Aside

Gurraandala 1,2016  Godina Shaggar Aanaa Abuunaa Gindebert Keessatti Hojjettooti Mootummaa Hojii Gadhiisanii Gara Finfinneetti Godaanaa Jiru. Milishoonnis Meeshaa Lafa Kaayanii Uummatatti Makamaa Jiru

Ammajjii gaafa 26,2016 irraa eegalee hojjettooti mootummaa dhalootaan ilmaan Oromoo kanneen ta’an hojii aanaa irraa hojjetan hojii idilee isaanii gadhiisuun naannoo aanaa Abuunaa Gindebrat dhiisanii gara Finfinneetti godaananii jiraachuu Qeerroon gabaasa.

Gandoonni aanaa Abuunaa Gindebert irra jiranis dura ta’aa fi tokko Shanee fi kanneen kaan hojii fi dirqama Wayyaanee lagachuun meeshaa isaanii lafa kaayuun qabsoo uummataatti dabalamaa jiru.

 

Artist Keeyeroon Darajjee / Qabbanee / Argaan Dhabee Wallee Haraa Amajjii 2016

Aside

Aside

Guraandhala 1,2016 Sochiin warraaqsaa FXG yeroo yeroon jabaacha osoo jiruu Mootummaan Wayyaanee yeroo ammaa kana maqaa Boqonnaa Semistera jedhuun manneen barnootaa kanneen duraan hafan iyyuu cufaa jira.

Maqaaf boqonnaa Semisteraa haa jedhamu malee Oromiya keessatti sirni barnoota semistera duraa kana utuu hin gaggeeffamiin hafee jira. Godinalee Oromiyaa kanneen akka Lixa Shawaa, Kibbaa Lixa Shawaa(Walisoo), Wallagga Bahaa, Horroo Guduruu Wallaggaa fi Wallagga Lixaa keessatti sirni baruu fi barsiisuu warraaqsaa fi waraanaan goolamuun walqabatee guutummaatti hin aggeeffamne.

Godinaalee Baha Oromiyaa Harargee Lixaa, Harargee Bahaa, Arsii Lixaa, Baalee, Booranaa , Gujii fi Godina Kaaba Shaggar (Saalaalee)
keessattis haaluma walfakkatuun sirni barnoota ugguramee utuu jiruu maqaaf semisteera tokkoffaaf boqonnaa torbee lama kennuun cufamee jira
jechuun labsatani. Akkasumas kan dhaabbilee barnoota olaanoo fi Yuunivarsiitoota addaatti waraanaan waldhansoo ulfaataa keessa waan
jiraniifi barattootni hedduun durumaan iyyuu mooraa Yuunivarsiitii gadhiisuun gara maatii isaanitti deebi’anii waan jiraniif barnootni
hin gaggeeffamne.Amma semistera 2ffaa kanatti immoo murtii waliigalaa dabarfachuuf gamtaan Barattoota Oromoo marii guddaa gochaa jira.

Loltooti Wayyaanee Itiyophiyaa Godina Hararge Magaalaa Qobboo Keessatti Uummata Bahaa fi Galma Dhorkaa Jiru.

Aside

“Fincila Gabrummaa” Artist Daani’eel Badhaadhaa **2016 #OromoProtests Music**

Aside

Artist Daawwitee Mokonnoon “Amboo Gara Galgalaa”

Aside

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Amajjii 30, 2016/Gaaffii fi Deebii Jaal Diiramuu Cabsaa Hoggansa Qeerroo Keessaa Tokko Waliin Ta’e

Aside

Hidhatee Magaalaa Finfinnee Keessa Deemuun Waraanni Wayyaanee Uummata Naqaa Qabee Gidirsuu Itti Fufe

Aside

2016-01-30 08.41.22 2016-01-30 08.23.30Amajii 29,2016 irraa kaasee barattota Oromoo adamsuudhaan naannoo kiiloo 6,5 fi 4 keessa waraanni Wayyaanee olii fi gadi kaattee ijoollee qabuun ukkaamsaa jirti. Namoota isheen qabuuf duukkaa kaattu boodaan ijoolleen Qeerroo suuraa isaanii yoo kaasan kunoo argina. Baratootni oromo yuuniversitii kiiloo 5 keessaa baratan kaleessa waraqaa Qeerroo ABO maxxansan jedhamee shakkaman daandi irraa qabanii hidhaa ukkamsaa jiraatuu suuraadhaan kan deggeramen ragaa baha.
FXG oromiyaa keessa bakkeewwan hundaattuu kan itti fufe tahee naannoo biroo kanneen akka Gambeellattis fincilli uummata wayyaaneen walitti
buusee fayadamuuf kaatuun uummanni waliin mootummaa wayyaanee irratti ka’ee jiraatuu gabaasni naannoo Gamblee irraa dhufaa jira.
Akaksuma godina Gujii keessatti yero ammaa kana waraqaa hedduun waamica FXG bittimfamaa jira haala wal irraa hin cinneen. FXGs uummataan godina Guji keessatti torbee kana irraa kaasee aanaalee garagaraatti itti fufee akka jiru Qeerroon gabaasee jira.

SBO Amajjii 31,2016. Oduu, Gabaasa FXG, Gaaffii fi deebii Jaal.Dachaas Roobaa kutaa xumuraa fi dhaggeeffatamuu kan qabu, Sagantaa hawaasa Oromoo Adileyid, Awustiraliyaa fi Qophiilee biroo

Aside

Waraabettiifi Wayyaaneen Dukkana Jaallatu!

Aside

Hariiroo Jorgootiin
WayaneWayyaaneen gaafa barbaadde ABO’n hin jiru jetti. As gara galteemmoo mootummaakoof kan yaaddessaa ta’an; kan nashororkeessan keessaa inni hangafti ABO dha jettee akka namni sodaatee jala hin hiriirre gochuuf namni miseensa isaa ta’e shororkeessummaan himatama jettee seera tumti. Fincila Diddaa Gabrumaafi Xumura gabrummaa uummatni guutuun biyyattii itti garagalee ka’e kanallee ABO tu duuba jira jetti. Lolli wayyaanee haqa dhugaafi ifa wajjiniinidha. Wayyaaneen kan isheen jibbitu nama haqa falmatu. Nama dhugaa dubbatu! Nama kijiba saaxilee ifa godhu dha. Sababa kanaan Diinni wayyaanee inni guddaan media dha yoo jedhame soba miti. Wayyaaneen media nuukleer bombii caalaa sodaatti. Kun waan ta’eefiis akkuma waraabessaa dukkana adeemuu waan jaalattuufidha. Wayyanee biratti iftoominni hin jiru. Wanti hundumtuu icciitiidha. Saamichi ishiin gaggeessitu kun akka seera qabeessa hin taane isheenuu beekti. Mootummaan isheen qabdu kun akka seera qabeessa hin taanes tolchitee beekti. Wayyaaneen bakka amma taa’aa jirtu kana taa’uuf Seenaas heeras itti hin qabdu.

Kanaaf waan hundumaa dukkana haguuggateetti raawwachuu feeti. Kanaaf diinni ishee inni guddaan nama waan kana ishee saaxiludha. Haqni jiru ifa baanaan wayyaaneen akka lama hin bulle of beekti. Bajata guddaa isheen ramaddee qabdus kan hundaa caalu humna waraanaa isheefillee daran haqa kana haguuguuf kan ooludha. Gabaabaatti meeshaan waraanaa guddaan wayyaaneen sodattu media dha. Kunis median tirika ykn biiftuu eenyummaa wayyaanee saaxilu waan ta’eefidha. Waraabessaafi Wayyaaneen Dukkana Jaallatu