Amajjii 7/2016 Goototni Qeerroo Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimma Warraaqsaa FXG jabeessuun Guyyaa har’aa nyaata lagachuun itti
fufan Goototni ilmaan Gootaa Barattootni Oromoo yuunibarsiitii Jimmaa mirgi keenyaa sarbamee; ajjeefamaa hidhamaa fi ukkanfamaa jirra . Gaaffii mirgaa karaa Nagaa gaafanneef yakkii ulfaata dhala nama irratti hin dalagamne Uummata Oromoo irratti Mootummaa EPRDF nurratti rawwatamaa jiruu Haala sheen iyyuu Sochiin Keenya Duubatti deebisuu hin danda’uu jechuun utuu Haala kanaan jirruu hiree ayyaanaa gannaa nyaanee dhugnee dabarsinuu hin qabnuu jechuun Guyyaa har’aa guutummatti nyaata Lagachuun uffata guddaa uffachuun Mormii isaanii jabeessuun itti fufan.
Baha Oromiyaa Daaroo Labuu Ganda Xuxis Jedhamu Keessatti Ficilli Xumura Gabrummaa Ummataa fi Dargaggootaan Itti Fufee Jira.
Aside


Amajjii 7,2016 Godina Harargee Lixaa Magaalaa Asaboot Keessatti FXG Jabaatee Itti Fufee Oole.
Aside


Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Amajjii 6, 2016
Aside
Qeerroon Oromoo Biyya Ingilizii Magaaaa London Keessatti Gootota Oromiyaaf Falmaa Jiraniif Sagalee fi Irree Ta’uuf Jecha Halkanii Guyyaa Dhaa Tumsa Muldhisan.
Aside



AMMAAN BOODA JIRAA OROMOO DHIISITII DU’AAN OROMOOLLEE HARQOOTA GABRUMMAA HIN BAATU
Aside
Taammanaa Bitimaa irraa
Kunoo, amma bara moofaa keessaa gara bara haaraatti dabarree jirra. Barri dabre kun, barri 2015 bara Oromooti jechuu dandeenya. Kan bara san bara Oromoo taasese immoo Qabsoo Oromoo isa Dhaloota Qubeetiin dachee Oromiyaa sochoosee, diina Oromoo ollachiise sani. Jarri qawwee baaddhatee, harree ooffatee, barabaasoon Oromiyaa seenee qabeenya uummata Oromoo saammatee, abbootii kitilaa (abbootii miliyoonaa) tahe kun, kunoo waggaalee 24 guutuu qawween gateettii isaa irraa hin bune. Takkaa qawwee boraafatee rafuu hin dhiifne. Amma qawween lafee fi dhiiga isaa keessa tuulamuun sammuu isaayyuu weerare jira. Eeyyee, jarri qawwee bakka amantii ofii buufate kun kan durii caala, bara dabre kana keessa dhiiga ijoollee Oromoo akka galaana Adoolessaatti dhangalaasee jira. Haadholii fi ijoollee bira kutee akkoowwanillee galaafatee argama. Shamarran Oromoo, ililliiwwan teenya humna qawweetiin gudeeduun nu jalaa salphiseeti jira. Guddattuu waggaa torbaallee otoo hin hambisin galaafatee argama.Wallee Warraaqsaa Haaraa,Artist Mo’ibul Biluu Qawween ( Hawwisoo Qeerroo) Amajjii 5,2015
Aside
Mudde 5,2015 Ficila Xumura Gabrummaa(FXG) Dargaggooni Oromoo Kaaba Shaggar Garba Guracha Keessatti Gaggeessan.
Aside
Har’a Amajjii 5,2016 Godina Wallaggaa Aanaa Sibuu Siree Ganda Carii Jaarsoo Keessatti Gootonni Qeerroon Fincila Xumura Gabrummaa Itti Fufaa Oolan.
Aside

Mootummaa Itiyophiyaan Hangamuu Waraanni Irratti Labsame Gootonni Dargaggoonni Oromoo Warraaqsa Fincila Xummura Gabrummaa Daran Jabeessaa Jirtu.
Aside
Amajjii 5,2016 Warraaqsii Fincila Xummuura Gabrummaa daran jabaachuun itti fufe, goototni Qeerroon Barattootni Oromoo Godinaalee
Lixa Shaggar Barnootni Bilisummaa Booda(BBB)jechuun guutummatti Bara 2016 Gara Mooraa Mana barnootatti hin deebinu Qabsoon Keenya Hanga Bilisummatti itti fufu jechuun Warraaqsaa finiinsuun Jabeessan.
Godina Lixa Shaggar Aanaa Midaa Qanyiitti Goototni Qeerroon barattootni Oromoo M/B Baallammii sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’inaa, M/B
Midaa Qanyii Goodaa Galaan sadarkaa 2ffaa fi M/B Qanyii Bahaa Biiftuu Sadarkaa 2ffaa Manneen Barnoota Sadarkaa 2ffaa kutaa 9ffaa hanga 10ffaatti jiruu lamaa fi manni barumsaa qophaa’inaa tokko dabalatee Warraaqsaa daran jabeessuun mirgi abbaa biyyummaa keenyaa nuuf
kabajamee mirga barachuu fi mirga nagaan baanee galuu argannee gaaffiin mirgaa fi dimookiraasii gaafachaa jirruuf deebiin sirnaa nuuf
kennamee Mootummaan Yakka Duguuginsa Sanyii (Genocide) nurratti gaggeessa jiruSeeraa Idil-Addunyaa ICCtti dhiyaatee gaafatamuutti Barnoota hin barannuu, Guutummaa bara 2016 kana Gara Mooraa Barnootatti hin deebinuu jechuun Walga’uun Sagalee tokkoon Guutummaa
bara kana gara mana barnootatti hin deebinuu jechuun cufuun gara maatii isaanitti socho’ani jiru.
Haaluma walfakkaatuun Godina Lixa shaggar Aanota akka Dandii Gincii, Ejeree, Olonkomii, Mettaa Roobii, Mogor, Aadaa’aa Bargaa, Gindabaratitti manneen barnoota sadarkaa 2ffaa fi qophaa’ina Erga warraaqsii fincila diddaa gabrummaa egaalee cufamanii hanga ammatti itti fufinsaan cufamanii jiraachuufi uummatnis mooraan barnootaa waraanaan qabamee jiruu fi mootummaa waraana nurratti labsee ilmaankeenya manneen barnootaa keessatti ajjeesaa waan jiruuf banamuu hin qabuu jechuun murtii fudhatan. Humni guddaan biyya kana keessa galeera jechuun ammas itti fufuun humna waraana isaa Godina lIxa Shaggar keessa qubsiisuun uummata Oromoo nagaa manguddoo hanga dargaggoota ganna 12tti jiran daandii irraa qabee hidhaatti guuraa jiraachuunis ibsame jira.