Waxabajjii 15 Guyyaa Hundeeffama SBO Waggaa 33ffaa Ilaalchisee Ibsa ABO
(Ibsa ABO – Waxabajjii 15, 2021)

Sagaleen Bilisummaa Oromoo (SBO) araata ABO fi raadiyoo dhiibbaa gabroomsaarraa bilisaan kaayyoo Oromoo fi Oromiyaa tiksuu fi galiin gahuuf bu’uureffame hangafa tahuu seenaatu ragaa baha. Har’a wayta ayyaana hundeeffama SBOn wagg 33ffaa kabajnu dhimmoota hedduu walyaadachiisuun dirqama taha. Ayyaana Kanaan Wanneen Yaadannu keessaa:
• Imala SBO waggoota 33n dabranii fi gumaacha qabsoo fi miidiyaalee Oromoo har’aaf laate,
• Bu’aa bahii keessa cehee fi haala amma sbon itti jiru
• Jaallan SBO bu’ureessuu, gadi dhaabuu fi sadarkaa har’aatin gahuu keessaa qooda ol’aanaa qaban akkasumas haala har’a isaan keessa jiran,
• Hegeree SBO fi jaallan ergama ulfaataa miidiyaa hangafa kanaa milkeessuuf dhama’aa jiranii akkasumas Oromoon SBO waliigalattis miidiyaalee kaayyoo isaaf dhaabbatan cimsachuun qabsoo bilisummaa milkeessuuf dirqama dachaa irraa eegamu qaabachuu feesisa.
Har’a ayyaana kana kan kabajnu bakka duulli murna PP mootummaa dha ofiin jedhu ABO irratti duula bifa hedduu bal’inaan banee sochiin qabsoo karaa nagaa ABOn ummataaf waadaa gale danqamee fi sagaleen ummata keenyaa ukkaamame keessatti tahuun ifa.
Guyyaa seena-qabeessa kana baranaa bifa addaatiin akka yaadannu kan nu taasisu keessaa mataa Damee Aadaa fi Beeksisii ABO J. Mikaa’el Booran dabalatee miseensonni Shanee Gumii Gumii Sabaa ABO kan akka J. Abdii Raggaasaa akkasumas Itti Gaafatamaa SBO J. Malkaa Danuu dabalee miseensonni Gumii Sabaa ABO kanneen akka J. Kaayyoo Fufaa, J. Amaan Filee, J. Kennasaa Ayyaanaa, J. Gammachiis Tolasaa akkasumas qondaalotni ol’aanoon akka Koloneel Gammachuu Ayyaanaa, Lammii Beenyaa, Daawit Abdataa, Addunyaa Keessoo, Injiinar Daandii Garbooshee, Yaazoo Kabbabaa, Dr. Gadaa Oljirraa, J. Gadaa Gabbisaa, fi ilmaan Oromoo kumootni hedduun badii malee murtiis waakkatamanii hidhaa keessatti dararamaa jiraachuu dha. Duulli fakkaataan Hoggantoota fi miseensota KFO irratti fi sabboontotarratti deemaa jiru xiyyeeffannoon isaa waliigalaa saba Oromoo, qabsoo haqaa inni gaggeessaa jiruu fi biyya isaa Oromiyaa tahuu sirriitti kan hubachiise jennee amanna.
Wayta duula ABO fi waliigalattis Ummata Oromoorratti xiyyeeffateen HDn ABO J. Daawud Ibsaa mana jireenyaa isaanii keessatti haala keessa jiranuu adda baafachuun bifa hin dandahamneen ugguramanitti hidhaan sirnichaa addatti hojjettoota dhaabichaa fuula miidiyaatin dhugaa jiru ifa baasuuf dirqama isaanii bahatanirratti tahuu saamamuu fi hidhamuu jaallan SBO keessa hojjetaniitti dabalee hidhamuun Itti Gaafatamaa Sab-qunnamtii ABO J. Battee Urgeessaa ragaa gahaa dha.
ABOn dhaaba kaayyoo haqaa qabu, deeggarsaa fi jaalala ummata miliyoonaan lakkaawamuu waan qabuuf duulli sagalee qabsoo Oromoo ukkaamsuuf taasifamu kamuu xiiqii caalu horee wayta babal’atu agarre malee wayta akka fedhii diinaan SBOn hojii dhaabuu fi Oromoon kan sagalee tahuuf dhabee akka hin mul’anne, sochiin miidiyaalee Oromoo har’a dhugaa Oromoo fi shira diinaa saaxiluuf taasisaa jiran afaan baasee dubbata.
Har’a Waxabajjii 15 Guyyaa Hundeeffama SBO waggaa 33ffaa wayta kabajnus bu’aa bahii keessa dabramee as gahame yaadachuun gamatti haala amma SBO fi jaallan hojjettoota miidiyichaa barootaaf dirqamaicha raawwataa jiran itti argaman wal yaadachiisuu feesisa. Erga gaafa Muddee 20, 2020 mana jireenyaa isaanii Finfinnee jiruu qabamanii hidhamanii mana murtiittis yakki irraa dhabamee bilisa jedhamanii bakka dur turan Qajeelcha Poolisii Buraayyuutii butamanii eessa buutee dhabamsiifamanii hanga har’aa eessaa fi maal keessa akka jiran wanti beekkamu hin jiru. Isaan qofa odoo hin taane jaallan bifuma fakkaataan butamanii dhabamsiifamanis haalli isaanii akkaan nu yaaddessa.
Haaluma akkaan ulfaataa kana, keessattuu ammoo SBOn hojii isaa itti fufiinsaan gaggeessaa jiraachuun ammoo wanneen ayyaanicha akka gammachuun kabajnu nu taasisu keessaa isa tokko. Kun hojii kaayyoo dhugaa waan taheef qabsaawota cichoo fi sabboontota muratoo akeeka ABO galiin gahuuf of kennaniin utubamee itti fufa. Ayyaana guyyaa seena-qabeessa, Waxabajjii 15, kana sababeeffachuun jaallan kaleessa dirqama dhaaba irraa itti kenname fudhachuun bu’ureessanii wareegama itti baasani fi miidiyichaaf sadarkaa adda addaatti hojjechuun har’aan gahan akkasumas bifa adda addaatin jireenya SBOf gumaacha olaanaa taasisaaniin galatni keessan bilisummaa Oromoo fi Walabummaa Oromiyaa haa tahu jenna.
Hireedhuma kanaan kanneen SBO ukkaamsuun waliigalaan jaarmaya ija fi kallacha Oromoo tahe, ABO, dadhasiisuun fedhii ummata bal’aa dura dhaabatan yeroon heera biyyaa, seera addunyaa fi safuu ummata isaanii kabajanii odoo itti hin dukkanaayin mirga Pireesii walabaaf gurra laatanii gaazexeessota hidhaa hiikan, saamichaa fi danqaa miidiyaalee walabaa addatti dantaa Oromoo fi Oromiyaaf hojjetan irra kaahan dhaaban kan maayii amma tahuus yaadachiifna.
Ammas Baga guyyaa seena-qabeessa hundeeffama SBO waggaa 33ffaatin isin gahe, walumaanuu geenye jechaa, guyyaa kanatti jaallan SBO addatti waliigalaanis hidhamtoota siyaasaa Oromoo yaadachuuni fi sagalee tahuufin kaayyoo arraatni Dhaabaa SBOn barootaaf itti dhama’e kan ilmaan biyyaa hedduunis itti wareegaman bakka gahuuf waadaa keenya yaa haaressinu.
Maayirratti miseensonni fi deeggartootni ABO akkasumas ummanni Oromoo bal’aan rakkoo walxaxaa akka sabaatti keessa jirru keessaa kan baanu, hunduu harka walqabatee ka’uun kaayyoo Mootummaa Ce’umsaa Biyyaalessaa Oromiyaa dhugoomsudhaan wabii nageenya fi bilisummaa lammiilee Oromiyaa mirkaneessuu tahuu ABOn gadi jabeessee hubachiisa.
SBOn Arraata Adda Bilisummaa Oromoo ti!
SBOn Kaayyoo fi dhugaa Oromoof dhaabbatuu itti fufa!
Injifannoo Ummata Bal’aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Waxabajjii 15, 2921
Finfinne