Mudde 23/2015 Godina Lixa Shaggar Aanaa Calliyaa Magaalaa Baabbichaa Naannoo Magaalaa baabbichaa qofaa ilmaan Oromoon again namootni 120tti lakkaaman human waraanaan dirqisiifamuun konkolaataa Feisaa ISUSU lamaan ukkaanfaman. Murtiin uummatni OromooYerooammaa kana bakka hundattuu mootummaa abbaa irree waraana nurratti labse jalatti hin bullu, mootummaan dhukaasee nu ajjeesuu fi waraana nurratti labsee yoomiyyuu mootummaa keenyaa nuuftauu hin dandau jechuun uummatni oromoo mootummaa diina nu godhatee jiru kanatti kan faltii gibiraas taee buusiiwwaan adda addaa hin kan falluu, walgaii kamuu ergamtootni mootummaa kanaa gaggeessan hin fudhannu , hiriirree mirga keenyaa fi dhugaa keenyaaf falmannee dhumaa jirruu hiriirree hidhamuuf iyyuu qophiidha.
Humnaan hin bitamnu jechuun uummatni murtiiisaa jabeessuun Wayyaanee dura dhaabbachaa jiraachuu erga ibsatanii booda. Mootummaan wayyaanee erga karaa jaarsummaa jechuun egaleen dubbiin fashalaaee booda tarkaanfii jumlaan ukkaamsee hidhuu fudhachuutti seenee jira.Mootummaan abbaa irree uummata Oromoo irratti waraana erga labsee, dhukaasee ajjeesuu cinatti duula hidhaa jumlaa gaggeessa jiraachuu ibsatejira.
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa FDG Oromiyaa | OromianEconomist