Oromoon Tokko Tahee Itti Fufe Qabsoo!!

Aside

Uummatni Oromoo Magaalaa Jimmaa Kaardii Filannoo  Dharaa Wayyaanee/EPRDF Fudhachuu Diduun Mootummaa Abbaa Irree Wayyaanee Yaaddoo Keessa Buuse.

Aside

Amajjii 18/2015 Gabaasa Qeerroo Godina Jimmaa

Guyyaan FDG University Dirree Daawwaattti Kabajame

Mootummaan abbaa irree Wayyaanee akkuma dhaga’ama jiruu karaa foddaa ETV /EBC, Media lee of harkaa qabu hundaan filannoo sobaa gaggeessuuf kaardii Filannoo uummatni hedduminaan ba’ee fudhachaa jira jechuun olola sobaa oofaa jira malee haala qabatamaa uummata keessa jiruun uummatni kaardii filannoo sobaa Wayyaanee hin fudhannuu jechuun diddaa sirna wayyaaneef qabu argisiisa jira.

Biyyaa democracyn hin jirree keessatti filannoo dimookiraatawaa ta’ee fi haqa qabeessa gaggeessuun waan hin danda’amneef uummatni gurraa isaa gara filannootti qabee mirga isaa falmachuu irraa duubatti akka hin jenneef Hoggansii Qeerroo bilisummaa Oromoo baatii darbe keessa ibsa bal’aa uummataaf dabarsuun ni yaadatama, yeroo amma kanattis uummatni Oromoo fi lammiileen cunqurfamoon biyyatti ibsa dhugaa irratti hundaa’ee hoggansii Qeerroo bilisummaa Oromoo kennee bu’uura godhachuun kaardii filannoo Wayyaanee fudhachuun bu’aa hin qabuu jechuun kardii filannoo Wayyaanotaa fudhachuu diduun diddaa sirna abbaa irreef qaban ifatti mul’isaa jiru.

Keessumattuu Magaalaa Jimmaa keessatti uummatni karaa wajjira boordii Filannoo Wayyaanoota iyyuu hin darbinu jechuun guutummaatti kaardii filannoo sobaa Wayyaanee fudhachuu didee jira. Mootummaan Wayyaanee sochii uummataa kanatti rifachuun humnaan kaardii fudhachiisuu fi humnaan of filchiisuuf sochii cimaa gochuurratti argama, guyyaa har’aa Gandoota Magaalaa jimmaa keessa dabballoota fi
ergamtoota isaatti dirqama addaa kenneen ergamtootni Wayyaanee uummatni dirqamaan ba’ee kardii filannoo akka fudhatuuf mana irra adeemuun uummata dirqisiisaa jiraachuun hubatame jira. Wajjirri boordii filannoo magaalaa Jimmaa keessatti argamu cufaamaa kan jiruu fi namni tokko illee achiin darbaa kan hin jirre ta’uun hubatamee jira. Dabballootni Wayyaanee namni kaardii filannoo hin fudhannee
lammii biyyaa kana miti jechuun uummata doorsisuu irratti xiyyeeffannoo godhani jiru, Uummatni gama isaatiin biyyaa mirgii dhala namaa fi dimookiraasiin sarbamaa jiru keessatti mootummaan ani dimookiraasiin gaggeessa sirna dimookiraasiin bulaa jirra jedhee dubbachuun qaanii guddaa fi yakka guddaa seeraan illee itti nama gaafachiisu ta’uu hubachuun ejjennoo isaanii jabeeffachuun filmaata mootummaa Wayyaanee dura dhaabbachaa jirachuu ibsan.

 

Godina Lixa Shaggar Aanaa Midaa Qanyii Ganda Baaroo Bidiruu Jedhamu Keessatti Konkolaataan Wayyaanee Kaardii Filannoo Hiruuf Bobba’e Diddaa Uumataan Hojiii Ala Ta’uu fi Qondaalotiin Wayyaanees Naannoo Sanaa Baqachuun Beekame.

Aside

Gabaasa Qeerroo Amajjii 18,2015 Midaa Qanyiii

diddaa9Gaafa Amajjii 16/2017 Godina Lixa Shaggar Aanaa Midaa Qanyiitti Uummatni konkolaataa Wayyaanee bulchiinsa Aanaa Midaa Qanyii olola filannoo sobaa wayyaanee ofuuf gandoota baadiyaa keessa fiiguun kaardii filannoo wayyaanee akka uummati ba’ee fudhatuuf uummata dirqisiisuuf bobbate irratti tarkaanfii fudhachuun daaraa ishee  godhee jira.

Ergamtootni Mootummaa abbaa irree Wayyaanee /EPRDF keessatti hiriiruun kaleessa gaaffii karaa nagaa fi diimookiraasii uummatni gaafachaa tureef deebii hidhaa, reebichaa, fi ajjeechaa seeraan alaa fudhachaa turan, har’a immoo uummata keessa fiiguun mootummaan keenya dimookiratawadha, sirna democracy gaggeessa jirra, baataani boruu nu filachuuf kaadii filannoo fudhadhaa jechuun uummata kardi filannoo sobaa fi fakkeesituu abbaa irree hin barbaadnu jedhee jiru humnaan dirqaisiisuuf konkolaataa bulchiinsa aanaa Midaa Qanyii qabachuun buufataalee filannoo sobaa wayyaanee gandoota keessa jira irra naanna’uuf akka ergama diinummaa butatanii qajeelaniin ganda Baaroo Bidaaruu bakka Gatoo jedhamuun beekamutti uummani tarkaanfii irratti fudhachuun konkolaataa bulciinsa Wayyaanee kana taajajilaan ala godhee jirachuun maddeen keenya aanaa Midaa Qanyii magaalaa Ballammii irraa gabaasa jiru.

Tarkaanfii kanaan walqabatee guyyaa har’aa ganda Baaroo Bidaaruu bakka Gatoo jedhamuun beekamutti ergamtootni Wayyaanee uummata dirqamaan walitti qabuun qaamota tarkaanfii akkasii isin keessatti of ijaaree fudhachaa jiru baasaa, yoo of keessa baasuu baattan konkolaata tajaajilaan ala ta’ee kana ni kanfaltu, ni hidhamtu jechuun uummata doorsisuuf yaaliin guddaan godhamuus, uummatni sodaa tokko malee isin mootummaa miti shororkeessadha, mirga dimookiraasii fi ilma namaa sarbaa jirafaaniin immoo dimookiraasii odeessituu, isin hin barbaadnu jechuun uummatni ergamoota Wayyaanee of irraa deebise jira. mootummaan wayyaanees humna poolisaa fi loltuu isaa butatee gandoota baadiyaa Aanaa Mida qanyii keessa naanna’uu itti fufus uummani yoo nu fixxan nu fixaa malee waan baasu hin qabnu, Oromoo ajjeesuu, hidhuu fi dorsisuun hojii keessanidha jechuun uummatni akeeka Wayyaanee dura dhaabbate jira.

SBO Amajjii 18 Bara 2015. Oduu, Gabaasa Guyyaa WBO fi Filannoo wayyaanee irratti gaaffii fi deebii hojjetaa waajjira qonnaa Godina I.A.Booraa waliin

Aside

Amajjii 16,2015, Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Aside

Walaloo Abdii Balee Oromiyaa

Aside

BILISUMMAA 

Akkam nagaa jirtuu ilmaan Oromiyaa,
Anillee nagumaa,yoo ta’es yaaddayaa,
Galata Rabbii guddaa;gurri waa dhagayaa,
Xiqqoollee haa taatuu,kaleessarra wayyaa,
Kanaaf,yaa saba koo,gamtaadhaan gad bayaa,
Bilisummaan dhuftee,simachuuf qophaayaa!!!

Kaleessa Habashootaan fira guddaa taanee,
Aannanii fi damma keenya,itti laannee,
Keessummaadha jennee,siree gubbaa baafnee,
Jarri Waraaboo ta’uu,nuti yoom hubannee,
Kabaja namummaa,isaan keessumsiisnee,
Galaa,gala hin qabne,gadoodhaan argannee,
Kanaaf,yaa saba koo,nu gargar kan baanee,
Badii kana hundaa,Goobanaan badhaanee,
Har’as nama heddutu,diina jala seenee,
Qabsoo Oromiyaa fi Oromootaa ganee,
Ammas of eeggadhaa,akkas akka hin taanee,
Ofirraa darbuu qabna,gabrummaa mulqannee,
Kanaaf,ofirraa haa kaasnu,bineeyyii Wayyaanee!!!

Yaadni Habashootaa,ofumaa jiraachuu,
Nama biraa miidhaatiin,ofuma jaalachuu,
Horoo namaa saamaa,ofii ijaarrachuu,
Jiraachuu nama biroo,sirumaa dagachuu,
Adda of baasanii,beekaan numa jechuu,
Kanaaf,yaa saba koo,hin dhiisin falmachuu,
Hanga Bilisummaa fi Walaba argachuu,
Qabsoon itti haa fuftu,dhiisi wal baqachuu!!!

BILISUMMAA

TVOMT: Oduu Gaddaa Obboo Araarso Boruu Du’aan Adunyarraa Galan (1952 – 2015)

Aside

Filannoon Dharaa Mirgaa fi Bilisummaa Hin Fidu, Jechuun Daraggoonni Adaamaa Kardii Filannoo Lagatan.

Aside

Gabaasa Qeerroo Adaamaa,Amajjii 16,2015

Qeerroo vivaFilannoon baranaa uleedhan fudhatamuuf jira jedhu jiraattonni magaalaa Adaamaa fi naannawa ishee tokko tokko akkuma beekkamu filannoo bara kana adeemsifamuuf mootummaan Wayyaanee lafa jala yaalii akka hin moo’amneef olola garagaraa magaalaa hanga baadiyyaatti taasisaa jira.

Yeroo kana immoo ummanni kaardii filannoo akka fudhatuuf dirqamaan mana manarra deemee fudhachiisaa jira achumaan duula na filadhaa jedhus taasisaa jira.Sababuma kanaan dargagootni naannawa magaala Adaamaa kaardiin keessan mirga ykn bilisummaa nuuf hin fidu kaardii kijibaa hin fudhannu jechuun didan ,ergamtoonni mootummaa wayyaanes dargaggoota kaardii fudhachuu didan isin ilaalcha addaa qabdu jechuun ganda keessatti doorsisaa sodaachisaa akka ummanni kaardii dirqiin fudhatu taasisaa jiratan illee dargaggoonni lagataa jiraachuu Qeerroo gabaase. Ummannis sodaachisuu fi doorisaan kaardii mootummaan nutti hiru mirga dimokoraasii fi bilisummaa sabaa waliin waan wal hin ilaalleef gochaa abbaa irrummaa kana dura ni dhaabbatna jedhanii jiru.

Sagalee Simbirtuu Qophii Amajjii 15,2015

Aside

Godina Gujii Aanaa Gooroo Dollaa Keessatti Uummataa fi Milishoota Gandaa Jidduutti Walitti Bu’iinsi Dhalate. Mootummaan Wayyaanees Filannoo Bara Kanaan Wal Qabsiisee Milishoota Gandoota Oromiyaa Keessatti Leenjisuu Eegale.

Aside

Gabaasa Qeerro Amajjii 16,2015

diddaa9Godina Gujii Aanaa Gooroo Dollaa Keessatti Uummataa fi Milishoota Gandaa Jidduutti Walitti Bu’iinsi Dhalate. Mootummaan Wayyaanees Filannoo Bara Kanaan Wal Qabsiisee Milishoota Gandoota Oromiyaa Keessatti Leenjisuu Eegale.

Mootummaan Wayyaanee filannoo dharaa bara kanaaf of qopheessaa jiru dhuunfachuuf jecha Amajjii 6,2015 irraa eegalee hamma Amajjii 13,2015 gandoota qonnaan bulaa keessatti milishoota leenjifachuu kaadhimachaa ture.

Haala kanaan Godina Gujii Aana Gooro doola jedhamuti ganda 20 irra walitti qabuun  milishoota  460 bakka 8 itti lenjisaa jiraachuu Qeerroon gabaase . Milishoota leenjifaman kanaaf kan oolu nyaata, bultii fi oolcha ykn aballii mootummaan kafaluufii qabu ture baajeti leenjiif qophaawu qarshi 200,000 (kuma dhiba lama) ufata milishaatin hodhina kan jedhamn ammo ummanni qarshii 20,000 (Kuma digdama) uumanni naannoo akka baasu itti murteessuu beekame. Uummanni haala kanatti mufatachuun qarshii hin baafnu saba jedhaniif jecha hamma baatii 7 itti of irraa kafalanii akka xumuranii fi milishootiin leenjifamanis kanneen goosa Oromoo Booranaa fi Gujii jidduutti deddeman ta’uu bakka bu’oonni milishootaa leejifamanii ibsu.

Haalli kun kan mufachiise uumanni bulchiinsa Aanaa Gooro Dolaa fi milishoota gandaa jidduuttii yeroo ammaa wal dhabbiin guddaa deemaa jiraachuu qeerroon gabaasa.