(Ibsa: Qeerroo Bilisummaa Oromoo, Mudde 24,2018) Hidhaa fi Ajjeechaan ummata Oromoo irraa dhaabbatuu qaba!
Waggaa 27 sirni EPRDF dhaabbilee afur hogganu, jalatti ilmaan Oromoo jimlaan ajjeefamaa, miliyoonaan lafarraa buqqaa’aa yoona geenye ammas sanuma. Dabalataan yakka ulfaataan sammuu Oromoo keessaa hinbanne, Jaal Nadhii Gammadaa, Wellisaa Jireenyaa Ayyaanaa fi Jaal Lammeessaa Boruu dabalatee as buuteesaanii dhoksuun reeffa isaaniillee argatee akka uummatni awwaallatee garaa hinkutanne godhanii, maatiif uummata Oromoo rooraasaa bakkee ilaalchisaa hanbisuun sirna EPRDF kan wal nama gaafachiisu miti.
Yakka sussukanneessoo kanatti dabaluudhaan, erga OPDO/ODP aangomee afuura fudhannee ajjeechaan nurraa dhaabbataa jennee yeroo abdannuttis ulfa garaa keessaa waliin ajjeechaa Dambidoollootti aadde Biraanee nama jedhamturra gaheerraa kaanee, yakkoota suukanneessoof ajjeechaa gurraaf ijaaf hintolle kan uummatni keenya keessummeesse uummatichi haa lakkaa’u. Yakka fokkisaan kunneen wayiita raawwatamu obsi uummata Oromoo fi Qeerroo Bilisummaa Oromoo ajaa’ibisfatamuun irra deddeebiidhaan karaa nagaadhaan ajjeechaan akka irraa dhaabatu gaafataa turee har’allee itti jira. Faallaa karaa nagaa rakkoo furuu kan waraana labsu deddeebi’e sirna EPRDF ta’uun hubatamaadha. Yakkoota ajjeechaa baatii tokkko asitti Oromoo irra karaa Raayyaa Ittisa biyyaa sirna EPRDF’n ijaaramee isumaan hogganamuun raawwate yoo tarrifne
1. Kibba Oromiyaa moyyaalee keessatti hoteelatti seenanii namoota nagaatti dhukaasuudhaan nama 12 kan ajjeese Raayyaa Ittisa Biyyaa ta’uu gabaasni miidiyaalee torbanoota darbanii mirkaneessee jira.
2. Lixa Oromiyaatti Kamisa Darbe. Ajjeechaa Jimlaa Fanjii awwaaluudhaan Raayyaan Ittisa Biyyaa lubbuu 10 galaafatuu miidiyaaleen torban darbe gabaasaa turan.
3. Laaloo Asaabiitti nama 6 ol bakka tokkotti gidduu kana ajjeechaan uummata nagaa irratti Raayyaa Ittisa Biyyaan raawwatee jira.
4. Najjoo fi Gimbii gidduutti naannoo Maqa Najjoo jedhamutti uummata buna Funaannatutti dhukaasuudhaan lubbuun nama
10 Oromoo irraa Raayyaa Ittisa Biyyaa tiin dabeera.
5. Lixa Oromiyaa Jimmaa Horroo magaalaa Nuunnuu keessatti nama mana isaatii halkan baasanii ajjeesanii gatan.
6. Lixa Oromiyaa Qellem Wallaggaa Aanaa Hawaa Galaan keessatti dargaggoota 2 Raayyaa Ittisa Biyyaa tiin ajjeefamaniiru.
7. Lixa Oromiyaa Gimbii keessatti Raayyaan Ittisa Biyyaa walitti aansuutiin Mudde 23, fi Mudde 24, 2018 keessatti dargaggoota 2 galaafatanii kaan madeessanii jiru.
8. Kibba Bahaa Oromiyaa Baalee Aanaa Barbaree Ganda Haroo Dumaar keessatti Raayyaa Ittisa Biyyaa tiin lubbuun Oromoota 2 dabartee jirti. Aanaa Dalloo mannaa fi Harannaa Bulluq fi bakkoota hedduutti saamichi Raayyaa Ittisa Biyyaa tiin uummatarra gahaa jira.
Walumaa gala daataan Qeerroo Bilisummaa Oromoo Baatii tokkoo asitti qofa nama 45 Oromoo irraa waraana Raayyaa Ittisa Biyyaa tiin wareegamuu nii hubachiisa. Gabaasni kun kanneen nu dhaqqaban muraasa malee lubbuun Oromoo guyyaa guyyaan darbaa jiru dabalaa adeemaa jira malee takkaa dhaabbatee waan hinbeekneef kanaan ol ta’uu nii hubanna.
Dabalataan hidhaan ilmaan Oromoo irratti bakkoota addaa addaatti bifa haaraadhaan adeemaa jira. Bultii 14 asitti bakka biraa utuu hindabalatin magaalaa Finfinnee qofa keessatti ilmaan Oromoo 115 ol hidhamanii jiru. Kanneen keessaa qondaaloonni Adda Bilisummaa Oromoo ABO nii jiru. Hidhaa ilmaan Oromoo irratti raawwataa jiru kun, akkaatuma baroota 27 godhaa turan halkan edaa jechuun Mudde 23,2018 ilmaan Oromoo 15 mana hiraarsaa Maakalaawwii keessaa baasanii as buuteensaanii dhabamee jira.
Kun ta’ee osoo jiruu yakka EPRDF raawwate haguuguudhaaf Itti gaafatamaan Foolisii Oromiyaa qaama biraatti harka qabuun hindandaa’amu. Yakka Raayyaan Ittisa Biyyaa Oromoo irratti raawwatamaa jiruuf itti gaafatamaan isuma ta’uu cimsinee hubachiifna. Ammas taanan ajjeechaan uummata Oromoo irratti adeemaa jiru akka dhaabbatuuf amala obsaa qabnuun Qeerroo Bilisummaa Oromoo cimsimee qaama yakka raawwatuun akka ajjeechaa nurraa dhaabuuf nii gaafanna! Akkasuma hidhaan uummata keenyaarraa akka dhaabbatu gaafanna!
Injifannoon uummata Oromoof
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Mudde 24,2018