Gaaffii Mirgaa Uummanni Oromoo Kaaseen Duuba Jirtu Sababa Jedhuun Mootummaan Wayyaanee Hidhattoota Gandaa Hidhannoo Hikkachisee Hidhaa Jira.

Aside

Odeessa Qeerroo Qellem, Dambi Doolloo Irraa,

anfillooooBitootessa 30,2015 Torbanootuma kana keessa Horro Guduruu aanaa Guduruu kessaa hidhattoota milishootan gandaa hidhannaa qabaniin gara uummataa dhaabbachuudhaan mootummaa irratti wal ijaaraa jiru kan jedhuun shakkamanuun mootummaan hidhattoota gandaa hidhannoo isaanii irraa hiikkachiisee jira, kun gandoota aanaa kana keessatti argaman kanneen gaaffii uummataa deggeran, diddaa uummata waliin hiriiruun mootummaa dura dhaabbachuuf kan hirmaannaa taasisaa jiran hidhattoota hedduun hidhannaan isaanii irraa hiikamuu Qeerroon gabaasee jira.

Har’a Bitootessa 30,2015 odeessi Qeerroo naannoo adda addaa irraan wal hidhataan nu gahaa jiru, Qellem aanaa Gidaamii keessaas haaluma kana fakkaatuun milishoota gandaa uummata waliin dhaabbatan hidhannaa isaanii irraa hiikkachiisuuf walgayii waamuun hubatama. Akkasuma Qellem, aanaa Sayyoo, Begii fi Canqaa keessa milishootni gandaa hidhannoo isaanii lafa akka kaa’an mootummaan dhaamsa caasaa isaanii godina kanaaf dhaamaa akka jirutu hubatama. Ilmaan habashootaa kanneen uummata keessatti guddataniif meeshaan milishoota irraa hiikkatamu isaaniif akka kennamuuf deemutu odeessaan Qeerroo addeessa. Mootummaan Wayyaanee yeroo amma diddaa Qeerroon dhalatu uummata Oromoo hirmaachisuu irra darbee hidhattoota gandaas mirga uummata Oromoo kabachiisuuf diddaa irratti isaan hirmaachisuu sodaa irraan dursa hidhattootni gaaffiin uummataa gaaffii keenya jedhanii quuqama sabaa qaban sodaachuu irraan meeshaa akka hiikkataniif mootummaan Wayyaanee murtoo baasaa jira.

Aside

image-ad93a1d22ca25460e8b690ee92e9105a3d46fd56cb34ee2011b0e57de0438531-V

QARA DHUGAA” Must Watch Fiilmii Afaan Oromoo do’ii gabaabaa Bara 2015

Aside

“ GOGAA LAAFAATTI MARUU ”

Aside

SEENAA Y.G (2005) —kutaa 1ffaa

Ummati Oromoo, Mirga Abbaa Biyyuummaa isaa kabachiisuuf, bakka maraa sagalee inni dhageesisaa jiru, hedduu kan nama Onnachiisuudha. Kana irra yoo hojjatame ammoo, waan barbaadu bira ga’uuf humni isa dhawwu akka hin jirre shakkiin hin jiru. Ummata Oromoof har’a waa’ee Seenaa fi kkf kaasanii dubbii akka hubatu itti himuun barbaachisaa miti. kan lubbuun jiru hundumtuu, Siyaasa addunyaa kanaa fi Biyya Itoophiyaa jedhamtu akka gaaritti kan hubate fi akkaataa gabrummaa jalaa ba’uu irratti qofaa, wal gorsaa fi wal akeekuu irra ga’ee jiraa jechuu dandeenya. Warri waa kataban ykn dubbisan Ummata kanatti waan jiru himuuf yk hubachiisuuf, seenaa fi fakkaanya tarrisun yeroon isaa dabreera. Waan jechuu barbaadan suduudaan itti himu qofaadha. Kana irra geenyaan ammoo , sadarkaa irra geenye irraa duubatti akka hin deebinee fi waan hegaree keenyaaf rakkoo dhalchuu danda’u qofaa wal akeekanii hojiitti bobba’uu qofaatu furmaata ta’a jecuudha. Kanaaf, har’a Qabxiilee sochii nuuti amma itti jirru irraa duubatti nu deebisuu malan tokko , tokko fi yaada nu fayyadu jedhee yaade irratti , yaada mataa kiyyaan kaasuu barbaada.Qabxiileen kunneen :-

GOGAA LAAFAATTI MARU ! kutaa 1ffaa.docx

Goototi Dargaggoonni Oromoo Yuuniversitii Wallaggaa Diddaa Sirna Wayyaanee Itti Fufan.

Aside

Bitootessa 29,2015 Gabaasa Qeerroo Naqamte.

Maqaa dorgommii Ispoortii jedhuun dargaggoota Istaadiyoomii Wallaggaa keessatti walitti qabuun kan afaan faajjessaa jirtu Wayyaaneen,karaa dabballoota isaanii filmaataaf jecha barattoota Yuuniversitii Wallaggaa akka isaan mormii kamiinuu ka’u keessatti hin hirmaatne olola adda addaa gaggeessaa turan. Dargaggoonnis haala kana kan hubatan magaalaan Naqamtee keessa naannawanii mormii fi diddaa isaanii dhageessisaa oolanii jiru.

Kana irratti dabalees mooraalee Yuuniversitii fi naannoo Istadiyoomii keessa naannawuun dhadatnoo fi walleelee warraaqsaa akka dhageessisaa turan odeessi jiru beeksisa. Dadhatnoolee Qeerroon dhageessisaa turan keessas:-

  • Oromiyaan ni bilisoomti!
  • Mootummaan Wayyaanee gabroomfataa dha,
  • Abbaay Tshayyee farrummaa uumata Oromoof qabuun seeratti dhihaachuu qaba.
  • Walabbummaa fi bilisummaan Oromoof haqa.
  • Maaster planiin Finfinnee daddaffiin akka dhaabbatu fi kkf irra turan

Mormii dhageessifamee fi muldhifame kunis akka media adda addaa irratti hin dabarreef jecha manneen interneetii fi network jiru akka cufaa oolan gabaasi Qeerroo Naqamtee nu gahe addeessa.

IMG_20150327_124532

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcasts on March 28, 2015

Aside

TPLF Deggeruun “Warqee” OLF Deggeruun “Dhiphoo” Maaliif Jechisiisa?

Aside

Dhaadannoo ABO Faana Hiriiree Kan Jiru Eenyu? Saba Oromoo ti.

Kun Maal Irraa Kan Madde? Ilaalcha Dhiphummaa Ummatichaa Irraahi.”

Abbaay Tsahaayyee (Gorsaa Muummicha Ministeeraa Itoophiyaa)

Malkaa Caffee Irraa

barruuUmmata dhiisii dachii dhuunfadhu, lamaanuu dhabda. Dachii dhiisii Ummata qabadhu, Lachuu qabaatta/argatta.” jedha yaadni tarsiimoo qabsaawota Chaayinaa tokko. Bu’uuressitootnii fi hoogganootni TPLF (Tigray People Liberation Front) miidhaa mootummoota Itoophiyaatiin (Dargii fi warra isa dura turan) Ummata Tigiraay irra gahaa ture hambisuuf oggaa qabsoo jalqaban Ummatni Tigiraay Kaayyoon TPLF waan isa amansiiseef jecha jaalalaa fi deggersa guutuu kenneefii isaan faana hiriire. Deggersa cimaa Ummata Tigiraay irraa argataniinis (haalli mijjataa fi deggersi gara biraa irraa argatanis haa jiraatu malee) bakka har’a jiran kana dhaqqaban. Ummatni Tigiraay TPLF faana hiriiree qabsoo gaggeessee fi wareegama baaseen bu’aa/faayidaa gama polotikaa, dinagdee fi hawaasummaa hedduu argatetti dabalee jajjabeessaa fi faaruu afaanii kan miira qor-qalbii isaa gammachiistu “Ummata Warqee/Meeta” (ወርቅ ሕዝብ) jecha jettu badhaafameera. Jecha faaruu kana Ummata Tigiraayiin kan badhaasan gaafa lubbuudhaan jiran (Bakka jiranitti gatiima hojii isaanii haa kennuuf) Obbo Mallas Zeenaawwii turan.

Haaluma fakkaataadhaan Ummatni Oromoos bu’uureffamuu ABO irraa eegalee Kaayyoon ABO daandii gara Bilisummaatti isa geessu tahuu waan amaneef jaalalaa fi deggersa isaa Dhaaba kanaaf arjoomuutti jira. Dhaabotni kun lamaan (TPLF fi OLF) walumaan Ummata isaanii hiriirsanii Mootummaa Dargii kuffisuu keessatti qooda gurguddaa kennan. Oggaa Mootummaa Dargii kuffisanis walumaan Mootummaa Yeroo Cehumsaa dhaabanii haala Sirni Empaayerummaa Itoophiyaa diigamee mootummaan Ummatootaa itti hundeeffamu (haala mirgi hiree murteeffannaa Ummatootaa itti fiixa bahee naannichatti sirni haqaa fi dimokiraatawaan gadi dhaabbatee nageenyi waaraan mirkanaawu) irratti hojjechuu jalqabanii turan. Yeroo yaalii gabaabduu sana keessatti Dhaabotni lamaan mata mataatti Ummatoota bakka bu’anii dhufan biratti, waloodhaan ammoo Ummatoota Empaayerattii hunda biratti dhageeytii, jaalalaa fi deggersa (sadarkaa fi ayinaan isaa haa wal cacaalu ykn. buburratu malee) horatanii turan jechuun ni danda’ama. Dhiphina TPLF

Keessa OPDO Ilaalchisee Qophii Addaa Sagalee QEERROO Bilisummaa Oromoo Irra,Bitootessa 28 2015

Aside

Qophii Addaa Gamaggama Keessa OPDO Ilaalchisee, Gaaffii fi Deebii Dargaggootoo Abdii Bosona Baalee Waliin Taasifame.

Warraaqsi Bilisummaa Dargaggoota Oromoon Qabsiifame Godina Iluu Abbaa Booraa Magaalaa Aggaaroo fi Aanaa Adda Addaatti Itti Fufuu Qeerroon Gabaase.

Aside

diddaa9Bitootessa 28,2015 Godina Jimmaatti FDG gootota dargaggoota barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaan qabsiifame jabaachuun gara uummataa magaalaa fi baadiyyaa Godina Jimmaatti babaldhachuun guyyaa har’aa Warraaqsi FDG Magaalaa Aggarootti kabaja ayyaana waggaa 25ffaa dhaaba ergamtuu Wayyaanee OPDO irratti uummatni FDG kaachisuun Ayyaanni Wayyaaneen qophaa’ee mormii guddaan fashalaa’e. Mootummaan Wayyaanee OPDO ‘n guyyaa har’aa Magaalaa Aggarootti maqaa guyyaa 25ffaa ayyaana Wayyaanee OPDO’n qopheessitee
uummata dirqamaan hojii isaanii dhaabanii akka irratti hirmataaniif humnaan baasteetti Uummatnii fi Goototni barattootni Oromoo M/B sadarkaa 2ffaa fi Qopha’ina Aggaaroo, M/b sadarkaa 1ffaa magaalaa Aggaaroo fi Koolleejjii Tekinikaa fi Ogummaa Aggaaroo fi Uummatni Oromoo fi sabaa fi sablamootni Magaalaa Aggaaroo, Magaalaa Gembee fi baadiyaa Aanaa Goommaa fi Aanaa Toobbaa irraa uummatni dirqamaan maqaa ayyaana hundeeffama dhaaba maxxannee fi ergamtuu wayyaanee OPDO waggaa 25ffaa kabajuu jedhuun Isteediyeemii Aggarootti uummatni kumootan lakka’amu walitti dhufuun mootummaa Wayyaanee dirqamaan fedhii uummataa malee doorsisee mana baasetti garagaluun mootummaa Wayyaanee irratti FDG kaachisaan.

Goototni Qeerroon dargaggootni barattootni magaalaa Aggaaroo fi aanaa Goommaa sagalee dhaadannoo dhageesisuun mootummaa Wayyaanee balaaleffachuun olola Wayyaaneen maqaa Filannoo kijibaan ofaa jirtuu irraatti uummaatni nuti Wayyaanee OPDO hin filannuu, Dimookiraasiin hin jiru, olola wayyaanees hin barbaadnu, mirgootni amatii keenyaa nuuf kabajamuu qaba, mirgii dimookiraasii fi namummaa nuuf haa kabajamuu, Oromoo hidhuun, ajjeesuu fi biyyaa irraa baqachiisuun dhaabbachuu qaba jechuun ifatti ba’ee uummatni Wayyaaneedhaan nuti isin hin filannuu isin hin barbaadnuu jechuun uummatni fi dargaggootni sagalee guddaan Wayyaanee balaaleffatan.mootummaan Wayyaanee walga’ii ofii isaan dirqisiisee uummata baase irrattii mormiin uummataa guddaan isa mudatee waan qabee gadhiisu dhabuun akkuma amala isaa humna poolisoota federaalaa, fi nannootti dhimma ba’uun uummata dura dhaabbate, dhukaasaa qawwee fi rookkeeta garaagaraa dhukaasuun uummaata sodaachisuuf dhukaasaa kan ture yoo ta’uu walga’iin maqaa ayyaana guyyaa dhaloota ergamtuu Wayyaanee 25ffaa kabajamuuf yaalames hoggansa Qeerroo bilisummaa Oromoo qindeessitoota warraaqsa sochii FDG karaa nagaa gaggeessuun mirga uummata Oromoo kabachiisuuf godhaniin sochiin mootummaa abbaa irree FDGtti jijjiramuun walga’iin wayyaanee bu’aa tokko malee mormii guddaan fashalaa’uu danda’e jira.

SBO Bitootessa 29 Bara 2015.

Aside

Oduu, Ijoo Dubbii ABO, Gaaffii fi Deebii Miseensa KHR – ABO Jaal.Jabeessaa Gabbisaa waliin geggeeffame, Sochii FDG Giddu gala Oromiyaa gara Lixaa keessatti deemaa jiru ilaalchisee gaaffii fi deebii dargaggoo Kaayyoo Dhugaa kutaa xumuraa fi Qophiilee biroo of keessaa qaba.