee seeraa waggaa 3ffaa
6. Kadir Qamar Civil engeenering wagga 3ffaa
7. Damee Girmaa mummee Cooperative waggaa 3ffaa,
8. Mardaasaa Simee barataa kutaa 11ffaa
9. Imaanaa Karaa daldalaa magaalaa Amboo, kanneen keessatti argamu.

Yeroo ammaa kanatti manneen hidhaa gurguddaan Amboo fi naannoo Amboo ti ilmaan Oromoo julmaan itti hidhamaa jiran:
1. Galma mootumma Magaalaa Amboo ganda o1. Kessatti argamu
2. Wajjiira Poolisii Godina,
3. Buufata Leenjii Poolisoota Sanqallee,
4. Hoomachoo,
5. Gamoo Ababech Mattaafara ganda 02 keessatti argamu., Under ground gomoo sana jalatti oromoon hidhamaa jira.
6. Mana Hidhaa guddaa(Kachaallee) kanneen jedhaman keesatti ilmaan Oromoo jumlaan uukkanfamnii hidhamaa jiraachuu Qeerroon gabaasa.