SBO Ebla 05 Bara 2015. Oduu, Gaaffii fi deebii J/Hiroo Barii, Qophii GGO fi Gaaffii fi Deebii Miseensa KHR – ABO Jaal.Jabeessaa Gabbisaa waliin geggeeffame kutaa xumuraa.

Aside

Godina Horroo Huduruu Wallaggaa Aanaa Amuruu Magaalaa Hagamsaa fi M/B Hagamsaa Sadarkaa 2ffaa fi 1ffaa Keessatti FDG Haalaan Jabaan Itti Fufe.‏

Aside

Gabaasa Qeerroo Horroo Guduruu Ebla 2,2015

Ebla 2,2015 Barattootni Oromoo Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Amuruu magaalaa Hagamsaa fi M/B Hagamsaa Sadarkaa 2ffaa fi 1ffaa keessatti FDG haalaan jabaassuun itti fufan.

diddaa9Goototni barattootni Oromoo M/B Agamsaa sadarkaa 2ffaa fi 1ffaa qabsoo FDG warraaqsaa gootota dargaggoota Qeerroo barattoota Oromoon biyyatti keessatti gaggeeffamaa jiru jabeessuun guyyaa kaleessa irraa eegaluun magaalaa Hagamsaa keesstti FDG kaasuun hiriira mormii sirna abbaa irree EPRDF irratti gaggeessuun hawwaanna uummataa guddaa kan argatanii fi uummatni Oromoo aanaa Amuruu magaalaa Hagamsaa jiraatu gootota barattoota Oromoo waliin hiriiruun abbaan irree EPRDF/TPLF/OPDO’n nu hin bulchituu mirgi keenyaa kabajamuu qaba, tajajila hawwaasummaa kanneen akka ibsaa,bishaanii fi networkii nurraa kutuun eenyummaa keenyaa fi falmii mirga abbaa biyyummaa gaggeessa jirruu nu dhaabsisuu hin danda’u, gaaffii mirgaa gaafachaa jirruuf hidhaan deebii hin ta’u,ajjeechaan deebii hin ta’u, doorsifnii deebii hin ta’uu, gaaffiin mirga abbaa biyyummaa uummata Oromoo fi gaaffiin dhimma Finfinnee hanga deebii sirnaa argatuttii FDG jabaatee itti fufa, doorsiisa,hidhaa fi ajjeechaan kan dhaabbatu miti jechuun ifatti ba’uun mootummaa abbaa irree Wayyaanee irrattii FDG qabsiisan.

Sochiin FDG guyyaa kaleessaa irraa egaluun Amuruu magaalaa Agamsaatti qabsiifame hanga guyyaa har’aatti guyyaa 2ffaaf itti fufee gaggeeffama jiraachuun goototni sabboontotni Oromoo magaalaa agamsaa irraa gabaasa jiru. Mootummaan abbaa Irree Wayyaanee akkuma amalasaa humna
waraanaa fi poolisoota kora bittinneessa jedhaman irratti bobbaasuun uummataa magaalaa fi barattoota Oromoo gooluu irratti argama, yeroo
amman kanatti sabboontotni Oromoo fi goototni barattootni Oromoo baay’inaan gara 16 olitti lakkaa’aman humnaan qabamanii mana hidhaa
magaalaa Hagamsaa wajjira Poolisiitti darbamuu madden keenya gabaasa jiruu,

TVOMT Dhaadhessaa Video Hawwissoo WBO Isin Bira Jirra Qeerroo 2015

Aside

Wal Dorgommii Isporti Shaggar Kaabaa Sulultaa Irratti Gaggeeffameen Barattootni Walleelee Qabsoo fi Dhaadannoo Dhageessisan!

Aside

Odeessa Qeerroo Shaggar Kaabaa Aanaa Sulultaa irraa Ebla 2/2015 Sport Fiigichaa fi Tapha Kubbaa Miillaan Wal Dorgommii Taasifame godina Shaggar Kaabaa aanaa Caancoo fi Sulultaa Gidduutti hara Ebla 2 barattoota garee lamaanuun gaggeeffameen sirbootni qabsoo fi dhaadannoon Qeerroo fi barattoota bakka lachuu irraa walitti dhufaniin dhageessiffame. Barattoota dorgoommii fiigichaa fi tapha kubbaaf aanaa lameen irraa walitti dhufanin hara ganama irraa kaasee naannoo mana barumsaa aanaa Sulultaa sadarkaa 2ffaatti sirbootni qabsoo fi dhaadannoo dhageessisaa oolan, uummata wal dorgommii ilaaluuf dhufe hirmaachisuudhaan diina garaa guban, uummannis barattoota waliin tahuudhaan dhaadannoo dhageessisan, keessattuu sirboota qabsoo uummata kakaasuu fi akkasuma waraqaalee garagaraa irratti halluu alaabaan tolfameen naannoo mana barumsaa keessaa fi alaan maxxansuun uummatatti agarsiisan, ergamtootni wayyaanees haala uummataa fi barattootaa sodaachuun inaaffaan itti dhagayamuudhaan naannicha irraa fagaatan. Sirbootaa fi dhaadannoowwan dhageessiifamaa oolan – Siifan lolaa yaa oromoo narra hin gortuu. – Eenyu isheen daangaa oromoo lixxu irra ejjettee mormaa ishee hin kuttuu, – Oromiyaan kan oromooti! – Habashootaaf hin bitamnu, wayyaaneen gabroonfataadha! – Bilisummaaf wareegamuun sabaaf dhaabbachuudha, barabaraniis yaadatamuudha! – Gumaa barattoota keenya waggaa darbee haa deebisnu! – Oromiyaa yaa dachee badhaatuu siif wareegamna! – Qonnaan bulaa keenya lafa isaa irratti mirga ha qabaatu! – Kan hidhame haa bahu, Kan jedhu dhaadannoolee fi walleewwam qabsoo garagaraa dhageesisuun uummata qonnaan bulaa daawwiif dhufes hirmaachisan. Galgala kana kanumaan wal qabatee barattoota adda durummaadhaan dhaadannoo dhageesisuu fi wellisiisaa turan gara deemanitti tikaan hordofamuu akka eegalan walumaa galatti aanaa Sulultaa irraa Qeerroon gabaasee jira.

Oromiyaa Keessatti,Zayita,Shukkaara,Saamunaa fi Dhiyessii Guyya Guyyaan Uummati Barbaadu Gabaa Irraa Dhibuun Jireenya Daran Hadheessaa Jira.

Aside

Gabaasa Qeerroo Ebla 2,2015 Naqamte

Rakkoo Zayitaa fi Shukkaaraa Magaalaa Naqamte

Rakkoo Zayitaa fi Shukkaaraa Magaalaa Naqamte

Mootummaan Wayyaanee Zayita,Shukkaara,Saamunaa fi meeshaalee guyya guyyaan uummati barbaadu harkatti galfatee uummati rakko guddaa keessa jira. Yeroo ammaa kanatti magaalaa Oromiyaalee adda addaa keessatti uumanni Oromoo Shukkaaraa fi Ziyita nyaataa akkasumas waanneen jireenyaaf barbaachisoo ta’an akka fedhee fi bakka fedheen yeroo barbaadetti bitatee fayyadamuu hin dandayu. Hiriira guyyaa guutuu dhaabisisuun darabee galee mootummaa irraa raabsii bittaa eeggataa jira.

Suurri as irratti maxxanfame kun akka fakkeenyaatti Ebla 2,2015  magaala Naqamtee keessa hanqina zyitaa fi sukkaaraa mudateen uummati, hoteelonni fi manneen nyaata cufamuuf jedhutti hiriira galee uumanni bitachuufuu yerootti dadhabee deebi’u gahee jira. Haalli kun magaalota Oromiyaa kanneen kaan keessattis wal fakkaataa dha.

Kunis kan muldhisu mootummaan Wayyaanee gara kufaatiitti waan deemuuf akka fedhetti uumata hagabsee fi dhiheessii barbaachisu irraa kutee abdii kutachiisuuf sochii godhu ta’uu jaajjabdoonnii fi jiraatoti ni dubbatu.

Put lipstick on a pig, but it’s still a pig”

Aside

Lipstick on a Pig, Still a Pig

 

By Beekaa Dhugaasaa

Put Lipistik on a Pig.docx

Qophii Sagalee Simbirtuu,Ebla 2 Bara 2015

Aside

Kora OSA 2015 Auroppaatti Gaggeefame Irratti Haasaa Hunde Qabeessaa Dr,Gammachuu Magarsaan Taasisanii fi Qophiilee Adda Addaa

GOGAA LAAFAATTI MARU ! kutaa 2ffaa

Aside

SEENAA Y.G (2005) —kutaa 2 ffaa

Barru har’atti odoo hin ceenee , Barruu kiyya kutaa 1ffaa ilaalchisee Namni tokko yaada dhuunfaatti naa katabeen kan naaf qoode dubbiftootaaf dhiheessuun barbaada. Namni kun yaada dabalataa kanatti aanu naaf gumaachee jira. Akkas jedhe/jedhan, hiikkaa “HAYYUU”jedhuuf keesse kun dhugaadha. Waan itti idaate tokkollee hin qabdu. “Oromoon Hayyummaa kan Namaaf kennu, Dhimma Oromoon wal qabatee beekumsa qabanii fi hojii hojjataniin malee, beekumsa saba biraa ykn hammayyaa kanaan miti. jechi “Hayyuu” jedhu, jecha Qaalii Qabeenyaa Oromoo ta’eedha. Bara dhibbaa oliif gadaan hin turre. Ittiin bulaas hin jirru. Hayyuun jechumaan hafaaree ? jedhanii kan gaafatan jiru ta’a. Gadaa keessa dabruun Hayyummaaf bu’ura. Gadaan ammoo hin jiru. kanaaf haala keessa jirru irraa , warra dhimma ummata isaanii waliin umurii guutuu fi umurii walakkaa ol itti dabrsan kanaaf maqaa kabajaa gochuu ni dandeenya. Gadaa keessa jiraachuuf haalli mijachuu yoo dide illee, Dhimma Oromoo keessa jiraachaa jiru waan ta’eef. Hayyuummaan, Pirofesarummaa fi Dokitarummaa caalaa Oromoof qaalii ta’uu isaa beekuun fardiidha.

GOGAA LAAFAATTI MARU !!!! kutaa 2ffaa.docx

Finfinne Versus Brussels Differentiate The Real Democracy From Fake Democracy

Aside

OromiaRegionMap europe

By Dr, Baro Keno Deressa | April 1, 2015

My intention with this paper is not to write the history of Finfinne (Addis ababa) and Brussel, But to oppose the puppet of TPLF with so called diaspora Oromo and to emphasize the total absence of democracy and humanity under TPLF rule. The second message is to call all true Oromo’s to stop infighting and focus on bitter struggle with concrete message.

The history of Finfinne (Addis Ababa) in a way reflects the way the Oromo people were conquered, robbed off their land and properties, reduced to serfs and slaves, and kept under inhuman subjugation. Prior to colonization of Oromia, the present day Addis Ababa had an Oromo name – Finfinne.

The name attests the abundance of hot springs (“hora” in Oromiffa) at the heart of the city. The area was solely inhabited by Oromo clans of Gulale, Eekka, Galan, Abbichu.

During the late 18th and early 19th Century, the neighbouring Amhara community were wedging incessant predatory raids and looting expeditions against these people. Some of these barbaric raids were documented by Major W. C. Harris a British diplomatic mission in his book “The Highlands of Aethiopia (1844)”.

More:- Finfinne versus Brussels

ቄሮ:የኦሮሞ:ወጣቶች: ለነፃነት:ንቅናቄ: ድምፅ:የሳምንቱ:ዜና:: April 1, 2015

Aside

Qophii Addaa fi Hiikamuu Obbo Baqalaa Garbaa