Oromummaa Isaanii Qofaan Yakkamuun Barattooti Oromoo Kolleejjii Barsiisota Jimmaa 17 Qondaalota Wayyaanee fi Bulchitoota Mooraan Akeekachiisi Yeroo Itti Kennamu 8 Ammoo Tohannaa Jala Jiru

Gabaasa Qeerroo Jimmaa

oromo in ethioAmajjii13,2015 Sabboontootni barattootni Oromoo Koolleejjii Barsiisota Jimmaa Oromummaa isaanii qofaan yakkamuun mootummaa Abbaa Irree Wayyaanee EPRDF/OPDO’shororkeeffama jiru. Mooraan Dhaabbilee barnoota olanoo biyyattis mooraa Siyaasaa fi Waraanatti jijjirama jira.

Mootummaan abbaa irree Wayyaanee torbee darbee keessa sabboontota Kadhmamtoota barsiisota Oromoo Koolleejjii barsiisota Jimmaa irraa Leenjii barsiisummaa fudhacha jiran kanneen waggaa 3ffaa barachaa jiranii fi eebbfamtoota ta’ani yeroo amm piraaktikeemiidhaf bobbaafamani jiran irratti shira guddaa xaxaa jiraachuun barattoota Oromo homaa baalleessa tokko ilee hin qabneen isin yakkamtoota mootummaa keenya irratti fincila gaggeessa jirtu jechuun Barattootni Oromoo 18 dabballootaa Wayyaaneef ergamanii bulanii fi hogganaa koolleejji barsiisota Jimmaan doorsifaman, ergamtootni sirnichaa fi dhaaba jalee Wayyaaneef ergamanii kanneen ilmaan Oromoo akka hin baratneef barnoota irraa ugguraman gochaa jiran keessa Abbaa Zinaab hogganaa koollejjii barsiisota Jimmaa fi dabballee human tikaa Wayyaanee nama Taarikuu jedhamu wal ta’uun ilmaan Oromo akka hin baratneef maqaa Wallee Warraaqsaa sirbuun ABO f WBO faarsitan, Sirboota qabsoo Sirbitan, mootummaa keenyaa irratti wallee warraqsa sirbuun uummata kakasaa jirtu  jedhuun barattoota Oromo dararuu irraatti argamu barattootni Oromo haala kanaan dararama jiranii fi barnoota irraas ni arii’amtu jechuun dorsfaman:

1,Barataa Muktaar Hamdii

2,Barataa Rabbirraa Geexee

3,Barattuu Hawwii Guutuu

4,Barataa Magaarsaa Gobaanaa

5,barataa Fayyisaa Mijanaa

6,baraaa Zufaan Adafaaris

7,barataa Abbabaa kumsaa

8,barataa Guddisaa Bongaasee

9,barattuu Jalaannee Guddataa

10,barataa Mustaafaa Huseen

11,barataa Zawudee Qadidaa

12,barataa Amiin Wadoo

13,barattuu Maraartuu Geetuu

14,barataa Qanaanisaa Dhaabaa

15,barattuu Yetnabbarsh Mallasaa

16, barataa Tasfaayee Dajanee

17,barataa Buziyee kannen keessatti argaman ilmaan Oromoo dabballoota ergamtoota wayyaaneen dorsifamuun barnoota isanii irra ugguramaa jiranii fi kanneen dabbaloota wayyaaneen shorokeeffamaa jiran ta’uu n hubachiifna.

Kuni utuu kanaan Jiruu ergamtootni Wyyaanee kun ittuma fufuun barattoota Oromoo 8 irratti xiyyeeffannaa addaa gochuun Amajjii 13/2015 beeksisaa irratti basuun barattoota Oromo mooraa koolleejjii barsiisota Jimmaa Biiroo hogganaa kollajjichaatti waamuun doorsisaa jiraachuun bira ga’ame jira. Barattootni Oromoo haala kanaan dararama jiran keessa:

  1. Barataa Tokkummaa Hundee mummee Herreegaa waggaa 3ffaa
  2. Barataa Gulummaa Lammaa mummee  Afaan Ingiliffaa waggaa 2ffaa
  3. Barataa Ababaa Gudee  mummee biology waggaa 3ffaa
  4. Barataa Asaffaa dhugumaa mummee Keemistirii waggaa 3ffaa
  5. Barataa Taaddalaa Taarikuu muummee Herregaa waggaa 2ffaa
  6. Barataa Abarraa Dheeressaa mummee Herreegaa waggaa 3ffaa
  7. Barataa Qaqqabaa Humneessaa mummee herreegaa wagga 3ffaa
  8. Brataa Sabboonaa Awwaqii mummee Herreegaa waggaa 3ffa kanneen baratan addatti basuun doorsifni fi shororkeessi Oromoo ta’uu qofan irratti gaggeeffama jira.

Gochaa diinummaa kana fi uggura barattoota Oromoo irratti rawwatamaa jiru kanaan walqabatee FDG dhoofamuuf akka jiru  Qeerroon Bilisummaa Oromoo hubachiisuun, Barattootni oromoo Oromummaan Yakkamuu fi Doorsifamun gootummadha,gootni biyyaaf falmata, dhugaaf dubbata ilmaan Oromoo walduukaa dhaabbachuun shiraa fi shororkeessuummaa wayyaanee dura haa dhaabbannu jechuun dhaams dabarse.

2 thoughts on “Oromummaa Isaanii Qofaan Yakkamuun Barattooti Oromoo Kolleejjii Barsiisota Jimmaa 17 Qondaalota Wayyaanee fi Bulchitoota Mooraan Akeekachiisi Yeroo Itti Kennamu 8 Ammoo Tohannaa Jala Jiru

  1. BILISUMMAA
    Akkam nagaa jirtuu ilmaan Oromiyaa,
    Anillee nagumaa,yoo ta’es yaaddayaa,
    Galata Rabbii guddaa;gurri waa dhagayaa,
    Xiqqoollee haa taatuu,kaleessarra wayyaa,
    Kanaaf,yaa saba koo,gamtaadhaan gad bayaa,
    Bilisummaan dhuftee,simachuuf qophaayaa!!!

    Kaleessa Habashootaan fira guddaa taanee,
    Aannanii fi damma keenya,itti laannee,
    Keessummaadha jennee,siree gubbaa baafnee,
    Jarri Waraaboo ta’uu,nuti yoom hubannee,
    Kabaja namummaa,isaan keessumsiisnee,
    Galaa,gala hin qabne,gadoodhaan argannee,
    Kanaaf,yaa saba koo,nu gargar kan baanee,
    Badii kana hundaa,Goobanaan badhaanee,
    Har’as nama heddutu,diina jala seenee,
    Qabsoo Oromiyaa fi Oromootaa ganee,
    Ammas of eeggadhaa,akkas akka hin taanee,
    Ofirraa darbuu qabna,gabrummaa mulqannee,
    Kanaaf,ofirraa haa kaasnu,bineeyyii Wayyaanee!!!

    Yaadni Habashootaa,ofumaa jiraachuu,
    Nama biraa miidhaatiin,ofuma jaalachuu,
    Horoo namaa saamaa,ofii ijaarrachuu,
    Jiraachuu nama biroo,sirumaa dagachuu,
    Adda of baasanii,beekaan numa jechuu,
    Kanaaf,yaa saba koo,hin dhiisin falmachuu,
    Hanga Bilisummaa fi Walaba argachuu,
    Qabsoon itti haa fuftu,dhiisi wal baqachuu!!!

    Waan feetes yoo taatef,diinni si hin jajatuu,
    Warri Oromiyaa;gurgurachuuf kaattuu,
    Dhiiga dhaloota keessan,maaf diinatti laattuu,
    Diinni silaa diinaa,isin maaf nu nyaattuu,
    Dhugaa Oromootaa,maaf irra garmaamtuu,
    Maaf barattoota keenya,dhiiga dhangalaaftuu,
    Maaf qabsaayota keenya,biyyarraa ariituu,
    Maaf maqaa sobaatiin,saba hiraarsituu,
    Maaf BILISUMMAA teenya, lafarra harkistuu,
    Akka har’aa kana,bor hin dubbiin hin taatuu,
    Har’a yoo dhokattanis,boru eessa seentuu,
    Dhiigni goottan keenyaa,dhangalaatee hin haftuu!!!

    Ciifnee Bilisummaa eeguun,maal nuuf tahaa,
    Galmi Bilisummaa,qawween mirkanaahaa,
    Ciiftanii hin rafinaa,hidhadhaa ol kahaa,
    Bakkuma jirtanii;gamtaadhaan sochohaa,
    Wanta har’a gabroomsaan maqaa nurra kaahaa,
    Gaaf sana addunyaadhaaf,dubbiin ifa tahaa,
    Yoo san Bilisummaan keenya,ifatti nuuf bahaa!!!

    Ilmaan dhiiga kiyyaa,Sanyiin Oromootaa,
    Leenci Madda Walaabuu,gootowwan goototaa,
    Osoo biyya qabdu,maaf yaadaan gubattaa,
    Caayaan Oromiyaa,maaf biyyaa baqattaa,
    Biyya tee dureettii,maaf diinatti dhiiftaa,
    Galata galii hin qabne,maaliif tola ooltaa,
    Bilisummaa tantee yoom mirkaneeffattaa???

    Kennaa,gala hin qabne,maaliif tola oollaa,
    Yakkamaa yoo taanes,haqa keenyaaf lollaa,
    Biyya hin gurgurannu,diinni nurraa galaa,
    Hamma feenes rafnu,du’arraa waa oollaa,
    Sabnis haa dammaquu,maaliif nutti laalaa,
    Gabrummaa bar-dhibbaa,itti cufnaa hulaa,
    Gabrummaa xumurree,Gadaa keenyaan bullaa,
    Jedheetiin socho’ee,qeerroon diinaan lolaa,
    Kanaafuu,dammaqaa,warri keessaa fi alaa,
    Xumuraa gabrummaa,Bilisummaatu caalaa!!!

    Qabsaayi,yaa saba koo,qabsoo itti fufaa,
    Isa diina nyaatu,akka abidda saafaa,
    Tokkummaan haa kaanuu gabrummaan ni hafaa,
    Wal marii fi qawween gabroomsaan ni kufaa,
    Firiin goottan qabsoo,bilisummaan ni dhufaa!!!

    Amajjii 14,2015,
    Abdii Baalee Oromiyaa
    Sabaaf raabsaa!!!

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s