Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Amajjii 14,2015

Aside

Wallagga Aaanaa Jimmaa Horroo Keessatti Filatnoo Mootummaa Wayyaaneen Wal Qabatee FDG Ka’uun Barattooti Oromoo 6 Hidhaman Kaan Amma Illee Diddaa Itti Fufan.

Aside

Odeessa Jimmaa Horroo,Amajii 15,2015

1505025_503083906497226_513356179076127372_nDargaggoota godina Wallagaa aanaa Jimmaa Horroo keessatti argaman yeroo adda addaatti fincilli diddaa gabrummaa waan ka’aa tureef,kana malees humni WBOyeroo yeroon naannichatti waan sochii muldhataa muldhisuuf jecha dargaggoonni Oromoo diddaa sirna bulchiisa Wayyaanee waan qabaniif kaardiin filatnnoo Wayyaanee bara kanaa akka hin raabsamneefii murtiin darbe.

Dargaggoonni aanaa kanaa naamusa filannoo jeequuf warra qophaya jiran waan taheef jedhamee barattootas tahee dargaggoota hundaafuu kaardiin filannoo dhorkamuu Qeerroon gabaasaa jira. Akkasuma aanama kana keessa ganda Baabboo jedhamu keesstti dargaggootaan qarshii 3,3 fidaa waraqaa eenyummaa baafadhaa isaan booda filannoof kaardii isiniif laanna jedhame tole jechuun dargaggoonni qarshii jedhame kana kennan,horiin isaan irraa fuudhames gara darbe dargaggoonni kaardiis fudhachuu hin dandeenye qarshii keenya deebisa Wayyaanee silaafuu  hattuudha jechuudhaan daraggoonni Oromoo guyyaa kaleessaa FDG kaasanii jiru. 10408802_503081929830757_7936816515253134732_n photo.php.jp photo.php

Haala kanaan  namootni 6 dargaggoota kan qindeessu filannoon aka hin gaggeeffamneef dargaggoota ijaaraa kan jiraniidha jedhamuun ganda Baabboo irraa konkolaataa poolisiin galgala sa’a 12 booda waajjira poolisii aanichaatti
gaaffeman, namootni kun maqaan isaanii:
1.Mikaa’el Hirkisa-ogeessa fayyaa Looniiti.
2.Nuuraddiin Muusaa-Daldalaa
3.Amad Horaa-Qonnaan Bulaa
4.Shaful Boshoraa-Barataa
5.Iddoosaa Raagaa-Qonnaan Bulaa
6.Shuumaa Lammeessaa-Qonnaan Bulaa.
Namootni kun amma waajjira poolisii aanaa Jimmaa Horroo keessa jiru,maqaan ittiin yakkaman tokko namusa filannoo kan jeeqan, kana gochuufis uummata fi dargaggoota ijaarsa irratti kan argaman jedhamuun. Suuraaleen kun barattoota qabamanii fi loltoota sirncha muldhisa. Suurawwan barattoota ariyamanii kanneen nama 10

Odeessa Shiraaf I Gochaalee Hammeenya Wayyaanee Saaxiluu

Aside

Gabaasa Qeerroo  Amajjii 15, 2015

QeerrooAmajjii 08, 2015 godina Baalee irratti buufanni bobo’aa tokko qaama hin beekamneen gubachuu isaa odeessi achii irraa Qeerroo dhaqqabe ni ibsa. Dhimma kanaan walqabatee waanti ibsame kan hin jirre yeroo ta’uu uummanni mootummaa Wayyaanee irratti aarii akka qabu ni muldhata. Yeroo ammaa maqaa poolisoota humna addaa jechuun Somaalee irraa sochu’u fi mootummaa Wayyaanee irraa gargaarsa argatu naannoo sanatti bobba’ee jiru naannoo Ona Ginir irraa loon/saawaa uummataa fi qabeenya saamaa jiraachuu kan bira ga’ame yeroo ta’u haalli kun uummata Oromoo naannoo sana daran kan dheekkamsiise fi ofirraa ittisuuf dirqama akka ta’ee jiru himaama jira. Dhimma kun hammaatee Amajjii 14, 2015 iraa eegalee dhukaasa uummatatti banuutu dhaga’ama.

Wayyaaneen kan ofii qabeenya uummata Oromoo bifa adda addaan saamaa jirtu xiqqaannaan yeroo ammaa saba ollaa Oromiyaa qubatan ijaaruun Oromoo irratti bobbaasuu kan itti fufte yeroo ta’u kun ammoo addattii Godina Baalee Ona Ginir irratti Amajjii 13 fi 14, 2015 irraa eegalee bifa addaan itti fufuu isaa odeessi achirraa Qeerroo dhaqqabe ni ibsa.

Kun kanaan osoo jiruu godina Shawaa Bahaa ona Bishooftuu keessatti Wayyaanonni uummata sabboontota fi poolisoota Oromoo ta’an irratti xiyyeeffattee ajjeesisuuf shira qopheessuun naannoo sanatti nama erguun ishee saaxilame. Dhimma kana akka raawwatu poolisootuma keessaa uummata keessatti kan ramaddee yeroo ta’u poolisootni Oromoo sabboontota ta’an dubbii kana irra ga’uun shira kana fashalsuuf jala bu’a turanii nama kana eega irra ga’anii booda isaa uummata saamu itti dhaqqabuun Amajjii 12, 2015 nama kana qabuuf yeroo bobba’anitti dhukaasa itti banuun poolisoota kana keessaa nama tokko madeessuun dhaga’ame. Nama kana boodaan namoonni hedduun akka jiran kan mirkaana’e yeroo ta’u yakkamaan kun ammallee toohannoo jala kan hin oollee fi wayyaaneen akka qindeessitee akka ergite mirkana ta’uu isaa poolisoota magaala Bishooftuu irraan odeessaan Qeerroo dhaqqabe ni mirkaneessa.

Gama kaaniin Godina Shawaa Lixaa Ona Midaa-qanyi irraa maqaa ABOtiin yakkuun nama maqaan isaa yeroof hin himamne fi waraana Dargii ture tokko Boombii 2F1 jedhamuti mana isaatii argame jechuun qabdee dhabamsiisuun ishee beekame. Namni kun uummata naannoo sanaa birratti saabboonummaan kan beekamu, shaakkii irraa kaatee mana isaa sakkata’uun boombii aragadhe jettee Amajjii 10, 2015 tohannoo jala akka oolchite yeroo ta’u haga ammaa eessatti akka hidhame fi bakka buuteen isaa kan hin baramne ta’uuti odoossi naannoo sanaa ba’e ibsa.

Odeeffannoon biraan gara Yunivarssitii Kiloo 4 irraa dhufe ammoo barataa Tigree of-fandhisee du’ee argameetti Oromoon yakkamuutu dhaga’ama. Oromoota shororkeessuuf jecha yeroo ammaa bakka namni hin arginetti abbaan fedhe yoo du’e Wayyaaneen Oromoo itti yakkuun baratamaa dhufee jira. Barataan lammii Tigree Computer Science waggaa 2ffaa tokko jaalalatu naqabe jedhee dhiphina keessa jiraachuu himachaa kan ture Amajjii 11, 2015 of-fandhisuu irraan kan ka’e Oromootatu ajjeessee fandhise jechuun Wayyaaneen sobaan oduu afarsaa jiraachuuti oduun naannoo sanaa nu ga’e mirkaneessa.

Karaa biraa Godina Qellam Ona Jimmaa Horroo dargaggoonni jiraatan kaardii filannoo fudhachuuf gara waajjira Wayyaane naannichaa deeman dargaggoota Ona kanaa irraa guutummaatti shakkii qabna, isaan jaarmayaa Qeerroo, ABOn jeequmsaaf nutti ergamani jechuun kaabinootni OPDO Ona sanaa arii’an. Haaluma kanaan dura waraaqaa eenyummaa fudhattan male kaardii fudhachuu hin dandeessan, dargaggoonni aanaa kanaa ABO, kaardii filannoo barbaaduun kun waan karoorfatan qabdu jechuun arrihatamuu gabaasti hoogganasa Qeerroo Ona sanaa hubachiisee jiree jira. Akka gabaasa kanaatti kaabinootni Wayyanee naannoo sanaa filannoo isaanii as adeemu kanatti jeequmsi nutti ka’uun waan hin oolle jechuun garanumaa sodaa qaban himachaa akka jiran gabaasti kun ni mirkaneessa.

Dargaggoonni naannoo kanaa odeessa ABOdhaa dabarsu, uummata nurratti ijaaraa jiru, uummanni kaardii hanga yoonatti fudhachuu diduun olola dargaggoota Qeerroon ijaaramanii jiran kana irraa ta’uu uummata walitti qabuun doorsisuu fi yaaddoo himachaa jiru. Ona Anfilloo gandoota 28 jiran keessaa namootni muraasati yeroo galmaa’an, ganda tokko qofaa keessaa hanga nama 160 ol ta’antu kaardii filannoo hin fudhanne,  kun ammoo mootummaattii mataa dhukkubbii fi gaaffii guddaa ta’aa jira jechaa jiru.

Guyyaa kaardiin filannoo hiramuu eegalee qabee hanga ammaatti gandoonni kaardii tokko illee fudhachuu hin dandeenye ykn guutummaatti dhiise fi hin kennamin hafe akka jiru fi sababoota kanaa fi kana fakkaatani irraa kan madde naannoo sanaa akka walii galaatti gamaaggamaan dhiphachaa jiraachuutu gabaasti Qeerroo nannoo sanaa ibsa.

Sirna Cunqursaa Wayyaanee Dhabamsiisuuf Gamtaan Oromootaa Murteessaa Dha! 

Aside

Hawi Olani Kesesa Irraa

20140911_151218-2-1Yeroon ammaa kun  yaroo kam caalmaattii yaro oromon hundii gad dhaabbatee itti yaadu qabu dha jadheen yaada .Maaliif yoo jannee,gochaan sukanisisaa Wayyaaneen ilmaan oromo irrattii raawwachaa jirtu daran ittuma cimaa dhufuun isaa hundaa kenyaaf ifaa waan ta’eef.

Yero baayye gaaffii tokkotu mataa kessa na dadaddebi’a  .gaaffii haanga yomitti nutii ummattii  ballaan kun ummatta yartudhaan  nuttii qosaamaa fi nutii rorrifamaa jiraatnaa ?haanga yomitiis Wayyaaneen Ummatta kenyaa cunqursaa fi gidirsaa itti fuftii?hanga yomitii lammiin oromodhaa mirga umamaan qabu sarbamee biyya isaa irratti akka lammi lammaffaatii ilaalamaa ,acuuccaa fi ajjechaa soda dhaan biyya ambaa gara garaatti baqatee jiraataa ? Gaafiin kun gaafii oromoota heddu ta’aa jadheen amana.

Nuti oromootnii mirgii keenyaa dhitamee ,bilisummaan  keenyaa sarbamne jiraachuu ergii jalqabnee baayyee bubbule jira .Ata’u iyyu malee waggoota kanneen kessa fincilli diddaa gabrummaas taasifamaa ture ,kanaafis abbotiinif obbolewan keenya hedduun itti dhiganiru itti hidhamaniru itti du’aniru ammas hidhamaa ,gidirfamaa fi ajjefamaa jiru .Kessumaa baratootnii Oromo hojii bonsa isaan raawwachaa jiran  yoom iyyu seenaan kan isaan hindaganne dha .

Kessumaa waggoota digdamootaa asii ergii Wayyaaneen angoo qabatee booda immo,kallatti dhaan sagnii oromo lafa irraa fixudhaaf kaayyoo jalqabaa godhatee waan dhufee hanga fakkaatuttii ilmaan Oromo kaan lafa isaani  irra qotee bultoota buqqisu dhaan isaaf maatii isaa belaa fi dhukkubaaf saxilaman gochudhaan ajjesaa jiru .Kaan ammo baratoota barumsa  irra sababa ga’a male ari’u yoo inni gaaffi mirgaa gaafatee ammo mana hidhaatti darbachu fi ajjesu itii fuftee jirtii .Hojjataa mottummaas yoo deggaraa wayyaanee ta’e male sababa qubsaa hintaaneen  hojii irra ari’u ,hidhu fi ajjesudhaan sanyii kenyaa lafa irra dugugaa jirtii.Gamtaan Oromootaa Murteessaa dha

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, January 14, 2015

Aside

Oromummaa Isaanii Qofaan Yakkamuun Barattooti Oromoo Kolleejjii Barsiisota Jimmaa 17 Qondaalota Wayyaanee fi Bulchitoota Mooraan Akeekachiisi Yeroo Itti Kennamu 8 Ammoo Tohannaa Jala Jiru

Aside

Gabaasa Qeerroo Jimmaa

oromo in ethioAmajjii13,2015 Sabboontootni barattootni Oromoo Koolleejjii Barsiisota Jimmaa Oromummaa isaanii qofaan yakkamuun mootummaa Abbaa Irree Wayyaanee EPRDF/OPDO’shororkeeffama jiru. Mooraan Dhaabbilee barnoota olanoo biyyattis mooraa Siyaasaa fi Waraanatti jijjirama jira.

Mootummaan abbaa irree Wayyaanee torbee darbee keessa sabboontota Kadhmamtoota barsiisota Oromoo Koolleejjii barsiisota Jimmaa irraa Leenjii barsiisummaa fudhacha jiran kanneen waggaa 3ffaa barachaa jiranii fi eebbfamtoota ta’ani yeroo amm piraaktikeemiidhaf bobbaafamani jiran irratti shira guddaa xaxaa jiraachuun barattoota Oromo homaa baalleessa tokko ilee hin qabneen isin yakkamtoota mootummaa keenya irratti fincila gaggeessa jirtu jechuun Barattootni Oromoo 18 dabballootaa Wayyaaneef ergamanii bulanii fi hogganaa koolleejji barsiisota Jimmaan doorsifaman, ergamtootni sirnichaa fi dhaaba jalee Wayyaaneef ergamanii kanneen ilmaan Oromoo akka hin baratneef barnoota irraa ugguraman gochaa jiran keessa Abbaa Zinaab hogganaa koollejjii barsiisota Jimmaa fi dabballee human tikaa Wayyaanee nama Taarikuu jedhamu wal ta’uun ilmaan Oromo akka hin baratneef maqaa Wallee Warraaqsaa sirbuun ABO f WBO faarsitan, Sirboota qabsoo Sirbitan, mootummaa keenyaa irratti wallee warraqsa sirbuun uummata kakasaa jirtu  jedhuun barattoota Oromo dararuu irraatti argamu barattootni Oromo haala kanaan dararama jiranii fi barnoota irraas ni arii’amtu jechuun dorsfaman:

1,Barataa Muktaar Hamdii

2,Barataa Rabbirraa Geexee

3,Barattuu Hawwii Guutuu

4,Barataa Magaarsaa Gobaanaa

5,barataa Fayyisaa Mijanaa

6,baraaa Zufaan Adafaaris

7,barataa Abbabaa kumsaa

8,barataa Guddisaa Bongaasee

9,barattuu Jalaannee Guddataa

10,barataa Mustaafaa Huseen

11,barataa Zawudee Qadidaa

12,barataa Amiin Wadoo

13,barattuu Maraartuu Geetuu

14,barataa Qanaanisaa Dhaabaa

15,barattuu Yetnabbarsh Mallasaa

16, barataa Tasfaayee Dajanee

17,barataa Buziyee kannen keessatti argaman ilmaan Oromoo dabballoota ergamtoota wayyaaneen dorsifamuun barnoota isanii irra ugguramaa jiranii fi kanneen dabbaloota wayyaaneen shorokeeffamaa jiran ta’uu n hubachiifna.

Kuni utuu kanaan Jiruu ergamtootni Wyyaanee kun ittuma fufuun barattoota Oromoo 8 irratti xiyyeeffannaa addaa gochuun Amajjii 13/2015 beeksisaa irratti basuun barattoota Oromo mooraa koolleejjii barsiisota Jimmaa Biiroo hogganaa kollajjichaatti waamuun doorsisaa jiraachuun bira ga’ame jira. Barattootni Oromoo haala kanaan dararama jiran keessa:

  1. Barataa Tokkummaa Hundee mummee Herreegaa waggaa 3ffaa
  2. Barataa Gulummaa Lammaa mummee  Afaan Ingiliffaa waggaa 2ffaa
  3. Barataa Ababaa Gudee  mummee biology waggaa 3ffaa
  4. Barataa Asaffaa dhugumaa mummee Keemistirii waggaa 3ffaa
  5. Barataa Taaddalaa Taarikuu muummee Herregaa waggaa 2ffaa
  6. Barataa Abarraa Dheeressaa mummee Herreegaa waggaa 3ffaa
  7. Barataa Qaqqabaa Humneessaa mummee herreegaa wagga 3ffaa
  8. Brataa Sabboonaa Awwaqii mummee Herreegaa waggaa 3ffa kanneen baratan addatti basuun doorsifni fi shororkeessi Oromoo ta’uu qofan irratti gaggeeffama jira.

Gochaa diinummaa kana fi uggura barattoota Oromoo irratti rawwatamaa jiru kanaan walqabatee FDG dhoofamuuf akka jiru  Qeerroon Bilisummaa Oromoo hubachiisuun, Barattootni oromoo Oromummaan Yakkamuu fi Doorsifamun gootummadha,gootni biyyaaf falmata, dhugaaf dubbata ilmaan Oromoo walduukaa dhaabbachuun shiraa fi shororkeessuummaa wayyaanee dura haa dhaabbannu jechuun dhaams dabarse.

Aside

  Haagahu Roorrooni

Kiya Tesfaye irraa,

Gadaa meqaa ofi gadda dadhabne

Amna baraa dheraa tanguutama hin qabne

Gadiraa gabrummaa waraan hagogamaa

Barrii baraan calee dhalotaan dhalamuu

Asiirra raawwataa hin siimannu lamuu

Bahaa fi sensaa hashiinuu diddaa

Fincilaa kaafne gabruummaa didda

Qabsaawota dhugaa kan gootummaa adda

qooda haafudhannu namu bakka jirru

Qeyroo bilisumma wajjiin hiriruu

Qabsaawuf  murannee garaa haahidhannu

Of booda debinuu hanga Injifanuu

Saba koo oromoo hin laafinaa hin laafnuu

Waregama lubbuu guyaa hingaabafnaa

Mirgaa Abbaa Biyyumma ka’aa hagonfannu

Dirqama lammumaa waanurraa eggammu

Tokkummaan hirirre fiduuf Jijjirama

Gaachanaa walitaane irree tumsa gamaa

Barrii bahuufi demtii biftuun bilisumma

Waan qabnun hirmanne galmaan gayuu amma

Qabsoo fininsine Hacimsinuu falmaa.

SBO Amajjii 14 Bara 2015. Oduu, Ibsa ABO fi Qophii biroo akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

ቄሮ: የኦሮሞ :ወጣቶች: ለነፃነት:ንቅናቄ :ድምፅ: የሳምንቱ: ዜና:: January 12, 2015

Aside

Aside

OROMOO

barruuWalaloo Abdii Baalee Oromiyaa

Akkam yaa lammii koo,xiqqaa fi guddaan biyyaa,

Ilmaan harmee kootii,ilmaan Oromiyaa,

Baga nagaa taatan,anilleen nagayaa,

Mee gurraa naaf kennaa,was isiniin gayaa,

Rakkoo waliif obsaa,gurraan wal dhagayaa,

Tokkummaa jabeessaa,afaan tokko tayaa,

Kunoo gabroomfataan maqaa nurra kaayaa,

Shororkeessaa jedhee,hidhatti nu haxaayaa,

Sochii keenyaaf jecha;jiruusaa yaaddayaa,

Qabsoo keenya him miidhu tasuma raatayaa,

Kanaafuu,mormadhaa ,al-takka gad bayaa,

Bakkuma jirtanii;hundinuu qabsaayaaaaaa!!!!  (*2)

Dhugaan guyyaa eegdii,taxa him ariifattuu,

Isin gariin namaa,maaf akkas rifattuu,

Lubbuu du’a hin oolle,maaf irraa sodaattuu,

Biyya Keenya irraa maalumaaf baqattuu,

Qabsaayaa qabsoo dhaa,maaf irraa baqattuu,

Walaloo Abdii Balee Oromiyaa