Saba keenyaa fi biyya keenya Roorroo jalaa baasuuf Mootummaa ummataa ijaarrachuu qofaani.

Saba keenyaa fi biyya keenya Roorroo jalaa baasuuf Mootummaa ummataa ijaarrachuu qofaani.

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

May be an image of one or more people and text that says "ΚΑΙ QEERRO!! National Oromian YOUTH Movement" Bilisummaa Oromoo hundeeffamu isaa irraa kaasee hanga ammaatti roorroo daangaa darbitee hidda dheereffattee fi lafa Oromiyaa daangaa ishee kabachiisuuf saba irraa dhalateef qabsoo abbaa biyyummaa isaanii mirkaneessuuf qabsoo Lammiileen Oromiyaa addatti immoo sabni Oromoo Dhaaba ABO jalatti ijaaramee qabsoo mirga Hiree murteeffannaaf falmatu waliin qabsaa’uun erga eegalee wareegama ulfaatu kaffalaa tureera ammas kaffalaa jira.
Qeerroon Bilisummaa Oromoo akkuma akeeka humdeeffameef qabsootti jiru ammas qabsoo saba isaaf godhu kallattii hundaan garboomsataatti Xumura gochuuf falmatti jira.
Labsii dhaabni keenya ABO fi KFOn ijaaramuu Mootummaa ummataa waggaa sadiif turu ilaalchisee labsii baasan Qeerroon Bilisummaa Oromoo ijaarsa MCBNOf waan isa irraa ergamuu fi akka milkaayuufis qabsoo isaa jabeessee itti ni fufa. Akkasumas warri akkuma kaleessaa Oromoo fi Oromiyaa garbummaa jalatti hanbisuuf carraaqan yeroo ammaa kanas labsii baafatanii akka MCBNO ijaarame hin milkoofneef murni pp qophiitti jiraachuu kan Odeessa arganne yoo tahu qaamni kamuu ijaarsa MCBNO dura dhaabbatu farra Ummata Oromoo fi Oromiyaa waan taheef ammumaan cimsinee kan balaaleffannuu fi dura dhaabbannu tahuu keenya ibsina.
Haala yeroo ammaa biyya keenya keessatti tahaa jiru ilaalchisee Qeerroon Bilisummaa Oromoo ibsa qabxiilee 17 armaan gadii baasee jira.
1. Qeerroon Bilisummaa Oromoo umurii gabroonfattootaa dheeressuuf dirmannaa tokko illee gochuu hin qabu. Garbummaa fi garboomsataatti Xumura gochuufis qabsoo keenya ni gaggeessina.
2. Qabsoon Oromoo Bilisummaa fi haqa Oromoo dhugoomsuuf eegalame haga yoonaatti galii isaa hin geenye. Garuu, qabsoo haga yoonaatti gaggeeffamaa dhufeen milkiileen boonsaan galmeeffamanii jiru. Sanatti xumura gochuun waamicha Yeroo ammaa gama dhaaba keenya ABO fi KFOn labsamee jiru MCBNO ijaaramee jiruuf gahee nurraa eegamu ni bahanna.
3. Qabsoo hanga bara 2018tti godhameen Qeerroon Oromoo kumootaan lakkaayaman kan wareegaman Yoo tahu gariin achi buuteen isaanii dhabamee jijjirama biyya Itoophiyaa keessatti akka dhufu godhaniin murni Maqaa Oromoon aangootti bahe Har’a Qeerroo kalee harka qullaa rasaasa dura dhaabbatee nagaa fi Tasgabbiin akka jiraatuuf wareegama baase hoggantootaa fi hayyoota dabalatee harmee ulfaa hanga daa’ima harma hootuutti hidhaatti guuree dararaa kan jiru yoo tahu qabsoon keenya hidhamtoota mana hidhaa irraa baasuu qofa osoo hin taane Mootummaa ummataa ummataan ijaaramee biyyaa fi lammiilee biyyaa tajaajilu arguu dha

4. Jijjiiramni waggaa sadii dura qabsoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo fi ummata Oromoon dabaalamee dhufee ture. Jijjiramichi garuu akka yaadametti hin milkoofne; warri aangootti bahan hidhaa fi ajjeechaa daran hammeessuun ummata keenya gidirsaa waan jiraniif har’as qabsoo keenya gaggeessuun dirqama tahee argameera.
5. Duulli biyyattii gara kaabaatti gaggeeffame marii fi waliigaltee waloo kan hin qabne, dantaa mootummaa Abbaa Irree dhugoomsuuf kan gaggeeffame akka ta’etti hubanna.
6. Kaayyoon Qabsoon Oromoo, akeeka bilisummaa fi haqa Oromoo dhugoomsuun ala saba kamiyyuu irratti kan xiyyeeffate miti. Kanaafis Lammiileen Oromiyaa ammas akkuma kaleessaa qabsoo Qeerroon Bilisummaa Oromoo godhu cinaa goruun Deeggarsa akka gootan waamicha isiniif goona.
7. Dhiittaa fi haleellaan ummata Tigiraay irratti raawwatamee fi raawwatamaa jiru, fedhii warra lafa babal’ifannaa qabanii dhugoomsuuf kan ta’e ture. Sababa kanaan Qeerroon Bilisummaa weerara sana mormaa fi balaaleffataa akkuma ture ammas lola daangaa babal’ifannaaf godhamuu balaaleffachaa Oromiyaa irrattis weerara lafa babal’ifannaaf godhamu kan naannoo Tigiraay wal fakkaatu Qeerroo Bilisummaa Oromoo Ummata Oromoo waliin kan dura dhaabbannu tahuu hubachiifna.
8. Mootumaman Abiyyii akkuma bittoota biyya Imaayera Itiyoophiyaa maqaa tokkummaa biyyaa fi nageenya ummataa jedhuun lubbuu fi qabeenya biyyaa qisaasaa turan jabeessee itti fufuuf ammas sochii goyyoomsaan itti jira waan taheef ni balaaleffanna ; duras ni dhaabbanna.
9, Waamichi biyyaalessaa MCBNO ijaarameef lammiilee Oromiyaaf ABO fi KfOn labsamee jirus, Qeerroon Bilisummaa Oromoo Har’as akkuma kaleessaa qabsoon keenya waggaa sadii dura akka butame ammas akka hin butamneef jijjiirraa hundee Mootummaa ummataa ijaaruuf godhamu cichinee tumsina.
10, Qeerroon Bilisummaa Oromoo waraana hiikkaa hin qabne, lubbuu bittootaa dheeressuuf gaggeeffamu fudhatama akka hin qabne jabeessee beeksisa.
12. Qeerroon Bilisummaa Oromoo kan dhaamu, waamicha bilisummaa Oromoof taasifamu kamuu Lammiileen Oromiyaa akka cinaa dhaabbatan warreen qabsoo Oromoo dura dhaabbachuun garboomsataatti umurii dheeressuuf hojjettanis kanaa booda Qeerroon Bilisummaa Oromoo dura dhaabbachuun gufuu qabsoo warreen tahan ummataaf saaxilaa kan deemu tahuu beeksifna.
13. Qeerroon, loltoonni, waraanni Oromoo bakka adda addaa fi caasaalee mootumama keessatti argamtan hiree amma argame kanatti fayyadamuun bilisummaa fi haqa Oromoof akka birmattan hubachiisna.
14. Seenaa keessatti sabni bilisummaa isaatiif falmatee milkaa’uu dadhabe hin jiru. Kanneen gabroonfattootaaf lukkee ta’an garuu yeroo ittii milkaa’an hin qaban ykn hin turre.
15. sabni keenya waamicha mootummaa gabroofattootaaf otuu hin taane, waamicha qabsaa’ota bilisummaa qofaaf akka birmattan jabeessinee dhaammanna.
16, Waamicha Labsii MCBNOf Lammiileen Oromiyaa ofitti fudhachuun Mootummaa ummataan ijaarameef kan godhamu keessatti Qeerroon Bilisummaa Oromoo wareegama kamuu kaffalee hojiirra oolmaa isaaf hanga xumuraatti ni hojjeta.
17, ilmaan Oromoo waraana RIB ,Federaalaa,HAO,poolisii Oromiyaa fi Milishaa keessatti argamtan ammaan booda ergamtuu murna garboomsaa jalaa baatanii qabsoo Bilisummaa Oromoo ABOn durfamutti akka makamtan waamicha keenya isiniif goona.
18, Maqaa Shanee jedhuun ilmaan Oromoo ajjeesuu, hidhuu, manaafi qabeenya jalaa gubuu akkasuma qe’ee irraa buqqisuu akkuma kanaan duraa cimsinee balaaleffachaa turre duras kan dhabannuu yoo ta’u.Maqaan Shanee jedhamu hanga ammatti Oromiyaa keessan kan hin jire yoo ta’u WBOn immoo Gaachana Saba Oromoo ta’u ibsuun Lammiileen Oromiyaa biyya keessaa fi alaa kan durii caalaa WBO cinaa akka dhaabbatan waamicha goona.
Maayii irratti Labsii MCBNO ijaaramee jiru hojiirra oolmaa isaaf Lammiileen Oromiyaa biyya keessaa fi biyya alaa akka tumsitan waamicha isiniif gochaa garboomsataatti Xumura gochuuf Tokkummaa haa qabsoofnu jenna.
Injifannoon Ummata Oromoof!
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Adoolessa 4/2021
Finfinnee, Oromiyaa
May be an image of text

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s