Eenyuumaa Oromoota Godina Matakkal Bulchiinsa Gumuz Jala Jiraatan Balleessuuf Jecha Dhibbaa Mootummaan Wayyaanee Taasisaa Jiru.

Aside

Gabaasa Qeerroo Godina Matakkal Waambara, Ebla 1,2015

Oromoon maccaa hanga daangaa Sudaanitti fulla’ee jiraachaa kan ture ta’uun ni beekama .Warreen sirna gadaa Maccaa keessatti durumaan ykn Oromduroo ta’anii laficha irra jiraatan GABAROO yeroo jedhaman warri hanga Oromoo itti ykn Macca lakka’atanii darban WALAANNAA jedhamu,Oromoonni kanneen abbaa biyyaa fi abbaa dachii ilmaan  Oromiyaa ta’uun isaanii beekamaa dha.

Akka bulchiinsa Wayyaanee yeroo ammaa itti Oromiyaan qoqqoodinsa federaalizimii sobaa ta’een ijaarame lafa godina Wallaggaa naannoo Beenishaangul Gumuz jedhee erga moggaasee Uummanni Oromoo bulchiisa Gumuzii keessa jiraatan abbaa biyyummaa dhabuun seenaa,aadaa,afaanii fi eenyuummaa isaanii dhabaa jiru.

Mootummaan Wayyaanee yeroo sabaa fi sablammooti Gumuz naannoo jedhamee moggafame keessatti Oromoonni naannoo san jiraatan dachiin isaanii fi eenyummaan isaanii naannoo Gumuziif kutamee kennamuun osoo hin jaallatiin sabummaan isaanii akka jijjiramu guddisee qoodaa fi dhibbaa guddaa itti fidaa jira.

Akka bulchiisa Feederaala Wayyaanee yeroo ammaatti Oromootni Oromiyaan ala godinaalee adda addaa keessatti amxakamanii akka iraatan ta’an dhiibbaan guddaan waan irra jiruuf daddafiin birmatnaa akka barbaadan ta’uu beekama.

Oromoonni naannoo Gumuz keessatti dhibbentaa(%)  25n yeroo ta’an kanneen kunis Bulchiisa Gumuz godina Matakkal aanaaleen

  1. Wambaraa
  2. Ggaalessaa
  3. Dibaaxii
  4. Bulanii
  5. Naannoo Hawwii Zooni

Kanneen jiraatan dhibbaan adda addaa irratti ta’u keessaa :-

  • Akka sabaatti hin ilaalaman
  • Afaan Oromoon hin baratan jedhuun Amaariffaan barsiifamu
  • Bu’uuraaleen misoomaa isaaniif hin hojjetamu fkn daangaa Oromiyaan akka wal hin qunnamsiifamne taasisaman
  • Aadaa ofii ibsachuu hin danda’an fkn booqaa birraa ayyaana masqalaa irratti dhaabbati raadiyoo fi TV Oromiyaa aadaa Oromoota Matakkal waraabuun dhorkamaa dha.

Yeroo ta’u uumanni Oromoo waliigalatti Oromoota Matakkal rakkoo fi dhibdee Wayyaaneen irraan gahaa jirtu hubachuun barbaachisaa ta’uu Qeerroon dhaama.

“Hinboyiin Harmee” Wallee Haaraa Sabboonaa Artist Sa’aad Awwaliin

Aside

Wallagga Naqamte, Dargaggoonni Oromoo Godinaalee Adda Addaa Keessaa Walitti Dhufuun Sochii Warraaqsa Bilisummaa Jabeessuu fi Itti Fufuu Irratti Mariyatan.

Aside

Gabaasa Qeerroo Naqamte, Ebla 1,2015

logo

Wallagga Naqamte, Dargaggoonni Oromoo Godinaalee Adda Addaa Keessaa Walitti Dhufuun Sochii Warraaqsa Bilisummaa Jabeessuu fi Itti Fufuu Irratti Mariyatan.

Jaallan bakka bu’oota sochii Qeerroo Bilisummaa godinaalee adda addaa irraa walitti dhufuun dhimmoota qabsoo bilisummaa Oromoo fi akkaataa FDG jabinaan itti fufee galii kaayyoo walabummaa Oromiyaan gahamu irratti mariyatanii jiru.

Dargaggoonni Oromoo magaalota akka Amboo,Mandii,Gimbii,Dambi Dolloo fi Naqamate keessaa walitti dhufanii magaalaa Naqamtee irratti marii firii qabeessaa fi haala qabsoon bilisummaa Oromoo jabinaan itti fufu fi guyyaa gootota Oromoo Ebla 15 bifa wal fakkaataan akkaataa Oromiyaa guutuutti kabajatan irratti mariyachuu Qeerroon gabbaase.

Shaggar Kaabaa, Aanaa Akaakoo Keessatti Walgahiin Wayyaanee Diddaa Uummataan Feshala’e, Qellem Wallaggaa Jimmaa Horroo Irratti Ammoo Daa’immaan Walitti Qabuun Ayyaana OPDO Dirqiin Kabachiisan.‏

Aside

Gabaasa Qeerroo  Ebla 1/2015
AkakoMootummaan Wayyaanee wayita ammaa uummata walgayii gara garaan qabuudhaan olola siyaadaa gaggeessaa kan jiru Oromiyaa godinaa fi aanaa irratti uummataan feshala’aa jira.

Naannoolee  adda addaattis uummanni walgayii irratti argamuudhaan gaaffii mirgaa kaasuudhaan ergamtoota mootummaa afaan qabachisaa jiru. Odeessa Qeerroo Shaggar Kaabaa aanaa Akaakoo irraa Ebla 1/2015 nu gaheen dhimma ayyaana OPDO fi filannoon wal qabsiisuudhaan uummata jiraattoota aanaa Akaakoo irraa walitti qabuudhaan walgayi teesisaa oole, keessattuu haala adeemsa filannoo barana gaggeeffamuun wal qabsiisee mootummaan Wayyaanee yaadoo guddaa keessa seenuun isaa uummatatti gadi bu’ee maqaa walgayiitiin uummata mudduu fi uummata sobuu irratti argamaa jira, haaluma kana fakkaatuun odeessa har’a aanaa Akaakoo irraa nu qaqqabeen tikoota isaanii fi dabballoota isaaniin uummata walgayii teesisuudhaan marii gaggeessuun uummanni gaaffi mirgaa kaasee feshelatee jira. Gaaffii uummatni kaase:

  • Barattootni keenya balleessa malee mana hidhaa keessa jiran gadhiifamuu qabu,isa booda mootummaa waliin teenyee walgayii nagaa
    gaggeessuu dandeenya,
  • Dhimmi Master Pilanii nu ilaallata, waggaa kana darbe ijoolleen keenya maqaa kanaan rasaasaan rukutamanii du’an hedduudha,har’as
    kanumaan nutty roorrifamaa jiru, dhimma kana ilaalchisee arrabsoon Abbaayi Tsaah nu arrabseef seeraan adabamuu qaba, dhimmi kunis maaliif
    lammee ka’a lubbuu ijoollee keenya wagga darbe dhumataniif eessatti cinaa durbitanii?
  • Maqaa inestimentiitin qonnaan bulaan lafa isaa buqqa’aa jira, obboloota keenya kanaan dura kun irratti raawwate har’a rakkina
    isaanii fi maatiin isaani irra jiran argaa utuu jirru kana gochuuf mootummaan maaliif ammas nurratti karoora baasaa jiraataa? Kun maaliif
    hin dhaabbatuu?
  • Maqaa bulchiinsa gaariitiin miidiyaadhaan gurra nurraa cirtu rakkina uummanni irra jiru kunoo waanuma ijaan argaa jirtaniidha, rakkoo
    bishaanii fi ibsaan uummanni wayita kana miidhaa guddaa keessa jira mootummaan maaliif uummata sobaa? Mootummaa nu sobu waliin akkamiin jiraanna?
  • Filannoon gaggeeffamuun dura kun hunduu sirraachuu qaba, fudhatama nu birattis argachuu dandeessu hamma kana hin raawwanneetti keessatti
    ijoolleen keenya mirga isaaniif jedhanii hidhaman hanga gadi dhiifamuu fi  mirgi uummata Oromoo hanga kabajamutti diddaa akka itti fufan beeksisanii jiru.

???????????????????????????????Gama biraan Wallagga Qellem, Jimmaa Horroo Bitootesa 31,2015 walgayiin mootummaa uummataan feshalatee jira, Ayyaana OPDO sababeessuudhaan dirqamaan uummata walgayii waamee ture uummannis walii galteedhaan akka hin baane tahuun gama uummataan hirmaannaan walgayicha irratti dhabamnaan barattoota humnaan kutaa 1-4 jiran daa’immaan walgayii teesisuudhaan maqaa Ayyaanaa itti dhahuudhaan barattoota umuriin gadi gowomsuu yaaluunis barattootni jeequmsaan walgayiin isaanii kaleessa feshalatee jira.

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, April 1, 2015

Aside

SBO Ebla 01 Bara 2015. Oduu, Ijoo Dubbii ABO, Gaaffii fi deebii miseensa KHR – ABO Jaal.Jabeessaa Gabbisaa waliin kutaa 2ffaa akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

Gaaffii fi Deebii VOAn Obbo Baqalaa Garbaa Waliin Taasise

Aside

Jaallannee Gammadaa | VOA

“Dukkanaa fi Halagaa Garaa Isaa Hin Beekani ” Wallee Haaraa Artist Sabboonaa Ifaa Gammachuu.

Aside

Aside

Kan Gorsamuu Qabu Gorsaa Taasisuun, Gorsaa fi Gorfamaa Galaafata.

(Ijoo Dubbii ABO)

BABOittaan Abbaa irrummaa isaa dhumatee baqattummaan Haraareetti osoo hin godaaniin dura  Mangistuu H/Maariyaam ummatoota Itophiyaa qofa osoo hin taane, biyyoota ollaatti dhaadatuu fardeessaa ture. Ummatootni Itophiyaa bittaa Abbaa irrummaa isaa hifatuun deggersa sirnichi irraa barbaadu dhorkatuu irraa ummatichaan “Warqee hafaniif iyyuu Faandoo dha jedha” jechuun arrabse. Dabrees wayta qabsoon ummatootaa jabaataa dhufetti mormitoota ana irratti gargaara kan jedhuun mootummaa Sudaan ilaalchisee, “Goommaa konkolaataa karaa Bahaa ture dhoosnee jirra. Isa karaa Dhihaas dhihootti afuura keessaa yaasna” jechuun dhaadate. Dhaadannoo fi doorsisi  kun garuu baqattummaa irraa isa hin oolchine. Aangoo humnaan tikfatuu barbaade irraa qabsoo ummatootaan ari’ame. Kun seenaa fagoo osoo hin taane kan kaleessaa ti.

Har’a dhaadannoo fakkaataa gorsituu Muummicha Ministeraa Itophiyaa Abbaay Tsehayyee irraa deddeebisnee dhagahaa jirra. Gorsituun kun OPDO irra cehee ummata Oromoo arrabsuun isaa isa jalqabaa miti. Tuffii fi Jibbiinsa ummata Oromoof qabu waltajjii argate hunda irratti kan ibsaa turee fi jiru Abbaay Tsehayyee, ilaalchi jibbiinsaa fi tuffii irraa calaqqisu kun  imaammata  jaarmayaa isaa TPLF raggaafatee ittiin masakamee jiru irraa madda.

Kitaaba TPLF “Ye Hizbawi Adera” jedhu keessatti akka ifatti kaa’ametti ummata Oromoo akka Diina duraatti kaa’e. Sababni diina duraa godhataniifis Tigraayiin bituu waan barbaadeef ykn qabeenya ummata Tigraay saamaa jiraatuuf hawwii horatuu irraa akka hin tahin hin wallaalamu. Kan diina duraa godhatan bittaa alagaa kan hin feene, saaminsaa fi cunqursaa dura kan dhaabbatu, qabeenya isaa irratti ajajaa tahuun mirga isaa tahuu hubatuu irraa afaan qawween malee akka barbaadanitti olii fi gad oofuu kan hin dandeenye tahuu beekuu irraa ti. Kanas  Abbay Tsehayyee haasaa OPDO maaliif akka ijaaran wayta ibsutti  haala hin falamsiisneen “OPDO kan ijaarre Oromiyaa ittiin seenuufi. TPLF ykn Biaden (Sochii Dimokraasii Saba Amaaraa) qabatanii ummata Oromoo ijaaruun ulfaataa ture ”jedhe.  Kan Gorsamuu

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcasts on March 30, 2015

Aside