Ummanni 150,000 Aanaa Zuwwaay Dugdaa Jiraatu Beelaan Shororkaaya Jira

Aside

zuwaay22Aanaan Zuwaay Dugdaa Godina Arsii  qarqaraa haroo dambalii dheerina naannawa harichaa walakkaa ol irra naannofte tan argamtu fi lagni kataar aanicha wallakkatti kutee kan darbu dha. Finfinnee irraa kiloomeetira naanno  150 irratti argamti. magaalli guddoon  aanatti ogolchoo jedhamti  .  aanan kun bahaan Aana xiyyoo(Asallaa), dhihaan Aanaa Adaami Tulluu jiddoo kombolchaa(hara Dambalii ), kaabaan Aaana Heexosaa(Itayya), Kaaba dhihaan Aana dugdaa fii Aanaa Boorra (Maqii ), kibbaan Aana Arsii nageellee fi muunessaa daangoftee kan argamuu yoo tau, ballinni lafa aanicha kiloomeetir iskuweeri 1269 , qilleensi aanicha Gammoojjii giddu galeessa fi gogaa, teessumni lafaa diriiraa yoo tau aanattiin guutumatti SULULA  QIINXAMAA GUDDICHA keessatti argamti.  baayinni ummataa aanichaa 150,000 kan tilmamudha .   odeefanno aanattii kan sirritti ibsuu barbaadeef sila aana tana MOTUMMAA qofa moo ummatummatu hin bakne kan jedhu irra shakkii waan godheef .
 Yeroo ammaa hongee ykn caama rooba bara kana keessaa muudateen lafti daanga aanicha keessati argamu guutumaan guututti midhaan irraa dhabamee jira. Aana kana bara darbe bara 2014 (2007) illee oomishni isaa kan baayyee gadi bue ykn wallakka lafa aanichaa ol irraa kan bade dha. Yeroo ammaa kana ummanni 150,000 tti tilmaamamu beelaan darara gudda keessa akka jiru waan ofii koo keessaa jiraadhe argaa jiruudha.
Fakkii midhaan lafa aanichaa irraa bade agrasiisu ilaala fi kanneen kaan gabaasa kana waliin qabatee jira.
 
Umanni bara dheengadda(2014) gara bulchiinsa aanatti rakkoo(beela) isaa kan deddeebi’ee gabaase yoo tau ; bulchiinsi aanicha amma yeroon kan misoomatti, biyyattiin jijjiramtee jirti  nuti baruma hunda beela himachu hin qabnu jechuudhaan irra fuudhuu kan dideefi umanni akkasumatti loon(beeylada) isaa gurgurataa, kan loon hin qabne bosona ciree cilee fi qoraan gurgurata, guyyatti yeroo tokko nyaata gaaf dhabe qooqa bulaa, bara dhufu nuuf dabara(midhaan nuuf gaya) jedha abdii isaa nyaacha kan ture yoo tauu barri itti aanus isaa duraatu hanqatee hongeen takku arganii hin beekne isaan muudatee abdiin itti dukkanooftee jirti.Zuwaay44
Umanni bara kanas(2015) amma nuttu jabaatte dubbiin akka duriimi akka biri jechuudhan ganamaafi galgala motummaa tti iyyaannoo isaani dhiyeessaa kan turan  yoo tau kaabinootni DHDUO iyannoo ummataa of cinaa kaayuudhaan lafa sulula(dhooqa) bishaan irra ciisu lafa oolcha tokkoo (1/4 hektar) kan daandi Ogolcho gara Gotoo irratti argamu  irratti midhaan akka carraa jiidha qabu suura kaasuudhaan aanaan teenna misomaan fooyyee irra jirti jedhaa ganna darbe kana gaabasa kan turanii fi bara darbe (2014) illee xaafii walakkaa hektaara irratti geette sanuu akka aanatti iddoo tokko qofa jirtu suura kaasudhaan gabaasaa kan bayan tauun beekamaadha.
Gargaarsi erga umanni iyyee waan godhu dhabe booda kan jalqabe ta’ullee gargaarsi kenamaa jiru kan dagutti ummata fixu ta’u isaaf ummatni soda guddaa keessa seene hurgufamaa jira. Haalli kennama gargaarsa  lubbuu nama tokkof kilograma 15 kan turtiin isaa hin beekamne jia tokkof ta’ee, lamaaf taee, sadiif tae, wanti beekamu hin jiru haalli hanga amma jiru yeroo jia tokkof ture kenname jira, Namni tokko maati saddeti yoo qabaate kilo 45 qofatu kennamaf kana jechuun kan nama sadii qofa jechuudha namootni hafan haa du’anii jechuu yoo ta’e male namni tokko kiiloograama 5 nyaate sanuu bishaaniin unatee kan waan jiifatuun hinqabne  jia tokko haa eeguu jechuun haa ulatuuf yoo tae malee nyaataaf kan hin taane tauufi  ilaalcha dadhabaa bira darbee gara jabinnaan ummatni akka beelaan dhumu dhaabbatanii ilaalu jechuudha.
 Umaatni kun zayita nyaata, midhaan ittoo fi midhaan nyaata akka isaan barbaachisu deddebian gara bulchiinsa aanichatti iyyatanii fooyyee yoo dhaban ummata keessa nama filuudhaan hanga mootumma federaalatti akka nuuf iyyatan jedhanii yoo qopheessa seeraan ala ummata irraa qarshii gurtanii  essa deemtu jechuudhaan koree ummatni filee lubbuu teenna baraara jedhee qopheesse illee akka hirpha garaa isaanitiif hin iyyatne sodaachisee kan dhoorke ta’u ummatni raga baha. Ammas haalli kun akkanaan itti fufa taanan ummatni aanicha ji’a muraasa booda beelaan lafa irra dhumna jedhee soda beelaan shororkaaya kan jiru yoo tau osoo hin dune dura nuti ummatni hundi yaane akka biddeena jedha iyyinnu jechuun sochii isaa asiif achitti kan geggeessa jiru yoo tau motummaan akka hiriira bayani biddeena hin kadhanne kara garagaraan gufuu itti ta’aa jira.

Gabaasa guutuu argachuuf as tuqa;  2222

Irreechi Bishooftuu Hora Arsadii Bifa Howwaa Ta’een Kabajame. Mootummaan Wayyaanees Uummata Sakatta’uu fi Hidhuun Beekame.

Aside

Onkoloolessa 04,2015 ,Irreechi Hora Arsadee Bishooftuu kan 2015 haala aja’ibsiisaa ta’een kabajamee jira.Uummanni Oromoo godinaalee mara keessaa heddumminaan irratti argamuun ayyaana waggaatti Oromoon wal argu kana bifa qindaawaa fi miidhagaan kabajatanii jiru.

Addatti roorroon kan itti hammaate sabi Oromoon walleelee warraaqsaan diddaa mootummaa Wayyaanee irraa qaban muldhifataa oolan.

Mootummaan Wayyaanee Uummata danuu irreecha nagaan kabajachuuf dhaqe qabanii hidhuu fi sakatta’uun hanga ammaa itti fufee jira.Haala kana sababaa network gahaa dhabuun Qeerroon Bilisummaa hanga ammaa uumataaf dabarsuu yaalaa jira waan ta’eef yeroo gabaabaa keessatti bifa qindaaween ni dabarsa.

Jalabultiin Ayyaana Irreecha Bishooftuu Bifa Howwaa Taheen Galgala Kana Kabajamaa Jira.

Aside

Galagala kana gara Bishooftuutti sakatta’insi cimaatu daandii irra jira. Namni tokko ykn Oromoon hundi otoo hinsakatta’amiin hindarbu.

Ummanni garuu yoo xinnaate har’uma jala bultii argaman namoota miiliyoona tokkoo gad hin taane magaalittii itti guutaniiru. Qeerroon wallee warraaqsaan soda tokko malee dhiichisaa jira.

Mooraa bal’aa WAAJJIRA ABBOOTII GADAA KAN OROMIYAA BISHOOFTUUTTI ARGAMU KEESSATTI QOFA NAMOONNI KUMAATAMATTI LAKKAA’AMAN HEDDUUTU GUUTEE WALLEE ABO FI WBO,QEERROO FAARSUUN ITTI JIRU.

Qeerroon Oromoo ykn  dargaggoonni marsanii tuuta tuutaan dhiichisaa jiru! Walleen isaanii irra guddaa kan warraaqsaati. Ispaaltiin Magaalittii dhiichisa ilmaan Oromoon socho’aa jira Bakki hundi dhiichisadha. Hooteelonni fiixeetii hamma fiixeetti Oromoon guutameera. Walleen Afaan biraan dhagahamu mana kam irraayyuu hindhagahamu! Haaftis laftis hunduu Afaanuma Oromoo sirba. Guyyaa Bilisummaa fakkaata. Namni hunduu gammachuu machaayeera! Koreen qindeessituu irreechaa Qeerroon miidhagina kanaaf jabinaan hojjetaa jiru.Gabaasa caaluun walitti deebina.

SBO Onkolooleessa 04,2015, Oduu. Maastar Pilaanii Irratti Ijoo Dubbii ABO, Ayyaana Irreechaa Ilaalchisee Qophiilee Garaagaraa…

Aside

Sagalee QEERROO Bilisummaa( SQ) Qophii Onkoleeleessa 02,2015 fi Seenaa Jeneraal Taaddasaa Birruu Kutaa 2ffaa

Aside

Roorroon Kan Itti Hammaate Uummanni Oromoo Godina Lixa Shaggar Aanaa Ada’aa Bargaa, Mirga Abbaa Qe’ee Fi Biyyummaa Gaafachuu Itti Fufee Namoonni 75 Waraana Wayyaaneen Ukkaamfamuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Gabaasa Qeerroo Onkoloolessa 2,2015

diddaa9Onkoloolessaa 12, 2015 Godina Dhiha Oromiyaa AANAA ADAA’AA BARGAAtti Fincillii diddaa gabarummaa ka’een Ummatni gaaffii  abbaa qe’ummaa fi biyyummaa isaaf qabu kaashisuun egalame daran jabachuun itti fufee ilmaan Oromoo nagaan 75 olitti lakka’aman humna waraana Wayyaaneetiin ukkanfaman. Fulbaana 30, 2015 Godina Lixa Shaggar Aanaa Ada’aa Bargaa Magaalaa Mogor keessatti fincilli Ummataa daran cimaa dhufuun mootummaa Wayyaanee yaaddessaa jira! Fulbaana 27, 2015 halkan keessaa sa’aa afuriin booda Waraanni mootummaa Wayyaanaa Ummatatti dhukaasa banuudhaan namoota hedduu madeessaniiru. Waraanni mootummaa Wayyaanee yoo xiqqaate rasaasa 330 ol halkan tokkotti ummata irratti dhukaasuu kan eegalee hanga ammaatti qawween uummata dura dhaabbachaa jira.
Waraanni Agaazii jedhamus gaasii boochiftuu ummatatti gadi dhiisuun namoota lakkoofsaan hedduu tahan humnaa ol reebuun daangaa du’aa fi jireenyaa gidduu akka jiranis himame. Manneen namootaa irra deemuun caccabsanii saamaa akka jiranii fi uummata jumlsaam hidhatti guuraa jiraachuun ibsamera..Haala kanaan yeroo ammaatti nammootni 75 ol nama hidhaa Wayyaaneetti dararamaa jiraachuu fi waraanni motummichaa nama karaarra deemu kamuu arginaan gara mana hidhaatti guuraa jiraachuun ibsame .Maqaa ilmaan Oromoo nagaa Oromummaan yakkee Wayyaaneen hidhaatti guuraa jiru keessa muraasa nu qaqqabee jiru:
1. Obbo Daawwit Tafarii
2Obbo .Seefuu Tafarii
3.Obbo Alamuu Ajabii
4.Obbo Abbush Masfin
5. Obbo Saamu’eel Kabbadaa
6. Dargaggoo Fiqaaduu Amaaraa
7. Dargaggoo Nawaay Tasfaayee
8. dargaggoo Fayyisaa Raggaanee
9. dargaggoo Qattuu Dalasaa
10.dargaggoo Abbush Balaay
11 obboo .Katamaa Baayyuu
2. Obbo Fiqaaduu Tolasaa
13.Obbo Daani’eel Taarraqanyi
14.Obbo Asaffaa Kabbadaa
15. obbooTolasaa Abdiisaa
16. Muluu Baalchaa
17. Kaasuu Baqqalaa
18. Daani’eel Tasfaayee
19. Biraanuu fa’adha.kanneen jedhaman kan keessatti argaman ilmaanOromoo nagaan gaaffii mirga isaanii kabachiifachuu fi qe’eef qabeenyaa
keenya irratti halagaaf qawween dirqamnee hin bulluu waan jedhaniifi.

MUST WATCH – Artist Eliyaas Kifluu ” Mirga Keenya Alagaadhaan Dhaalamne”

Aside

Mootummaan Wayyaanee Yuuniversitii Jimmaa Keessatti Leenjii Siyaasaa Barattootaa Jechuun Guyyoota Afuriif Karoorfate Ture Diddaa Gootota Barattoota Oromoon Har’a Irree Eegalee Fashaluu Qeerroon Gabaase.

Aside

Onkololeessa 1,2015 Jimmaa

DiddaaMootummaan Wayyaanee maqaa walga’ii Leenjii Barattoota jechuun Yuunibarsiitii Jimmaatti  eegalee guyyoota afuriif  goototni barattootni Oromoo gaaffii mirga abbaa biyyummaa fi mormii master Planii Finfinneetiin hudhanii waan qabaniif har’a irraa eegaluun  fashaalee jiraachuu Qeerroon gabaase.

Onkololeessaa 01/2015 Goototni Barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa guyyaa har’aa barruulee warraaqsaa gaaffii mirga abbaa fi mormii master planii Finfinnee qabu facaasuun  leenjii walga’ii Wayyaanee guyyoota afuriif mormii guddaa barattootni godhan cabsuuf  akkataa department barattootaatiin bakkoota 22 olitti qooduun teesisuuf yaaliin wayyaaneen goote milkii malee kan fashalaa’ee fi  mootummaan Wayyaanee yaaddoo keessa seenuun  waan qabee gadhiisuu dhabuun FDG narratti ka’aa jira jechuun walga’iin leenjii barattoota kun guyyaa har’aa irraa eegaluun akka dhaabbatu godhee jira. Yaaliin Mootummaan Wayyaanee walga’ii barattootaa Yuunivarsiitii Jimmaa teesisuun olola siyaasaa afaan faajjii isaan barattoota burjaajessuuf godhee bu’aa tokko malee dura dhaabbannaa qeerroon barattootni Oromoo godhaniin  guyyaa har’aa fashalaa’uun dhaabbatee jira. Mootummaan Wayyaanee Abbaa irree yakka duguuginsa sanyii ilmaan Oromoo irratti rawwachaa jiruu soda guddaa barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa irraa waan qabuuf  walga’iin Leenjii Wayyaanee kun bu’aa tokko malee gaaffii ka’eefis deebii tokko utuu hin kenniin fashalaa’ee jira.

Gaaffiiwwaan gootota barattoota oromoo Yuunivarsiitii Jimmaan dabballoota Wayyaanee irratti finiinfaman keessa:

  1. Walga’iin kamuu Oromiyaa keessatti Afaan Oromoon kan gaggeeffamuu yoo ta’ee malee hin dhaggeeffannu!!
  2. Labsii fi karoorri duula duguuginsa sanyii uummata Oromoo irratti baroota dheeraa dalagamaa ture bara darbe 2014 ifatti as ba’ee maqaa ‘’Master Plan Finfinnee’’ kan jedhu kun akeekaa diinaa fi Oromoo fi Oromiyaa balleessuu waan ta’eef atattamaan akka uummata keenya irraa dhaabbatu gaafanna!!
  3. Gaaffii mirga Abbaa biyyummaa isin gaafachaa turreef dursa deebiin sirnaa fi seeraa qabeessii yoo nuuf kenname malee walga’ii keessaan hin fudhannu jechuun dura dhaabbatan.
  4. Barattootni, dargaggootni fi Waliigalatti uummatni Oromoo gaaffii mirgaa Finfinnee fi Master Plan Finfinnee mormuun karaa nagaa gaaffii waan dhiyeeffanneef rasaasan reebamne ajjefamnef mootummaan kun seeraatti nuuf dhiyaachuu qaba, Uummata keenyaa ajjeefamaniif ifatti gumaan kanfalamuu qaba, kanneen hidhaman gaaffii tokko malee hiikamuu qabu!!
  5. Gaaffiin mirga abbaa biyyummaa, kabajamuun mirga namummaa fi mirga dimookiraasii uummata keenyaaf haa kabajamuu!!
  6. nuti uummatni oromoo mootummaa mataa keenyaa nu bulchaa jiru hin qabnu!!
  7. OPDO’n dhaaba uummata oromoo bakka bu’uu hin dandeenye dhaaba maseeneedha,mirga uummata oromoo sarbisiisuu malee kabachiisuuf aangoo hin qabu!!
  8. Sobdanii ABO hin abaariina, ABO carraa biyya bulchuu argatee qabeenyaa Oromoo saamsiseeraa? Oromoo hidheeraa? Barattoota Oromoo itti dhukaasuun kan ajjeesaa jiruu loltuu mootummaa TPLF mitii?ABO sobaan arrabsuu fi jibbuun akka Uummatni Oromoo jaalatuu fi abdatu godha malee hin miidhu,  ABO’irree ,abdii fi gaachana uummata Oromooti!! Kana beeka.
  9. Yeroo mootummaa ce’umsaa 1991 illee ABO murtiin aangoo harka uummataa waan jiruuf filannootti seenee sagalee uummataan mirgi uummataa kabajamee mootummaa ijaarranna jedhe malee maal balleesse?? Shira xaxuun dhiibee ABOn biyya akka ba’uu kan godhee wayyaanee mitiree? Dhugaa dubbadhaa jechuun dabballee wayyaanee ABO arrabsuu fi maqaa balleessuuf karoorfatte afaan qabachiisan.
  10.  nuti uummatni Oromoo akka bay’ina keenyaa fi qabeenyaa keenyaa fi baldhina lafa keenyaatti
  11. qooddannaa aangoo siyaasaa hin qabnu!!
  12. humna raayyaa itti biyyatti keessatti aangoo hoggansa hin qabnu!
  13. qoodannaa dinagdee hin qabnu!, balaa beelaaf saaxilamneerra!!

4   Waliigalatti walga’iin leenjii barattootaa fi barsiisota jechuun oftan kun mootummaa uummata Oromoo bakka hin buuneen waan qophaa’ee fi gaggeeffamaa jiruuf qabsoo Oromoon mirga isaa kabachiisuuf godhu danquuf kan qophaa’ee malee uummata Oromoo fayyaduu fi biyyaa guddisuuf kan qophaa’ee waan hin taaneef hatattamaan nurraa dhaabbachuu qaba jechuun guyyoota 4f itti fufinsaan haala wal fakkaatuun barattootni oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa department garaagaraatti qooduun bakka 22 olitti hirtee wayyaaneen tessisuuf yaaltullee guyyaa hardhaa gaaffii barattoota irraa itti dhukaafamaa jiru jala dhaabbachuu dadhabuun guutummatti dhaabbatee, fashalaa’ee jiraachuu madden Qeerroo Bilisummaa Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa gabaasan.

“Siifan” Walaloo, Yaasoo Kabbabaa Hordofaa Adaamaa Irraa

Aside

Wallagga Aanaa Haaruu Magaala Jiituu Keessatti FDG Guyyaa Kaleessaa Ka’een Wal Qabatee Oromoonni 10 Dararamanii Hidhaman,

Aside

Okoloolessa 1,2015 Haaruu

diddaa9Mootummaan Wayyaanee Ebla bara 2014 keessaa kaasee mormiin Master Pilaanidhaa oormiyaa guutuu kan hirmaachise keessatti dura dhaabbachuudhaan uummanni oromoo FDG finiinsaa ture. Haatahu malee godinaalee garagaraa keessatti farra FDG kan tahan poolisootaa fi jalee OPDO keessatti addatti nama qindeeffatee of dura dhaabaa jira.
Gara madden gabaasaa keenyaatti yoo deebinu yeroo mormii Master pilaanii qonnaan bulaa hedduun hidhamani mana hidhaa keessa jiraachuun waan ifaadha. Kanumaan godina Lixa wallaggaa aanaa Haaruu irraa hidhamanii kan bahan asitti isin ABO deggertu jechuudhaan halkanii guyyaa uummata Oromoo kan rakkisan irrayyuu mana jireenyaa keessan gubna jedhanii doorsisa uummata irratti banaa fi dargaggoota Oromoo
reebichaan yeroodhaa yerootti dhiphisaa kan jiran tahuu madden gabaasa Qeerroo achii nu gahe ibsa. Kanneen uummata dararan akka walii galaatti aanaa Haaruu irraa:
1. Abshiruu Tolaa
2. Tolaa Haayiluu
3. Habtaamuu Bushuraa
4. Zakkaariyaas Kabbadee
5. Rattaa Atoomaa
6. Abbabee Taakkalee
7. Abarraa Besendaa
8. Miratuu Qalbeessaa
9. Diinee Mohaammad,
10. Abaadir Abduu
Isaan jedhaman kun uummata Oromoo jiraattoota godina Wallagga lixaa aanaa Haaruu keessaa kan dararaa jiranii fi hidhan  yoommuu tahu isaan keessatti addatti uummata oromoo balaa guddaa kan tahanii fi qonnaan bulaan jiraachuu hanga hin dandeenyetti kan dararaa jiran Magaalaa Guyii fi Naannowaa isheetti an beekamoo tahan ammoo namootuma kana keessaa Diinee Mohaammad kan jedhamu qonnaan bulaa, maanguddoo oromoo irraa ulfina kan fuudhu aangoo qabu poolisummaatti fayadamuu kan reebu fi kanneen ifatti Maaster Pilaanii Finfinnee morman ammoo isin balleessina mana keessan gubna jechuudhan itti dhaadatuudha.