Fulbaana 30,2015 Finfinnee
Mootummaan Wayyaanee Uummatni Oromoo Waaqaa Uumaa uumamaa ayyaana Irreechaa kan bara dheeraa Oromoon wareegama qaalii itti kanfaluun asiin ga’ee Uummatni Oromoo akka hin hirmaanneef jecha shiroora adda addaa raawachaa jira.
Yeroo ammaa raayyaa ittisa biyyaa fi human maqaaf kora bittinneessaa Oromiyaa jedhamuu Kellaawwaan garaagaraa Oromiyaa keessatti argamanii fi kellaawwaanduraan hin jirree kellawwaan haaraawaa illee banuun uummata Oromoo dararuu fi akka uummatni Oromoo heddumminaan sirna Irreecha Hora Arsadii irratti Argamuuf jiru akka hin argamneef qabanii karaatti deebisuu fi ukkaamsuuf karooraa dinummaa xummurachuun saaxilamee jiraachuu Odeessii keessa Wayyaanee bahee saaxilee jiraachuu Qeerroon Bilisummaa Oromoo gabaase.