Jobirri uummata Oromoo ABO’n akka saffisaan kaatuuf qoochoof miilli isaa walii galuu barbaachisa!
Qalbeessaa Dhangi’aatiin
Muddee 16,2021Abdii fi gaachana uummata Oromoo kan ta’e, fuuldurattis naatoof mararteen saba keenya Oromoo ABO’n wayiita ammaa hadiida injifannoo irratti argama. Gudunfaa injifannoo isaa milkeessuuf, saba keenya Oromoo nagaaf nageenya isaa bakkatti deebisuuf qaamoleen ABO’f miilaaf qoochoo ta’anii, Joobira uummata Oromoo ABO utubuun asiin gahan har’as hariiroo dhangi’amaa waliin qaban sana jabeessanii itichuun furmaata fardii ammatti isa barbaachisudha. Akkuma olitti eeruu yaale Addi Bilisummaa Oromoo saba keenya Oromoof Joobira humna guddaaf umurii dheeraa qabudha. Joobirri kun Joobira ta’ee itti fufuuf miilli isaa fayyaa ta’ee jiraachuu qaba. Akkasuma fayyummaan qoochoo Joobira kanaas barbaachisaa akkaan feesisaa ta’uu hubachuun barbaachisaadha.
Qaamoleen ABO’f miila inni ittiin deemuuf, qoochoo inni ittiin balali’u ta’aa turan qaamota gurguddaa afurtu ture afurtus jira. Isaanis: qaama waraanaa (WBO), qaamota miidiyaa arrata dhaabichaa, qaamota siyaasaa dhaabichaa, fi qaamota dinagdee ABO ti. Qaamoleen kun utubaaf wiirtuu dhaabichaa, kuula dhaaba kanaaf qaroo dhaabichaa, addatti ammoo haamilee saba kenya Oromoo tiksuu fi saba keenya walitti fidanii tokkoomsuu irratti dhaaba Oromoon qabu ABO diinaaf firoota diinaa irraa tiksanii asiin gahuu irratti qooda fakkaataa hin qabne bahataniiru. Continue reading
Sirni Afaan Qawween uummataa Oromoo bulchaa jiru Bilxiginnaan erga angoo biyyatti humnaan qabate agaami inni Oromummaa baleessuuf rawwachaa jiru yeroo yeroon dabalaa akkuma dhufen Uummata Oromoos gatii guddaa kaffalchiisutti argama. 


Waggaa 16n har’aa Sadaasa 9/2005 guyyaa Fincila Diddaa Garbummaa dhaabni Qabsoo Bilisummaa Oromoo adda durummaan gaggeessaa tureefi jiru ABOn ummanni Oromoo keessumaa ilmaan isaa qeerroon akka gamtaan ka’anii mirga abbaa biyyummaa, hiree ofii, ofiin murteeffachuufi mirga abbaa biyyummaaf falmatanii FDG walirraa hin cinne akka gaggeessan guyyaa waamicha itti dhiheesse, ykn FDG itti labsedha.
Bilisummaa Oromoo ajjeechaa Humni Addaa Amaaraa (Miliishaan Amaaraa) mootummaa giddugaleessaan tumsamu deddeebi’ee ummata Oromoo nagaa fi hidhannoo hin qabne irratti raawwatu gadi jabeessee balaaleffachaa ture. Mootummoonni impaayera Itoophiyaa dantaa siyaasaa isaanii milkeeffachuudhaaf walitti bu’insa sabaafi sablammootaa akka tarsiimoo siyaasaatti fayyadamuudhaan kan beekaman yoo ta’e iyyuu, walitti bu’insi yeroo ammaa yeroo kamiyyuu caalaa daran hammaatee jira. Miliishonni Amaaraa qofatti of boobbasanii, akkasumas humnoota mootummaa federaalaa fi Ertiriyaa waliin qindoomuudhaan naannoo Oromiyaa fi naannoo Beneeshaangul Gumuzitti bobbaafamuun isaanii ni yaadatama. Fakkeenyaaf kanuma yeroo dhihoo raawwatame yoo fudhanne, ji’a Gurraandhala fi ji’a Bitootessaa bara 2021 keessa Milishonni Amaaraa heddduu ta’anii fi meeshaalee waraanaa gurguddoo hidhatan uummata Oromoo Nagaa, Godina Wallaggaa Bahaa, bakkoota Waasti, Sireedooroo, Hagamsaa fi Haroo/Lalisee jedhaman keessa jiraatan irratti rasaasa roobsuudhaan Oromoota nagaa fi hidhannoo hin qabne hedduu ajjeesanii jiru. Tibbuma kana, gareen waraana Ertiriyaa loltoota hedduu of keessaa qabu Naannoo Beneeshaangul Gumuz, Godina Matakkalii fi godinoota Qellem Wallaggaa fi Wallaggaa Lixaa, Shaashamannee, Godina Gujii fi Booranaa dabalatee lixa Oromiyaa keessatti bobbaafamanii ajjeechaa hedduu raawwatanii jiru.