Barattooti Yuuniversitii Amboo Kaampaasii Awwaaroo Barnoota Dhaabuun Qe’eetti Deebi’aa Jiru. Wallagga Dambi Doolloo Ammoo Humni Waraana Wayyaanee Dabalataa Qubate.

Aside

 

Mudde 27,2015 Gabaasa Qeerroo
Amboon barattootni Yuuniversitii fi damee kaampaasii Awwaaroos gara qe’eett godaanaa jiru. Barattootni yuuniversitii Amboo durattuu BBB( Barumsi Bilisummaa Booda) kan jedhu waraqaa yeroodhaa yerootti bittimsaa turaniiru. Inni kun barataan kamuu gara FDGtti hiriiruu akka qabu waamicha waliif taasisuudha. Waamichi kunimmoo guutuu oromiyaatti tokko galee tokko baratuun wareegama fida waanni godhamu tokkummaadhan tahuu qaba. Kanaaf barataan kamuu yeroo barumsaa miti yeroon kun yeroo itti ilmaan oromoo akkanatti ajjeefamaa, hidhaatti guuramaa, adamsamaa jiraatan yeroo ilmoo fi haati addaan baatee fi wal irratti du’aa jiran kanatti uummanni kamuu gara FDGtti hiriiruun amma waan tahef kanatu furmaata tahaadhaaf barattootni hedduun gara mooraa gadhiiisuu qofa osoo hin taane mooraama keessatti barumsa dhaabaa jiru.
Dambi Doolloon amma waraana guddaadha kan achi buufatee jiru. WBOnis naannicha jiraatuu diinni dhaga’ee raafamee jira. Uummataa fi waraana Wayyaanee gidduutti guyyaa guyyaadhaan lolatu gaggeeffamaa oola magaala Dambiitti. Baadiyaalee godinichaa keessaa diddaan ni jira ammallee waajjiraaleen wayyaanee garagaraa uummataan ggubataa jira. Daandiwwanis cufamaa jiru . Haalota kana irraa ka’uun Wayyaaneetti yeroon dhumatee jira. Yeroo kana kan uummanni oromoo jabaatee wayyaanee ofirraa xumuruudha. Egaa nin deebi’a bor irraa kaasee akka Oromiyaa guututti fincilli ni gaggeeffama baadiya fi magaalaa dabalatee.

Mudde 27,2015 Kibba Shaggar Lixaatti FDG Itti Fufee Jira.

Aside

Mudde 27,2015

Godina Shaggar Kibba lixaa Aanaa Tolee ganda Jiwwaaroo Kaarratti Muddee 26/2015 fi Mudde 27,2015 walgayii Wayyaaneen uummata waamteen walgayiin feshalaee fi diddan dhowesniis uummata irratti waraanni wayaanee dhukaasa baneen lubbuun nama tokkoo darbee jira. akka gabaasni nu gahet addessutti anaa Toleetti halkan keessaa gartuu hin beekamneen dhaabbanni leenjii qonnaa opdon ittiin uummata oromoo gowmsitu misooma misooma jechuun dhaabbanni kun ibiddaan gubatee hojiin ala tahuun yoo gabaafamu haaluma kanaan humni darbatamaan wayyaanee halkan kana ona Tolee keessa buufate bule. Bariuunis FDG itti fufuun magaala Wallisootti dhimma kana tasgabbeessuuf mootummaan wayyaanee abbaa ergamtoota isaa OPDO dhaan uummanni akka tasgabbaauuf walgayii uummata waamsiste. Ummannis Diddaaf gara walgayii wayyaanee kan deeme yoo tahu haala uummata sodaachuu irraan waraanni wayyaanee uummata irratti dhukaasa bane jira. lubbuun dargaggoo tokkoos yoo badu kaanis madeeeffamanii kan jiran tahuu Qeerroon gabaasee jira. Hara muddee 27 daandiwwan godina shawaa kibba lixaa keessi cuccufamaa tahuu Qeerroon gabaasee jira.

SBO Mudde 26,2015. Oduu, Haala Yeroo Irratti Ibsa ABO fi Qophiilee yeroo

Aside

“Wal-Gargaaraa” Wallee Warraaqsaa Haaraa Sabboontota Artisitoota Hinookii fi Naasifaaye /Muddee 2015

Aside

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Mudde 25, 2015 / Galmee Kuufama Qabeenya Duressota TPLF Qaban Beeksisuu

Aside

Oromia Regional State /Ethiopia: More Victims of Extra-Judicial Killings, Kidnappings, Arrests and Detentions

Aside

HRLHA Urgent Action

December 25, 2015

imagesThe Human Rights League of the Horn of Africa (HRLHA) has confirmed that deaths resulting from the ongoing crackdown of peaceful protesters in various parts of the regional state of Oromia has now reached 122, while mass arrests and detentions have also been intensified. Top officials of the opposition Oromo Federalist Congress (OFC) party have been targeted in the most recent cases of kidnappings, arrests and detentions. Accordingly, Mr. Dajane Tafa, Deputy General Secretary of OFC, was kidnapped by federal armed forces and taken away to yet unknown destination yesterday morning, December 24, 2015 around the area known as Giyorgis, in the centre of the Capital Finfinne/Addis Ababa on his way to work. In the same way, Mr. Bekele Garba, Deputy Chairman of the OFC, who spent about four years in jail on fabricated allegations and released recently, was also arrested yesterday afternoon from his home in Adama and taken away also by armed federal forces. HRLHA has been informed that homes of both Mr. Dajane Tafa and Mr. Bekele Garba have been searched for hours; and that of Mr. Bekele Gerba in particular remained invaded and surrounded by the federal armed forces until late in the afternoon.

HRLHA – More victims of

Mudde 25,2015 Yuuniverstii Wallaggaa Mooraa Naqamtee Keessatti Diddaan Sirna Wayyaanee Itti Fufe.

Aside

Mudde 25,2015 Naqamte

FDG itti fufuun gaaffiin uummata Oromoo deebii argachuu qaba hidhamtootii fi hogganootiin siyaasaa hidhaman daddaffiin haa gadhiifaman jechuun barattooti Oromoo Yuuniversitii Wallaggaa mooraa Naqamtee sagalee isaanii dhageessifataa oolan,mootummaan Wayyaanee Itiyophiyaan waraana fi humna poolisaa mooraatti guuruun barattoota burjaajessaa oole.Qawwee dhukaasuu fi humnaan barattootatti roorrisuu irraan kan ke’e humni waraana Wayyaanee kun ammoo gaaffi haqaa barattooti qaban keessatti ukkaamsuu hin dandeenye.

Message from the International Qeerroo Support Group

Aside

Qeerroo interQeerroo (Oromo youth), Oromo students and the Oromo public are protesting against the brutality of the Ethiopian regime – which has been killing, torturing, kidnapping and arbitrary disappearing Oromos. Qeerroo is on the peaceful struggle to stop the injustice happening on our people. To continue these multi-dimensional protests, they need support. Hence, we humbly request the Oromo community in general, diaspora in particular, and others who believe in justice to stand with us and support Qeerroo in its peaceful struggle for justice and genuine democracy for the oppressed people.

No one has forbidden an oppressed people from undoing oppression!

International Qeerroo Support Group

Click Here to support Oromia’s Qeerroo Peaceful Struggle

 

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Qophii Mudde 24,2015

Aside

OMN: Oduu Amma Nu Gahe2 Muddee 24 , 2015

Aside