Gabrummaa mataatti baatanii alagaaf daboo lolaa dhaabachuun fafa!

Gabrummaa mataatti baatanii alagaaf daboo lolaa dhaabachuun fafa!

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

hubachuun akkuma danda’amutti ilmaan Oromoo hedduun, jagnoonni onneedhaan hin waakkatamne, kan silaa utuu biyya ofii Oromiyaaf lolanii gabrummaatti xumura gochuu danda’an lola isaan hin ilaallanne seenanii lolanii jagnummaa seenaa keessatti kan galata hin qabne agarsiisaniiru. Kanaaf ammoo lolli Adawaa, lolli Baadimmee, lolli Itiyoo-Somaaliyaa fi kkf ragaa guddaadha. Utuu sabni isaanii Oromoo fi biyyi isaanii Oromiyaan hacuuccaafi roorroo alagaa jala jirtuu humna Oromoo gabroomsee Oromiyaa saame waliin lolanii kan hidda gabrummaa Oromoo irratti jabeessan lakkoofsaan himuun hin dandahamu. Kana kan kaasneef seenaa barsiisuuf utuu hin taane, gochi akkasii ammas deebi’ee mana Oromoo waan seeneef Dhaloonni qubee seenaa darbe irraa baratee kan har’a keessa jiru xiinxalee kan boruuf akka seenaa hojjetuuf.
Akkuma hunduu quba qabu Sadaasa 4/2020 lolli Kaaba Itoophiyaa naannoo Tigiraay keessatti erga eegalee amma baatiin saddeet dhumaa jira. Lola kana keessatti humni Ertiraa, Somaaliyaa, kan Naannolee kaaniifi Gamtaan Emireetota Arabaas deeggarsa meeshaan qooda irraa fudhatanii akka turan gabaafamaa tureera. Lolli baatii saddeetiif ture kun lolichi eegalee guyyaa 15 keessatti PPn injifannoo labsatus, akka jedhametti lolichi xumuramee injifannoon hin argamne. Baatii 8 booda humni TPLF kan ‘daakuu ta’eera’ jedhame deebi’ee Maqalee to’atee bakkoota kaan kanneen to’annoo Naannoo Amaaraa jala galanii turan ofitti deebisuuf sochii lolaa itti fufee jira . Lola kana keessatti miidhaan guddaan akka qaqqabee fi ammas qaqqabaa jiru yakkootni duguuginsa Sanyii akka raawwatamuu hin hafne addunyaa guutuun sarbama Mirga Namoomaa cabuuf waakkataa lolichi akka dhaabbatuuf humni waraanaa naannoo Tigiraay keessatti duguuggaa raawwatu hatattamaan daangaa Tigiraay lakkisee akka bahuu qabus biyyootni Addunyaa waamicha gochaa turan ammas itti jiru.
Murni Abbaa Irree Abiyyiin durfamu kan ilmaan Oromoo Oromiyaa keessatti dabalatee saba Tigiraay irratti afaan Qawween duguuggaa Sanyii raawwatu ammas bifa haaraatiin lola moo’achuu hin dandeenyetti bifa addaan lola Mootummaan Naannoo Amaaraa fi Mootummaa naannoo Tigiraay lola fakkeessuun lolichi akka itti fufu godhee jira. Lolli kun naannolee lamaan kana gidduu qofatti kan geggeeffamu utuu hin taane, Raayyaan Ittisa Biyyaa kan aangoo PP qofaaf jiraatus irratti hirmaataa akka jiru beekamaadha. Hundaa ol kan nama gaddisiisu garuu naannoleen biyyattii keessa jiran akka naannoo Amaaraa waliin ta’uun lola kanarraa qooda fudhatan affeerraan taasifamee itti deemamaa jira. Kun heera biyyaa kan faallessu, waliin jireenya sabootaa yaaddoo keessa kan galchu, gaaga’ama siyaasaafi qisaasama dinagdee biyyattiif kan guddoo yaaddessudha.
Lolli yeroo ammaa naannoo Tigiraay irratti gaggeeffamu duula daangaa babal’ifannaaf Warri Abashaa gochaa turan ammas godhan malee olaantummaa seeraa kabachiisuuf lola taasifamu akka hin taane ilmaan Oromoo hubachuun lola kana irraas hatattamaan bahuu qabu jenna.
Akkuma ammaan dura karaa Activistoota Warra Amaaraa fi hoggantoota siyaasaa Amaaraa lola Tigiraay booda Oromiyaa diiguu tti ykn dhabamsiisuutti deebina jechaa turan ammas bakka ilmaan Oromoo qaroon ajjeefamaa hoggantootni siyaasaa fi hayyootni Oromoo hidhamanii achi buuteen isaanii dhabamee jirutti ilmaan Oromoo kamuu mirga ilmaan saba isaaf qabsaahuun nageenya lammiilee Oromiyaa mirkaneessuu kan qabu malee lola daangaa tokko irraa saba Tigiraay buqqisaa saba Amaaraaf kennuuf godhamu irraa dhaabbachuu qabu.

Akkuma olitti tuquuf yaalle, lolli Impaayerri Itoophiyaa baroota darban yeroo adda addaatti geggeessaa turte hedduunsaa kan Oromoo hin ilaallanne ta’us, ilmaan Oromoo dirqamaniis ta’u fedhii isaaniitiin lolicha irraa qooda fudhatanii wareegama hin barbaachifne kaffalaniiru. Qaama Oromoo gabroomsee Oromiyaa dhuunfate waliin hiriiranii lolaa turuun ilmaan Oromoo seenaa keessatti seenaa gurraacha baay’ee nama jibbisiisudha. Akka fakkeenyaatti kaasuudhaaf, yeroo Minilik Oromootti duulee Oromoo cabsu ilmaan Oromoo kanneen akka Goobanaa Daacceefaa Minilik waliin ta’uun Oromoo cabsanii gabrummaa jalatti kuffiisan. Yeroo Hayile Sillaaseen Oromootti duulee waraana Waaqoo Guutuufaa rukkutu ilmaan Oromoo kanneen akka Jaagamaa Keelloofaa Hayile Sillaasee tumsanii waraana Waaqoo rukkutaniiru. Amma seenaa kana irra deebi’uudhaan ilmaan Oromoo leellistoota sirna mootota darbanii waliin ta’uudhaan lola biyyattii keessatti geggeeffamaa jirurraa wayita qooda fudhatan argama kun immoo seenaa darbe barachuu dadhabuu fi ergamtuu Abbaa Irree tahanii tajaajiluudha
Poolisoonni maqaa Humna Addaa Oromiyaatiin ijaaraman lola Mootummaa Naannoo Amaaraafi Tigiraay gidduutti geggeeffamu irratti gama Mootummaa Naannoo Amaaraa hiriiranii qooda fudhachuuf bobba’uun isaanii seenaa qabsoo Oromoo fi waliigalatti seenaa cabiinsa Oromoo wallaaluu irraati jennee Nuyi Qeerroon Bilisummaa Oromoo amanna. Lola biyya tokko keessatti geggeeffamu, kan naannoleen lamaan lafaafi ilaalcha siyaasaa irratti wal dhaban tumsuudhaaf lola ilma Oromoo kamiyyu hin ilaallanne irratti hirmaachuuf bobba’uun qaanii guddaa poolisoota Oromiyaa kanatti dhaga’amuu qabudha.
Lolichi lola daangaa babal’ifannoo naannoleen lamaan geggeessanidha malee lola qaama biroo ilaallatu miti. Garuummoo lolicha lola sabootaa gochuudhaaf yaadamee poolisoota naannolee gara sanatti bobbaasaa kan jiran ta’uun hubatamuu qaba.
Lolli biyyattii keessatti geggeeffamaa jiru kun gaaga’ama siyaasaarraa kan madde lola mariifi waliigaltee malee tasumaa waraanaan xumuramuu hin dandeenyedha. Kana hubachuudhaan yeroo adda addaatti ilmaan Oromoo poolisiifi Raayyaa Ittisa Biyyaa keessa jiraniif gara mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromootti akka dhufan waamichi taasifamaafii tureera. Kanneen waamicha kana hin dhageenye qawwee harkaa qaban gara qabsaa’ota Oromootti garagalchanii nama hidhaa, doorsisaa, ajjeesaa,qe’ee fi qabeenya Oromoo mancaasaa turan/jiru. Gariin immoo utuu waamichi isaaniif taasifamuu lola hin barbaachifne, kan wareegama lubbuu kennuu qofa malee seenaa hin qabne irraa qooda fudhachuuf bobba’aa jiru.
Gabaabaatti waan hubachiisuu barbaannu, ammas poolisoonni lola kaaba Itoophiyaatti geggeeffamaa jirurraa hirmaachuuf bobba’an murtoo dabaa kana itti yaadanii akka keessa deebi’anii ilaalaniifi waan bu’aa hin qabneef du’a saree akka hin duune hubachiifna. Utuu uummanni isaanii gabrummaa jala jiruu bakka hin malletti lubbuu isaanii dhabuurra Qabsoo Oromoo galma geesisuuf kanneen qabsootti cichaa jiran waliin saba Oromoo fi lammiilee Oromiyaa bilisa baasuuf waliin hiriiranii akka diina lolan maatiifi hiriyyoonni poolisoota duula isaan Hin ilaallannee fi kanneen Oromiyaa keessatti ilmaan isaaniitti garbummaa dheeressuuf gara ummataatti meeshaa dhukaasanis ummata irraa gara Abbaa irreetti akka naanneeffatanii Qabsaa’ota qabsoo haqaa waliin akka Oromiyaaf lolan maatiin Ilmaan isaa Poolisoota tahan waamicha akka isaaniif godhu hubachiifna.
Lolli Tigiraayitti eegale kun ka’umsi isaa Oromiyaa keessa ture. Ammas lolichi kaaba biyyattiitti kan xumuramu utuu hin taane, gara Oromiyaattis dhangala’uu waan danda’uuf ilmaan Oromoo jabeessanii of ijaaruudhaan humna waraanaa isaanii kan uummata isaanii bilisoomsanii biyya walaba kan gammachuudhaan keessa jiraatan ijaaruuf qabsootti jiran tumsuufi waliin hiriiruun fardii/dirqama akka ta’e beekuun barbaachisaadha. Poolisiin Oromiyaa kan bakka hin malletti ajjeefamuuf deemu kunis booda gaabbiidhaan quba of nyaachuurra gara uummata isaanii dhaabbatanii balaa as deemu qolachuuf utuu qophaa’anii filatamaadha jenna.
Dhumarratti, rakkoo siyaasaa biyya kanaa furuudhaaf qaamni dhimmi ilaalu akka fala kaa’u yaadamee, yaadonni furmaataa yeroo adda addaatti dhiyaataa turanis qaama biyyan bulcha ofiin jedhuun fudhatama waan dhabeef, rakkoon nageenyaafi goolamni siyaasaa kun akkuma Tigiraayitti mudate Oromiyaatti mudatee nagaa sabootaa akka hin jeeqneef Addi Bilisummaa Oromoo lammiilee Oromiyaatiif Mootummaa Ce’umsaa Biyyoolessa Naannoo Oromiyaa ijaaruun dirqama akka ta’e amanee labsuun ni yaadatama. KFOnis yaada kana fudhatee deeggarsa kennuun beekamaadha. Kanaafuu, lammiileen Oromiyaa nagaa kan argatan yoo mootummaa mataa isaanii ijaarratan waan ta’eef, lammiileen Oromiyaa caasaa bulchiinsa MCBNO’tti makamanii akka hojjetan waamicha keenya taasifna.
Injifannoon Ummata Oromoof!
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Adoolessa 17/2021
Finfinnee, Oromiyaa

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s