Protest in Melbourne – SBS Amharic

Aside

Oggaa Loon Gadoodu, Ammoo Harreen Marga Dheeddi

Aside

barruuHorii keessaa kan lafa sanyiin isaa itti du’e fuunfatee irratti gadooduun gadda isaa ibsatu loon kophaa dha. Loon bakka bineensi jabbii isaa yookaan loon biraa itti nyaate, yookaan namni loon itti qale oggaa ga’u, lafa sana fuunfatee gadooda. Sun gadda isaa ibsachuu isaa argisiisa. Seera uumaa ta’ee gumaa baasuu dadhabu illee gadda itti dhaga’ame sagaleen ibsata.  Kan harree garuu faallaa kan loonii ti. Bakka ilmoon ishee itti nyaatamte fuunfattee halaakuun hin jiru.

Bineensa keessaa kan harree caalaa ilmoo ofii jaallatu hin jiru jedhama. Sababni isaas, harreen yoo ilmoon ishee hallayyaa buute, utaaltee waliin buuti. Harreen akkas ilmoo ishee jaallattu garuu, gumaa baasuu fi gadda ibsachuu irratti faallaa kan loonii ti. Akka loonii lafa jabbii yookaan sanyii isaa bineensi itti nyaate fuunfatee gadoduun gadda ibsachuun hin jiru. Callistee coqorsa yookaan marga ishee dheeddi. As irratti loon irraa adda taati jechuu dha. Harreetti garaan jabduu dha. Kanaafis ‘ergan du’ee coqorsi hin margin’ jette harreen jedhama. Oggaa Loon Gadoodu Harreen Marga Dheeddi

Aside

Qeerroo

Gaaffii Mirgaa Ummatni Oromoo Kaaseef Deebiin Mootummaan Wayyaanee Keenne Gocha Suukkanneessaa Dha!!

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Caamsaa 13,2014

Baatii Ebla 2014 irraa kaasee uumanni Oromoo guutummaa Oromiyaa keessaa roga maraan gaaffi mirga abbaa biyyummaa fi kan  nagaa democracy gaafachuuf jecha hiriira karaa nagaa bahan,manneen barnootaa sadarkaa ol aanoo fi gadii akkasumas magaalaa fi baadiyaa Oromiyaa keessatti Oromoonni kitiliin lakkaawam hiriira bahuun nagaan sagalee isaanii aduunyaatti dhageessifataa turan.Uummata meesha maleeyyii bishii coqorsaa baatee nagaan hiriira bahee mirga isaa falmatuuf mootummaan gaafatama fudhatee deebii karaa nagaa kennu dhibnaan Wayyaanee kan uumaticha anatu si bulchaa fi anatu nageenya keetiif gaafatama jedhu uumata nagaa irratti raasaasa roobsuun Oromoota heddumminaan fixe,kaan hidhaatti guure,garii madeesse,kaan biyyaa baqate. Gochaan kun gochaa sukkanneessaa ta’uu irra darbee uumata Oromoo qabsoo mira dhala namaa fi abbaa biyyummaaf godhu daran jabeessee akka  itti fufu taasisee jira.

Sochiilee uumati Oromo nagaan bahee mirga isaa gaafatu kanaaf deebiin rasaasa Wayyaaneen Oromoota ajjeefaman,madaayanii fi hidhaman seenaa isaanii waliin galmeessuun itti fufee jira.Hanga ammaatti Oromoonni 2600 ol mana hidhaa jiru,hedduun wareegamanii jiru,gariin madaayanii jiru. Dhimma kana irratti Qeerroon Bilisummaa Oromoo galmee Oromoota kanaa maqaa fi seenaa isaanii guutuu galmeessaa jira.Hamma ammaatti warra galmaayee gabatee itti aanu keessatti kaayaa warra hafan ammo yeroo gabaabaa keessatti akka xumuru ibsa isaa kaan addeessa.

FDG Oromiyaa Keessatti Ka’een Ilmaan Oromoo Gaaffii Mirgaa Gaafataniin Mootummaan Wayyaanee Rasaasaan Ajjeese,Madeessee fi Mana Hidhaatti Guure Maqaa Isaanii Wal Duraa Duubaan Gabatee Armaan Gadii Kana Irratti Argamu! :- Galmee Oromoota FDG Irratti Wareegamanii fi hidhamanii ykn madaawanii.pdf 12

SBO Caamsaa 14 Bara 2014 Oduu – Gabaasa Hiriira Nagaa Hawaasa Oromoo biyyoota Adda Addaa kutaa xumuraa fi gabaasa FDG – Akkasumas Qophiilee Afaan Amaaraa

Aside

Mormii Nyaata Lagachuu Dargaggoota Minnesotaa

Aside

Oromian News Update.

Aside

Caamsaa 12,2014 FDG Dura Dhaabbachuuf Shiroota Wayyaaneen Wixinate Irratti Odeessa Oromiyaa Keessaa:-

Sochii FDG Oromoota biyya keessaa fi alaa dura dhaabbachuuf tooftaa ololaa Wayyaaneen wixinate:-Wayta QBOn jabaachaa dhufuu fi sirni isaa raafamu ABO maqaa xureessuu fi olola dharaa irratti geggeessuun aadaa isaa kan ta’e mootummaan Wayyaanee, ammas akkuma barate yeroo itti FDG barattootnii fi ummatni Oromoo geggeessaa jiraniin rifaatuu keessa seenee jiru kanatti, yaadaa fi qalbii namaa gara biraatti harkisuu fi ABO bulguu godhee dhiheessuuf yakka shiraa maqaa ABOtiin qopheessaa akka jiru odeessi qabatamaan keessa sirnichaatii bahe ifa godhe.

Dalagaan yakkaa fi shiraa gartuun wayyaanee/EPRDF qopheeffatee ittiin olola irraa tolfatuuf, sabaa fi sablammoota biyyattii ABO jibbisiisuu fi irratti kakaasuuf, akkasumas ABO maqaa xureessuuf carraaqaa jiru kunis, miseensotaa fi deggertoota isaa amanamoo sirnichaa ta’an maqaa ABOn leenjisee ummata keessa gadhiisuun namoota nagaa irratti erga balaa geessisiiseen booda, miseensota ABO fakkeessee dhiheessuun maqaa dhaabichaa xureessuuf dalagaa shiraa cubbamaa xaxaa akka jiru qabatamaan bira gahamee jira.

Gochaanii fi shirri duula maqa bal’eessii Wayyaaneen ABO irratti geggeessuuf saganteeffatee jiru kun haaraa kan hin taane, waanuma Gadaa lamaan darban keessa mul’ataa turee ta’us, dhugaa jiruu fi haqa lafa irraa mul’atu aadaa fi amala gooltmmaa wayyaanee ummata Oromoos ta’e sabaa fi sablammootni biyyattii beekuu akka qaban oduun kun ni hubachiisa.

Yakkii fi shirri wayyaanee fi ergamtootni isaanii bakka bakkatti itti jiranii fi maqaa dhaaba ABO xureessuuf ijibbaataa jiran haala qabatamaan har’a Oromiyaa keessaa mul’atu, diddaa gabrummaa fi falmaa mirga abbaa biyyummaa ummatni Oromoo fi ilmaan isaa barattootni/Qeerroon geggeessaa jiran gara dabarsuu fi haguuguu akka hin dandeenye oduun SBO gahe kun ifa godha.

Deggersa Marste Palanii Finfinnee ummata hiriiraaf Qindeessaa jiraachuu Wayyaanee:- Maqaa Master Plaanii Magaalaa Finfinnee jedhuun ummata Oromoo naannawa Finfinnee jiru lafaa fi qabeenya isaanii irraa buqqisee dirree irratti facaasuuf karoora mootummaan wayyaanee baafatee ittiin duula jalqabe ummatni Oromoo fi barattootni Oromoo keessaa fi alaan mormii kaasanii diddaa cimaa wayta mul’isaa jiran kanatti, mootummaan wayyaanee fi ergamtootni deggertoota isaa ta’an yakki Oromoo lafa isaa irraa buqqisuu kun deggersa kan qabu fakkeessanii dhiheessuuf deggertoota sirnichaa dabalatanii ummata humnaan hiriira deggersaa baasisuuf irratti hojjechaa akka jiran odeessi keessa wayyaanee bahe hubachiise.

Hiriirri deggersaa mootummaan Wayyaanee karoora master plaanii magaalaa Finfinnee jedhuuf ummata dirqiin yaamuuf hojjetaa jiru kun, akeekni isaa mormii fi dura dhaabbannoo ummatni Oromoo ilmaan isaa dabalatee keessaa fi alatti godhaa jiru dura dhaabbachuu, fudhatama dhabsiisuu fi haguuguuf ta’uu kan mul’ise oduun kun, caalaatti ammoo lafa ummata Oromoo sarbuuf karoora bahe itti fufsiisanii raggaasifachuuf ta’uu addeessa.

Mootummaan Wayyaanee diina ummata Oromoo ta’e kun, plaaniin Finfinnee kun deggersa ummataa kan qabuu dha jechuun erga raggaasifateen booda, seera itti tolchee seerawaa fakkeeffachuun ummata Oromoo abbaa lafaa ta’een deemi si hin beeku jechuuf akka qophaa’e oduun kun mul’iseera.

Ummatni Oromoo, murnootni hawaasaa adda addaa adeemsa shiraa mootummaa wayyaanee fi ergamtoota isaatti dursanii dammaquun hiriira humnaa kan lafa isaa isa sarbuuf qopheeffamu kam irrattuu hirmaatuu akka hin qabne Hoggansi Qeerroo Bilisummaa fi sabboontotni Oromoo Oromiyaarraa dhaamsa jabaa dabarsanii jiran.

Falmiin Mirga Abbaa Biyyummaaf, Finfinneef jalqabame bakka hundattuu cimee itti fufuu akka qabu, mootummaan wayyaanee fi ergamtootni isaanii hiriira humnaa kana kan waaman yoo ta’e, diddaa caaluuf of qopheessuu akka qaban dhaamsa dabarsaniiru.

FDG Dhaamsuuf Shira Mootummaan Wayyaanee wixinatee jiru.:- Fincila Diddaa Gabrummaa fi Falmii Mirga Abbaa Biyyummaa goototni barattoota/Qeerroo Oromoo guutuu Oromiyaa keessatti geggeessaa jiraniin muddamsuu fi naasuu keessa seenanii waan godhanii fi dhiisan kan wallaalan wayyaanotnii fi ergamtootni isaanii, yeroo ammaa kana karaa goolessitootaa fi Habashoota deggertoota sirna isaanii ta’aniin, dhaabbilee barnootaa olaanoo Oromiyaa keessatti dhuka’aa dhoosuun barattoota Oromoo irraan miidhaa olaanaa dhaqqabsiisuuf bakka bakkatti dalagaa yakkaa kana irratti bobba’anii akka jiran qabatamaan bira ga’amee jira.

Haaluma kanaan ilmaan Habashaa deggertootaa fi basaasota sirna Wayyaanee ta’anii Yunversitii Jimmaa keessa jiran dhuka’aa harkaa fudhatanii seenuun barattoota Oromoo Yunversitii Jimmaa irratti dhoosanii balaa irraan gahuuf yaalii isaan godhan irratti dhaqqabameera.

Habashootni leellistoota sirna duraanii fi deggertootaa fi basaasota mootummaa Wayyaanee ta’an kun dhuka’aa fudhatanii Yunversitii Jimmaa seenan osoo barattoota Oromoo irratti darbuuf sagantaa qabatanii jiranii sakattaa waardiyaan Yunversitii Jimmaa godheen akeekni farrummaa isaanii kun duraa fashalee jira. Habashootni basaasotaa fi deggertoota sirna Wayyaanee ta’an kunis to’atnaa waardiyyoota Yuuniverstii Jimmaa kanneen Oromoo ta’an jala oolanii jiru.

Kana malees Caamsaa 11,2014 Mooraa Yuuniversitii Adaamaa keessattis habashoonni meeshaa nama mii’u  fi waan adda addaan barattoota Oromoo irratti balaa geessisuuf osoo carraaqanii poolisoota naannoo Oromoo ta’aniin qabamanii tohannaa jala ooluu isaanii beekamee jira.

Barattootni Oromoo dhaabbilee barnootaa olaanoo adda addaa keessa jiranii fi manneen barnootaa sadarkaa gara garaa mootummaan wayyaanee fi ergamtootni isaa goolessitoota bobbaasuun dhiiga barattoota Oromoo dhangalaasuuf hojjechaa waan jiruuf dammaqinaan akka of eeggatan Hoggansi Qeerroo Bilisummaa fi sabboontotni dhaamaniiru.

Raadiyoo Sagalee Oromoo Caamsaa 12,2014

Aside

Aside

12 News: Brooklyn Park residents draw attention to plight of Oromo people in Ethiopia.

Aside

3-Day Minnesota-State-Capitol #OromoProtests Solidarity Hunger-Strike Ends Successfully at the Passing of Minnesota House Resolution Condemning the Ethiopian Govt’s Violence on Oromo Students

(May 12, 2014) – The three-day hunger-strike, which was held by Oromos and friends of the Oromo in front of the Minnesota State Capitol in solidarity with #OromoProtests and to seek justice for Oromo students and civilians massacred by the TPLF Ethiopian regime in April 2014, successfully ended earlier today with the issuance of the Minnesota House Resolution condemning the April 2014 massacres in Oromia and urging the U.S. Federal Government (which has the authority to interact with foreign governments per the U.S. Constitution) to “pressure on the Ethiopian authorities to respect human rights and democratic process.”

For photos from the hunger-strike, click here.

According to sources, the organizers of the #OromoProtests Solidarity Hunger-Strike plan to stage similar protests at locations to be announced at a later date to bring to the International Community’s attention the violence being perpetrated by the TPLF Ethiopian government against unarmed Oromo students and civilians, who continue to use their Universal Human Rights and Constitutional Rights to nonviolently protest against the Addis Ababa Master Plan. The Addis Ababa Master Plan is a plan to break up Oromiyaa into two, and dispossess Oromo farmers in Central Oromiyaa of their farmlands under the disguise of “development.”

The Resolution was undersigned by the following Members of the Minnesota House of Representatives:

– Representative Paul Thissen (DFL) District: 61B (Speaker, Minnesota House of Representatives)
– Representative Erin Murphy (DFL) District: 64A (Chair, Rules and Legislative Administration)
– Representative Phyllis Kahn (DFL) District: 60B (State Representative)
– Representative Karen Clark (DFL) District: 62A (State Representative)
– Representative Frank Hornstein (DFL) District: 61A (State Representative)
– Representative Diane Loeffler (DFL) District: 60A (State Representative)

Below is the Minnesota House Resolution, which supported the Oromo community in Minnesota and condemned the violence on Oromo students and civilians in Oromia.

MNHouseResolutionOromoprotests2014

Breaking News:- Wallagga,Magaalaa Innaangoo Keessatti FDG Itti Fufee Jira.Dhukaasi Meeshaa Waraanaas Dhagahamaa Jira.

Aside

DiddaaCaamsaa 12,2014 FDG jabaatee itti fufuun har’a Wallagga magaalaa Innaangoo jedhamu keessatti jabaatee itti fufee jira,Haala kanaan mootummaan Wayyaanee gaaffii mirgaa uumata Oromoo kana dhaamsuuf jecha meeshaa waraanaa fayyadamuun uumata irratti dhukaasaa jiraachuun beekame.Hanga ammaa uummati hammam akka miidhame hin beekamiin jira.

Loltooti Federaalaa magaalaa Gimbii irraa humna dabalataa gama sanatti akka deemaa jiran gabaasi Qeerroo Network ciccitaan nu dhaqabe addeessa.

Gabaasa dabalataaf ni dhiheessina.