SBO Adoolessa 1,2018. Oduu, Gaaffii fi Deebii HDn ABO Jaal Daawud Ibsaa Raadiyoo VOA Afaan Oromoo Waliin Waxabajjii 28, 2018 Taasisanii fi Haala Naannoo Banishangul Gumuuz Ilaalchisee Yaada Jiraataa Naannichaa Obbo Falmataa Nagaa SBOf laatan.

Aside

Ibsa Gabaabaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Kenname

Aside

Injifannoofi Galatni Kan uummata Oromoo Hundaafi Qeerroo Bilisummaa Oromooti!

Ibsa Gabaabaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Kenname

Manni Maree minsteerotaa Itoophiyaa ADWUIn Seeraa dabaa kan maqaa Labsii Shororkeessummaa jedhuun ABO, ONLF fi G7 ittin maqaa balleessuu cinatti labsii seeraa kana dahoo godhatee lammiilee keenya nagaa mirga sarbaa, dhiiga dhangalaasaa, lafee cabsaa, hidhaan gidirsaafi biyyarra ittin baqachiisa ture akka haqamu murteesseera. Uummatni Oromoo akka uummatattiifi jaarmiyaan qabsoo hadhooftuu wareegama qaalii gaafate gochuun injifannoo boonsaa qabsoon galmeeffameen icciitiin seeraa dabaa lammii keenya miidhaa ture saaxilamuun sirnachi dirqamee sadarkaa seeraa dabaa farra dhala namaa addatti farra uummata Oromoo ta’e kana haquu danda’ee jira. Dhugaan jiru jaqabuma iyyuu ABOn shororkeessaa akka hin taane sirriitti utuu beekanii jaalala guddaa uummatni Oromoo ABOf qabu irraa ka’uun Uummata Oromoo ittin miidhuuf ta’ee jedhamee labsii shira guddaan uummata keenyarra kaa’amedha. Continue reading

Jala Bultii Bilisummaa!! Magaalaa Dambi Doolloo

Aside

Wallagga Dambii Doolloon Alaabaa ABO Magaalaa Keessaa fi Handaaraan Balaliisuun Bilisummaa Dhandamaa Jiru. Ummanni Oromoo jala bultii Bilisummaa isaaf magaalaa fi baadiyyaalee isaa keessa alaabaa isaa fannifachuutti jira.

“WBOn Keenya! WBO ni Deggerra- ABOn Keenya”!! Jechuun Ummanni Wallagga Magaalaa Mandii Hiriira Bahan.

Aside

SAGALEE QEERROO; Waxabajjii 28, 2018

Aside

Uuummata nagaa irratti lola bananii nagaa biyyaa booressun amala bineensummaa qaban calaqisiisuudha

Aside

Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Finfinnee Oromiyaa

Waxabajji 27,2018

Sirni Mootummaa abbaa irree EPRDF/Wayyanee gochoota jallataa uummatarratti dalaguu itti fufsiisuun gochanni tibba kana uummata nagaa irratti raawwataa jiru gocha farrummaa isaa kan saaxiludha. Gocha faashistummaan uummata nagaa qabu nagaa isaa booressanii qee’eerraa buqqaasuun kan addunyaa har’aa keessatti balaaleffatu uummata Oromoo irratti raawwatamaa jira. Gochaan kun hojiiwwaan isaanii kaleessaa kan dhoksaan ilma Oromoof Oromiyaa irra gahaa ture ifaan ifatti akka saaxilamu gochaa jira. Akeeka jallataa uummata waraanaan bituuf waraanaan bulchuu fuulleffatee kan jiru sirni waggaa 28 darban amaluma qabaataa ture dabalee Oromoo irratti agarsiisaa akkasuma afaan qawween bulchuuf akeekkatee hojiin agarsiisaa jira. Akeeka kana dura dhaabbachuun ilmi Oromoo kamuu akeeka halagaan mootummaan garboomsaa baafatee jiru dura dhaabbachuu qaba! Jenna. Continue reading

Ummanni Oromoo magaalaa Asoosaa keessa jiraatu Ajjeechaan irratti raawwatamaa jira.

Aside

Lolli guddaan uummata Oromoo Magaalaa Asoosaafi naannoo daangaa Beenishaangul Gumuuz jiraatu irratti gaggeeffaman jira. Uummata Oromoo dheengadda Aanaa Toongoo jiraatu irratti yakka waraanaa rawwatameef Mootummaa Naannoos ta’ee Mootummaan Federaalaa dirmannaa tokkollee hin godhiin jiran.
Magaalaa Asoosaa keessatti hidhattootni loltootni mootummaa dhukaasaan uummata gooluu, madheessuufi shororkeessuu erga eegalanii guyyoota sadii ol lakkoofsisa jira.
Mootummaan yakka waraana kana uummatarraa dhaabsisuuf tarkaanfiin fudhatama jiru hin jiru kan har’a Magaalaa Asoosaa keessatti gaggeeffama jiru lubbuun jiraattoota gagga’amaa jiraachuufi hedduun madeeffa kan jiran ta’uun hubatamera. Haalli yeroo ammaa MagaalaaAsoosaa keessatti yakki waraanaafi saboota ollaa uummata Oromoo irratti kakkasuun uummata keenyarratti fixinsa rawwacha jiran akkan hammaatadha.

Image may contain: one or more peopleImage may contain: 1 person, sitting

Sirna cunqursaa fi garboomfataa EPRDF harka lamaan Uummata Oromootti bobba’e ofirraa deebisuun dirqama Oromoo maraati!

Aside

Ijoo Dubbii Qeerroo Bilisummaa Oromoo Finfinnee Oromiyaa, Waxabajjii 26,2018

Garbummaa bar-dhibbee tokkoo fi walakkaa nurra lakkoofsiisaa jiru ofirraa qolachuuf wareegama gita hinqbane taasisaa, aarsaa Bilisummaa ofii gonfachuuf baasuu qabnu baasaa qabsoo jabaarra kan jiru Oromoon, hanga har’aa qabsoo isaa galiin utuu hingahin kan jiru ta’ullee ulaa Bilisummaa irra gahee jira. Adeemsa qabsoo Oromoo daandii ulfaataaf obsa fixachiisaa mara hulluuquun egeree uummataaf jecha qabsoo jiraachisuuf wareegama qaalii gootaawwan wareegaman kumootni, Bilisummaa Oromoo fi Walabummaa Oromiyaati.

Akeeka qabsoo jallisanii gara maqsuun Oromoon akka waan Ithiyoophiyaa ijaaruuf lafee cabaa tureetti, Oromoon akka waan faajjii garboonfataa kan ta’e faajjii Ithiyoophiyaa jalatti kufaa tureetti oduu tirrisuun qabsoo Oromoo jallisanii gara ijaarsa Ithiyoophiyaa kan sirna Oromoof qoodaaf bakka hinqabne ijaaruuf dhaloonni wareegama baasaa akkka tureetti ilaaluun yakka seenaaf ekeraan gootota Wareegamanii nama gaafatudha jedhee amana Qeerroon Bilisummaa Oromoo. Fedhii fi hawwii uummata aangoo irraan dhiibee isaan gahee tiksuuf dadhabanii gara fedhii mataa ofiitti harkisanii dhaloota Bilisummaaf qabsoorra jiru akka waan ijaarsa sirna EPRDF jajjabeessuuf akkasuma, ijaarsa sirna nama nyaata Mootummoota garboonfattoota durii deebisuuf wareegamaa turee fakkeessuun sharafa fotolikaan daandii Bilisummaa uummataatti diilloo garbummaa buusuuf kan oolu malee kan uummataaf tattaafatamu miti.

 

Qabsoo Uummata Sharafanii Gara Dabarsuun, Utuu Ajjeesanii Uummata Oromoo Garbummaa Keessatti Tiksuuf Akeekni EPRDF/Wayyaaneen Qabatee Jiru Qabsoon Irra Aanama Dhaaltummaa hangafoota isaarraa dhaaleen, mootummaan Wayyaanee sirni EPRDF akeeka qabsoo uummata Oromoo sharafuun garbummaa keessatti uummata tiksuu irratti fuulleffatee sochiitti jira. Amna qabsoo dheeraa Wayyaanee waliin goone kana keessatti, tarkaanfiiwwan waraanaa kallattiin uummatarratti adeemsiisaa hanga ammaa waraanaan nu bitaa jiraachuun isaas waan ifaati. Qabsoo Oromoo gama waraanaan dhaabuuf carraaqqiin waggoota afran darban walitti fufiinsaan ajjeechaa Mootummaan Oromoo xiqqaa hanga guddaa irratti taasisaa ture kan sadarkaa jechaa qofaaniin himamee bira darbamu miti. Haala kamiinuu qabsoo Oromoo meeshaan waraanaa ammayyaa dhaabuu akka hindandenye dheebottoonni Bilisummaa kanneen garbummaan na gaha jedhan qabsoo saba ofiitti firii gochuuf rasaasa fuuldura dhaabatanii sagalee dhageessisaa addunyaaf diinummaa Mootummichaa saaxilaa yoona gahaniiru. Qabsoo uummanni Oromoo wareegama ulfaataan dhaadannoo “Bilisummaa barbaadna!” Jedhuun hanga ammaa Faajjii isaa qabatee taasisaa jiru utuu arganii kanneen garbummaa keessatti Oromoo tiksuu fedhan kan fedhii uummataarra dantaa isaanii eegsisu uummatatti lallabuun gara sossoobbiitti deebi’anii jiru. Qabsoo Oromoo waraanni dadhaabe sossoobbaan dhaabuuf yaaluun bakakkaa samii lakkisee bu’aa jiru samiitti oldeebisuun walkipha. Akeeka fakkeesssiin uummata bituuf garboonfata baafatee kana dura dhaabbachuuf qabsoo Qeerroo Bilisummaa dhawatumaan guddachuun murteessaa ta’uu Qeerroon hubachiisa!.

Mootummaan gita bittuu Wayyaanee/EPRDF guutummaa Oromiyaa addatti daangaawwan Oromiyaa irraan duula waraana dhaabbataa qabsoo Bilisummaa Oromoo irratti taasisaa yoona gaheen hanga ammaa fandalee qabsoo Oromoo waliin tiraatuun; qabsoo Oromootti danqaa ta’uuf akeekni garboonfataan guyyuutirraa baafataa jiru humna qabsoo uummataa kan hincaalle ta’uuf qabsoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo ABO durfamu kan guutummaa Oromoo makatu kan hincaalle ta’uu irra deebiin Qeerroon hubachiisa. Daangaawwan Oromiyaa irratti lola banee jiru dhaabuurra, lubbuu Oromoo baasuu irratti, daangaa Oromoo cicciree akka fedhiisaatti gurgurachuu itti fufuun Mootummaa kan uummata onnachiisudha. Ajjeechaa jumulaa/deettii/ bakkoota hedduutti sirna EPRDF raawwataa jiru dhaabuurra gara hookkara olaanaatti ceesisuuf waraana qabu Agaaziidhaan uummatatti dhaadachuurra taree duula ifaan uummata Oromoo irratti banameen Uummati balaan Oromoo kallattii maraan sirna ERPDFn buqqaa jiraatuun haqni kun akka salphaatti hubatamu qeerroon ni amana.

Sirna garboomfataa har’aa qofa odoo hin taane sirnoota darban keessattis Oromoon kan qe’ee isaa irratti ajjeefamaa ture yoo tau har’aan tanas Oromoon lafa ashaaraa seenaa fi duudhaa akkasumas kan safuu isaa irraa qabu sirna kanaan maqaa Itoophiyaa Somaalee jedhuun kan moggaafamte keessaa Oromoon miliyoona tokko caalu buqqauun;Karaa Kibbaa Oromoon Gujii fi Booranaa,karaa Oromiyaa Bahaa Haragee fi Karaa Lixaatiin waraannii sirna AWDUI ofiin jedhu ifaan uummata Oromoo buqqisaa jiru.Haalli kun harka tokkoon maa taa kan jedhuuf sirni EPRDF/AWDUI ta’e jedhee humna Oromoo dadhabsiisuu fi akeeka Qeerroo Bilisummaa Oromoo laamshessuuf yaalameeti. Oromoo hiyyoomee fi rakkatu arguun Oromoo qe’ee isaa irratti beelauu fi dheebotu arguun fedhii fi sagantaa Habashootaati. Oromoo hiyyoomee fi rakkatu arguun Oromoo qeee isaa irratti beela’uu fi dheebotu arguun fedhii fi sagantaa Habashootaati.

Weerarri sirna garboomfattoota kanaa haala dawweessaa ta’ee fi afaan dhadhaa godhatanii uummata Oromoo moogaasuu kan jalqaban har’aa miti. Ilmaan Oromoo sirna ofiitti fudhatanii warra akka nama qullaa deemuutti Oromummaa ofii gatee Itoophiyaa maqaa faarsuun handhuura biyya abbaa isaa irratti afaan isaa dhiisee kan afaan isaanii haasayu,Oromummaa ofii abaaree kan Itoophiyaa Immiyyee Minilik isaanii ijaare faarsu arguun dharraa Habashootaa isa olaanaadha. Humnooti Habashaa seenaadhumaan yeroo aangoof wal waraanan humna Oromootti dhimma bahaa turan.Har’as wareegama Qeerroon Bilisummaa Oromoo dhaabasaa fi uummata bal’aa Oromoo waliin itti wareegamee hanga sirnicha barbadeessuttii geessise kana kanneen ofii isaanii sammuu fi qalbii keessaa fuudhanii Itoophiyummaa itti kennaniin qabsoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo qaxxaamuruuf akeekkatanii kaan roga kanaan hanga ammaatti buaa bahiin garboomfattooti sirnichaa hin basin hin jiru.

Abjuun sirni garboomfataa kun itti jirus adda tokko ta’ee teessoo wal jijjiiruun wal harkaa fuudhinsa aangoo fakkeessuu fi qabsoo saba bal’aa qaxxaamuraan irra aanuuf yaaliin taasisan gonkumaa kan itti milkaayan akka hin taane fi harki inni jalqabaa isaan ittiin qabsoo qabachuuf yaalan Qeerroon ciqilee dhahee akka harkaa baasuu ,akeeka wareegama baasaa hara gaheef akka milkeessu hubachiisa. Harki Habashootaa gama lammataan waraana dhokataa duubaan saba Oromoo waraanuu(out flanking) taasisuudha. Sirnichi Oromoo Impaayerichaaf akka diinaatti kan ilaalu yoo tau, akkuma olitti tuqne Oromoon nageenyaa fi tasgabbiin jiraatee badhaadhinaa fi gamtaan ka’ee jennaan Ipmaayera afaan qawween itti isa galchine keessaa yaaa soda jedhurraa humni Habashootaa waraana maqaa biyyaalessaan ijaaruun uummata Oromoo duubaan waraanaa jira.Waxabajji 25/2018 Maa’oo Koomoo fi Asoosaa keessatti dhimmi Oromoon waraana raayyaa Ittisa Itoophiyaa fi humna poolisii Somaaleen kan rukutameef kanuma.Gara saba Sidaamaan yoo ijaalle walitti buiinsa Sidaamaa fi Walaayittaa gidduutti kabajaa ayyaana Cimbalalaa irratti dhalateef hooggantooti Naannichaa aangoo yoo gadi dhiisan hanga godinaa fi magaalotaatti,namooti 200 gahan kan badii kana dalagan jedhaman immoo to’atamanii jiru. Haa ta’u malee,gara Oromiyaatiin Oromoo kallattii afraniin waraanamaa jiruuf kan to’atamee fi seeratti dhiyaate hin jiru. Kunis giti bittaa EPRDF/ADWUIn ta’e jedhee saganteessuun Oromoo fi Oromiyaa irratti weerara bane akka jiru hubachiisa. Akkuma olitti kallattii harka lamaan Oromoo waraansisuun Itoophiyaa keessatti Oromoo harka kennachiisuun bituun akeekaa fi kaayyoo Habashootaa ta’e Qeerroon Bilisummaa Oromoo gadi jabeessee morma balaaleffata. Duula karaa lamaan uummata Oromoo irratti aggaamame kanas wal hubachuu fi wal dhagahuun sirna Itoophiyaa fi ilaalcha anatu siif beekaa walitti si idaana /መደመር/ maqaa jedhuun Oromoon sirna Gadaa kan moggaasaa fi guddifachaa mataa ofii isaatii kan qabu akka itti ofitti nama dhuunfaa hanga sabaatti dabaluu danda’u seeraa fi duudhaa mataa ofii isaa kan qabu saba jabaa fi sirna Bulchiinsa Gadaa of harkaa qabu malee uummata sirbaan lafa qaacceessee eenyummaa ofii jijjiiru miti.

Kan isa barbaade ofitti ida’uuf/dabaluuf/ sirna Caffee fi lallaba mataa isaatii alagaaf kan baase abbaan fedhe kan itti galu,kan hin feene firoomaa fi nageenyaan isa wajjin itti jiraatu kan qabudha kanaaf sirbaan lafa dhiichisuun qabsoo Oromoo gara dabarsuun akeekaa fi kallattii isaa jijjiirsisuun akka hin danda’amne Qeerroon ammas gadi jabeessee hubachiisa.

Dhumarratti Oromoon waraana qorqalbii,diinagdee fi hawaasummaaa akkasumas fotolikaa isa irratti wal ijaaree Itoophiyaa lafee biyya isaaf wareegama gootota isaa nyaataa yoon geese jalaa bahuu qaba.Kanaaf immoo kaayyoo ganama qabatee wareegamaa yoona gahee fi wareegama gootota ganamaa milkeessuuf akka hojjatu,uummata bal’aa isaa wajjin haalli fotolikaa Impaayerichaa ilmaan Oromoof baraarama kan hin laanneefi Qeerroonis ofirraa qolachuu qabaan dhaamsa Qeerroo Bilisummaa Oromooti Sirna cunqursaa fi garboomfataa EPRDF harka lamaan Uummata Oromootti bobba’e ofirraa deebisuun dirqama Oromoo maraati!

Gadaan Gadaa Xumura Gabrummaa ti !

Injifannoo Ummata Oromoof !

Qeerroo Bilisummaa Oromo

SBO: Waxabajjii 27 bara 2018. Oduu, Ibsa ABO fi Marii Bu’ureessitoota ABO: Jaal Xaahaa Abdii fi Jaal Dr. Fidoo Eebbaa waliin taasifame kutaa Jalqabaa Akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa.

Aside

Warraaqsa Jijjiiramal Bu’uuraa Dorrobe Gatachiisuuf Duula Godhamu Callisnee Hin Ilaallu

Aside

(Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo, Waxabajjii 25, 2018)

Warraaqsa bara 1974 Impaayera Itoophiyaa raasee sirna Nugusummaatti xumura godheef sababootnii fi humnootni adda addaa jiraatanis kan akka qabsoo diddaa gabrummaa Saba Oromootti qooda ol’aanaa qabaate hin turre. Diddaan ummatni Oromoo Raayyaa, Daawwee fi Baalee keessatti hidhannoodhaan mootummaa Hailasillaasee dura dhaabbachuudhaan agarsiise kanaaf ragaa dha. Waldaa Maccaa fi Tuulamaa fi Sochii Afran Qalloo hundeessuu dabalatee sochiin qabsaawotni ilmaan Saba Oromoo sirna mooticha Hailasillaasee irratti qabsaawuudhaan mirga Saba isaanii kabajsiisuuf taasisanis ragaa biroo ti. Finciloota sirna qubattootaa irratti qotee bulaa Oromoo Arsii, Salaalee fi bakkoota adda addaatti geggeeffaman, Dhaadannoon “Lafti kan Qotee bulaa haa tahuu!” jedhu ummta keessa faca’uu dabalatee qabsoo bifoota kanaan (hidhannoo fi hidhannoo malee) ilmaan Oromoo geggeessaa turanii fi wareegama qaqqaalii qabsoo kana keessatti baafamaa tureetu wal irratti kuufamee warraaqsa bara 1974tiif bu’uuraa fi humna jabaa tahe.

Dargiin bu’aa warraaqsa sanaa afaan qawweetiin butate warraaqsa jijjiirama bu’uuraa fi bilisummaa ummatootaa dorrobee ture sana gatachiise. Dargiin dhaadannoo gurra ummatoota cunqurfamoo harkisu kan akka “Lafti qottootaaf haa tahu” jedhutti dhimma bahee yeroo murtaaweef deggersa ummatoota cunqurfamoo bal’inaan horachuu danda’e. Sanan dabalata dhaadannoo “Itoophiyaan haa dursitu !” jedhu jalatti dahachuudhaan gaaffii bilisummaa fi kan mirga dimokiraasii ummatootaa ukkaamsee fedhii aangoo fi akeeka siyaasaa qaamota muraasaa galmaan gahuuf duula cimaa eegale. Akkanaanis lubbuun ilmaan biyyaa akka baala mukaatti harca’e. Tarkaanfii maqaa “Goolii diimaa/Qayyi shibbir” jedhuu fi lola waggoota 17 guutuu karaa Kaabaa humnoota Bilisummaa Ertiraa fi Tigiray wajjin, karaa Bahaa fi Dhihaa Adda Bilisummaa Oromoo wajjin Dargiin geggeesseen lubbuun dhala namaa kuma dhibbootaan lakkaawamuu fi qabeenyi biyyaa herreguuf hin salphanne barbadaawe.

Mootummaan Dargii sana hunda oggaa raaw’achaa turetti dhaadannoon inni dhageessisee ummata of duukaa hiriirsuuf itti dhimma bahaa ture kan Tokkummaa Itoophiyummaa leellisuu ti. Akkanaanis inni/Dargiin akka humna tokkicha jaalala biyyaa qabuu fi tokkummaa fi wal qixxummaa ummatootaaf dhaabbateetti, humnootni isa morman hundi ammoo warra biyya diiguuf deemu, warra nagaa ummataa hin jaallanne, warra mootummoota birootiin bitamee ykn. qacaramee Itoophiyaa diiguuf ergame, dhiphoo ‘waanbadee’…fi kkf. akka tahanitti waggaa 17 guutuu ololamaa bahe.

Bu’aa wareegamaa fi qabsoo ummatootaa afaan qawweetiin butatee warraaqsa jijjiirama dorrobee ture kan gatachiise mootummaan Dargii qabsoo bilisummaa Oromoo dabalatee qabsoo ummatootni akka Ertiraa, Tigray fi kanneen biroos geggeessaniin bara 1991tti burkutaawee dhabama tahe. Qabsoo mootummaa Dargii kuffisuuf godhame keessattis Oromoon lubbuu qabsaawota ilmaan isaa hedduu dirree lolaa fi manneen hidhaatti gabbaree jira. Haa tahu malee kufaatii Dargii kan 1991 boodas bu’aa wareegama qabsaawota ilmaan Oromoo fi kan saboota birootiin argame sana afaan qawweetiin butatee akeeka siyaasaa fi saamicha dinagdee murna ofiitiif kan oolfate humna TPLF/EPRDF kan caalmaa humna waraanaa qabutti gargaaramee aangoo dhuunfatee fi ergamtoota isaaf lukkee tahanii ummata keessaa dhalatanitti diinoman qofa.

Waggoota 27 dabran (bara aangoo EPRDF) fedhii aangoo siyaasaa fi saamicha dinagdee aangawoota TPLF fi lukkeewwan isaanii guutuuf jecha Adda Bilisummaa Oromoo dhabamsiisuu fi gaaffii haqaa Sabni Oromoo bilisummaa ofiif kaase ukkaamsuuf lolli addaan hin citne Adda Bilisummaa Oromoo fi ummata Oromoo irratti geggeeffamaa yoona gahe. Lola kanaa fi loloota biyyoota ollaa akka Ertiraa fi Somaaliyaatti fedhii siyaasaa fi dinagdee TPLF/EPRDF guutuuf geggeeffameen ammas akkuma bara Dargii lubbuun ilmaan ummatoota cunqurfamoo Impaayera Itoophiyaa kuma dhibbaan lakkaawamu harca’e. Isa bara EPRDF kan bara Dargii irraa wanti adda taasisu miidhaan ummatoota kaan irra gahu akkuma jirutti tahee, Sabni Oromoo garuu akka Sabaatti addatti irratti qiyyaafatamee ajjeechaa, hidhaa, saamicha, qe’ee isaa irraa buqqifamuu fi miidhaa akaakuu adda addaatiif saaxilamuu isaa ti. Diinummaan TPLF/EPRDF kan Saba Oromoo irratti addatti xiyyeeffate kun ammoo Sabichis roorroo kana qolachuuf caalaatti xiiqeffatee Dhaaba isaa Adda Bilisummaa Oromoo faana hiriiruudhaan bilisummaa isaaf akka qabsaawu taasise. Akka kanaan waggoota 27 dabran roorroo mootummaan TPLF/EPRDF irraan gahu mormuudhaan ummatootni cunqurfamootni Impaayera Itoophiyaa hedduun bifa gara garaatiin qabsaawaa fi wareegama baasaa turuun dhugaa hin haalamne tahu illee kan akka Saba Oromootti mootummaa EPRDF irratti qabsaawee wareegama ulfaataa baase hin jiru.

Dhugaa kanaa olitti ibsame irraa wanti hubatamu hanga gaaffiin haqaa ummatootni bilisummaaf, mirga abbaa biyyummaaf, dimokiraasiif fi nagaaf kaasan deebii sirrii fi quubsaa argatee rakkoon siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaa kan akkaataa hundeeffama sirna mootummaa Impaayera Itoophiyaa irraa maddu akka waliigalaatti furmaata waaraa hin argatinitti, addatti ammoo, hanga gaaffiin bilisummaa Saba Oromoo guutummaatti deebii hin argatinitti Impaayera Itoophiyaa fi naannoo isiitti nagaa fi tasgabbiin bu’uu kan hin dandeenye tahuu isaa ti.

Yeroo ammaan tanaa qabsoo ummatootni cunqurfamoon Impaayera Itoophiyaa akka waliigalaatti bifa gara garaatiin geggeessaniin, keessattuu ammoo qabsoo ummatni Oromoo hoogganummaa Adda Bilisummaa Oromootiin geggeessaa jiruun mootummaan TPLF/EPRDF kan waggoota 27 dabran duula duguuginsa shanyii fi gochaa shoororkeessummaa ummata Oromoo fi ummatoota biroo hedduu irratti geggeessaa bahe irreen isaa laamsha’ee, keessi isaa tortoree kufaatiidhaaf afaan boollaa irra gahee jira. Mootummaa farra ummataa tahe kana irratti qabsaawanii sadarkaa kanaan gahuu keessatti, akkuma olitti jedhame, wareegamni ummatni keenya akka waliiglaatti baasee fi miseensotaa fi deggertootni ABO adda-durummaadhaan baasan qooda hundaa olii qaba. Keessumaa ammoo wareegamni dargaggootni ilmaan Ormoo (Qeerroon Bilisummaa Oromoo) sochii Fincila Diddaa Gabrummaa fi Fincila Xumura Gabrummaa keessatti walitti fufiinsaan baasaa yoona gahan qooda addaa qaba.

Ummatni Oromoo akka waliigalaatti fi Qeerroon Bilisummaa Oromoo addatti kan isaan warraaqsa kana geggeessaa jiran gaaffii fi dhaadannoo Bilisummaa Oromoo dhawwaaqaa Alaabaa mallattoo bilisummaa isaanii taate Alaabaa ABO/Oromoo balaliisaa ti. Dhugaan kun osoo ifatti beekamuu fi ija mootummootaa fi hawaasa Addunyaa duratti mul’achaa jiruu har’as qaanii tokko malee bu’aa wareegama ummata Oromoo fi kan ummatoota cunqurfamoo biroo butachuudhaan fedhii aangoo fi akeeka siyaasaa namootaa fi humnoota murtaawaniitiif oolchuudhaan warraaqsa jijjiirama bu’uuraa dorrobe kana gatachiisuuf yaaliin godhamaa jiru guddaa tahuu argaa jirra. Kunis kanuma bara mootummaa Dargii wajjin haala wal fakkaatuun Alaabaa Itoophiyaa fi dhaadannoo “Tokkummaa Itoophiyummaa” jettu jalatti dahatanii gaaffii haqaa kan bilisummaa fi mirga abbaa biyyummaa ummata Oromoo fi ummatoota cunqurfamoo biroo ukkaamsuuf yaaluudhaan of mul’isaa jira.

Adeemsi akkanaa kan dhaadannoo fi maqaa tokkummaa Itoophiyummaatiin gaaffii mirgaa fi bilisummaa ummatootaa ukkaamsuuf yaaluu kun hatattamaan yoo hin sirranne diigamiinsaa fi badiin inni naannoo kanatti hordofsiisuuf deemu ulfaataa taha. Yeroo ammaatti kan barabaachisu maddi rakkoo maal akka tahee fi furmaata waaraa argamsiisuuf wanneen godhamuu qaban maalfaa akka tahan, akkasumas, qaamotni adeemsa gara furmaata waaraatti taasifamu kana keessatti hirmaachifamuu qaban eenyufaa akka tahan sirriitti addaan baasanii tarkaafiilee gara furmaata waaraa sanatti geessan hojiidhaan lafa irratti fudhachuu eegaluu dha. Waan taheef, haalli siyaasaa Impaayera Itoophiyaa kan wareegamni qaaliin itti baafamee yeroo ammaa jijjiirama bu’uuraa dorrobee jiru kun humnoota akeeka siyaasaa fi saamicha dinagdee kan mataa isaanii galmaan gahachuuf jecha gatachiisuu barbaadaniin akkan hin gatanne taasisuudhaan haala jijjiiramni bu’uuraa fi furmaatni waaraan itti argamu mijeessuuf ummatootni, jaarmayooni, mootummootnii fi qaamotni dhimma kana keessatti qooda qaban hundi hafuura itti gaafatamummaa ol’aanaadhaan gaafatama isaanii akka bahatan Addi Bilisummaa Oromoo gadi jabeessee hubachiisa.

Miseensotaa fi deggertootni Adda Bilisummaa Oromoo waliigalatti, Waraanni Bilisummaa Oromoo fi Qeerroon Bilisummaa Oromoo haala adda taheen, akkasumas, ummatni bal’aan Oromoo kan dabre hunda irraa barachuudhaan qabsoo fi Warraaqsa Bilisummaa kan dhiigaa fi lafee keenyaan utubnee sadarkaa kanaan geenye gatachiisuuf kanneen foolatan itti dammaqnee shira isaanii hoongessuudhaan bilisummaa keenya mirkaneessuuf kan yeroo kamuu caalaatti jabaannee akka sochoonu Addi Bilisummaa Oromoo irra deebi’ee hubachiisa.

Injifannoo Ummata Oromoof !

Adda Bilisummaa Oromoo
Waxabajjii 25, 2018