SBO MUDDE 23,2018. Oduu fi Hiriira mormii Lixa Wallaggaa Ona Begii magaalaa Kobor

Aside

SBO MUDDE 21,2018. Haala yeroo irratti Ibsa Gaazzexeessitootaaf Hayyu-Dureen ABO Jaal Daawud Ibsaa laatan

Aside

SBO MUDDE 19,2018. Oduu, Ibsa ABO fi marii miseensota ABO Godina Qellem Wallaggaa fi walgahii koree hoji-geggeessituu hojii ABO Godina Lixa Arsii irratti marii hirmaattota waliin taasisame

Aside

SBO Mudde 19,2018. Oduu,

Aside

Akeekni Mootummaan uummata nagaa Oromootti waraana bansiisuufi banuun daguuggaa sanyii nurratti raawwataa jiru gama kamiinuu balaaleffatamaadha!

Aside

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Mudde 18,2018
Finfinnee Oromiyaa

Duulli ajjeechaa gara jabinaa ilmaan Oromoo irratti daangaa Oromiyaa maraan raawwataa akkuma ture ammas raawwataa jira. Oromoon waggoota 27 rasaasaan ajjeefamaa akkuma qee’ee irratti itti roorrisaamaa turetti yakki ittii dabalee uummata irratti raawwatuun itti fufuun ittuu kan manaaf araddaa irraa miliyoonaan lakkaa’ee nu buqqaasutti guddatee jiraachuun nama gaddisiisa, egeree nageenya biyyattiifis yaaddoo nutti uumeera.

Yakki garajabinaan Oromoo manaaf araddaa isaa waliin gubanii nagaa dhorkatuudhaan dirqamaan qee’eerraa godaansisan hadiida bal’ataa adeemee jiru kanatti, holola siyyaasaa omishuudhaan akka walii hindirmatneetti jechoota kalaqanii ajjeechaaf haala mijeeffachuunis herrega siyyaasaa kamiinuu kan balaaleffatamudha. Gaaffiin Qeerroo Bilisummaa Oromoo waggoota dheeraaf gaafataa jiru deebii hongaa’uudhaan ka duraan olitti uummata Oromoo tasgabbii dhorkuun jeequmsa biraaf akka kaka’umsi uumamu qaabni nagaa fi dimokiraasii jibbuun mirga dhala namaa sarbuu amaleeffate, hojiisaa idilee taasifachuu cimsinee balaaleffanna!. Uummata ija tuffiin ilaalanii gaaffii uummataa deebisuu dhabuurraan biyyattii afuura gooliif kaadhimuu irratti qoodni mootummaa barootaaf olaanaa akkuma ture ammas qoodni mootummaa yeroo nuti abdatnutti afuura jeequmsaa babal’isuuf adda duree ta’uun mufannaa olaanaa nu mufachiiseera, abdii irraa qabaataa turres hongeessuuf collagsaa jira.

Mootummaan akeeka nagaa booreessuu jabeessuudhaan waraana raayyaa ittisa biyyaa jeequmsaaf uummata keessa gadhiisanii uummata nagaa ajjeesuu cinatti humna waranaa gaanfa Afrikaa jeequun adda dureerra jiru Alshabaab dabalatanii Oromootti waraana guddaa banuu caalaa wanti Qeerroo Bilisummaa Oromoo gaddisiisuuf onnachiisee qabsootti cimsu hinjiru. Ajjeechaa ilmaan Oromoo irra daangaa irraan gahaa jiru gochaa suukanneessaan lubbuu darbuun uummataa fi kumootaan araddaa isaa irraa buqqaa’uun uummata Oromoo dabalaa dhufee jira. Haaluma kanaan Kibba Oromiyaa Booranaa Moyyaalee keessatti Alshaabaab, Hidhattoota Somaalee, fi waraana mootummaa Raayyaa ittisa biyyaa waliin ta’uun uummata Oromootti waraana bananii gochaan fokkisaan gidduu kana Oromoo irratti akka raawwataa jiru Oromoo maraaf ifaa, gochaan akkanaa humnaan uummata Oromoo jilbeenfachiisuuf sochiin godhamaa jiru kun gama kamiinuu kan balaaleffatamuuf hatatamaan waraanni uummatarraa akka dhaabbatu gadjabeessinee nii gaafanna!

Gochaan ajjeechaa itti fufuun naannoo Benishaangul Gumuz keessatti Oromoo lakkoofsaan 31 ol ta’an ilmaan isaanii fi maatii waliin mudde 13,2018 ykn Kamisa darbe galaafatamanii hanga ammaatti maqaa wareegamtootaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo of harkaa qabuun: 1. Abbayyaa Waaqumaa haadha manaa isaa waliin
2. Aftaamuu Waqgaarii haadha manaa isaa wajjin
3. Nagarii Gabayyoo ijoollee isaa ijoollee sadii wajjin
4. Ayyaanee Waaqgaarii ijoolleeshee ijoollee sadii wajjin
5. Tafarraa Ayyaanaa haadha manaa isaa wajjin
6. Ayyaantuu Tufaa ijoolleeshee durba lama wajjin
7. Jabeessaa Kitilaa haadha manaa isaa wajjin fi namootni ammatti maqaa isaanii hinbeekamin walumatti Oromootni 31 ol guyyaa tokkotti Kamisa darbe Naannoo Benishaangul Gumuz Kamashii Ganda Angar Shonkor keessatti ajjeefamanii reeffi isaanii kaan bishaaniitti gatamee, kaan bineensi soorrata taasifate gocha badaa ta’uu hubatuudhaan qaama yakka daddabalee hanga obsa nu fixachiisutti raawwataa jiru ammas irra deebiin cimsinee balaaleffanna! Gochoota badoo ijaaf gurra uummataatti hintolle kanneen xiinsammuu isa lubbuun jiruu miidhan Oromoo irratti raawwachiisaa ofiis raawwatanii sodaachisuuf doorsisaan biyyattii nagaa dhowwanii goolii fokkisaa kaasuu yaalan akka ta’e hubatamullee gocha jaarraa ammaatti qaanfachiisaaf rakasha ta’e kana mootummaan dhaabsisuu fi ofiis dhaabuu akka qabu Qeerroo Bilisummaa Oromoo har’as nii gaafata!

Qeerroo Bilisummaa Oromoo akkuma kaleessa wal ijaaruun qabsoo garboonfataa irratti karaa nagaa miira tasgabbii fi naamusa qabsaa’ota mirga dhala namaa horachuun taasisaa turretti hanga ajjeechaa fi buqqaatinsi uummata keenyarraa dhaabbatee daangaan Oromiyaa sararamee ilmi Oromoo fi intalli Oromoo kabajaa argattutti firiin qabsoo keenyaa hanga mul’atutti qabsoon kan itti fufee jiru ta’uu akkuma kaleessaatti irra deebiin waadaa keenya Oromoof haaressina!

Walii galatti akeekni Mootummaan uummata nagaa Oromootti waraana bansiisuu fi banuun daguuggaa sanyii nurratti raawwataa jiru gama kamiinuu balaaleffatamaadha! Biyya mootummaa qaba jedhamu keessatti mootummaan yakkamaa seeraaf laatee nagaa uummataa eegsiisuurra taa’ee nama birootti quba qabuun irraa hineegamu, isa yakke seeraaf laachaa adeemuun dirqama mootummaa ta’ee osoo jiruu uummata araddaansaa miliyoonaan lakkaa’amee mancaa’aa jiru jalaa callisuunis ta’ee itti qoosuun kan balaaleffatamu ta’uu hubachiifna!

Injifannoon uummata Oromoof
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Mudde 18, 2018
Finfinnee Oromiyaa

SBO MUDDE 16,2018. Oduu, Ibsa ABO fi Marii barattoota Oromoo Yunversitii Jijjigaa waliin taasisne kutaa lammaffaa fi isa dhumaa

Aside

Raayyaan Ittisa Biyyaa Silaa Nageenya Ummataaf Gaachana Malee Yaaddoo Tahuu Hin Malle

Aside

(Ibsa ABO – Mudde 15, 2018) Guyyoota 6 dabraniif Kibba Oromiyaa naannoo magaalaa Moyaaleetti lola hidhattoota Somaalee kanneen meeshaa lolaa gurguddaa hidhachiifamaniin Ummata Oromoo naannoo sanaa irratti gaggeeffamaa jiruun gaaga’ama guddaatu lubbuu fi qabeenya Ummataa irra irra gahaa jira.

Akka jiraattota naannichaa irraa hubachuun danda’ametti hidhattootni Somaalotaa kun meeshaalee lolaa gurguddoo fagootti waa rukutuu danda’anitti fayyadamuudhaan manneen barnootaa, baankiilee, manneen amantii, manneen daldalaa fi manneen jireenyaa ummataa, akkasumas, buufata poolisii rukutuudhaan barbadeessaa fi ummata fixaa jiru. Lola kana ummata irraa ittisuun dandeeytii milishootaa fi poolisoota Naannootii ol tahaa jiraachuus jiraattotni naannoo himachaa jiru.

Haala kana keessatti Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa (Ethiopian Defense Force) yeroo kaan callisee taa’ee walitti ilaaluu fi yeroo milishootaa fi poolisootni Oromiyaa humna Somaalotaa kana of irraa dhiibuu argu ammoo Somaalotaaf baabsuudhaan Oromoo irratti dhukaasaa jiraachuun baramee jira. Akka kanaan lola guyyoota 6 dabraniif gaggeeffamaa jiru keessatti Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa yeroo sadii hidhattoota Somaalotaaf tumsee kan Oromootti dhukaasuudhaan 15 ajjeesee 19 ammoo madeessuu jiraattota naannichaa irraa hubachuun danda’amee jira.

Kana malees humnumti Raayyaa Ittisaa Itoophiyaa kun manneen jireenyaa Ummataa irra naanna’uudhaan namoota meesha-maleeyyii 3 ajjeesee jira. Gochaan Raayyaan Ittisaa Itoophiyaa gama biraatiif tumsee Oromoo irratti dhukaasuu fi ajjeesuu kun isa jalqabaa osoo hin taane amma duras bakkaa fi yeroo adda addaatti deddeebi’ee raaw’atamaa akka ture jiraattotni naannoo gara garaa miidiyaaleedhaaf ibsaa turuun ni yaadatama. Haalli akkasii deddeebi’ee mul’achuun (keessattuu haala yeroo ammaa kan akka adeemsa jijjiiramaa fi yeroo cehumsaatti ibsamaa jiru kana keessatti) Ummata keenyaaf hedduu yaaddessaa fi rifaasisaa dha. Raayyaan Ittisa Biyyaa silaa nageenya Ummataaf gaachana tahuu kan qabu malee yaaddoo tahuu hin malle.

Lola naannoo Moyaalee kanaan hanga ammaatti lubbuun namoota 36 dabree namootni 100 gahan ammoo madaawuun beekamee jira. Kana irraa kan ka’e yeroo ammaa ummatni naannichaa sodaa nageenyaatiif gara biyya ollaa (Keeniyaa)tti baqachuu eegalee jira.

Hidhattootuma Somaalee kanaan lolli karaa Baha Oromiyaa Ummata Oromoo irratti gaggeeffamus akkuma itti fufetti jira. Akka kanaan, keessattuu Cinaagsanii fi naannoo sanatti lubbuu fi qabeenya Ummataa irra miidhaan gahuun mudannoo guyyuu tahaa dhufee jira. Ajjeechaan kun Ummata keenya irraa akka dhaabbatu gaafachuufis hiriirri bakkoota adda addaatti bahamaa jira.

Gama Mootummaa Itoophiyaatiin miidhamaa fi gaaffii Ummataa kanaaf gurra kennuun mul’achaa hin jiru. Inumaa iyyuu Mootummaan Itoophiyaa kan dhimmi isaa waliigaltee fi karaa nagaatiin akka xumuramuuf irratti hojjetamaa jiru (Waraana Bilisummaa Oromoo) humnaan dhabamsiisuuf naannoo Waraanni kun jirutti loltoota isaa fi meeshaa lolaa guurrachaa jiraachuutu bal’inaan mul’achaa jira.

Walgahiilee adda addaa irratti Adda Bilisummaa Oromoo maqaa xureessuu fi kan nagaa hin barbaadne fakkeessuuf ololli gama qaamota Mootummaatiin ABO irratti oofamus babal’achaa dhufee jira. Adeemsi Mootummaa kun yoo akkanumaan kan itti fufu tahe nageenya Ummataa fi biyyaa balaa guddaa irra kan buusu malee abdii jijjiiramaa kan wareegama qaaliidhaan har’a argame kana fiixaan baasuu keessatti gumaacha kan hin qabne tahuu gadi jabeessinee hubachiisuu feena.

Maayyii irratti daangaa Oromiyaa hundaan (Dhihaan, Bahaan, Kibbaan, Kaabaan fi Kibba-Bahaa irraan) ajjeechaan Ummata Oromoo irratti gaggeeffamu dhaabbatee Ummatni Oromoos tahe Ummatootni hundi nageenyi isaanii akka mirkanaawuuf Mootummaan Naannoo Oromiyaa fi kan Federaalaas gaafatama isaanii akka bahatan Addi Bilisummaa Oromoo cimsee gaafata. Jijjiiramni haala siyaasaa kan qabsoo hadhaawaa fi wareegama ulfaataa Ummata keenyaatiin argame kun akka hin gufanne gochuun gaafatama hunda keenyaa tahuu qaba. Adeemsi jijjiiramaa eegale fiixaan bahee, Ummanti Oromoos tahe Ummatootni kaan biyya, qe’ee fi qabeenya ofii irratti yaaddoo fi sodaa nageenyaa tokko malee Bilisummaadhaan jiraachuu haalli itti danda’an akka uumamuuf ABOn dirqama isa irraa eegamu hunda bahachuu obsaan kan itti fufu tahuu hundaaf mirkaneessina.

Injifannoo Ummata Oromoof !

Adda Bilisummaa Oromoo
Mudde 15, 2018

SBO MUDDE 14,2018. Oduu, Ibsa ABO, Haala Mooyyalee irratti gaaffii fi deebii jiraataa naannoo waliin akkasumas marii barattoota Yunversitii Jijjigaa waliin kutaa 2ffaa

Aside

Kaleessas ta’ee har’a, uummatni keenya nageenyisaa hongaa’uu caalaa kan nu mufachiisu hinjiru!

Aside

(Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo, Mudde 13,2018, Finfinnee Oromiyaa) Yeroo garaa garaatti nagaan uummata Oromoo deebi’ee, mirgi namoomaa uummata Oromoo fi saboota cunqurfamoo impaayera Xoophiyaa akka kabajamuuf karaa nagaa sagalee dhageessisuun gaafachaa turree ittis jirra.

Nuti Qeerroo Bilisummaa Oromoo akeeka uummata Oromoo utuu hinsharafamin qabee kan jiru ABO dhaan hogganamnee qabsoon gochaa turre karaa nagaa rakkoon Oromoo fi saboota Cunqurfamoo impaayera biyyattii akka furamuuf gaafachuu ture.

Akeeka nagaa booreessuu, jeequmsaa fi goolii garaa garaa uumaanii biyya hokkora maayii hinbaafne keessa galchuu qaama qabatee adeemu kamiin dura dhaabbachuudhaan, bifa haqaaf seeraan qaamni dirqama qabu nagaa uummataa akka bakkatti eeguuf gaafachuu ammas itti fufnee jiraachuu keenya ibsina!

Nuti Qeerroo Bilisummaa Oromoo kaleessas ta’ee har’as wanti nagaa caalu hinjiru jennee amanna, boriifis nagaan bu’uura jiruuf jireenya saba tokkoo ta’uutti Qeerroon Bilisummaa Oromoo nii amana. Qaama nagaa uummata isaa nagaa uummata Oromoo booreessuuf ammoo dhiifama tokko gochuuf akeekas ta’e ajandaa qabatee hinbeeku. Uummatarratti lola labsuunis ta’ee, saboota daangaa walitti buusanii bu’aa siyyaasaa argachuuf qaamootni haloolamanis ta’e qaamotni hojiitti jiran kamuu hatattamaan dhaabbachuu qabu. Uummatni keenya kallattii maraan jeeqamuun irra hinjiraatu! Ajjeechaan nurraa haa dhaabbatu! jennee kan gaafannuuf deebiin ajjeechaa babal’isuufii jeequmsa heddummeessuu ta’ee bakka jirutti, biyyattii hokkora hinbarbaachifne keessa galchuun kisaaraa hammaataaf saaxiluu ta’uutti cimsinee amanna jechaa turre ammas irra deebiin jenna. Nagaa boora’eef gafatama kan qabu qaama nagaa booreessaa jiru kan lola kallattii afuriin uummatarratti banamee jiru callisee ilaaleef, waraana uummatatti banee jiru ta’uu uummata hubachiifna!

Jeequmsi uummataa, karaa Bahaa Oromiyaa maqaa Liyyuu Hayilii Sumaaleen, Karaa Lixaa Oromiyaa maqaa Liyyuu Hayilii Gumuziif uummata Gumuziin, Karaa Kaaba Oromiyaa maqaa humna hidhatee jiru Affaariin, akkasuma karaa Kibbaa uummatoota sabaaf sablammii daangaarraan, duuchaatti saboota naannoo Oromiyaa daangeessan mara uummata nagaa Oromootti duulchisanii araddaa fi qe’ee keenya mancaasanii biyya keenya Oromiyaa boolla badiisaatti darbachuu caalaa wanti Qeerroo Bilisummaa Oromoo mufachiisu hinjiru. Maqaa adamoo Waraana Bilisummaa Oromoo WBO jedhuun uummata nagaatti raayyaa ittisa biyyaa bobbaasanii waraana uummatarratti banuun kallattii maraan sochiin godhamaa jiru hattamaan haa dhaabbatu. Qeerroo Bilisummaa Oromoo akeka nagaa buusuu fi qaama mirga namoomaa fi mirgoota dimokiraasii akkasuma mirgoota uumamaan qabnu nurkaa sarbu dura dhaabbachuu ammas taanan itti fufee jiraachuu uummatasaa bal’aaf nii ibsa!

Nuti Qeerroon; qaamootni ajjeechaa gara jabinaa raawwataa jiran seeratti akka dhiyaatan gaafachaa akkuma turre yakkamaan seeraaf heera biiyyattiin akka gaafatamuu qabu gaafachuu cimsinee itti fufnee jirra. Ajjeechaa uummata isaa Oromoo irra gahu balaaleffachuuf dirqama Oromummaa, ilma/intala uummatichaa kan jilba abbaa Oromoo fi gadameessa haadha Oromoo keessaa bahe bahachuuf eenyuun olitti gaddi itti dhagaa’amuufi daangaa gaddaa fi bohichaa Oromiyaatti gochuuf kan duriin olitti of ijaaree warraaquuf, nagaa fi tasgabbii biyyattii keessatti karaa nagaa fi naamusa qabuun fiduuf qabsoo jabaa gochuuf akka muratee jiru Qeerroo Bilisummaa Oromoo ni ibsata!

Waan ta’eef qaamota nagaa fi tasgabbii uummataa hunkuranii ajjeechaa fi dararama uummata isaa Oromoo fi saboota cunqurfamoo irraan gahan cimsee hadheeffata, nii balaaleeffatas. Nuti Qeerroo Bilisummaa Oromoo kaleessas akkuma uummatni keenya nageenyisaa hongaa’uun nu mufachiise, har’as boris nagaan uummataa boora’uun eenyuun olitti kan nu dhukkubsu ta’uu uummata keenya kabajamaa Oromoofis diinaafis himuu feena. Nageenyi uummataa mirkanaa’ee yakkamaan seeraaf akka laatamus daddaballee gaafanna!

Injifannoon uummata Oromoof
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Mudde 13,2018
Finfinnee Oromiyaa.

SBO MUDDE 12,2018. Oduu fi Rakkoo Yunversitiilee D.Marqoosii fi Jijjigaa keessatti barattoota Oromoo mudatee jiru irratti gaaffii fi deebii barattoota Oromoo waliin taasisame

Aside