
Dhaaloti bitee dubbisuun barnoota irraa argata.

Dhaaloti bitee dubbisuun barnoota irraa argata.
Mirga Dhala Namaa Itoophiyaa akka waan mirga dhala namaatiif falmuu fi sarbiinsa mirga dhala namaa Itoophiyaa keessatti raawwatamaa jiru qorachaa jiruutti dubbata. Haatahu malee gabaasawwan komiishinichi dhiyeessu tokko tokko loogiidhaan kan guutamanii fi dantaa siyaasaa bu’uura kan godhatan ta’uu yeroo baay’ee irra deddeebinee taajjabnee jirra. Dhaabbati Mirga Dhala Namaa walaba ta’e tokko, ga’ee fi dirqamoota mirga dhala namaa ilaalchisee qabu, haala oogummaa bu’uura godhateen loogii tokko malee walaba ta’ee sirnaan raawwachuu qaba jennee amanna. Akkasumas dhaabbanni mirga dhala namaatiif falmu tokko, sarbiinsa mirga dhala namaa raawwatame qorachuudhaaf, qaamolee naannoo sarbiinsi mirga dhala namaa itti raawwatame keessatti argaman kanneen akka maatii, miidhamtootaa fi ragoolii ijaan argan, akkasumas jiraattota naannoo, qondaaltota mootummaa irraa ragaalee fi odeeffannowwan barbaachisoo ta’an walitti qabuudhaan bu’uura seera biyyaalessaa fi seerota idil-addunyaa dhimmichaan wal qabatuun mirkaneessuutu irraa eegama jennee amanna.
keessatti dhaabbilee siyaasaa hedduu jiru. Dhaabbileen siyaasaa kunneen dantaaf fedhii mataa mataatti kan qabanidha. Kanneen siyaasa gaggeessan hedduun yeroo sagantaan siyaasaa isaanii wal kiphus nii argama. Keessumatti dhaabbilee siyaasaa hedduun maqaa garaagara malee waan isaan adeemaniif sagantaan siyaasaa isaanii kan paartii qawweedhaan biyya bulchaa jiruu waliin wal fakkaata.
The Oromo Liberation Front (OLF) as a leading Oromo political organization has relentlessly directed and coordinated the Oromo People’s struggle for self-determination for almost half a century. The OLF from its inception has been providing a comprehensive leadership to various forms of Oromo struggle for freedom and democracy including armed resistance, political engagement, and diplomatic endeavors.
hubachuun akkuma danda’amutti ilmaan Oromoo hedduun, jagnoonni onneedhaan hin waakkatamne, kan silaa utuu biyya ofii Oromiyaaf lolanii gabrummaatti xumura gochuu danda’an lola isaan hin ilaallanne seenanii lolanii jagnummaa seenaa keessatti kan galata hin qabne agarsiisaniiru. Kanaaf ammoo lolli Adawaa, lolli Baadimmee, lolli Itiyoo-Somaaliyaa fi kkf ragaa guddaadha. Utuu sabni isaanii Oromoo fi biyyi isaanii Oromiyaan hacuuccaafi roorroo alagaa jala jirtuu humna Oromoo gabroomsee Oromiyaa saame waliin lolanii kan hidda gabrummaa Oromoo irratti jabeessan lakkoofsaan himuun hin dandahamu. Kana kan kaasneef seenaa barsiisuuf utuu hin taane, gochi akkasii ammas deebi’ee mana Oromoo waan seeneef Dhaloonni qubee seenaa darbe irraa baratee kan har’a keessa jiru xiinxalee kan boruuf akka seenaa hojjetuuf.
Bilisummaa Oromoo hundeeffamu isaa irraa kaasee hanga ammaatti roorroo daangaa darbitee hidda dheereffattee fi lafa Oromiyaa daangaa ishee kabachiisuuf saba irraa dhalateef qabsoo abbaa biyyummaa isaanii mirkaneessuuf qabsoo Lammiileen Oromiyaa addatti immoo sabni Oromoo Dhaaba ABO jalatti ijaaramee qabsoo mirga Hiree murteeffannaaf falmatu waliin qabsaa’uun erga eegalee wareegama ulfaatu kaffalaa tureera ammas kaffalaa jira.
Rakkoo siyaasaa, nageenyaa fi heera mootummaa biyyattii mudachaa jiru ilaalcha keessa galchuudhaan, filannoon haala akkanaa keessatti gaggeeffamu kamiyyuu seera qabeessa, haqa qabeessaa fi walaba ta’uu akka hin dandeenye ibsoota keenya yeroo darbee keessatti beeksisaa turre. Kanaaf, mootummaa fi qooda fudhattoonni biroon xiyyeeffannoo fi leecaalloo isaanii filannoo eerame kana irraa kaasanii, mariin Siyaasaa qaamolee dhimmi ilaallatu mara hirmaachise akka gaggeeffamuufi rakkoon siyaasaa biyyattii mudatee jiru akka furamuuf haala akka mijeessatuuf waamicha goonee turre. Haatahu malee gareen aangoo mootummaa qabatee jiru waamicha nuti gooneef bakka kennuu dhiisee, humnaan gara filannoo “biyyaalessaa” gaggeessuutti ce’e. Filannoon “biyyaalessaa” waamicha keenya dhaga’uu diduun humnaan gaggeeffame kun, lubbuu namootaa gaaga’uu fi qabeenya mancaasuun alatti bu’aa tokkollee hin argamsiifne jennee amanna.
dura miseensota fi deeggartoota ABO akkasumas Ummata bal’aa Oromoon baga guyyaa seena-qabeessa Waxabajjii 15 Guyyaa Hundeeffama SBOtin isin gahe; walumaan ittiin nu gahe.
Qalbeessaa Dhangi’aatiin