Saba koo Lammii Koo Ka’aa Ni Falmatnaa!!

Aside

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast- 30 September 2015

Aside

Mormiin Murtii Master Plan Finfinnee Irreecha Hora Arsadii Irratti Ni Ka’a Sababaa Jedhuun Mootummaan Wayyaanee Irreecha 2015 Bacancarsuuf Shiroota Gurguddaa Wixinachuu Isaa Qeerroon Saaxile.

Aside


486182_3899652972005_1219895082_nMormiin Murtii Master Plan Finfinnee Irreecha Hora Arsadii Irratti Ni Ka’a Sababaa Jedhuun Mootummaan Wayyaanee Irreecha 2015 Bacancarsuuf Shiroota Gurguddaa Wixinachuu Isaa Qeerroon Saaxile.

Shiroota mootummaan Wayyaanee EPRDF Ayyaana Irreechaa Bara 2015 Hora Arsadii Bishooftuutti Kabajamuuf jiru bacancarsuuf wixinatee itti jirtu keessaa akka armaa gadii ta’a.

  1. Uummataa Oromoo Aadaa, Duudhaa ,amantaa, fi eenyummaa isaa kabajachuu fi Addunyaatti beeksifachuuf hedduminaan socho’aa jiruu irraa naasuu guddaa keessa seenuun heddummina uummataa sirna kana hirmaatanii xiqqeessuuf sadarkaa Godinaa, Aanaa, fi magaalotaatti baayinni namoota sirna kana irratti argamuu karaa Waajjira aadaa fi Turizimii OPDO’n hundeessiteen waraqaan kennamee fi konkolaataan
    ramadameefii sadarkaa Aanaa fi Magaalotaatti namoota 120 hin caalleef akka eeyyamni hirmannaa sirna kanaa kennamuuf shirri ukkaamsaa Uummata keenyaa irratti dalagamaa jiraachuun beekamee, Namoota Waajjirrii Aadaa fi Turizimii OPDO’ Wayyaanee galmeessanii ergan malee Uummatni Oromoo guddaan akka hin hirmaanneef akka dhorkamuuf shirrii ulfaataan akka Uummatni Oromoo Waaqaa isa Uumme illee hin kadhannee fi hin galateeffanneef ukkaamsaan ulfaataan uummata keenya irra kaa’ame jiraachuun saaxilame!!
  2.  Maqaa sakkatta’insa jedhuun Kellaawwaan Oromiyaa cufaa fi Kellaawwaan xixxiqoo haaraa uumuun humna Waraanaa fi Loltuu Raayyaa Waraanaa fi Poolisii maqaaf Kora Bittinneessaa Oromiyaa jedhamu kellaawwaan kana irra qubsiisuun Uummata Oromoo nagaan uffata aadaan Faayaamee gara Irreechaatti Sochoo’uu danquun akka hin hirmanneef, kaan qabanii daandii irra tursiisuu, kaan hidhuu fi kaan immoo ittisuun deebisuuf kan boba’ee ta’uu maddeen saaxilan. Shirrii uukkamsaa fi mirga namummaa/Mirga uumamaa Oromoon qabuu fi mirga Dimookiraasii Oromoon qabu ukkaamsuu kunis haala armaan gadiin sakkaatta’insa irraa eegaluun kan hojii irraa olchuuf Wayyaaneen fiigaa jirtuu ta’uu madden gabaasan.
  3.  Uummata Oromoo Godina Lixa Oromiyaa Wallaggaa Lixaa,Wallaggaa Bahaa, Horroo Guduruu Wallaggaa fi Aanaa Midaa Qanyii
    irraa gara Irreechaatti socho’an AANAA CALLIYAA MAGAALAA GEEDOO irratti sakkatta’insaa, hidhaa fi qabanii deebisuuf kan jiran ta’uun
    saaxilame.
  4.  MAGAALAA AMBOO bakka Awwaaroo jedhamutti Kellaa Haarawaa dhaabuun uummata ukkamsuu, hidhuu fi Irreecha irraa hambisuuf kan
    karoorfatan ta’uun saaxilame.
  5. MAGAALAA HOLOOTAA irratti sakkatta’insaa ulfaataa, uummata ukkaamsuu fi Ayyaanaa irreechaa irratti akka hin argamneef Kellaa
    3ffaa Dhihaa Oromiyaa irratti shira guddaaf qopheessan ta’uun Saaxilamee jira.
  6. Godina Kibbaa Lixaa Oromiyaa bakkeewwaan Sakkaattaa’insii shirrii kellaawwaan diinaan xaxamaa jiran keessaa kanneen Saaxilaman keessa:
    – Magaalaa walisoo
    -Magaalaa Tafkiii
    -Magaalaa Sabbataa kanneen jedhaman irratti sakkatta’insaa guddaa gochuun Uummata ukkamsuu, hidhuu fi Qabanii deebisuun Sirna kabaja
    ayyaana irreechaa irraa hanqisuuf karoorfachuun saaxilamee jira
  7. Godina Salaalee Irraa uummata Oromoo Ayyaana Irreechaaf bobba’u danquuf Magaalaa Sulultaa irratti kellaa haarawaa banuun Uummata
    Oromoo gara sirna Irreechaatti Aadeemuu danquuf,Ukkamsuu fi hidhuuf karoorfachuun saaxilame jira.
  8. Kaaba Oromiyaa Magaalaa Shanoo fi Sandaafaa irraa kanneen gara Sirna Irreechaatti socho’an Laga Xaafoo Laga Daadhii irratti
    sakkatta’insa ulfaataa gochuun Uukkamsaa,hidhaa fi uummataa Qabanii deebisuuf qophii gochuun saaxilame!!
  9. Magaalaa FinFinnee fi Magaaloota Naannawaa Finfinnee irraa kanneen socho’an immoo Kellaawwaan haarawaa MAGAALAA GALAAN fi DUUKAM irratti Sakkatta’insa gudaa gochuun sirna Ayyaana irreechaa irraa Uummata gooluuf qophii ta’uun saaxilamera!!
  10. Uummata Oromoo Bahaa Oromiyaa irraa gara aayyaana irreechatti Socho’an MAGAALAA ZIWAAY fi MAGAALAA ADAAMAA irratti sakkatta’insa guddaa gochuun Uummata gara Irreechaatti Socho’uu ukkaamsuu, hidhuu fi Burjaajeessuun gara qe’ee isaatti deebisuuf shira ulfaataa uummata keenya irraatti dalagamaa jiruu ta’uu madden Qeerroo bilisummaa Oromoo Saaxilan.Qeerroon Bilisummaa Oromoo Shira ulfaataa Uummatni Oromoo waaqa isaa Uumee kadhatee AADAA,DUUDHAA, SEENAA , AFAA, EENYUMMAA fi Oromummaa isaa illee akka hin jabeeffanneef DUULA DIINUMMAA FI SHIRA SANYUMMAAN QOPHAA’AA JIRU IRRA AANUUF GAMTAAN WALQABATEE Gara Irreecha Hora Arsadee bara kanatti akka socho’uu fi Shira Diina dura gamtaan akka dhaabbatnu jechuun Uummata Oromoo hundaaf Dhaamsa dabarsee jira!!

“Jabaadha Uummata Koo” Wallee Haaraa Artist Tafarii Taaddasaa, Fulbaana 2015

Aside

Barattooti Yuunibarsiitii Jimmaa Leenjii fi Walgahii Wayyaanee Diddaa Dura Dhaabbatan.

Aside

Fulbaana 30,2015  Gabaasa Qeerroo Jimmaa

GGO Ebla 15 JimmaGootootni Barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa, Walga’ii Wayyaanee hin fudhannuu, ololli siyaasaa maqaa leenjiin gaggeeffataa jirtan barnoota keenya waliin wal hin argu, maqaa leejiin fedha uummata Oromoo dura dhaabbachuu hin dandeessan sababaa jedhuun dura dhaabbatan.Gama biraan barsiisoti Yuuniversitii Jimmaas akkaataa walgahichi gaggeeffamu irratti  Walga’ichii Oromiyaa keessatti :
1ffaa afaan Oromoon gaggeeffamuu qaba.
2ffaa Gaaffii Mirgaa abbaa biyyummaa gaafannuuf deebiin sirnaa nuuf kennamuu qaba, yoo kana hin ta’iin duula Oromoo ukkamsuuf nurratti gaggeeffamu waan ta’eef hin fudhannuu jechuun Barattootni fi barsiisoti Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa dura dhaabbachaa jiru.

Barattoota yuunivarsiitii Wallaggaa, Amboo, Walqixxee, Mattuu, Harammayyaa, Madda Walaabuu, fi Bakkeewwan kaaniis gara Mooraatti Waamamanii deebi’aa jiru. Haalaa yuuni Barsiitii Jimmaa fi walii Gala Walga’ii Barattoota Wayyaaneen gaggeessa jirtuu irratti gabaasaa guutuun Qeerroon ni dhiheessa,

Mootummaan Abbaa Irree Wayyaanee Ayyaana Irreechaa Hora Arsadiitti Kabajamuuf Jiru Irratti Shiroota Dhahaa Jiraachuun Saaxilame.

Aside

Fulbaana 30,2015 Finfinnee

Irreechaa 2011Mootummaan Wayyaanee Uummatni Oromoo Waaqaa Uumaa uumamaa ayyaana Irreechaa kan bara dheeraa Oromoon wareegama qaalii itti kanfaluun asiin ga’ee Uummatni Oromoo akka hin hirmaanneef jecha shiroora adda addaa raawachaa jira.

Yeroo ammaa raayyaa ittisa biyyaa fi human maqaaf kora bittinneessaa Oromiyaa jedhamuu Kellaawwaan garaagaraa Oromiyaa keessatti argamanii fi kellaawwaanduraan hin jirree kellawwaan haaraawaa illee banuun uummata Oromoo dararuu fi akka uummatni Oromoo heddumminaan sirna Irreecha Hora Arsadii irratti Argamuuf jiru akka hin argamneef qabanii karaatti deebisuu fi ukkaamsuuf karooraa dinummaa xummurachuun saaxilamee jiraachuu Odeessii keessa Wayyaanee bahee saaxilee jiraachuu Qeerroon Bilisummaa Oromoo gabaase.

Barattooti Oromoo Wallagga, Aanaa Saasiggaa fi Magaalaa Naqamtee Gaaffiilee Warraaqsaan Dabballoota Wayyaanee Sardaa Akka Jiran Qeerroon Gabaase

Aside

 Gabaasa Qeerroo Fulbaana 30,2015 Naqamte

db4234bfGabaasaan Qeerroo Wallagga aanaa Saasiggaa akka ibsutti tarsimoo misooma Wayyaanee ilaalchisee mana barumsaa qophaa’inaa Saasiggaarra  ibsitti, leenjiin barsiisotaa fi barattootaaf kennamaa jiru dabballoota Wayyaanee itti gaaffii abbaa biyyummaa fi hiree ofii murteeffachuu jedhu maaliif hin mirkanaawu kan jedhu ijoo dubbii guddaa ta’ee barsiisoti fooricuu fi sagalee jabaan dabballoota kijiba mishoomaa barsiisan irratti iyyaa turan.

Addattis waayee mishoomaa wayita kaasan irratti akka fakkeenya mishooma kijibaatti kan ka’e keessaa tokkoo barattoota bara kana Yuuniversitii galan keessaa shamarri tokko qofti gara Yuunivarsiitii itti darbuun mallattoo fi ibsituu misooma keessan sobaati jedhchuun OPDO afaan qabachiisa

Oduudhuma walfakkaatuun barattoota mana barumsaa qophaa’inaa Naqamtee,biiftuu Naqamtee,biqiltuu leeqaa Naqamtee fi B/saa Daaloo Naqamtetti gaaffiin walfakkaataan Qeerroo barattootaan gaafatamuun Wayyaanee rifachiuseera gaaffilee walii galaa maaster pilaanii finfinnee tii qabee erga gaafatamee boodas rakkoon bulchiinsa fi dararaan Wayyaanee Naqamtee keessatti adeemsifamus gaafatameera

Akka fakkeenyaattis,

  1. Marfata konkolaataa Naqamteerratti ijaarsi siidaa Jawwee fakkeeffamee ijaarame diigamee siidan gootota Leeqaa kan akka Dr Hayilee Fidaa Kumaa,Geendaa Buushanii fi Ilmasaa Galataa ,Dhugumaa Jaldeessoo,Amalawarqi Bulii,Jireenyaa Ayyaanaa haadhaabbatu jechuun gaafatan.
  2. Maqaa Istaadiyoomii Wallaggaatiin uummati magaalaa Naqamtee fi uummati Oromoo Waliigalatti kan baasii guddaaf saaxilamee fi yeroo duraaf istaadiyoomii n wallaggaa akka baha Afirkaatti isa jalqabaati jechuun uummata keenya waan saamtaniifi sobdan kanaaf wayyaaneen seeraan gaafatamuu qaba.
  3. Maqaa misoomaan utuu nusobdanii wayyaaneen qabxii ittiin gulantaa itti aanutti darban akka malee ta’e jedhee dabaluun barattooti Oromoo naannoo kanirraa maqaa naannoo mijataa jedhuun akka hafan kan taasifame kun haqamuu qaba
  4. Mana diiggaa fi green erea jechuun mana dhibbaaf digdamaa magaalaa naqamtee keessaa diiguuf karoorse hanbisuu qaba jechuun jabeessanii kan gaafataniifi guyyaa leenjichi itti xumuramu kaleessan ta’ullee yaada isaanii jijjiiruu qabna maqaa jedhuun ganama har’aa kanatti barattooti magaalaa Naqamtee waamamuu Qeerroon hubachiiseera.

SBO Fulbaana 30,2015. Oduu, Gabaasa Beelaa, Tumsa WBO Konyaa Mul’is Abbaa Gadaa Tooroontoo Kaanaadaa Irratti Qophii Qophaa’ee Fi Sagantaa Afaan Amaaraa.

Aside

Hoongee fi Gogiinsa Oromiyaa Keessaa Lammiilee Hubaa Jiru…

Aside

Gabaasa Sagalee Bilisummaa Oromoo

SBOImpaayera Itoophiyaa keessatti imaammata dabaa murni wayyaanee hordofaa jiru irraa kan kahe hoongee fi gogiinsi uumame lubbuu lammiilee fi  beeyladaa balaa ulfaataaf saaxilaa jira. Keessumaa ammoo dacheen Oromiyaa jiidhinaa fi badhaadhinaan beekkamtu imaammatuma gartuu abbaa irree kanaatiin ontee fi gogdee lammiileen kumootaan nyaata dhabuun leeccalloo isaaniis hurgufatanii hiraara argaa jiru. Mootummaan wayyaanee wayta rakkoon kun uumamu ummata nan bulcha jedhuuf birmatee nyaataan dhaqqabuu fi hegereefis akka rakkinichi hin uumamneef hojjechuu mannaa, inumayyuu hammeessaa jiraachuu gabaasaaleen godinaalee Oromiyaa adda addaarraa nu dhaqqaban ni ibsu.

Akka odeessa godinaalee Oromiyaa adda addaa irraa nu gahe kanaatti saamichaa fi manca’iinsa qabeenya bosonaa wayyaaneen geessiserraa kan kahe dacheen qullaatti haftee rooba dhabuudhaan hoongeen uumame midhaan facaafamee fi beeyladoota miidhaaf saaxileera. Ummannis kanarraa beelaan hubamaa fi qayee dhiisee godaanaa akka jirutu ibsame.  Haala Qilleensaa fi Beela Oromiyaa keessaa…2015 =ED

Godinaa Lixa Shagar, Aanaa Ada’aa Bargaa Magaala Mogor Keessati Warraaqsa Bilisummaa Ka’een Warraanni Wayyaanee Uummata Irratti Dhukaasa Bane.

Aside

Fulbaana 28,2015 Mogor

diddaa9Sababa filannootin mootummaa waayyanee baatii caamsa darbee humna waaranaa isa ummata ittiin dorsiisuuf jechaa magaala Mogor qubachiisee jira. Humni waarana kunis ummata nagaa qabeenyasa saama, halkan immoo mana namoota irraa deemu dorsisaa mallaqa irra guraa, akkasumas kan diddee reeba turaniiru. Kan yoommiyyuu sammuu nama keessa ummata baadiyyaa magalaa Mogor marsanii jira sababa adda addatiin magaalati dhufan ganna kana dhoqee jedhani warreen bootii kawwatan qaban dhagaa ciraachaa bootichaati guuruun itti figaa jechaa Oromoo hedduu nafaa godhaaniruu. Haa ta’uu malee Ummatni magaala Mogor gaafa fulbaana 27,2015 : Dhadhannoo yoo garaan kutatee mirga argachuu dandeenya jechuun halkaan keessa sa’a afur gubbaati gaaffii mirgaa gamtaan kaasan.

Ummata kutatee manaa ba’ee kana sodaachisuuf warraanni waayannee dhukaasa yoo egaluu ummatni dhagaasa darbachaa of fuuldura ari’ee. Dhuma irrati gaazii imimmaan itti dhusaanis ummata kan kufee kaasa waraanichaa yeroof magaala baase ture. Dhukaasa kanarraati namni lubbuun darbee dhabamuus namootni gara kudhanii mada’aniruu, waraana Waayyannee lama hedduu midhaman. Gabaasan Qeerroo Mogor.