Godina Kibba Lixa Shaggar Aanaa Bachoo Keesatti Hojjettoonni Mootummaa Hidhamanii Dararamaa Jiru.

Aside

Barsiisaa Girmaa Caalaa Lataa

Barsiisaa Girmaa Caalaa Lataa

Amajjii 5,2016, Oromoonni hedduun Godina Kibba Lixa Shaggar Aanaa Bachoo keessatti hidhamanii daraaraa argaa jiran FDG ka’ee tureen wal qabatee namoonni hidhaman keessaa gariin hojjettoota mootummaa dha,isaan keessaa tokko

  1. Obbo Zrihuun mi’eessa aanaa bachootti hojjetaa buufata fayyaa jaatoo(cilinical nurse)dhalootan aanaa tolee ganda bilii
  2. Obbo Maallimaa,Shaambuu daadhii innis hojjetuma buufata sanaafi dhalataa ganda Sanaa
  3. Obbo Asaffaa hojjetaa buufata fayyaa tulluboolloo,dhalootan aanaa Bachoo ganda dhakaa guddaa,falmataa Lataa
  4. Kana malees Girmaa Caalaa lataa barsiisa secondary Tuluboolloo fi kadhimama paarlaamaa OFC waliin kan ture gaafa 8/12/2015 hiriiraa mormii magaala Tuluboolloo ti ta’een akka malee reebamee kan hidhame ammas maatiin illee wal kan hin argisiifnee fi walisoti hidhanii daraaraa akka jiran .

SBO AMAJJII 06,2016. Oduu, Gabaasa FXG fi Gabaasa Guyyaa WBO Amajjii 1, Giddu Gala Mooraa Leenjii ABO fi SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Waamaa Hagalootti kan dhalate Barataa kolleejjii barsiisotaa Mattuu tti Barataa waggaa jalqabaa yeroo ta’u, Humnoota tikaa Wayyaaneetiin magaalaa mattuu keessatti torbee tokko dura ukkaamfame

Aside

FB_IMG_1451977092499 FB_IMG_1451977095805

Finfinnee/Walaloo

Aside

Ficilli Xumura Gabrummaa Itti Fufee Godina Harargee Lixaa Magaalaa Masalaa Keessatti Har’a Amajjii 5,2016 Ummanni Waraana Wayyaaneen Wal Qabaa Jira.

Aside

Amajjii 4,2016 Gootonni Qeerroon Oromoo Wallagga Magaalaa Waayyuu Tuqaa Keessatti FXG Itti Fufan!

Aside

Amajjii 04,2016 Ficilli Xumura Gabrummaa Wallagga Aanaa Anfilloo Magaalaa Muggii Keessatti Itti Fufee Oole,Barattooti Hedduun Reebamanii Jiru.Manni Barnootaas Cufame.

Aside

Dargaggoon Fixqaaduu Shuumataa Waaqtolaa Adamoo Wayyaanee Jaalaa Nagaan Miliqe.

Aside

Dargaggoon Fiqaaduu Shuumataa Waaqtolaa baatii Sadaasa 2015 keessa FDG Wallagga magaalaa Madiitti gaggeeffame keessatti hirmaachuun dhadatnoo mirga namoomaa fi mirgoota saba Oromoo kaasu dhageessisuun barattootatti onnee horee nama turedha, dhadatnoo isaan booda suuraaleen inni gaafas ka’e marsaalee hedduu keessatti faca’uun Oromoota biyya alaa fi keessa jiran qalbii hortee akka ture beekama.

Mootummaan Wayyaanee dargaggoo kan barbaacha olii fi gadi kaataa yoo turte iyyuu dargaggoon kun gargaarsaa fi tumsa qabsaawota Qeerroon deggeramuun biyya ollaatti akka bahu taasifamee jira. Kanneen keessattis qoodi qabsaawota ala jiran qabanis guddaa dha.

 

“Waadaa Walii Kakanna,Amma Geesse Sabakoo” Wallee Warraaqsaa Artist Geetuu Xiqqaa/Amajjii 4,2016

Aside

Barruuleen Waamicha Fincila Xumura Gabrummaa Wallagga Gimbii Keessatti Faca’uu Irraan Loltooti Wayyaanee Jeeqama Seenan.

Aside

Amajjii 4,2015 Magaalota Oromiyaa mara keeysatti yeroo kana waraqaan garagaraa bittimfamaa jiru. Halkan Amajii 3/2016 Wallagga lixaa magaala Gimbiitti waraqaa bittimfame buleen loltooti Itiyophiyaa Wayyaanee nagaa dhabdee bulte. Magaala Gimbiitti waraqaan bittimfame Barnootni Bilisummaa Booda kan jedhu guutumma magaalattii keessatti kan faca’e bule yoommuu taahu har’a waraanni Wallagga lixaa irra buufatee jiru daran olii gadi kaata oole.

Wallagga lixaa, Qellem Wallaggaa, wallagga bahaa fi Horroo Guduruutti FXG har’a barattoota, hojjetoota mootummaa fi qonnaan bulaa dhaan jabaatee oole, Qellem Wallaggaa aanaa Anfillootti qonna bulaan, barataan wal tahun haleellaa waraana wayyane irratti banen aanaa Anfilloo keessa baasee jira.Wallagga bahaatti maagaala Sibuu Siree mana barumsaa sadarkaa 2ffaatti itti fufee oole.
Loltooti Wayyaane guyyaa har’aa Oromiyaa keessatti akka maraatuu tahuun oolte. Daandiin konkolaattotaa magaalota hedduu keeysatti addaan ciccitee oolee. Dhaabbilee barnoota yuuniversitii keeysattis FXG haala onnachisan ganama irraa kaasee itti fufee ooleera.
Yuuniversitii Adaamatti barattootni hedduun lakkaawaman humna waraana Wayyaaneen qabamani ukkaamfamani jiru. Dhukaasa wayyaaneen barattoota irratti banen barataan lubbuun darbes kan jiru yoo tahu ammatti maqaan isaa kan hin gabaafamne Qeerroon mooraa yuuniversitii Adaamaa irra gabaasee jira.