Sagalee QEERROO Bilisummaa (SQ) Fulbaana 28, 2015/ Seenaa Jeneraal Taadasaa Birruu Kutaa 1ffaa

Aside

Wallagga Magalaa Naqamtee Keessatti Leejii Barsiisotaa Jedhamee Mootummaa TPLFn Kennamaa Jiru Irratti Gaaffiilee Jajjaboo Barsiisota Irraa Ka’een Dura Dhaabatnaan Mudate.

Aside

Fulbaana 27,2015 Naqamte

DIDDAA 2Leenjiilee barsiisootaa jedhchuun yeroo ammaa dabballooti Wayyaanee godina hunda keessatti barsiisaa jiran milkooma dhabuun dura dhaabatnaan mudataa jira,haalli kun itti fufuun godina Wallaggaa magaalaa Naqamtee keessatti leenjii siyaasaa ta’e irratti barsiisoti gaaffii kaasanii dabballoota Wayyaanee ittiin joonjessan keessaa hammi tokko akka armaa gadiiti.

  1.  Oromookeessa beekaa fi dandeetti kan qaban danachuudhaan garuu hanqina maaliif Oromoo keessaa ministeera muummee tahuu hin dandeenyee?
  2. Dhimmoota misoomaatiin wal qabatee mootummoonni naannoo biraa kan akka Tigraayii fi Amaaraa naannoo isaanii gama kamittuu guddisaa jiru keenya garuu Oromiyaan misoomaan gadi jette male guddachaa hin jirtu aangawoonni oromoo maqaa fi garaadhaaf dhaabbatanii jiru.
  3. Master Pilaaniin deddebii’ee kan ka’u murtoon tokkko kan itti hin kennamin sababiin isaa fi kaayyoon isaa maaliifii?
  4. Bakki hundeeffama OPDO maaliif jijjiramee? Dura Darraa jedhame amma garuu maaliif Adet jedhamee?
  5. Uummataaf kan falamuu fi jijjirama har’aaf sababa kan tahe ABOn maaliif maqaa dhiphummaa fi balaaleffatamaa?
  6. Filannoo uummanni keenya dhibbaa dhibba nu filate jedhamee labsame amma ammo uummanni maqaama filannootiin nun fille jechuudhaan mana hidhaatti guuramaa jira. ??
  7. Dhaabbanni Maccaa fi Tuulaamaa maaliif hin deebi’u? Amma eessa jiraa?
  8. Kan nu barsiisaa jirtan garuu seenaadhaan wal qabatee kan Uummata Oromootimoo kan dhaabbata OPDOtii?
  9. Qoodni fi gaheen ABOn kufaatii mootummaa dargii keessatti hin qabu turee mee kan beektan irraa?
  10. Dhimma biyyaaf jettanii kanumaayyuu guddina biyyaa odeesitu leenjii kana irratti maaliif aballiin nuuf hin kennamuu?
  11. Balaaleffannaa ABO malee bu’aan ABOn buuse takkaa hin ka’u qabsoo har’aa asiin gahame keessatti ABOnis qooda olaanaa kufaatii dargii keessatti taphateera olola malee maalii gaarummaan isaa hin ka’uu?
  12. Rakkoon gurguddaan har’aa Loogii, Malaammaltummaa, Bulchiinsa gaarii wal qabatee dhimmi MPs rakkina jabaa uummata oromootti fidaa jiru kun utuu jiruu maaliif seenaan darban ka’aa?
  13. Dhaabbileen Ummata oromootiif dhaabbatan 5nan OPDO waliin walii galee maaliif hojjechuu hin dandeenyee?
  14. Wanneen irratti mariyataman hedduun jiru garuu maaliif sirnoota darban irratti mariyachuun barbaachisee? Addi Bilisummaa Oromoo maaliif dhaaba maseenaadha jedhamee waamamee? Sababiin kana moggaasuu kun eessa irraa ka’ee?
  15. Galiin Oromiyaa irraa galu hunduu kan karaa darbu irraa kan hafe hammamtu oromiyaaf faayidaa kennaa jiraa?
  16. Sababiin fayadamaa fi barreeffama Qubee Afaan Oromoo qabsoo ABOn taasiseedhaanimoo OPDOdhaanii?
  17. OPDOn gaaffi mirgaa uummanni oromoo gaafatuuf deebii haqaa kennaa jiraa?
  18. Ibsaan biyya keenya sirnaan osoo hin tajaajilin maaliif biyya biraa deemee tajaajila kennaa? Maaliif gurguramaa?
  19. Fonqolcha sirna Dargii keessatti ABOn qabsoo waggaa tokko keessatti gaggeesse qabsoo ofii godhachuun bu’aa tokko osoo hin buusin OPDOn ABO
    irratti maaliif olola banaa?
  20. Gaaffiileen mirgaa barattootii fi hojjettooti dhaabbilee barnootaa fi iddoo garagaraatti ka’u ABOtti maaliif naanneeffamee jeequmsa jedhamaa?
  21. Uummata Oromoof qabsoo taasisaa kan ture haalamee har’a farra misoomaan kan waamamu maaliif ABO jedhamee?
  22. Uummata Oromootiif kan qabsaa’u TOKKUMMAA FI GARAAGARUMMAAN isaa maalidhaa?
  23. Beekamtii OPDOn oromoo yeroo dheeraa qabsoo irra turaniif kennu maaliidhaa?
  24.  Kira sassaabdummaa fi loogii balleessuu jettanii odeessitu kun garuu kan badaa jiru osoo hin taanee kan dabalaa jirudha.
  25. Keeyyanti 39 hojii irra erga hin oollee maaliif hin ka’uu? Hin haqamuu?
  26. Gaaffii barattootni kaasaniif deebiin humna waraanaa poolisii federaala irraa guuruun itti bobbaasuu tahe kun akkamiin ilaalamaa jiraa?
  27. Afaan Oromoo afaan hojii, afaan federaalaa akka hin taane maaltu dhorkee?

Shukrii Jamaa l**Ani Sumaafan** New Oromo Music 2015 By Raya Studio

Aside

“Iyyoolee birraa” Wallee Haaraa Artist Garramuu Hundee

Aside

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast- 26 September 2015

Aside

Gaazzexeessituu Magartuu Lammii koolugaltummaa gaafatte.

Aside

Media mootummaa wayyaaneen to’atamuu fi harka egamtoota isaatti argamu TVO jedhamu irra hojjechaa kan turte Gaazzexeessituu Magartuu Lammii sirnicha waliin hojjechuu lagachuun biyya alaa dhaqxetti koolugaltummaa gaafachuu ishee SBOn mirkaneesse.

123magartuu

(SBO) — Maddi Oduu SBO Torontoo Kanadaa irraa har’a Fulbaana 27, 2015 akka hubachiisetti TVO, kan ummatni TV qonnaa ykn TV. A. Duulaa jechuun yaamu, sirna wayyaaneen to’atamuu fi harka OPDOtti argamu irra hojjechuun Oduu dubbisaa kan turte gaazzexeessituu Magartuu Lammii sirna Wayyaanee kan ummata Oromoo irratti yakka gugurdaa hojjechaa jiru jalatti deebitee waliin hojjechuu lagachuun Torontoo Kanadaatti koolugaltummaa gaafattee jirti.

Dhaggeeffattoota keenya gara fuula duraatti gaazzexeessituu Magartuu Lammii waliin gaaffii fi deebii goonee isinii dhiheessuuf kan carraaqnu ta’uu isin beeksisna.

SBO Fulbaana 27,2015. Oduu, Irreecha Ilaalchisee Ibsa Qeerroo, Gochaa Yakkaa Godina I/A/Booraatti Ta’e Irratti Gaaffii Fi Deebii Akkasumas G/D Aartiist Ilfinash Qannoo Fi Dura Ta’aa GPLM Kutaa Xummuraa.

Aside

Sagalee QEERROO Bilisummaa (SQ) Sagantaa Fulbaana 25, 2015

Aside

YADATNOO Ayyaana Irreecha Bishooftuu Onkoloolessa 5, bara 2014

Aside

Ayyaana Irreechaa Bara 2015 Ilaalchisisee Ibsa Gabaabaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Kenname.

Aside

cropped-qeerroo-edit.jpg

Ayyaana Irreechaa Bara 2015 Ilaalchisisee Ibsa Gabaabaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Kenname.

Fulbaana 24,2015, Finfinnee

Qeerroon Bilisummaa Oromoo Ayyaana Irreechaa Birraa kan baranaa 2015 Hora Arsadiitti kabajamuuf jiru, Onkololessaa 3/2015 ykn A.L.Habashaatti Fulbaana 23/01/2008 kan kabajamu ta’uu hubachiisuun , Uummata Oromoo hundaan baga jalbultii ayyaana Irreecha bara kanaa nagaan geessan, Barri kun Bara milkii,bara, kan hidhamee kan itti hiikamuu, gammachuu,bara qe’ee ofii irraa buqqa’uun dhaabatu,bara irreen Oromoo itti jabaatu, Bara gaaffiin mirga abbaa biyyummaa deebii itti argatu, Bara ‘’Master Plan Finfinnee’’ guutummatti haqamuu ,Bara Injifannoo fi Bilisummaa nuuf haa ta’u !!

Ayaanni Irreecha guyyaa Oromoon Malkaa/Tulluutti ba’ee Waaqa isa uume waan argateef kan galateeffatuu fi waan fulduratti barbaaduu fi hawwuuf itti kadhatudha. Irreechi Ayyaana Oromoon ittin beekamu,mallattoo Oromummaa fi Eenyummaa isaa ibsu, calaqqee Aadaa fi duudhaa keenyaa qofa utuu hin ta’iin dhaalmayaa hambaa seenaa uummata keenyaa kan qabsoo wareegama qaaliin as qaqqabedha. Goototni Oromoo uummatni Oromoo eenyummaan, aadaan, duudhaan,Afaanii fi biyyi Oromiyaa akka hin sarbameef  jechuun dhiigaa isaanii itti cophsuun, lafee isaanii itti cabsuun ayyaanni seena qabeessii kun akka uummatichaaf jiraatu taasisan bara baraan ni yaadatamu,

Ayyaanni irreecha barana 2015 sadarkaa Idil-Addunyaa UNESCO’tti galmaa’aa jiru kun bu’aa gootota ilmaan Oromoo;  Oromoo fi Oromiyaa akkasumas leecelloo Oromiyaa saamicha, faca’insaa fi gita bittaa gabrummaa jalaa baasuuf jedhanii wareegamaa qaalii kanfalaa turanii fi hardha illee Oromiyaa bilisoomsuuf wareegama wal irraa hin citne kanfalaa jiraniti. Ayaana Irreecha 2015 Ilaalchisee Ibsa Qeerroo Bilisummaa