Godina Wallaggaa Magaalaa Gidaamii fi Jimmaa Horroo Akkasumas Gada Burii Jedhamu Keessatti FXG Itti Fufee Oole.

Aside

Guyyaa Har’aa Amajjii 29,2016 Godina Wallaggaa aanaa Gidaamii fi Jimmaa Horroo akkasumas ganda Burii jedhamu keessatti FXH haala jabaa ta’een gaggeeffamaa oole,Warraanni Wayyaanee haala kanatti rifates jiraattotaa fi barattoota qabee hidhuu fi gidirsuu itti haa fufu malee uummanni naannichaa jabinaan loltoota Wayyaanee of irraa dhorkaa oolanii jiru jedha Qeerroon.

Waraanni Wayyaanee Yuniversitii Finfinnee Naannoo Kiloo 6 Marsaa Oole.

Aside

2016-01-29 08.03.27 2016-01-29 08.06.24 2016-01-29 08.11.13 2016-01-29 08.11.25 2016-01-29 08.11.28 2016-01-29 08.11.50 2016-01-29 11.41.09 2016-01-29 11.41.15 2016-01-29 11.53.22 2016-01-29 11.53.28Har’a Amajjii 29,2016 FXG mooraa Yuuniversitii Finfnneetti ka’a sodaa jechuuun har’a poolisii fi waraanni nannicha qubatee marsaa oolera.
Suuraan asirraa argitan kun galma 1ffaa mooraa yuuniversitii kiiloo 6 irratti argamu tahee namoota nagaa qabanii gadhiisuun akka waan FXG kana dura dhaabbachuun itti milkaa’uu abjoo’atuutti yaadanii olii gi gadi waraana isaa mootummaan Wayyaanee kaachisaa jiira.
Mooricha keessattis halkan edaa waraqaaleen dhaadannoo garagaraa
Qerroodhaan bittimfaman
-Wayyaanee kana booda haa gaggeessinu
-Gumaa barattoota keenya wal taanee haa baasnu
-Yeroon Bilisummaa gaheera
-ABOn nuuf galuuf sagaleen dhaga’ameera
-WBOn abdii keenya boodatti hin deebinu
-FXGtiin oromiyaan ni bilisoomti
-Oromiyaan kan oromooti
fi kanaa olitti dhaadannoolee waraqaalee adda addaatin faca’ee bule mootummaa wayyaanee abbaa irree daran yaaddessuun har’a hoomaa waraanaa naannoo mooraa barnootaa yuuniversitii kiiloo 6 qubachiise oolera.

Waraanni Itiyophiyaa Wayyaanee Dararaa Dargaggoota Oromoo Sulultaa Irraan Gahaa Jiru.

Aside

Gareen Tumsa Qeerroo Bilisummaa Culumbus Ohio Keessatti Hawaasa Waliin Walitti Dhufuun Sochii Nagaa fi Dimokiraasi Oromoof Gumaacha Maallaqaa Taasisan.

Aside

icon_10_generic_list.pngRecorded Audio 2016-Jan-28 10-51-48 AM.mp3
​ Tumsi Qeerroo Columbus Ohio guyyaa Ammajji 24, 2016 magaala Columbus keessati hawwaasa nannoo waliin guyyaa yaadannoo FXG irraati waregaaman yaadachun sura waregamtoota irra hababboo kawun yaadatee kadhana mangudoota oromoon akkasumas abbooti ammantiin godhamera akkasumas gargarsa Qeerroo FXG gocha jiraanf gargarsaa gaodhaani jiru hangaa xumuraa itti godhamutiis akka Qeerroo waliin dhaabataan wadaa seenani jiru.
Kana malees Jaal Magarsaan hundeeffama sochii Qeerroo bara 2011 keessatti qooda ol’aanaa kafalaa bahee har’a Wayyaaneetti qabamee didiraa argaa bahee jalaa bahuun yeroo ammaa biyya Ameerikaatti ergamu walgahii kana irratti argamuun sochii Qeerroo eessaa ka’ee akkamitti akka jiru ibsa kennee jira.

Amajjii 28/2016 Goot otni Qeerroo Baratto otni Oromoo Yuunibar siitii Jimmaa Waadaa Qabsoo Bilisummaa O romoo FXGf Qaban Irr aa Deebiuun Haaroms atan

Aside

Amajjii 28/2016 Goototni Qeerroo Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa Waadaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo FXGf qaban irraa Deebiuun Haaromsachuun Mootummaa Wayyaanee EPRDF/TPLFtti Xummura gochuuf kan jiran tauu diddaan ibsatan. Goototni Qeerroon Barattoota Oromoo Waraanaa Mootummaa Wayyaanee Mooraa Dhihaa Biyyatti Magaalaa Jimmaa keessatti argamuun halkanii guyyaa gidirfamaa utuu jiranii wareegamaa qaalii dachaan kanfaluuf qophii fi murannoo isaanii waadaa isaanii jabeessuun T-Shirt Suuraa Gooticha Oromoo Generaal Taddasaa Birruu qabuu fi Dhaamsa Lammiin barate, gaaffii mirgaa gaafata jedhuu fi Handhuurri lafa keenyaa Hin muramtu harmeen keenya Waadaa seenneerra lafeen eegna” jedhuu hojjechiifachuun Uummatanii ejjeennoo isaanii jabeeffachuun Mootummaa Wayyaanee aangoo irraa qaarisuuf qabsoo wal irraa hin Citne FXG Oromiyaa cufa keessatti adeemaa jiruu daran jabeessuun kan finiinsaa jiran tauu ibsatan.

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Amajjii 28, 2016

Aside

Haala Sirna Awwaalcha Dargaggoo Gammachuu Xilaahun Magaala Najjoo Wallaggaa Keessatti Kan Waraana Wayyaaneen Wareegamee.

Aside

FXG Harage Baha Aanaa Meettaa Magaala Gooroo Muxii Keessaatti Amajjii 28,2016 Gaggeeffame

Aside

Barruuleen Warraaqsaa fi Waamicha Qabsoo Xumura Gabrummaa Magaalaa Naqamtee Keessatti Daran Faca’aa Jira.

Aside

Naqamte Amajjii 28,2016

Naqamte Amajjii 28,2016

Aside

Amajjii 28,2016 Sabboontoi Oromoo aanaa Buunaa Gindereti Keessatti loltoota Wayyaanen baatii tokko dura qabamanii hidhaa keessatti dararamaa jiraachuu isaanii Qeerroon gabaase. .
Kanneen kunis
1. Barsiisaa Moosisaa Lataa
2.Barsiisaa Baayisaa Dhaabaa
3. Bart Dhabbaa Kinfee
4. Masarat Dachaa
5. Amaanuu Dachasaa
6. Shaaru Gutama
7. Lammeesaa Ergabus
8. Girmachoo Dilii
9. obbo Lataa Hordofaa nama umuriin isaan guddaa kan ta’e poolisii federaalaan qabamii mana hidhaa aanaa Abuuunaa Gindabarat keessatti baatii tokko oliif dararamaa jiru.