Muddee 23/2015 Waarraaqsii BiyyoolessaaOromiyaa FDG gootota Qeerroo Barattoota Oromoo Jimmaan qabsiifameen Waraannii Wayyaanee torbee Lama Guutuu erga moorraa YuunibarsiitiiJimmaa Main Cumpaasii fi MooraaSaayinsii Fi Teeknoolojii keessa qubsiifame barattoota Oromoo reebuu fi hiraasuun daran jabeessuun itti fufuun Barattoota Shaamarraanii dhagaa Cirrachaa irra jilbibiin fiqoqsuun yakkaa suukkaneessaa irratti fudhachaa jira. Barattoota Oromoo 55nis ukkaamsuu mana hidhaa Magaalaa Jimmaa keessatti ukkaamsee jiraachuu madden keenya gaabasaan.
Warraaqsii FDG Kaaba shaggar Godina Salaaleetti Jabaachuun itti Fufe!
Aside
Mudde23/2015 Uummatni Oromoo Godina Kaabaa Shaaggar Aanaa Abootee fi Dagaam daandii konkolaataa bakkoota hedduutti cufuun poolisiin federaalaa fi waraanni Agaazii akka uummata baadiyyaa keessa fiiguun uummata hin hiraarsinee dhorkan .haalli sochii uummataa kun daran itti hammachaa waan dhufeef ammas mootummaan wayyaanee human dabalataa Fiichee irraa gara Abootee fi Dagamitti dabalaa jiraachuu madden ibsan.
Godina Lixa Shaggar Aanaa Calliyaa Magaalaa Baabbichaa fi Naannoo Keessaa Oromoonni 120tti Lakkaawaman Hidhamuu Qeerroon Gabaase.
Aside
Mudde 23/2015 Godina Lixa Shaggar Aanaa Calliyaa Magaalaa Baabbichaa Naannoo Magaalaa baabbichaa qofaa ilmaan Oromoon again namootni 120tti lakkaaman human waraanaan dirqisiifamuun konkolaataa Feisaa ISUSU lamaan ukkaanfaman. Murtiin uummatni OromooYerooammaa kana bakka hundattuu mootummaa abbaa irree waraana nurratti labse jalatti hin bullu, mootummaan dhukaasee nu ajjeesuu fi waraana nurratti labsee yoomiyyuu mootummaa keenyaa nuuftauu hin dandau jechuun uummatni oromoo mootummaa diina nu godhatee jiru kanatti kan faltii gibiraas taee buusiiwwaan adda addaa hin kan falluu, walgaii kamuu ergamtootni mootummaa kanaa gaggeessan hin fudhannu , hiriirree mirga keenyaa fi dhugaa keenyaaf falmannee dhumaa jirruu hiriirree hidhamuuf iyyuu qophiidha.
Humnaan hin bitamnu jechuun uummatni murtiiisaa jabeessuun Wayyaanee dura dhaabbachaa jiraachuu erga ibsatanii booda. Mootummaan wayyaanee erga karaa jaarsummaa jechuun egaleen dubbiin fashalaaee booda tarkaanfii jumlaan ukkaamsee hidhuu fudhachuutti seenee jira.Mootummaan abbaa irree uummata Oromoo irratti waraana erga labsee, dhukaasee ajjeesuu cinatti duula hidhaa jumlaa gaggeessa jiraachuu ibsatejira.
Waraqoonni Qabsoo Waan Yuuniversitiilee Garagaraa Keessatti Bittimfamaa Jiraniif Waraanni Ammallee Naannoo Yuuniversitiiwwan Buufataa Jira
Aside
Mudde 24,2015 Adaamaa
Kanumaan wal qabatee mooraan yuuniversitii Adaamaa yeroo ammaa waraana Wayyaaneen marfamtee eegamaa jirti. Kunis halkan edaa Muddee 23/2015 halkan keessaa saa 8:30 irratti waraqoonni mooraa yuuniversitii Adaamatti bittimfamee bule – Muddee 25/2015 guyyaa itti barattoota keenya wareegamaniif yaadannoo taasisnuudha kanaan barattootni hunduu hucuu gaddaa uffachuu fi nyaata lagachuu akka qaban waamicha kan taasisuu – Barumsi Bilisummaa Booda kan jedhus waraqaan itti fufiinsa FDG barattoota oromoo mooraa yuuniversitii Adaamaa keessaaf waamichi taasifamee jira. Haaluma kanaan mootumman wayyaane yeroo ammaakana kan sodaan qabamee jiru fincilli barattootaa waan itti fufuuf humnuma isaatti fayadamuun dura dhaabbachuu amaleeddatee humna waraana agaazii gara mooraa yuuniversitii Adaamatti bobbaasee jira. Hidhamunii fi ajjeefamuun qabsoo keenyaaf duubatti nun deebisu jechaa jiru barattootni dhaabbilee barnootaa olaanoo irraa.
Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, Dec 23, 2015
Aside
Wallagga Naqamte Keessatti Artist Misgaanuu Hayiluu Olii Humna Tikaa Wayyaanee Ethiopian Butamee Bakka Buuteen Dhabame.
Aside
Mudde 24,2015 Naqamte
Artist Misgaanuu Hayiluu Olii aartiidhaan hawwisoo Yuunibarsiitii Wallaggaa irratti kan ramadamee hojjechaa jiru fi weelluuwwan garaagaraa waltajjii irratti weellisuun aadaa uummata Oromoo guddisaa kan ture,Muddee 23,2015 ganama sa’aa 9:00wd irratti humna tika dhika toophiyaa Ahimadiin nama jedhamuun durfamuun kan ukkaamsame yeroo ta’u, hanga ammaatti achi buuteen isaa hin beekamu
Land Grabs in Ethiopia
Aside
Sirna Awwaalcha Goota Oromoo Seifu Tura Magaalaa Gincii Keessatti Raawwate. Qabsaawaan ni Kufa Qabsoon Itti Fufa!
Aside
Muddee 23,2015 Warraaqsi Bilisummaa Jabaachuun Itti Fufee Jira.
Aside
Kanan Boodaa hariiroon mootummaa gabrooonfaata waliin qabnu hin jiru, walga’ii kamuu kara ergamtootaa fi jaarsolii ergamtuu isaniitiin dhufuu hin fudhannu, Kanfaltii gibra hin kanfallu, diddaan keenyaa hanga mirga abbaa biyyummaa keenyaa eegsifannutti jechuun murtii jabaa fi sirna fudhatan
Sabboontoti Oromoo Engineer Cimsaa Abdiisaa fi Engineer Addaamuu Rattaa Humnoota Tikaa Wayyaaneen Ukkaamfamuu Qeerroon Gabaase.
Aside
Mudde 22,2015 MootummaanWayyaanee EPRDF’n Ilmaan Oromoo adamsee ukkamsee Mana hidhaatti darbachuun beekamu gidduu kana Magaalaa Burraayyuu irratti Engineerota Oromoo Lama utuu lafa hojiii saanii adeemaa jiran ukkaamsuun hanga guyyaa har’aatti eessa buuteen isaanii kan hin beekamne ta’uun ibsame.Engineerootni Sabboontootni ilmaan Oromoo Oromummaan yakkamuun ukkanfaman kunis:
1.EngineerCimsaaAbdiisaa , yuunibarsiitii Jimmaa irraa kan eebbifame yeroo Yuniversitii Jimma turettis Oromummaa isaatiin yakkama ta’ee humnoota tikaa Wayyaaneetiin doorsifama kan ture.
2. Engineer Addaamuu Rattaa kan Engeer Cimsaa waliin hojii construction hojjechaa utuu jiranii Hojjettoota isaaniif Mindaa Magaalaa Finfinnee keessa qarshii 120,000 baasanii kanfaluuf utuu adeemanii humnoota tikaa fi Agaaziin ukkanfamuun essaa buuteen isaanii kan hin beekamne ta’uun ibsame jira. Mootummaan wayyaanee dhaloota qaroo ukkamsuun umrii bittaa wayyaanee kan gabaabsu malee kan dheeressuu akka hin taane ni hubachiifna. Har’as wayyaaneen kaleessa dhaloota qaroo hedduu ajjeessuun, hedduu hidhuu fi hedduu biyyaa arii’achuun kunoo uummata Oromoo akka galaanaa irraa garagalchee malee Oromoo mirga isaa falmachuu irraa duubatti hin deebifne, kanaafuu uummatni Oromoo bakka jirtan hundaa tokkummaan harka walqabachuun iyyaa iyyaa dabarsaa, ilmaan Oromoo haalduree tokko malee gadhiifamuu qabu.